Obsa:Furtuu Milkaa’innaa fi Gammachuu-Kutaa 1ffaa

Obsa yommuu jedhamuu wanta salphaa namatti fakkaata. Garuu obsii wanta jechaan dubbatamu yookiin sammuu qofaan yaadamu osoo hin ta’in wanta gochaan agarsiifamuudha. Obsii jireenya fi qaama ilma namaa guuta kan tuquudha. Bakka obsi hin jirretti jireenyi hin jiru osoo jedhame dhugaa irraa hin fagaatu. Namoonni garmalee yommuu gaddanii fi dhiphatan yoo obsa hin qabaatin of galaafatuun jireenya ofi balleessu. Mee har’aa waa’ee obsaa ilaalchise barreefama gabaaba armaan gadii kitaabota adda addaa irraa funaanne waliin haa ilaallu. 

Yaadrimee obsa (sabrii)

Jechi Arabiffaa sabr jedhu jechoota ‘Hidhuu, of qusachuu fi dhaabu’ jedhan irraa kan dhufeedha. Walumaagalatti obsa ykn sabrii jechuun mataa keenya yeroo gaddaa fi cinqii abdii kutuu fi garmalee gadduu irraa of eegu, arraba keenya komii dhiyeessu (shakwa) irraa tiksu, harka keenya fuula rukutuu fi uffata tarsaasu irraa eegudha. 1 Obsa jechuun wanta ajajamne hanga galmaan geenyu itti hidhachuu yookiin qabachuu fakkeenyaf ibaada Rabbii irratti obsuu. Akkasumas obsa jechuun wanta irraa dhowwamne hojjachuu irraa of qusachuudha.

Gara biraatin obsii hadiisa keessatti ‘Diyaa’a’ yommuu jedhamu salaanni immoo nuura jedhame jira. Diyaa’a jechuun kan ifa kennu fi madda ifaa kan ta’eedha. Fakkeenyaf aduun madda ifaa waan taatef diyaa’a jedhamti. Jiinni immoo ifa mataa ofiiti waan hin qabneef nuura jedhama. Diyaa’an ho’a irraa kan ka’ee nama gubuu danda’a. nuurri garuu ho’aa waan hin qabneef namatti tola, nama hin gubu. Haaluma Kanaan obsa qabaachuun wanta akka aduutti nama gubuu danda’uudha. Garuu dhumni isaa ifa fi gara daandii qajeelatti kan nama qajeelchudha. Namtichi yeroo rakkoo fi daraara san yoo obsa qabaate dhumarratti ifa obsa ni argata. Akkuma jedhamu yommuu lafti bari’uuf taatu dukkanni ni jabaata. Haaluma kanaan namatti yommuu rakkoon jabaatu yoo obsa qabaate duuban ifa guddatu isaaf dhufa.2

Aalimni tokko akkana jedhe “ Namni tokko obsa qaba kan jedhamu yoo miirri namaa gara wanta gaaritti nama akeeku fi kaka’uumsi amantii, kaka’uumsa fedhii fi hawwii caaledha.” Uumaman namni gara fedhii fi hawwii ofitti daba. Garuu fedhiiwwan san kan daangeessu miira waligalaa fi kaka’uumsa amantiiti. Kaka’uumsi amantii fi fedhiin yeroo hundaa wal lollu. Yeroo tokko tokko kaka’uumsa amatiitu moo’ata, yeroo biraa immoo fedhiitu injifata. Dirreen waraana qalbii namtichaati.” Fakkeenyaaf dargaggeessi tokko fedhii ofii guuttachuuf hawwe haa jennu. Yoo hin fuudhin fedhii isaa kana maaltu daangeessu qabaa? Islaamni karaa halaala (hayyamaama) ta’ee qofaan akka guutatu ajaja, karaa haraamatin yoo deeme ni adabama. Akkasumas hawaasa fi lubbuu isaa keessatti zinaa (sagaagalummaa) raawwachuu fokkuu akka ta’e ni beeka. Garuu fedhiin isaa kuni guddaa yoo ta’ee ifa sabrii ni dhaamsa. Gara biraatin immoo imaanni (amantiin) isaa cimaa yoo ta’ee ifa sabrii qabsiisun fedhii ofii moo’ata. Kanaafi obsa qabaachu jechuun kaka’uumsi amantii fi miira namumaa, kaka’uumsa fedhii caalu qaba kan jedhame.

