Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.6

Yoo nama hundaa ija shakkiitin ilaalte, mataa keeti fi namoota biroo miita. Yaadota hin barbaachisneen sammuu fi yeroo kee gubda, boqonnaa sammuu dhabda. Tarkaanfi isaa/ishii guutu akka hordoftuu of goota. Karaa biraatin, shakkii kee irratti hundaa’un yoo nama san irratti tarkaanfi fudhatte bololi’a gaabbi fi gaddaa keessa jiraatta. Kanaafu, shakkii fi jette jette namni sitti fidu of eeggadhu. ‘Osoo hin guutatin hin gugatin’ jedhe Oromon. Gugatun dura dhugaa fi soba ta’uu isaa addaan baafadhu boodarra rakkoo guddaa keessa galtaati.

Cubbuu/badii kee mata duree taphaa fi kan itti boontu hin godhin. Rabbiin osoo sii haguuge jiru ‘Ani halkan edaa wanta akkanaa raawwataa ture’ jechuun namatti hin odeessin. Kana irra gara Rabbii deebi’i araarama kadhu. Nama cubbuu ofiitin boonu caalaa namni badaa fi fafeen ni jiraa sila?

“Yommuu namtichi taqwaa horatu, qullaa sammuuti fi qaama ofii haguuga.” Akka Qur’aana keessatti eerametti uffanni hundaa caalu uffata taqwaati (7:26). Yommuu taqwaan qalbii keessatti hidda qabatuu, namtichi cubbuu raawwachuu fi qullaa deemu irraa ni saalfata (ni saalfatti). Abdurahman Ibn Aslam akka jedhanitti,’Namtichi yommuu Rabbiin sodaatu, qullaa ofii ni uwwisa(haguuga). Kanaafu uffata taqwaatin of haguuga.” Yommuu sammuun taqwaa irraa qullaa taatu, qaamni akkamitti haguugamaa? Sheyxaanni fi deeggartoonni isaa taqwaa (sodaa Rabbii) qalbii irraa haaqun, ilma namaa akka hori taasisu fedhan. Wanta qaani jedhamu akka hin qabaanne fi amala horiitin akka wal qixxaatu fedhan. Kanaafu shiraa fi dhara isaani hubachuun irraa dheessu qabna.

Al-Hasan akkana jedhe “Yaa ilma Aadam cubbuu boodarra towbaan fayyisuu irra, isarraa fagaachun siif salphaadha. Balballi towbaa sirratti cufamuun duratti hojii garmalee fokkuu ta’ee akka hin hojjanne akkamitti mirkaneefachu dandeessaa?”.

Dhugumatti akkuma vaayrasin qaama namaa ajjeessu, cubbuunis sammuu namaa ajjeesa. Uumama namaa sirrii diigun tartiiba dhabsiisa, namtichi boqonnaa sammuu fi tasgabbii akka hin arganne taasisa. Sababa cubbuutin/dilliitin qalbiin ni gogdi, gurri ni duuda, ijji ni jaamti. Namtichatti ba’aa ta’u. Karaan hundarra gaarii cubbuu itti fayyisan towbaa dhugaa towbachuu, araarama Rabbirraa kadhachuu fi hojii gaarii baay’isanii hojjachuudha. Yommuu towban dhugaan, araaramni fi hojii gaggaarin walitti makaman madaa cubbuun uumame ni fayyisu, cubbuu ni haaqu. Uumama namaa sirrii fi tasgabbii dhabame ture ni deebisu. Kanaafu cubbuu yommuu raawwattu gara towbaa, araarama kadhachuu fi hojii gaarii hojjachuutti fiigi Insha Allah yeroo san gammachuu fi tasgabbii argattaati.

