Obsa:Furtuu Milkaa’nna fi Gammachuu-Kutaa 2

Gosoota Obsaa

Obsii furtuu milkaa’innaa fi gammachuuti. Obsaan ala wanti ta’u tokkollee hin jiru. Obsa qabaachun nama hundarrattu dirqama.Akkuma Oromoon jedhu “Obsaan aannan goromsaa dhugaa.” Namni obsuu rakkoo fi carraaqi booda jireenya mijaawa jiraata. Akkuma goromsii aannan kennuuf yeroo fudhatu, firiin obsaas yeroo kan fudhatuudha. “Jarjaraan re’ee hin horu.” jedhe Oromoon. Namni obsuu dhiise jarjaruu jireenya gaarii hin jiraatu. Kanaafi obsii furtuu milkaa’innaa fi gammachuu jenne kaane. Obsa akaakuwwan saditti qoonne ilaalu dandeenya. Isaanis:

  1. Rabbiin Gabbaruu fi ajaja Isaa hordofuu

Rabbiin gabbaruu fi ajaja Isaa bakkaan gahuu jechuun hojii ibaada dirqama sitti ta’e yeroo hundaa sirna isaa eegde iklaasa fi beekumsaan hojjachuudha.  Ibaadan yeroo hundaa (guyyaa guyyaan) hin hojjatamne gatii wayituu hin qabdu. Osoo ibaada yeroo hundaa hojjatameyyuu wantoota sodaachisaa lamatu jira. Jalqaba irratti, ibaadan nuti hojjannu Rabbiin gammachisuu fi itti dhiyaachuf yoo hin ta’in, iklaasa keenya miidhaa irraa buusna. Kanaafu ibaada keenya eeguuf iklaasa qabaachu keenya sirritti mirkaneefachu qabna. Lamaffaan immoo, ibaadan keenya sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) waliin deemu isaa sirritti mirkaneefachu qabna.

Nuti ilmaan namaa hojii ibaada hojjachuu irratti uumaman amala ceem’u qabna sababa dadhabbii nu keessa jiruutin. Yoo namtichi qalbiin isaa tan gogde fi hojii hamtuu baay’ee hojjate, gammachuu qaama garmalee itti yaadu fi namoota Rabbiin hin yaadanne waliin makamuun salaata darbee darbee salaata. Yoo salaatelle dafee ofirraa buusu fi xiyyeefannoo malee salaata.

Namni tarkaanfi karaa kamiyyuu irratti ibaada hojjachuuf obsa isa barbaachisa. Ibaadatti seenun dura niyyaan isaa qulqulluu fi sirrii ta’uu sakatta’uu (check gochuu) qaba. Ibaada hojjatu kamiyyuu keessatti iklaasa isaa sakatta’uu fi na argaa (ar-riyaa) hanbisuuf carraaqu qaba. Yommuu ibaada hojjatus, sirnaan hojjachuuf, qulqulummaa niyyaa isaa eegu fi sammuun isaa kaayyoo ibaada irratti xiyyeefachuu kana jechuun Rabbiin qofa gammachisuuf tattaafachuu qaba. Erga ibaada xumuree booda wantoota ibaadaa isaa jalaa balleessan irraa of eegu qaba.

Rabbiin akkana jechuun nu gorsa : “Yaa warra amantan sadaqaa keessan dhaadannaa yookiin nama rakkisuudhaan hin balleessinaa. “ (Al-Baqaraa:264) (Namni tokko sadaqaa nama tokko yommuu kennu wanta isaa kenne san yaadachisuun isa rakkisuu hin qabu. Akkana siif godhe, tola kana hunda sirratti oole, wanta gaaf kaan si kenne maal ittiin hojjatte jechuun nama san gadi xiqqeessu fi rakkisuu hin qabu. Wanta akkanaa kan raawwatu yoo ta’ee sadaqaan isaa duwwaa jalaa taati, fudhatama wayitu hin qabdu.)

Namni ibaada kamiyyuu hojjatu hojii hojjatetti boonu fi odeessu irraa of eeguf obsa shaakalu qaba. Ibaada hojatanitti boonuun hojii badaa ifatti hojjatan caalaa miidhaa kan fiduudha.

Ibaada hojjate san namootatti himuu fi odeessu irraa of eegu qaba, kuni ibaada isaa jalaa balleessu waan danda’uuf. Gabaabumatti yommuu ibaada hojjannu, hojiiwwan armaan gadii keessatti sabrii (obsa) qabaachu qabna:

  1. Ibaadan keenya itti fufaa ta’uu
  2. Ibaada hojjannu keessatti iklaasa qabaachu
  3. Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu
  4. Yommuu ibaada hojjannu sirnaan hojjachuu fi niyyaa keenya qulqulleessu
  5. Erga ibaada xumurre booda wanta ibaada nu jalaa balleessan irraa of qusachuu. Kan akka dhaadachuu,of tuulu, of dinqisifachuu, na argaa, namootatti odeessu, tola irratti waan oollef namoota sanniin miidhu fi gadi xiqeessu fi kkf.

