Gufuwwan Tawbaa

Ilmi nama jireenya isaa keessatti badii fi dogongoratti osoo hin kufin hin hafu. Badii fi dogongora kanniin keessaa bahuun jireenya ofii akka foyyefatu balballi tawbaa isaaf baname jira. Carraa kanatti fayyadame yeroon yoo tawbate fi jireenya ofii foyyeesse dhugumatti namni suni qaroodha. Gara biraatin immoo carraa kanatti osoo hin fayyadamin namni hafe, mataa ofii malee eenyullee hin ajiifatu (hin waqqasu).  Fakkeenyaf mootummaan gamoo (kondominiyeemi) ijaare, ergasii namoonni akka fudhataniif carraa bana. Carraan kuni yeroo hundaa kan turu osoo hin ta’in yeroo dhumaa (deadline) qaba. Namni ulaagaale sirrii guute yoo carraa kanatti fayyadame Insha Allah mana san ni argata yoo mootummaan haqaan kan hojjatu yoo ta’e. Namni carraa kanatti osoo hin fayyadamin “boru biiroo nan deema, boru biiroo nan deema“osoo jedhu yeroon jala darbee mataa ofii malee eenyuun ajiifata ree?

Tawbanis carraa guddaa namni tokko jireenya tana keessatti argatuudha. Yeroo dhumaa osoo hin dhufiniin duratti namni carraa kanatti fayyadame Insha Allah ganda lamaanittu (aadunyaa fi aakhiratti) ni milkaa’a. Namni carraa kanatti osoo hin fayyadamin hafe immoo addunyaa aakhiratti jireenya daraara fi dhiphinnaa jiraata. Ulaagaalee tawbaaf barbaachisan “Tawbaa: Balbala jijjirama fi gammachuu” kutaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti ilaalle jirra.

Insha Allah har’a immoo carraa qaalii tawbaa kanatti akka hin fayyadamne wantoota gufuu nutti ta’an ilaalla.

1.Hiriyyaa– jireenya keessatti hiriyyaan murteessadha. Yookaa madda badii keeti siif ta’uu danda’a yookiin immoo sababa qajeelinna (hidaaya) siif ta’uu danda’a. Kanaafu hiriyyaa jireenya keessatti filachuun baay’ee murteessadha. Meeqa kamtu sababa hiriyyaatin badii keessatti badee hafee; osoo nama gaariidha jedhame beekkamu. Akkasumas, meeqa kamtu sababa hiriyyaatin jireenya ofii foyyeesse; osoo nama badaa jedhame beekkamu.

Yoo hiriyyaa badaa qabaanne jireenya keenya akka hin foyyeessine gufuu guddaa nutti ta’a. Isaaf jenne waa baay’ee dhabna. Hiryyaan badaan kuni yommuu rakkini nu tuqu nurraa kaasu gonkumaa hin danda’u, sirumaa nurraa dheessa.

Zinaa akka raawwatu, qumaari akka taphatu, alkooli akka dhuguu fi wantoota fokkuu adda addaa akka raawwatu taasisuun jireenya isaa guutu balleessa. Nageenya fi tasgabbii isa dhabsiisa. Namtichi jireenya badii kana keessaa bahee nan tawbaadha yommuu jedhuus duuka fiigun duubatti isa harkiisa. “Aboo boruu ni tawbatti, Rabbii gafurrahiimi…” jechun namticha gowwomsa. Guyyaa Qiyyaama namtichi gowwofame akkana jedha:

25:2825:29

Yaa badii kiyya! odoo ebaluun jaalalle onnee taasifachuu baadhee maal qabaa! Dhugumatti Gorsi (Qur’aanni) erga natti dhufee booda irraa na jallisee jira; sheyxaannis namaaf salphisaa ta’eera.” Suuratul Furqaan(25):28-29

Gaabbiin guyyaa kana maal fayyada ree?Kanaafu eenyun har’a hiriyyaa akka godhanne sirritti ilaalu qabna. Jireenya addunyaa fi akhiratti akka hin banne hiriyyaa keenya sirritti filachuu qabna.

Shaakala: mee amma hiriyyaan kee eenyu fa’a sirritti ilaali. Hiriyyoonni kee gara wanta badatti si harkisuu moo gara wanta gaggaaritti si gorsu ykn si jajjabeessu. Yookiin lamaan irraayyu miti. Yoo kan wanta badaatti si harkisan ta’ee har’ummaa hiriyummaa addaan kuti. Sababni isaas, jireenya kee guutu balleessuf deemaa jiru. Erga isaanirraa addaan baate booda hojii badaa irraa tawbachuun jireenya kee foyyeessuf carraaqi.

