Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.5

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Eebla (April) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufamteedha.

Dhugumatti jireenyi toltuu fi baay’een hiyyummaa yookiin hanqinna caalaa qormaatan cimtudha. Yommuu qabeenyi baay’attu fi lafarra yaatu qalbiin akka dhagaatti jabaatti, of gadi qabuun itti ulfaata kan Rabbiin rahmata godheef malee. Copha imimmaani Rabbii jedhanii ija keessa gadi dhangalaasun ni ulfaata. Meeqa kamtu jiraa yeroo qabeenya hagaa qabu Rabbiin sirritti osoo gabbaruu ergasi yommuu qabeenyi baay’attu Rabbiin irraa garagale. Baay’inna qabeenyatin faahishan (wanti fokkuu fi jibbisiisan) babal’ataa jiru. Kanaafu baay’inna qabeenyatiif dharra’uun dura badii qabeenyi qabdu sirritti hubadhu. Akkuma hiyyumma sodaattu balaa qabeenyan dhufus sodaadhu. Osoo qalbiin tee sababa baay’inna qabeenyatin gogde fi yaadannoo Rabbii irraa garagalte, balaan kana (gogiinsa qalbii) caalu ni jiraa sila?

Jechoota hundaa namoonni sitti haasawaniif hin mufatin. Dogongora isaani irra darbiif keessattu jechoota niyyaa malee fi osoo sirritti hin xinxillin dubbatan irra darbiif. Ebalu akkas naan jedhe jechuun namoota birootti odeessun of hin dhiphisin. Fakkeenyaf namni tokko “Ati obsa hin qabdu, ni ariifatta, ati gabaaba/gabaabdudha…” osoo taphaaf sin jedhe, itti seeqadhu jechoota isaani dagadhu. Namni hunduu ni dogongora, dogongora isaani irra darbiif.

Sammuu fi qalbii dargaggoo hin dhiphisin Yaa Akhi/ukti
Yeroo baay’ee Fesbuuki irratti suuraa niiti fi dhiirsa ni agarra. Obbolewwan Muslimas ergaa wayii jalaan barreesani suuraa kana fesbuuki irra godhu ergaan isaanii akka namoota hawwatuuf. Akka yaada kiyyaatti ergaan nu dabarsinuu gaarii ta’ee osoo jiru suuran sun badii guddaa dargaggoota irraan gahaa jira. Dargaggeessi suuraa kana yommuu ilaalu maal yaada? Cinqii akkamitu isa/ishii muudata? Atu foto kana uploodi yommuu gootu yaada akkamitu sitti dhufaa? Yoo kan fuute/heerumte taate, homaa sitti hin dhaga’amu ta’a. Nama hin fuunef/hin herumneef hoo? Ergaa gaarii dabarsuuf jenne badii guddaa babal’isaa akka jirru sirritti hubanne jirraa sila? Barreessi ergaa kee garuu qalbii namoota suuraa saniin hin cinqin. Rabbiin “Ija keessan gadi qabadhaa (24:30-31)” jedhe yommuu nu ajaju, nu immoo suuraa dhiira fi dubartii wal ilaalchisun badii babal’isaa jirra. Maaliif yahuuda fi nasaaraa akkeessinaa? Ergaa gaarii fi badaa bakka tokkotti akkamitti dabarsuu dandeenyaa? Takkaa haraama namoonni akka ilaalan goona gara biraatin immoo ergaa gaarii dabarsuuf yaalla. Duraan dogongoratanii suuraale kana fesbooki irratti maxxansuu dandeessu. Suuraale akkanaa ammaan booda akka hin maxxansinee fi kan duraani fesbuuki irraa akka haaqxan hadaraa isiniin jedha. Rabbiin sodaadha sharrii hin babal’isinaa.

“Wanta gadhee irraa saalfannaan (Hayaan) kabajaa fi sakiinaa(tasgabbii)dha.” Namni yommuu wanta fafee dubbachuu fi hojii badaa raawwachuu irraa saalfatu kabajaa fi tasgabbii argata. Namni saalfannaa hin beekne immoo kabajaa fi tasgabbii dhaba. Namoonni sababa dubbii fi hojii badaa isaatin irraa dheessu. Kanaafu hayaa haa gabbifannu. Hayaan (saalfannaan) faaya namaati.