Karaale sheyxaanni itti nama gowwomsuu

“Sheytaanni nama Rabbiin gabbaru (aabida) karaa lamaan gowwomsee karaa qajeela irraa jallisa. Tokkoffaa, hojii gaggaari isaa akka gaara ol guddisuun itti mul’isa. Hojii badaa isaa immoo akka dagatu taasisa. Of dinqisifachuu (ujb) itti afuufa. Ergasi gabrichi kuni hojii gaggaari ofiitin boona, namoota biroo gadii xiqqeessa. Gabrichi kuni shira (tooftaa) sheytaana kana yeroon beeke too’achuuf yoo hin tattaafatin sheyxaanni salphatti isa too’ata. Inuma hojii badaa hojjatu hojii gaarii itti fakkeessa. Seenaa keessatti haala kanaan namoota baay’ee akka sobe mee ilaali. Osoo akka fakkeenyatti kawaarijota fudhanne, isaan aabidota (warra Rabbiin gabbaran) turan. Garuu sahaabota gurguddoo Ergamaa Rabbii(SAW) fi Muslimoota ajjeesa turan. Kanaafu yommuu sheyxaanni karaa kanaan sitti dhufu (ujb fi namoota gadii xiqqeessu fi tufachuun yommuu sitti dhagahamu), sheyxaana Rabbiitti mangafadhu, akka isaarra Rabbiin si tiksu du’aayi godhi, hojii gaarii kee caalaa hojii badaa kee yaadadhu, beekumsa barbaadi.
Karaan lamaffaan immoo yommuu gabrichi dogongora ykn cubbuu raawwatu, sheyxaanni abdii akka kutuu fi cubbutti daran akka gadi lixu isa godha. Kanaafu yommuu dogongora ykn cubbuu raawwatu abdii kutuu osoo hin ta’in dafii towbadhu, araarama Rabbiin irraa kadhu. Towbaa fi istigfaarri(araaramni) cubbuu keetif qoricha ta’u, madaa kee ni fayyisu.

Salaata keessatti kushuu’a hin qabu, du’aayin tiyya hin qeebalamtu jechuun salaata hin dhiisin. Akkuma kushuu’a horachuuf carraaqxun akkasuma kushuu’atti dhiyaacha adeemta. Kushu’uni adeemsa fi qabsoo keessa argama. Har’a salaata kee irratti xiyyeefachuuf kaate garuu yaada guutun osoo hin salaatin hafte. Keessi kee akka waan hin salaatinitti sitti dhagahamu danda’a. Kushuu’a fi xiyyeefannon salaatuf qabsoo cimaa taasisi. Abdii hin kutin. Adda salaatu irra jama’aan salaati. Yommuu azaanni bahuu elektrooniks ykn wanta hojjattu achi dhiisiti gara waamicha (azaana) fiigi. Du’aayin tee sababa qabdi tan hin deebifamneef. Hin muddamiini obsi. Obsaa fi qabsoo keessa guyyaa tokko kushuu’a ni horatta, du’aayin tee ni qeebalamti, salaata irraa tasgabbii fi mi’aa argatta.
Salaata hin dhiisin hadaraa!!!!!!

Warroota badii raawwatan ilaalun osoo anillee akka isaani ta’ee jechuun hin hawwin. Akkuma wanta badaa fi fokkuuf hawwitu akkasuma itti harkifamaa adeemta. Fuggisoo kanaa akkuma wanta badaa fi fokkuu jibbituun akkasuma irraa fagaata adeemta. Fakkeenyaf yommuu dubartii fi dhiirri hariiro haraamatin harka wal qabatanii yaa’an argitu, ‘Ah osoo anille akkana ta’ee!’ hin jedhin. Kana irra akkana jedhi,”Alhamdulillah Rabbii kanarraa na baraare galanni fi faarun hundi Isaaf haa ta’u. Osoo akka isaani kana ta’ee silaa badee mitii. Gammachuu fi tasgabbii eessaa argadhaa! Yaa Rabbii kanarraa na eegi. Alhamdulillah.” jedhi. Haala kanaan gammachuu fi tasgabbii argatta. Haraama irraa gonkumaa gammachuun dhugaa hin argamu gaabbi fi gadda malee.

Yommuu jaalalli Rabbii qalbii qabatu, jireenyi tartiiba horatti, gammachuu fi sakiina qabaatti. Yoo jaalalli Rabbii qalbii keessa hin jiraatin immoo qalbiin jaalala wantoota biraatin miidhamti. Nageenya fi tasgabbii dhabdi. Jaalala Rabbii dabaluuf Kitaaba Isaa (Qur’aana) hubachuu fi hojii irra oolchuuf carraaqi, qananii sirratti oole yaadachun galata galchi. Akkuma qananii Isaa yaadachuun galata galchituun jaalalli Isaa siif dabalamaa adeema.