2.Hojii badaa irraa fagaachu keessatti obsa qabaachu

Hojii badaa irraa fagaachun obsa guddaa barbaachisa. Namtichi yoo obsa hin qabaatin, hojii badaa sanniin irraa fagaachu hin danda’u. namni tokko hojii hamtuu irraa obsuuf obsa ofii karaa adda addaatin dagaagfachuu danda’a. Isaan keessaa:

a.Adabbii hojii badaa irraa dhalatuu sodaachuu– fakkeenyaf namni tokko zinaa yommuu raawwatuu yookiin alkooli dhuguu, miidhan isaa addunyaa fi aakhiratti xiqqaa miti. Namoonni yeroo baay’ee yommuu fedhii ofii hordofan miidhaa badii hojjatan san irraa dhalatu irraa jaamaa ta’u. miidhaa kan arganii fi dhandhaman erga raawwatanii booda. Namni qaroon immoo miidhaa hojii badaa sanii dursee itti yaadu fi xinxalluun badhematti irraa dheessa. Zinaa yoo raawwate dhibee adda addaatin akka qabamuu danda’u, nageenya fi tasgabbii akka dhabuu, osoo hin tawbatin tasa yoo du’ee ibiddaan akka adabamuu fi miidhaa kanniin fakkaatan dursee itti yaada. Namni miidhaa fi adabbii hojii badaa sanii beeku fi itti xinxalluu obsii isarratti ni salphata.

b.Karaan biraa obsa gosa kanaa itti dagaagfatan hayaa’a (qaani) qabaachu– namni tokko qananii Rabbiin isaa kennetti fayyadamee yommuu hojii hamtuu raawwatuu Rabbiin irraa qaana’u (saalfachuu) qaba. Waa’ee Rabbii barachuu, maqaawwanii fi sifaata Isaa beekun miirri hayaa’a jabeefamu danda’a. Hayaa’an amala namoota kabajamoo fi amala gaarii qabaniti. Hayaa’a jechuun namni tokko Rabbii fi dandeetti Isaa yaadachuun hojii badaa irraa dheessudha.

c.Karaan biraan namni tokko badii irraa itti obsuu ‘Imaana’ ofiitif sodaachu– wanti wuddiin (qaalin) jireenya nama tokko keessatti imaana. Namni yoo imaana hin qabaatin garmalee rakkata, ni dhiphata, addunyaa aakhiratti ni salphata. Namtichi wanta garmalee qaalii kana yoo hin eeginii fi hin kunuunsin, imaanni isaa jalaa hatama. Wantoota imaanni akka hatamuu ykn baduu taasisan keessaa tokko badii raawwachuudha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ لاَ يَزْنِي الزَّانِي حِينَ يَزْنِي وَهْوَ مُؤْمِنٌ، وَلاَ يَسْرِقُ حِينَ يَسْرِقُ وَهْوَ مُؤْمِنٌ ‏”

Namtichi zinaa raawwatu yommuu zinaa raawwatu mu’imina ta’ee zinaa hin raawwatu. Akkasumas, namni hatu yommuu hatu mu’imina ta’ee hin hatu.” (Sahiih Al-Bukhaari- kitaabul huduud)

Namtichi akkuma badii keessatti taruun imaanni isaa irraa mulqamaa adeema, ni hir’ata. Badii irraa yoo hin dhowwamiin dhumarratti  wanta wuddi kana ni dhaba. Meeqa kamtuu imaanan kabajame garuu imaana dhabnaan ni salphate. Kanaafu eenyutu imaana ofii gatuun jireenya salphinnaa jiraachu barbaadaa? Salphinni guddaan salphinna jireenya booda (Aakhiratti) nama muudatuudha. Namni tokko imaana malee addunyaa tana keessaa baanan wanti isa eeggatu adabbii ibiddaati. Yommuu kana yaannu imaana keenya garmalee eeguf carraaqna, wanta isaa diiganii fi balleessan irraa ni fagaanna. Kanaafu sababa badii hojjanuutin imaana keenya dhabuu waan dandeenyuf badii irraa obsuun nurratti salphata.

3.Obsa yeroo balaan namatti bu’uu fi rakkinnaa

Namni yommuu balaa fi rakkinni isatti bu’u ni dhama’a, garri deemu itti dukkaana’a. furmaanni yeroo kanatti barbaachisu sabriidha. Yoo obsa hin qabaatin balaan suni irraa hin deemu inuma balaa biraa ofitti eda’a (dabala).