Jalqaba akkamitti akka milkaa’u qabdu beeki yookiin qoradhu. Ergasii imala kee jalqabi. Gaafilee kanniin deebisuuf tattaafadhu: maal hojjachuu danda’a? Maalif kana dalaga,niyyaan kiyya maalii? Akkamitti dalaguu danda’a? Beeki wanti ati filattee fi maaliif akka filatte milkaa’inna kee murteessu. Wanta gaarii filadhu hojjadhu. Niyyaa kee gaarii fi qulqulluu gochuuf carraaqi. Namoonni gariin waan gaarii filatanii garuu niyyaan isaani badaadha. Kuni immoo kufaatif isaan geessa. Fakkeenyaf Namni tokko jaalala Rabbii barbaaduf osoo hin ta’in beekkama ta’uuf yoo aalima nan ta’a jedhe, ni kufa. Niyyaan isaa gaarii waan hin taanef. Gariin immoo wanta badaa filatu. Kunis kufaatitti isaan geessa. Fakkeenyaf namni tokko artisti muziqaa nan ta’a jedhe yoo kaayyefate kuni addunyaa aakiratti kasaaradha.
Kanaafu wanta addunyaa aakiratti si hin kasaarsine wanta bu’aa si buusu filadhu hojjadhu. Niyyaa kee bareechisi.

Hojii hojjattu tokko osoo hin tufatin hojjachuu itti fufi. Yommuu hojjattu hin ceem’in. Hojii irraa gammachuu fi mi’aa argatta. Ta’uumsa irraa immoo gaddaa fi hadhaa argatta. Hojiin kee xiqqaayyu osoo ta’ee akkuma gammachuun hojjattu barakaa argataa adeema. Hojii kee guddaa yookiin gaarii ta’ee kan ceem’a hojjattu yoo ta’ee garuu hojii keetirra barakaa dhabaa fi dhumarratti ni dhiista, bu’aa osoo hin buusin hafta. Gubbaa hojii ilaalte hin tufatin hojjachuu jalqabi wanta Rabbiin keessa si kaa’e hin beektuti.
Hojjachuun boqonnaa sammuuti ta’uumsi immoo dhibee sammuuti.

Sheyxaanni hariiro sii fi maatii, obboleessa,obboleetti Islaama kee jiddu jiru laaffisuu ykn laamshessu yommuu barbaadu qalbii tee fi tan isaani irratti shakkii badaa, jibbaa fi waanyu facaasa. Diinummaa uumuf miirota kanniin nama keessatti bobeessa. Kanaafu yommuu miironni kunniin sitti dhagahaman cal’iste ofitti hin ilaalin jedhi,”A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama)” yookiin Aayat Suuraa Al-Mu’uminuun 23:97-98 irratti argaman qara’i. Rabbiin qalbii keeti fi kan isaani irraa jibba, waanyu fi shakkii badaa akka kaasu du’aayi godhi.

Hojii gaggaari namoota biroo tuffachuu mirga hin qabnu. Yommuu isaan sadaqaa xiqqaa kennan yookiin hojii gaarii xiqqaa hojjatan ati immoo sadaqaa baay’ee kennitu ykn hojii gaggaari baay’ee hojjattu, waan hojiin kee baay’innaan kan isaani caalef hojii xiqqaa isaani hin tuffatin. Hojii kam Rabbiin biratti fudhatama akka qabu hin beektuti. Baay’inna hojiiti miti murteessan qulqullinna hojiiti malee. Kanaafu hojii gaggaari baay’ee hojjadhe jira jette hin booniin, hin dhaadatin. Rabbiin munaafiqoota Madiina yommuu isaan sadaqaa warroota amananii gadi xiqqeessan Aaya Qur’aana (At-Tawbaa:79) buusun isaan waqqase. Yommuu Abdurahmaan ibn Awf qabeenya baay’ee sadaqaa kennu, munaafiqonnii ‘Agarsiisaf qabeenya kana hunda kenna.”Jedhan. Yommuu namoonni biroo temiraa hagaa fidanii sadaqatti makan, “Hiyyummaa ofii agarsiisuuf kenne. Rabbii fi Ergamaan Isaa kanatti haajaa hin qaban.” jechuu turan. Kanaafu hojii ykn sadaqaa namoota biroo tufachuu fi isaan maqaa xurreessu irraa of eegi.