“Akkuma qaamaf mataan barbaachisu imaanafis sabriin ni barbaachisa. Yoo mataan nama murame qaamni homaa hin fayyadu. Haaluma Kanaan namni obsa hin qabnes imaana hin qabu. “ Ali ibn Abi Xaalib

Sabrun Jamiil (Obsa bareeddu fi namaa maltuu)3

Obsi namaa maltuu jechuun wanta Rabbiin namaa murtesse osoo namootatti komii hin dhiyeessin fudhachuudha. Namni tokko sabrun jamiil qaba jechuuf wantoota sadii guutuu qaba. Isaanis:

  1. Nafsee dallansuu, dheekkamsa (bisiciti), iyyuu fi kkf, irraa eegu
  2. Arraba namootatti komii dhiyeessu irraa eegu. Fakkeenyaf wanta takka darbeef isatu akkas na godhee, daafaan kuni sababa isaatin, balaan kuni hundi eessaa natti dhufee, Yaa Rabbii kiyya hoo maal si godhee?, fi kkf jechuu irraa arraba tiksuu. (Garuu Rabbitti komii dhiyeessun sabrun jamiil hin faallessu. Fakkenyaf Nabi Yaaqub (AS) ijjoolle isaa yommuu dhabuu, “Ani yaaddo fi gadda kiyyas Rabbuma qofatti himadha.” jedhe (Yuusuf 12:86)
  3. Wanta Rabbiin hin jaalanne fi Isa dallansuu raawwachuu irraa qaama ofii tiiksu. Fakkeenyaf, qaama ofii fi kan namoota biro rukutu, uffata ofii tarsaasu, dubartiin yeroo dhiirsi ishii du’uu mataa haadachuu, nama du’ee irratti garmalee boo’u fi faarsu, laphee ofii rukutu fi kkf qaaman hojjachuu irraa tiiksudha.

Sadarkaalee garagaraa Obsaa

Obsa fedhii lubbuu fi hawwii qullaa ittisuu irratti hundaa’e bakka sadiitti qoodu dandeenya:

1.Kaka’uumsi amantii fedhii fi hawwii qullaa too’achuu fi moo’achuu keessatti garmalee guddaadha. Namtichi imaanni isaa cimaa ta’uu irraa kan ka’ee fedhii of hin hordofuu. Fedhii ofii ni too’ata, injifannoo horata. Sadarkaan too’annaa kana galma kan gahuu obsa itti fufaa qabaachuni. Namoonni sadarkaa kana ga’an addunyaa fi Aakhiratti injifatoodha. Isaan hanga duuti isaanitti dhuftuu warra “Gooftaan keenya Allaahadha.” Jedhaniidha. (suura Fussilat (41):30). Warrii kunniin warroota yommuu duuti isaanitti dhuftu, malaaykonni akkana jedhaniin “ Hin sodaatinaa; hin gaddinaas; Jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. Nuti jiruu duniyaa keessatti jaalallo keessan turre; Aakhirattis akkasuma. Isiniif ishee (jannata) keessa waan lubbuun teessan feetutu jira. Isiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira.” Fussilât 41:30-31”

Isaan kunniin warroota Rabbiin waliin jiruu fi karaa Isaa irratti qabsaa’aniidha. Fedhii ofiiti fi sheyxaanaf hin bitaman.

2.Sadarkaan lamaffaa immoo yommuu kaka’uumsi fedhii fi hawwiin guddaa ta’u kaka’umsii amantii ni hir’ata. Namni bade sheyxaana fi humnoota isaatiif harka kenna. Gara fedhanitti isa qajeelchu. Hariiroon inni sheyxaanota waliin qabu carraa lama keessaa tokko ta’a. Yookaa hordoftoota fi loltuu sheyxaanota keessa tokko ta’a. kuni nama dadhabaaf ta’a. fakkeenyaf nama karaa Rabbii dhiise karaa hoggantoota jallinnaa hordofuu.

Yookaa immoo sheyxaanni isaaf meeshaa waraana ta’a. kuni nama cimaa Rabbitti fincileedha. Warroonni akkanaa hoggantoota jallinnaati. Aangoo fi qabeenyatti fayyadamanii namoota daandii haqaa irraa jallisu.

Warroonni lamaan armaan olii kunniin warroota milkiin isaani baddeedha. Aakhiraa dhiisanii addunyaa gabaabdu tana waan filataniif. Sababni guddaan dhuma gaddisiisatti isaan geessu sabrii waan fixataniifi. Amaloonni namoota kanniini ni sobu, ni gowwomsuu, hawwii sobaa fi of dinqisifachuu keessa bololi’u, hojii gaarii duubatti harkisuu, bu’aa aakhiraa yeroo dheeraaf turtu dhiisanii bu’aa duniyaa yoosu dhumattu filatu.