Yommuu hiriyummaa addaan kuttu fi jireenya kee foyyeessuf carraaqxu diina sitti ta’uu danda’u. Akkamitti baditti akka si deebisan karaa barbaadu. Mucaa tokkotu jaalalle dubartii isaatirraa addaan bahuun tawbate gara Rabbii deebi’e. Yeroo hundaa bilbila itti quuti. Garuu bilbila jalaa kaasu dide. Turtee guyyaa biraa “Jinniin isaa irraa ka’uu hin oolu” jechuun deebiste itti bilbilte.

Kanaafu daandii jijjirama kana irra yommuu deemtu obsaa fi ijjannoo qabachuu qabda. Wanta fedhan siin haa jedhan murannoo fi obsaan yoo itti fufte, boodarra jarrii kuni ni salphatu, ati immoo jireenya gaarii gaggeessita. Yeroo tokko tokkoo dhufanii “Dhiirri keenya jireenya ofii jijjiruu heeda, badii kee ifa baafna, fi kkf “jechuun si sodaachisu danda’u. Yoo Rabbitti hirkatte fi araarama Isarraa kadhatte miidhaa wayitu fiduu hin danda’an.

Eeti jalqaba irratti hadhaa baay’ee dhandhamu dandeessa. Garuu hadhaan kee suutuma suutan gara mi’aatti jijjiramaa adeema. Hadhaa kana yoo obsaan liqimsitee fi dukkana si marsee jiruu yoo keessa dabartee jireenya gaarii hordofta.

Erga hiriyyoota badaa kana irraa addaan baaten booda hiriyyaa badaa biraatti makamu osoo hin ta’iin hiriyyaa gaarii si jajjabeessu danda’u filachuudha. Bakka hiriyyoonni badaa jiran kana irraa dheessu qabda.  Hojii gaggaariin of xamadii. Bakka isaan jiran irraa yoo hin fagaatinii fi hojii gaggaariin yoo of hin xamadiin salphatti badii sanitti si deebisu.

Hanga fedhan si haa qeeqanii fi sii haa arrabsan, jechoota isaanitiif gatii hin kenniin. Jireenya kiyya keessatti namoonni baay’een inumaa maatii kiyya dabalatee “Maaliif amantii akkanatti jabeessitaa, maaliif yeroo hundaa dubbistaa? Maaliif diraama hin ilaalle? Fi kkf” naan jedhu turan. Garuu jechoota isaanitiif gatii wayituu osoo hin kenniin adeemsa kiyya itti fufe. Osoo gorsa isaani kana kan hordofuu ta’ee silaa nama wayittuu osoo hin bu’in yookiin fayda wayitu osoo hin buusin hafu ta’aa ture. Kanaafu gorsa eenyurraa akka fudhatte fi gorsi suni jireenya keessatti si baasa moo hin baasu sirritti addaan baafadhu.

2.Cubbuu biraa– sababni biraa tawbaatti gufuu ta’an keessaa tokko cubbuu tokko jalaa erga bahanii cubbuu biraa raawwachuudha. Namoonni gariin badii kana ammaan booda itti hin deebi’u jedhan. Garuu yeroon booda badima san yookiin badii san caalu irratti argamu. Eeti ilmi namaa dogongore badii san caalu irratti kufuu danda’a. Garuu dogongorri guddaan badii san irratti kufuu osoo hin ta’in ‘Hojii badaa san raawwachuu itti fufuudha, Hanga duuti namatti dhuftuu gara Rabbitti tawbaan deebi’u dhiisudha.’ Namtichi cubbuu tokko irratti yommuu kufu dafee yoo gara Rabbii hin deebi’in, cubbuu biraa hojjachuun ba’aa ofirratti tuula. Ergasii cubbu kana dhiisu fi keessaa bahuun itti ulfaata.

Furmaata: yommuu dillii(cubbuu) tokko raawwattu dafii gara Rabbii deebi’i. Badii keetiif Rabbitti warwaadhu. Ammallee badii biraa raawwachuu dandeessa, ammalle gara Rabbii tawbaan deebi’i. Rabbiin namoota tawbaan gara Isaatti deebi’an ni jaallata (ilaali suura Al-Baqaraa:222). Cubbuu duraan irraa tawbatte sanitti fi gosoota isaatti hin deebi’in. Guutumatti dhiisi. Fakkeenyaf filmii wal qunnamtii saalaa fi moovi adda addaa kan ilaaltu yoo taate, ammaan booda hin ilaalu jette erga tawbatte booda filmii ilaalutti hin deebi’in, guutumatti irraa fagaadhu. Akkasuma diraama dhiira fi dubarti wal makan irraa fagaadhu.