Namni kamiyyuu rakkinna isatti dhufee ofirraa deebisuuf jaallates jibbees obsa qabaachu qaba. Namni colleen mindaa fi bu’aa obsaa waan hubatuuf balaa isatti bu’eef ni sabbara. Obsuu dhiise yoo iyyee fi dallanee ni qeeqama. Obsuu dhiise yoo dallanee fi iyyee carraa takka jala tare duubatti deebisuu akka hin dandeenye yookiin wanta inni jibbuu irraa kaasu akka hin dandeenye ni beeka. Wanti takka murtaa’e fi qadaa wa qadar uumamu (hojii irra oolu) irraa wanti dhowwu hin jiru. Akkasumas, wanti hin murtoofne, hin uumamu (hojii irra hin oolu). Kanaafu amalli dallanuu fi obsa dhabuu miidhaa malee bu’aa tokko buusu hin danda’u.

Nama qaroo tokkotu akkana jedhe,”Wanta namtichi gowwaan ji’aan booda hojjatu namtichi qaruuten immoo battaluma rakkoo sanitti hojjata.” (Kana jechuun namtichi gowwaan erga rakkoon darbee fi furmaata biraa dhabe booda obsa. Namtichi qarooten immoo yerooma rakkoo san obsa.)

Namni gadi aanaa fi dadhabaan yommuu filannoo dhabu qofa obsa. Yeroo baay’ee erga gubee, dallane, wantoota baay’ee erga balleessen booda obsa dhabuun homaa akka isa hin fayyanne ni hubata.

Namni colleen Rabbiif ajajamutti obsa. Namni gadi aanaa fi salphataan immoo sheyxaana ajajamutti obsa. Namoonni gadi aanoon hawwii fi fedhii ofii hordofuuf rakkoo baay’ee baadhatu garuu Gooftaa isaani gammachisuuf rakkoo xiqqoo danda’uun garmalee itti ulfaata.

Obsa yeroo rakkoo karaa adda addaatin gabbifachuun ni danda’ama. Isaan keessaa:

1.Mindaa gaarii funduratti nama eegu yaadachuu– akkuma mindaa gara funduraatti si eegutti amantuun akkasuma obsuun siif salphata. Namni uumaman bu’aa hatamtama barbaada. Garuu xinxallii fi bilchinni keenya bu’aa yeroo dheeraaf argamu akka yaannu nu taasisa. Kuni immoo wanta nu qunnamu hundaa obsaan akka dandeenyu nu gargaara. Yaadi mee mindaan warra Rabbitti amananii fi hojii gaarii hojjatanii maal akka ta’ee! Rakkoo addunyaa tana keessatti isaan qunnamu obsaan yommuu dabarsan, badhaasa guddaa argatu. Addunyaa keessatti qajeelinna, tola argatu. Aakhiratti immoo Jaalala Rabbii fi Jannata argatu. Hadhaan addunyaa tanaa mi’aa Jannataatti obsaan jijjirama. Yommuu mindaa guddaa kana yaannu obsii nuuf salphata.

2.Yeroo toltuu fi laaftuuf eegu fi abdachuu- rakkoon keessa jirru jireenya keenya guutu nu waliin kan turu miti. Yeroon booda nurraa ka’a. yeroon booda rakkoo fi balaan sun nurraa ka’uun jireenya laaftu fi mijaa’an bakka bu’uu akka danda’u yommuu abdannu obsuun nuuf ni salphata.

3.Tola Rabbii yaadachuu fi itti xinxalluu– tola Rabbiin nurratti oole kan lakkoofsa hin qabne yommuu hubannu rakinni ammaa waliin obsuun ni salphata. Sababni isaas, rakkinni ammaa kuni yommuu galaana bal’aa tola Rabbiitin wal bira qabamu akka copha roobati. Rakinni amma nu qunname akka copha roobati. Tolli Rabbii immoo galaana caalaa bal’aadha.

4.Balleessa fi badii ofii yaadachuu– namoonni tokko tokko yommuu rakkoon isaan qunnamu Rabbiin ajiifachuun “Rabbiin maal naa godhe” jechuun jecha afaan bahuu hin qabne yommuu dubatan argina. Qananii meeqa Rabbiin kenneef garuu wanta xiqqoo irraa fudhate. Qananii xiqqoo tanas sababa malee akkanumaan irraa hin fudhanne, sababa qaba. Yookaa nama santu daangaa Rabbii darbee qananii Isaatin wanta badaa waan raawwatef yookiin immoo qananii san irraa fudhachuun namticha san qoruu barbaade. Yommuu rakkoon nu tuqxu jalqaba mataa keenya qorachuu qabna. Haala keessa jirru of gaafachuu qabna. Rakkoon nu tuqxu sababa badii nuti raawwaneetin. Kanaafu badii keenya yommuu ilaallu rakkoo nu tuqetti obsuun salphaa ta’a.