Namoonni milkiin isaani badde gosoota baay’eedha. Gariin isaanii Rabbii fi Ergamaa Isaatti waraana labsuu, wanta Ergamaan Rabbii (SAW) fide balleessuf carraaqu, karaa Rabbii irraa namoota jallisuu, dachii irratti badii fi wantoota fokkuu babal’isu. Gariin immoo bu’aa isaanii qofa barbaadu. Gariin isaanii immoo munaafiqoota fuula lamaati. Nama kamittu maxxananii haala kamiyyuu keessatti bu’aa argachuu barbaadu. Amantii fi namoonni biro miidhamanii dhiisanii haajaa hin qaban. Gariin isaani immoo zinaaf (sagaagalummaaf) harka kennan. Jireenya isaani guutu fedhii foonii guuttachuuf karaa hundaa hordofuu, haraama ta’ee halaala ta’ee haajaa hin qaban.

Gariin immoo yommuu akeekachiifaman “Garmalee tawbachuu nan barbaada, garuu haramalee natti ulfaate, carraa hin qabu.”jedhu. Gariin immoo “Rabbiin salaata fi sooma keenya hin barbaadu, maal irraa godha, Isa hin fayyadu, hojii keenyan najaa hin baanu; Rabbiin garmalee Rahmata godhaadha” jechuun of gowwomsu. Adaba Isaa dagatanii rahmataa Isaa irratti hirkatan; Rabbiin akkana jedhee osoo jiru

15:4915:50

Ani Dhugumatti Anatu araaramaa, rahmataa godhaadha.” jechuu gabroota kiyyatti beeksisi. “Adabni kiyyas isatu adaba laaleessadha.” (jechuus itti himi)” Suurat al-Hijr 15:49-50

Gariin immoo “Badii kana hunda erga raawwadhe booda ibaadan kiyya maal na fayyada?” jedhu. Gariin immoo yommuu duuti isaanitti dhiyaatte ni tawbanna jedhu.

Gariin immoo ‘fedhii fi hawwiin sobaa yaada keenya too’ate jira.” Jedhanii sababeefachuun karaa fedhii ofii ittiin guuttatan barbaadu.

3.Sadarkaan sadaffaa immoo kaka’uumsa amantii fi kaka’uumsa fedhii jidduu waraana ho’aa fi itti fufaatu jira. Yeroo garii kaka’uumsi amantii ni caalaa yookiin ni moo’ata; yeroo garii immoo kaka’uumsi fedhii kaka’uumsa amantii ni caalaa. Adeemsi injifannoo gara lamaanu garagara. Sadarkaan sadaffaan kuni Muslimoota baay’ee hojii badaa fi gaarii walitti makaniif ta’a. yeroo garii fedhiin isaani isaan moo’achuun wanta badaa rawwatuu, yeroo garii immoo imaanni isaani jabaa ta’uun fedhii ofii moo’atu. Namoonni sadarkaa kana irra jiran yoo sirritti carraaqan gara sadarkaa guddaatti ol bahuu danda’u.

Dhumni namoota jireenya booda (aakhiraa) haala armaan olii sadaniin kan wal qabateedha. Gariin isaanii Ibiddaa Jahannam osoo hin seeniin gara Jannata qajeello seenu. Gariin immoo ibidda jahannami seenu gonkumaa Jannata hin seenan. Gariin immoo cubbuu isaanitiif ibidda keessatti erga adabamanii booda gara Jannataa seenu.

Firiwwaan (bu’aawwan) Obsa irraa argaman

Jalqaba irratti Rabbiin obsa akka qabaannu iddoo baay’ee Qur’aana keessatti itti nu ajaja. Akka Imaam Ahmad jedhanitti obsii yeroo sagaltama Qur’aana keessatti maqaan dhayame.

1Milkaa’innaa fi badhaadhinnaaf obsa Rabbiin haal dure taasise. Namni obsa hin qabne hin milkaa’us gammachuu fi badhaadhinnas hin qabu.

“Yaa warra amantan! Obsaa, obsaan (diinota keessan) injifadhaa. Karaa Rabbii keessattis of hidhaa (sirrittii qabadhaa). Akka milkooftaniif jecha Rabbiin sodaadha.”  Suura Ali-Imraan:200

2.Warri obsan mindaan isaani dacha dachaa ta’a, lakkoofsa malee kennamaaf.

“…Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.” Suura Az-Zumar 39:10 kanaafu yommuu rakkoon nu tuqxu yookiin wanta hamtuu irraa obsinuu yookiin ibaada hojjachuu irratti obsinuu, mindaa akkanaa yaadachuu hin qabnu ree? Suleeyman ibn Qaasim akkana jedhe “Mindaa hojii biro ni beekkama, mindaa sabrii malee. Mindaan sabrii akka bookkaa cimaati.”