Yommuu daandii jijjiramaa irra adeemtu dogongora badaa raawwachuu fi hadhaa dhandhamu dandeessa. Garuu bu’aan isaa nama ajaa’ibsiisa yoo dogongora kee irraa baratte gara olii oldeemte. Kanaafu yommuu daandii jijjiramaa irra adeemtu yoo dogongora raawwatte achitti dhahamte hin hafin, ol ka’i adeemsa kee itti fufi. Kanallee hin dagatin- yommuu namni tokko daandii jijjiramaa irra adeemu waan dogongora hojjateef, isa/ishii gadi hin xiqqeessin, abdii irratti hin dukkaneessin. Yaadadhu jijjiramni adeemsa halkan tokkoon adeemsifamu osoo hin ta’in bu’aa carraaqi kee, obsaa fi gargaarsa Rabbiiti. Salaataa, du’aayi gochaa, carraaqa, Rabbitti hirkachaa fi obsaan jijjirama gaarii jireenya kee keessatti dhugaa taasisi.

Karaan gammachu itti argatan inni biraa wanta gaarii namoota hojjatte dagachuu fi mindaa gaarii Rabbirraa eegudha. Osoo isaanu si galateefachu baatanii fi wanta badaa sitti hojjatanii waan gaarii hojjataafi turte yaadachun of hin dhiphistu. Wanta gaarii isaani hojjataa turte akka kasaaratti hin ilaaltu yoo mindaa Rabbirraa abdatte. Kanaafu yommuu sadaqaa kennitu yookin toltu namaa hojjattu isaanirra galataa fi mindaa eegu osoo hin ta’in Rabbirraa eegi. “Dhugumatti wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi. Isin irraa mindaas ta’ee galata wahii hin barbaannu.” Jedhu warroonni Milkaa’an (Suuraa Al-Insan 76:9 )

Hiriyyaa nama hin waanyine, hin jibbinee, yeroo rakkoo kan si bira dhaabbatu, yeroo gammachuu si waliin gammadu, yoo dogongorte kan gorsa si laatu, yommuu ati hin jirre kabaja kee kan eegu,si duuba wanta badaan kan si hin kaasne, wanta badaa irraa kan si dhowwu, wanta gaariitti kan si jajjabeessu argachuun qananii akkam bareedu! Hiriyyaa akkanaa argannaan itti maxxani. Akkuma inni tola sitti oolu atillee tola itti ooli.

Yommuu haala nama dhiphisuu fi rakkisuu keessa jiraattu, wudu’a godhii salaata salaati. Jireenya guyyaa guyyaa kee keessatti salaata wanta hundaa dura aansi. Yommuu gara qormaata yookiin hojii ulfaatatti deemtu jalqaba salaata salaati. Salaata keessa jabeenya fi tasgabbii argatta. Nama bu’aa gaarii buusu taata. Kuni na jalaa deema, kuni na jala bada jechuun salaata hin ariifachisin, gara boodatti hin aansin. Abshir salaata sirnaan yoo salaatte gonkumaa wanti si jala badu tokkollee hin jiru. Yoo salaata xiyyeefannoo fi tasgabbiin salaatte dhiphinni fi yaaddon kee sirraa deemu. Wanta si dhiphisu alatti dhiisi salaata qofa irratti xiyyeefachuf carraaqi, Insha Allah ni argita bu’aa isaa. Salaata dhiisun galaana dhiphinna namatti bana.

Osoo maddi gammachuu inni guddaan qabeenya ta’ee silaa warroonni dureeyyi namoota hundaa caalaa gammachuu ni argatu turan. Garuu yommuu imaana dhaban, jireenya gadadoo fi dhiphinnaa hordofu. Jireenyi imaanan alaa hiika hin qabdu. Ni’imaan (qananiin) hunda caalu qabeenya osoo hin ta’in imaana. Yoo faayda addunyaa tanaa dhabde garuu imaanni kee nagaha yoo ta’ee hin dhiphatin, hin gaddin. Duniyaan boruu deebiti, garuu imaanni takka bannaan ni ulfaata deebifachun. Kanaafu imaana keetif sodaadhu. Namni imaana homaatu hin qabne muka hidda hin qabne waliin wal fakkaata.

Sheyxaanni haala lama keessatti nama moo’ata. Tokko yeroo dallansuu, lammaffaan immoo yeroo fedhiin namaa kaka’u. Yommuu dallansuu sheyxaanni namticha too’achuun wanta hamaa akka dubbatu fi balleessaa guddaa akka raawwatu taasisa, yoo namtichi dallansuu ofii hin too’atin. Yeroo fedhii immoo sheyxaanni fedhii namaa kakaasu fi bobeessun nama moo’ata. Wanta fokkuu garmalee itti bareechise fi mi’eesse itti agarsiisa. Namtichi miidha isaa osoo hin hubatin ibidda fedhii harkaan qabata. Saala faalla waliin akka fedhe akka ta’u taasisa. Haala kanaan gabra/gabritti sheyxaana ta’a/taati. Qorichi kanniini sheyxaana Rabbiitti mangafachuudha. Irra deddeebi’i jedhi A’uzubillahi mina sheyxaani rajim yommuu dallantuu fi fedhiin kee kaka’u. Zikrii fi du’aayi baay’isi godhi, beekumsa barbaadi, Cubbuu sheyxaanni itti si kakaasu irraa dheessi, hin jalqabin. Obsa qabaadhu. Kanaafu yeroo lamaan kanniin keessatti of eggannoo guddaa taasisi.