Mucaa tokkotu filmii fi diraama garmalee ilaala türe. Garuu yeroon booda Qur’aana hiika isaa waliin dubbisuu eegale. Qur’aanni yommuu onnee isaa tuquu filmii, diraama wanta jedhamu guutumatti dhiise. Yommuu warri isaa diraama banan gola sanii bahee gola biraa deema. Kanatu boqonnaa sammuu kennaaf. Garuu warrii maaliif diraama hin ilaaltu jedhaan. Garuu inni diraama isaan ilaalan kana jibbee gara gola ofii deemun kitaaba gaggaari dubbisa. Osoo diraama kan ilaalu ta’ee silaa qalbiin isaa ni dhiphatti, wanta hin fayyanne sammuu keessa maruun nageenya fi tasgabbii ofirraa ari’aa türe. Silaa wanta haraamatti kufaa türe.

Nama dinqisiisa yeroo ammaa! maatiin wanta badaa irraa nama dhowwuu dhiise sirumaa itti nama ajaja. Dargagoonnis kana argatanii balbala tawbaa ofitti cufuun jireenya ofii baditti darbuu. Yommuu diraama fi filmii sanniin ilaalan maal irraa argatan sammuun dhiphachuu, qalbiin gochoota babbadaa diraama san keessatti mul’atuun sunturuu malee! Ee badii keessan! Yaa abbaa haadha kan ijjoollee teessan baditti darbitan! Baraaru dhiisanii jireenya isaani maaliif dararu? Ati dargaggeessi/shamarri maatii akkanaa keessatti guddachuu dandeessa. Amma dandeetti yaadde wanta badaa fi gaarii addaan baafachu Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) si kenne jira. ‘Maatii kiyyatu akkana na godhe’ yoo jette uzriin (sababni) kee fudhatama hin argatu. Sababni isaas, umrii wanta hojjatteef itti qabamtu geette jirta. Kanaafu wanta badaa maatiin kee hojjatu hordofuu osoo hin ta’in hojii badaa isaan irraa deebi’un jireenya kee haroomsi. Ammallee cubbuu biraatti yommuu kuftu abdii hin kütin gara Rabbitti deebi’i.

3.Ceem’u– sababni biraa tawbatti gufuu ta’u ceem’udha. Ceem’u jechuun wanta tokko ammatti hojjachuuf fedhii dhabuu yookiin boodarra nan hojjadha jedhanii gara funduraatti dabarsu yookiin immoo hojjachuu dhiisudha. Ceem’uun karaa sheyxaanni ilma namaa itti kolaasudha. Wanta salphaa fi gaarii isaaf ta’e gaara godhee itti mul’isuun akka irraa deebi’u taasisa. Cubbuu raawwachuu madda nageenya fi tasgabbii itti fakkeessa garuu keessi namtichaa vayrasii cubbuutin huubama jira. Namtichi cubbuu irraa deebi’uu osoo ceem’u guyyaa tokko duuti itti dhufuun gaabbi hamaa itti taati. Rabbiin tawbaa irraa akka hin ceem’ine haala kanaan nu akeekachisa:

“Gara Rabbii keessanii deebi’a, Isaafis ajajamaa odoo adabbiin isinitti hin dhufiniin duratti. Sana booda hin tumsamtanu.

Adabni tasa osoo isin hin beekin isinitti dhufuun dura irra gaarii waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti bu’e hordofaa (kana jechuun Qur’aana).

Lubbuun [takka] “Yaa gaabbii kiyya! Kanin karaa Rabbii keessatti daangaa darbee, warra qishinan irraa ta’ee!” akka hin jenneef (hordofaa).

Yookiin “Odoo Rabbiin na qajeelchee silaa warra Rabbiin sodaatan irraan ta’aa ture” akka hin jenneef.

Yookiin “Yeroo adaba Rabbii argite,’carraan duniyatti deebi’uu tokko odoo naaf ta’ee, silaa toltuu dalagdoota irraan ta’aa ture.akka hin jenneef (qajeelcha Rabbii keessani hordofaa). “ Suuraa Az-Zumar 39:54-59

Kanaafu adabni yookiin duuti tasa nutti dhufuun dura gara Rabbii tawbaa qulqulluun haa deebinu. Adabni Rabbii eessani fi yoom akka nutti dhufu hin beeknu. Yommuu adabni (azaabni) namatti dhufuu namni hunduu ceem’u dhiise gara Rabbii fiiga, “Yaa Rabbii amma amane. Naa araarami.” Jedha. Kuni garuu homaa hin fayyadu yeroon irra waan darbeef. Qaruute namaa jechuun nama yeroo laaftu keessatti Rabbii ajajamu fi yeroo hundaa tawban gara Isaatti deebi’uun lubbuu ofii adabbii irra baraaredha. Kanaafu qaruute haa taanu. Addunyaa fi sheyxaanni akka nu hin sobne.