Ganama ganama Qur’aana dubbisuu bartee godhadhu. Qur’aana qara’uun sammuu qara, qalbii gogde jiisa, jireenya ibsa, abdii fi gammachuu namaaf laata. Nama jaallate ykn jallatuuf hedu karatti deebisa, nama abdii kutee ykn kutuuf hedu onnachiisa, ni jajjabeessa. Shakkii, munaafiqummaa fi dhibeewwan biroo qalbii irraa qulqulleessa. “Rabbiin Qur’aana kanaan nama kabaja yookiin ni salphisa.” Nama Qur’aana dubbisuu fi itti bulu ni kabaja. Namoonni nama akkana ni kabaju, ni jaallatu. Kan hin dubbisnee fi itti hin bulle immoo ni salphisa. Namtichi Qur’aana hin dubbisne salphatti badiif saaxilama, dandeetti fi obsii wanta badaa ofirraa dhiibu baay’ee dadhabaadha.

Yoo nama sodaatte cubbuu dhiiste carraan cubbuu irraa obsuu kee baay’ee xiqqaadha. Sababni isaas namoonni iddoo dhoktaatti si arguu hin danda’an. Garuu sodaa Rabbii irraa kan ka’e yoo cubbuu dhiiste carraan cubbuu irraa obsuu kee baay’ee guddaadha. Sababni isaas bakka kamuu yommuu deemtu Rabbiin akka si argu ofirratti beekta. Sababa sodaa Rabbiitin dhoksaa fi ifatti cubbuu dhiista. Ergasi boqonnaa sammuu fi gammachuu ni argatta.

Sababa tokko malee yoo abdii kuttu,dhiphattu,gammachuu dhabdu, yaaddoftu, nuffitu, dheekkamtu, fi kkf , kunniin firiiwwan cubbuu ati hojjatte akka ta’an beeki. Kanaafu, of gamaggammuun cubbuuwwan/diliwwan sanniin irraa of qulqulleessuf carraaqi. Towbaa fi hojii gaggaarin isaan haxaawi.

Milkaa’inna fi gammachuu jireenya keessatti yoo barbaadde abbaa haadha keeti ajajami.

Namoota meeqatu milkaa’inna irraa deebi’a isa bira gahuuf xiqqoon osoo hafu. Namoonni gariin carraaqani carraaqanii moggoo milkaa’inna irra gahuuf yoo hedan duubatti mucucaatan. Sababni kanaa inni guddaan maaliidha? Hojii tokko yoo jalqabnu fedhii fi nashaaxaa guddaan jalqabna. Firii wanta hojjannuu battalumatti arguuf muddamna. Akkuma hojii keenya itti fufnuun rakkoo fi ulfaatinna hedduu argaa waan deemnuuf fedhiin keenya hir’ataa adeema. Akka nu yaanneti ta’uu yoo baate dheekkamsi(frustration (bisichit)) wanti jedhamuus dhufaa adeema. Kanarraa baraaramuuf duraan dursinee adeemsa keenya keessatti hadhaa fi mi’aan akka jiru of amansiisu qabna. Hadhaa fi rakkinna booda mi’aa fi toltuun dhufuu akka danda’u beeku qabna. Wanti guddaan immoo abdii kutuu dhiisu, jarjaruu dhiisu, obsuu fi dheekkamsa(frustration) too’achu qabna. Jireenyi keenyi akka nu yaannetti osoo hin ta’in akka hojii keenyatti suuta suutan tan jijjiramtuu beekudha. Itti gaafatamummaan guddaan keenya wanta yaanne guutuu bakkaan gahuu osoo hin ta’in kaayyoo keenya galmaan gahuuf guyyaa guyyaan carraaqi addaan hin cinnee fi hanga humni keenya danda’u gochuudha. Wanta darbeef booyu fi wanta dhufuuf dhiphachuu dhiiste milkaa’uf har’a sirritti hojjadhu,carraaqi hanga humni kee danda’e.