Yommuu namni addunyaa tana kaayyoo isa dhumaa godhatu, ishiif gabricha ta’a. Fuggisoo kanaa namni jireenya boodaa (Aakiraa) kaayyoo isa guddaa fi dhumaa godhate, addunyaan isaaf gabritti taati. Duniyaa tanaaf kan jiraatu osoo hin ta’in duniyaa tanatti fayyadame kaayyoo ofii gahuuf tattaafata. Namni jalqaba yaanni isaa guutun duniyaa tana waan ta’eef yoo ishee dhabe garmalee gadduun abdii kuta, gammachuu dhugaa hin argatu. Gammachuu baay’ee gabaabdu fi turtii hin qabnetti yaada fi abdii ofii gabaabsa.Namtichi lammataa immoo gammachuu fi milkaa’inna addaan hin cinneef yaada. Himmaa (hawwii) ofii duniyaa tana qofatti hin gabaabsu. Duniyaa tana yommuu dhabu garmalee gadduun abdii hin kutu. Dhuma fi gahuumsa ofii sirritti waan beekuf gammachuu fi milkaa’inna guddaa argata. Rabbiin nama addunyaa tana osoo hin ta’in aakiraa kaayyoo guddaa godhatu nu haa taasisu.

Yoo ijji haqa hin argin, sammuun uumamtota Rabbii irratti tafakkura(xinxalli) gochuun yoo qalbiin tokkochummaa Rabbitti hin amaniin, faaydan isaani maalidha ree? Sammuun qalamni ofiin of uumu akka hin dandeenye amanu, akkamitti ardii fi samiin garmalee guddatan tasa uumaman yookiin ofiin of uuman jedhaa? Sammuun akkanaa sammuu tortore. Sammuu iddoo sirrii ta’etti yoo itti hin fayyadamiin jarmiwwan cubbuu itti seenun faaydan ala godhu. Cubbuun sammuu cufa, akka hin xinxallinee fi hin hubanne taasisa. Dhugaan soba, sobni immoo dhugaa itti fakkaata. Haqa adii arguu hin danda’u.

Sheyxaanni si jallisuuf yoom, akkamitti fi kallatti kamiin akka sitti dhufu hin beektu. Wanta tokko garmalee sitti miidhagsuun akka raawwattu itti si affeera. Ergasii ati gaddaa fi gaabbi waliin hafta. Yommuu tasa waxmadii isaatti kuftu, boodarra hanga keessaa bahuun sitti ulfaatu achitti hin hafin. Kanaafu badii isaa jalaa bahuuf, sheyxaana Rabbitti mangafadhu, zikrii godhii. Akkana jedhii Rabbiin kadhuu,”Yaa Rabbii sheyxaana fi badii isaatirraa nu tiksii akkuma gabroottan filatamoo Kee tiksiteetti.” Yeroo hundaa towbachuu fi Rabbirraa araaarama kadhachuun diina keetti qabsaa’i. Insha Allah haala kanaan gammachuu fi milkaa’inna argatta.

Kaznaa fi qananiin obsa booda argamuu sirraa dhoktaadha. Kanaafu kaznaa(qabeenya) fi qananii kanniin argachuuf wanta hundarratti obsi. Hojii gaarii hojjachuu irratti obsii, cubbuu hojjachuu irraa obsii(maasiyaa irraa fagaachu fi dheessun obsa horadhu.)

Dogongorri kee kan irraa barattu malee kan duubatti si harkisu hin ta’in

 

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Namni Rabbii fi Guyyaa dhumaatti (Qiyaamatti) amane waan gaarii haa dubbatu yookin haa cal’isu. Namni Rabbii fi Guyyaa dhumaatti amane ollaa isaatti haa arjoomu. Namni Rabbii fi Guyyaa dhumaatti amane keessummaa isaatti haa arjoomu. “ (Sahih Al-Bukhaari fi Muslim)
Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-Lakk.6
Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-lakk.4
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.