3.Obsii fi imaanni hogantummaa amantii keessatti haal duree jalqabaati. Namni obsaa fi imaana hin qabne haala gaariin namoota karaa sirriitti qajeelchu hin danda’u. wanta hojjatuu fi jedhutti yaqiina (dhugaan onnee irraa amanuu) yoo hin qabaatin, eenyutu isa hordofaa? Akkuma bishaan qarsaa (dhagaa) irra yaa’e darbuu jechii isaas qalbii namoota irra bu’aa tokko malee yaate darbiti. Wanti namoonni isaan jedhaniifi  miidhaa isaanitiif yoo obsa hin qabaatin ergaa amantii galmaan hin gahu.

Yerooma isaan obsanii Aayatoota (mallatoole, keeyyatoota, ragaa, barnoota..) keenya dhugaan itti amanan, isaan irraa imaamota (hoggantoota) ajaja keenyan namoota qajeelchan taasifne.” Suura As-Sajda 32:24

4.Obsii karaa Rabbiin waliin ta’uu (ma’iyyaa) itti argataniidha. Rabbiin warroota amanan, obsanii fi hojii gaarii hojjatan waliin jira, isaan gargaara.

“...Dhugumatti Rabbiin obsitoota wajjiin jira.” Suura Al-Anfaal 8:46

Abu Ali Ad-Daqaaq akkana jedhe,”Warroonni obsan addunyaa fi aakhiratti injifattoota, Rabbiin isaan waliin waan jiruuf.”

5.Warroonni obsan mindaa sadii badhaafamu. Isaaniis: salawaata( tola, badhaadhinna), rahmataa fi qajeelcha

“… warra obsan gammachiisi. Isaan warra yeroo balaan isaan tuqee “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, gara Isaatti deebi’oodha (Innaa lillaahi wa innaa ileyh raaji’uun)” jedhaniidha.

Isaan warraa salawaata fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha.” Suura Al-Baqaraa 2:155-157

Jecha salawaata jedhuu aalimoonni hiika baay’ee itti kennaani jiru. Isaan keessa filatamoon tola, badhaadhinna Rabbiin irraa argachuudha. Dhugumatti namni obsa qabuu badhaadhinnaa fi tola jireenya isaa keessatti argata. Wanti kana hundaa caalee immoo araarama Rabbiin irraa argachuu fi gara daandii haqaatti qajeelfamudha. Salafa tokko yommuu namoonni balaa itti bu’eef jajjabeessuuf bira dhaqan akkana jedhe,” Maaliif hin obsinee osoo Rabbiin warroota obsaniif miindaa sadii waadaa galee jiruu. Sadan isaanitu addunyaa tanaa fi wanta ishii keessa jiru caalu.”

6.Obsii karaa gargaarsa Rabbii itti barbaadaniidha

Obsaa fi salaatan gargaarsa Rabbii barbaada. Dhugumatti isheen warri Rabbiin sodaatan irratti malee ulfaattudha.”Suura Al-Baqaraa 2:45 Kanaafu namni obsa hin qabne gargaarsa hin argatu jechuudha.

7.Obsii fi taqwaan shira diinota irraa nama eega.

Yoo toltuun wahii isin tuqe, Isaan gaddisiisa. Yoo hamtuun isiin tuqe immoo ishetti gammadu. Yoo isin obsitanii fi Rabbiin sodaattan mallii (shirri) isaanii homaa isin hin miidhu. Dhugumatti Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaadha.” Suura Ali-İmraan 3:120

8.Dhumni warroota amananii, hojii gaarii hojjatanii fi obsanii Jannata. Malaaykonni warroota obsan nagaya gaafatu.

Isheen jannata qubsumaa kan isaan ishee seenaniidha. Abbootii isaanii, niitiwwan isaanii, ilmaan isaani irraas namni gaarii hojjate (ishee seenaa). Maleeykonnis balbala hundaan isaanitti seenu. “Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu. Gandi boodaa waa tole!” jedhu. Suura Ar-Ra’ad 13:23-24

Gosoota fi firiwwan obsaa hin xumurre. Yoo obsa qabaattan Insha Allah torbaan itti fufna. Hangasi Assalaamu aleykum wr wb.
Kitaabile wabii


  1. Patience and Gratitude- By Imaam Ibn Al-Qayyiim (Barreefamoonni harkii caalu kitaaba kana irraa fudhatame
  2.  Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi jildii 2 fuula 732
  3. Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a.” (Fuula 455, Abdullah ibn AbdulHamid Al-Asari,)
Obsa:Furtuu Milkaa'nna fi Gammachuu-Kutaa 2
Tawbaa-Balbala Jijjiramaa fi Gammachu-Kutaa2ffaa

One comment

  • Iliyaas Nagaash

    As wr wb inshaallaah baay’ee namatti tola nama barsiisa duniyaa aakiraa isin haatolchu as wr wb

Leave a Reply