Jireenyi rakkinnaa fi laafinna of keessatti tan hammatteedha. Yommuu rakkinni si qunnamu abdii hin kutin, kana irra obsii Rabbirraa rahmata abdadhu. Yommuu laafinna/toltuu keessa jirtu immoo Rabbii rakkinna keessaa si baase hin irraanfatin,daangaa Isaa hin darbin. Jireenya toltuu kee keessaa maxxansa (version) isa jabaa/cimaa mataa keeti ta’uuf carraaqi.

Qur’aana
Yommuu karaa badde gara Qur’aana deebi’i ni qajeelfamtaati. Yommuu haala xaxamaa fi shakkii keessa taate,gara Qur’aana deebi’i xaxama kanaa fi shakkii irraa bilisa taatati. Yommuu abdi kuttu fi jajabeenya dhabdu gara Qur’aana deebi’i burqaa abdii fi jajjabeenya isa keessatti ni argitaati. Dhugumatti Qur’aanni kitaaba fakkaata wayitu hin qabnedha. Sirna dubbii adda ta’ee fi nama hawwatun qalbii namaa tuqa. Ilmi namaa kitaaba akkanaa qopheessu irratti humna wayitu hin qaban. Qur’aanni burqaa gammachuu fi qajeelfamaati. Namni Qur’aana hubannaan dubbisuu dhugumatti gammachuu dhugaa/sirrii dhugaa jira. Kanaafu maaliif Qur’aana dhiisne gammachuu fi beekumsa bakka biraa barbaannaa? Qalbii kee keessatti yaada yookiin kitaaba kamifuu Qur’aana caalaa gatii hin kenniin, Qur’aana gatii guddaa fi iddoo jalqabaa kenni.


Jireenya garmalee qaalii ta’e jiraachuf hin dharra’in. Akkuma jireenya garmalee qaalii ta’e jiraachuf dharraatun akkasuma gammachuu dhabda. Jireenya salphaa fi laafaa ta’etti gammadi,quufi.

Hiriyyaan kee madda gaabbi laalessaa yookiin immoo sababa milkaa’inna siif ta’uu danda’a. Kanaafu eenyun waliin akka hiriyyoomaa jirtu sirritti ilaali. Hiriyyaan kee nama wanta gadhetti si harkisuu moo wanta gaariitti si dhiibu?

Hanqinnaa fi dogongora namoota barbaadun yoo of ko’oomsite of jijjiruu hin dandeessu. Namni hanqinna namoota barbaaduu waliin ko’oomu kan ofii hin argu/argitu. Kanaafu, yoo jijjirama barbaadde hanqinna kee waliin ko’oomu fi sirreessuf carraaqi.

Karaan irra deemaa jirtu milkaa’innatti si geessu fi geessu dhiisu mirkaneefadhu.

Hojii kee keessatti iklaasa erga qabaatte booda, wanta nama balleessu tokko sodaadhu. Inni maaliidha? Of tuuluu/boonudha. Yommuu hojii gaggaarii dhoksaan yookin ifatti hojjattu,sheyxaanni akka gaaraa hojii kee kana guddisee sitti mul’isa. Dandeetti kee qofaan hojii kana akka hojjatte gochuun akka of tuultu si godha. Hojii namoota biroo hojii kee waliin wal bira qabuun isaan gadi xiqqeessuf yaalta. Kuni kaayyoo keetirraa duubatti si harkisa. Sheyxaanni haala kanaan namoota baay’ee jallisa. Kanaafu yommuu sheyxaanni miira of tuulu sitti hasaasu,isarraa Rabbitti mangafadhu,du’aayi godhii,hojii kee badaa fi dogongora kee yaadadhu, hojii kee namoota darban gurguddo waliin wal bira qabuun akka homaa hin hojjaneetitti yaadi. Hanqinna kee waliin ko’oomi.

Jireenyi toltuun addunyaa tanaa si hin gowwomsin. Balaqeessa aduu gammoochii kan yeroo dheeraaf hin turreen wal fakkaatti. Kanaafu zikrii(yaadannoo) Rabbii irraa duubatti si hin harkisin. Telefoonni salaata salaatu fi Qur’aana qara’uu irraa dubatti si hin butin/qabin.

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.7
Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-Lakk.5
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.