5.Du’aayi gochuu– yeroo rakkoo fi toltuu du’aayi gochuun yeroo hundaa wanta Musliima irraa eeggamuudha. Yeroo baay’ee namni yommuu rakkoon isa tuqxu gara Rabbii fiiga. Yommuu rakkoon irraa deemtu, galata Rabbii galchuu dhiise of tuulu fi badii hojjachuun dachii keessa deema. Rabbiin amala namaa kana yommuu ibsu akkana jedha:

Yoo Nuti rahmata nu biraa ta’ee nama dhandhamsiifne ergasi isa irraa mulqine, (abdii murate itti kafara.) Dhugumatti inni hedduu abdii murataa, hedduu kafaraadha.  Yoo Nuti eega rakkoon isa muudateen booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, “Dhugumatti hamtuun narraa deemte.”jedha. Dhugumatti inni akkaan gammadaa, akkaan dhaadataadha. Isaannan obsanii fi toltuuwwan dalagan malee. Warri sun araaramaa fi mindaa guddatu isaaniif jira.

Suura Huud: 9-11

Akkuma aalimoonni baay’een jedhan yeroo rakkoo obsuu caalaa yeroo toltuu keessa obsutu ulfaata. Sababni isaas, kaafirri fi mu’iminni yommuu rakkoon itti buute filannoo biraa waan hin qabneef ni obsa. Garuu yeroo toltuu filaanno baay’een waan jiruuf mu’imina qofatu obsa. Fakkeenya qabeenya saniin badii hojjachuu, Rabbiin dagachuu fi kkf. Obsii durummaa waliini obsa hiyyummaa caalaa ulfaata. Qormaanni durummaan dhufu qormaata hiyyummaa caala. Yeroo hundaa du’aayi gochuun kanaaf barbaachise. Meeqa kamtu yommuu qabeenyi isaa dhuftu Rabbitti kafaree badii hamatti of darbe!

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ مَا مِنْ عَبْدٍ تُصِيبُهُ مُصِيبَةٌ فَيَقُولُ إِنَّا لِلَّهِ وَإِنَّا إِلَيْهِ رَاجِعُونَ اللَّهُمَّ أْجُرْنِي فِي مُصِيبَتِي وَأَخْلِفْ لِي خَيْرًا مِنْهَا إِلاَّ أَجَرَهُ اللَّهُ فِي مُصِيبَتِهِ وَأَخْلَفَ لَهُ خَيْرًا مِنْهَا ‏”‏

Gabrichi Rabbii yommuu Musiiban (rakkoon) isa tuqxu yoo akkana jedhe “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, gara Isaatti deebi’oodha. Yaa Rabbii musiiba kiyyaaf mindaa naa kenni. Wanta san caaltu bakka naa buusi (Innaa lillaahi wa innaa ileyh raaji’uun. Allahumma ajirnii fii musiibatii wa akhlif lii keyran minhaa)” Rabbiin musiiba isaatif mindaa isaa kenna, wanta san caaltu bakka isaa buusaf.” (Sahiih Muslim)

Du’aayinis obsa waan barbaachisuuf jarjaruun, Rabbiin du’aayi tiyya hin qeebalu jechuun du’aayi dhiisu hin qabnu. Yoo addunyaa tanatti wanta san caaltu dhabne akkhiratti rakkoo (musiiba) nu tuqxeef mindaa argachuu hin barbaannu ree? Erga rakkoon nurraa kaate booda oftuulun Rabbiin irraa garagaluu hin qabnu. Akkuma nurraa rakkoo kana kaase rakkoo biraas nutti fiduu irratti Inni danda’aadha.

6.Namoota rakkoo guddaa keessa jiran yaadachuu – karaan biraa obsa itti gabbifatan namoota nu caalaa rakkinna keessa jiran ilaaludha. Yeroo baay’ee namni namoota ofii olii ilaalun qananii Rabbiin itti kenne irraa jaamaa ta’uun ‘Ani hiyyeessa, waa hin qabu fi kkf “jechuun komii dhiyeessa. Yommuu rakkoon isa tuqxe inumaa itti abaasa, obsa hin qabu. Mee ilaali namoota meeqa mana dhabee handaara jiraata, namoota meeqatu wanta nyaatu fi dhugu dhabe, namoota meeqatu boombiin itti rooba, namoota meeqatu ijaa gurraa dhabe. Yommuu rakkoo namoota sanii ilaallu Rabbii galata galchuun rakkoo keenyatti sabbarra.

Har’aaf waa’ee obsaa nu gahaa. Hanga torbaan kutaa itti aanuun walitti dheebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.

Kitaabile wabii


  1. Patience and Gratitude- By Imaam Ibn Al-Qayyiim
Obsa-furtuu milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 3ffaa
Obsa:Furtuu Milkaa'innaa fi Gammachuu-Kutaa 1ffaa

Leave a Reply