4.Sadarkaa, qabeenya fi jaalala barbaacha– gufuun biraa immoo sadarkaa, qabeenya fi jaalala barbaacha keessa balbala tawbaa ofirratti cufuudha. Fakkeenyaf namtichi tokko weellisaa yookiin qeeysi yoo turee sadarkaan, qabeenyi fi jaalalli namoonni naa qaban ni hir’ata jechuun badii ofii hojjachuu itti fufa. Namoonni loogi fi malaamaltummaa hojjataniis qabeenyi koo ni hir’ata jechuun hojii badaa raawwachuu itti fufu. Kuni hundii sakaalla fi hurrii sheyxaanati. Rizqiin(soranni) nama hundaatu harka Rabbii jirti. Eeti yommuu hojii badaa sanniin dhiisu yeroodhaf sadarkaa, qabeenya fi jaalala dhabuu danda’a. Garuu wanti argatu wanta inni dhabuu caalaa. Yommuu wanta badaa sanniin raawwatu nageenya fi tasgabbi dhaba. Yeroo hundaa jireenya shakkii, sodaa fi dhiphinnaa jiraata. Garuu wanta badaa san yommuu dhiise gara Rabbii deebi’u, tasgabbii, nageenya fi badhaadhinna jireenya keessatti argata. ‘Hojii badaa san dhiise yoo gara Rabbii deebi’e, sadarkaa, qabeenya fi jaalala dhaba.”jechuun hojii badaa kee hojjachuu yoo itti fufte adabbii hamaaf of saaxilta. Kanaafu yeroon gara Rabbii deebi’i. Rabbiin wanta san caalu si kennaati. Atummaa obsa qabaadhu.

5.“Cubbuu garmalee baay’ee hojjadhe…” jechuu– namoonni baay’een rahmata Rabbii ilaalu dhiisani baay’inna cubbuu ofii ilaalun gara Rabbii deebi’uu irraa garagalu. ‘Cubbuu baay’ee hojjadhe, Rabbiin naa araaramaa?”jedhanii shakku. Sheyxaanni namticha rahmata Rabbii irraa abdii murachisuun badii badii irratti akka hojjatu isa taasisa. Yeroo kanatti waadaa Rabbii kana dagachuu hin qabnu.

(Yaa Muhammad) jedhi,”Yaa gabroota kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa(hin kutatinaa). Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha. Gara Rabbii keessanii deebi’a, Isaafis ajajamaa odoo adabbiin isinitti hin dhufiniin duratti. Sana booda hin tumsamtanu.“ Suuraa Az-Zumar 39:53-54

Cubbuun kee hanga fedhe baay’ee haa ta’uu, tawbaan cubbuu kee ni haaqa. Gara Rabbii deebi’uun araarama yoo kadhatte fi hojii badaa san yoo dhiiste, Rabbiin araarama fi rahmata godhaadha. Eeti yommuu cubbuu kee sanniin yaadattu hurrii fi dukkanni sitti bu’uu danda’a. ‘Rabbiin akkamitti badii kiyya kana guutu naa araarama?”jechuun of dhiphisuu dandeessa. Kuni wanta nama kamittu dhagahamuudha. Yommuu tarkaanfi jijjiramaa kana jalqabdu, hadhaa baay’ee dhandhamuu dandeessa. Garuu hadhaan kuni suutuma suutan gara mi’aatti jijjirama. Mee haa ilaallu sahaabota Ergamaa Rabbii (SAW). Meeqa isaanitu lubbuu meeqa ajjeessani fi zinaa raawwatanii, ergasii gara Rabbii deebi’uun qaroominna addunyaan argite hin beekne ijaarani darban. Kuni firii tawbaati. Kanaafi mataa dureen keenya jalqabaa ‘Tawbaa: Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu’ jenne jalqabne. Kanaafu nutis jijjiramuu ni dandeenyati tarkaanfi keenya tawbaan haa jalqabnu.

Gudunfaa

Hanga amma hanga dandeenyun waa’ee tawbaa tuttuquuf yaalle jirra. Tawbaan karaa jireenya fokkuu irraa gara jireenya gaarii haarawaa itti jijjiramaniidha. Kanaafu boqonnaa fi fuula haarawa  keenya tawbaan haa jalqabnu. Barruu tana Ayaatota armaan gadiitin gudunfa:

5:39

“Namni miidhaa raawwachuu isaa booda tawbatee fi [hojii isaa] foyyeesse, dhugumatti Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin akkaan araarama, akkaan rahmata godhaadha.” Suura Al-Maa’ida:39

7:153

Isaannan dillii(cubbuu) hedduu hojjatanii sana booda tawbatanii fi amanan, dhugumatti Gooftaan kee sana booda araaramaa, rahmataa godhaadha.” Suura Al-A’araaf:153

kanaafu gara Rabbii deebi’uun balbala gammachuu fi milkaa’innaa haa banannu.

Obsa:Furtuu Milkaa'nna fi Gammachuu-Kutaa 2
Tawbaa- Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu-kutaa 3ffaa
Kana Raabsi

5 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.