Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.7

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Caamsaa (May) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaanamtedha. Xurree jechuun karaa biraatin ‘daandii’ jechuudha.

Jireenya kee keessatti jijjiramni wanta tasa uumamu osoo hin ta’iin adeemsadha. Takkaan fiixe barbaaddu koruu hin dandeessu. Akkuma guyya guyyaan jijjiramuuf carraaqxun marsaa guddinnaa tokko irraa gara marsaa itti aanutti dabarta. Jireenya keessatti tuqaan ani nama guutudha itti jettu gonkumaa hin jiru. Yeroo hundaa jijjiramaaf affeeramta. Kanaafu jijjirama arguuf carraa argatte hundatti fayyadami. Jarjarte abdii hin kutin. Abdii fi obsaan gara funduraatti tarkaanfadhu. Yommuu rakkoon ykn dogongorri uumamu rifatte jijjiramaa fi foyya’iinsa irraa duubatti hin mucucaatin. Yommuu gufuun si muudatu marsaa jijjiramaa tokko irraa marsaa itti aanutti akka darbaa jirtuu yaadadhu. Gufuwwan jireenyatin rukutamte duubatti hin hafin. Wanta qabduun carraaqi. Insha Allah guyyaa tokko jireenyi tartiiba horatti.

Yoo salaatati sirritti maxxanxe Insha Allah guyyaa tokko balballi milkaa’inna siif banama. Salaata irraa dadhabaa fi akkuma argee nama salaatu hin ta’iin. Yeroo fi sirnaa isaa eegde salaatuf carraaqi. Salaata dhiisun kufaati fi dhiphinnaaf harka kennudha. Sheyxaanni salaata irraa duubatti si harkisuun nageenya si dhabsiisu barbaada. Yommuu inni akkana jedhe si wasawasu ‘Maaliif salaatta homaa irraa argataa hin jirtu.” ati immoo akkana jedhiin,”Asi badii. Salaata nu gachisiiste nageenya nu dhabsiisu barbaadda. Mee ilaali warroota salaata hin salaanne cinqii akkamii keessa akka jiran! Beekkadhe ani si hin dhagahu. Wanta feete yoo jette Insha Allah ani salaata hin dhiisu.Badii asi, na hin jeeqin.”

Niyyaa keessaa osoo hin beekin, yaaduma/mamii keetin murtoo hin dabarsiin. Yommuu namni tokko hojii gaarii hojjatu, niyyaa isaa osoo hin beekin ‘Riyaaf (na argaaf) hojjata.’ hin jedhin. Fakkeenyaf yommuu inni sadaqaa baay’ee kennu, ‘Namtichi kuni namoonni haa arganiif akkanitti sadaqaa kenna.” hin jedhiin. Niyyaa nama kamiyyuu Rabbii qofatu beeka. Yommuu yaanni akkanaa sammuu kee qaxxaamuru, jedhii ‘A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim. Ani qalbii namoota irratti too’ata ta’ee hin ergamne. Wanta na hin galchine keessa maaltu na galchee? ”

Fedhii fi sheyxaana hordofuun madda jallinnaati fi badiiti.
Daandii sirrii Islaama hordofuun immoo madda qajeelinnaa fi najaa(baraaramaati).

Yommuu qalbiin As-Salaam (Madda Nageenya kan ta’ee Rabbiin) irraa garagaltu, nageenya eessarraa argatti?

Duuti tasa sitti dhuftiiti galaa qopheefadhu. Wanta boruuf of dura ergite mee takkaa ilaali, mil’adhu.

Wanta dhabdeef gaddaa fi abdii kutuu gadi fagootti lixuun dura, sababa itti dhabdee fi bu’aa isaa qoradhu. Fakkeenyaf, osoo telefoonni qaalin tee si jalaa badde ykn hatamte, gaddaa fi abdii kutuun haguugamu irra sababa fi bu’aa itti dhabde ilaali. Telefonni tee yookaa akka of tuultuf sababa ta’uu dandeessi. Kanaafu ishii dhabuun miira of tuulu sirraa kaasa. Yookaa hojii gaggaari akka hin hojjanne duubatti si harkisti. Kanaafu ishii dhabuun hojjataa cimaa akka taatu si taasisa. Haala kanaan bu’aa baay’ee qoradhu. Rabbiin wanta tokko yoo sirraa fudhatu Garmalee Mararfataa akka ta’ee ni hubatta. Kanaafu obsii, bu’aa isaa eegi. Gaddaa fi abdii kutuun bu’aa wanta dhabde hin dhabin.

Ilmi namaa Rabbiif bitamuun ala furmaata ykn filannoo biraa hin qabu.” Yoo isaan Rabbiif hin bitamiin addunyaa aakiratti adabbii/azaaba hamaatu itti bu’a. Harka sheyxaanatti kufuun gammachuu dhabu. Yoo Rabbiif bitaman immoo addunyaa aakiratti nageenya fi gammachuu argatu, najaa bahuu.

Dhiiras ta’ii dubartiis ta’ii barbaachisummaa malee halkaniin ala hin turin. Galgala yeroon gara manaa deebi’i. Sababni isaas halkan yeroo sheyxaanni namoota baay’ee itti sobuu fi badiiwwan baay’een itti raawwatamaniidha. Halkan ala turuu yoo bartee godhatte yommuu fuutu/heerumtu yeroon gara manaatti deebi’un sitti ulfaata. Sababa kanaan rakkoowwan baay’een uumamu danda’u. Maatii kee balarra bu’a. Hiriyyoota halkaniin bakka hin taanetti si harkisan irraa fagaadhu. “Lakki amma halkanii ala turuu hin barbaadu.” jedhiini yeroon gara manaatti deebi’i.

Namoota gammachiisu fi na argaaf jette wanta badaa yookiin inuma wanta gaarii hin hojjatin, hin dubbatin. Namoonni akka si jajaniif dandeetti ykn qabeenya kee agarsiisuf hin carraaqin. Guyyaa tokko garmalee seenoftaati. Har’a gaarii sitti fakkaachu danda’a garuu boru keessa kee gaabbidhaan rukuta. Wanti ani yeroo darbee namoota gammachiisuf hojjadhe yookin dubbadhe har’a yommuu gochoota san yaadadhu gaabbidhaan rukutama.

Yommuu namni tokko gocha badaa isaa dhiise towbaa qulqulluu fi dhugaan gara Rabbii deebi’u, seena isaa/ishii darbe yaadachisuun, duubatti hin harkisin, bakka duraatti hin deebisin, madaa darbee itti hin kaasin. Inni/ishiin dukkana irraa gara ifaatti, dhiphinna irraa gara bal’innaatti bahaa jira/jirti. Kanaafu gufuu itti hin ta’in. Yoo dandeesse jajjabeessi. Ta’uu baannan “Nama badaa akkanaa turte,kana kana raawwataa turte, akkamitti kana dalagda fi kkf ” jechuun maqaa hin xureessin, duubatti hin mucucessin. “Namni towbaa qulqulluun gara Rabbii deebi’e akka waan hojii badaa hin raawatinitti lakkaawama.” Kanaafu arraaba fi gocha kee nama gara jijjiramaatti tarkanfataa jiru irraa eegi.

Hadhaa du’aatin arrabni kee goguun dura mi’aa zikriitin arrabaa fi qalbii tee jiisi.

Daandii dheeraa jireenyaa kana keessa osoo adeemtu yeroo tokko tokko jabeenya dhabda, abdii kutuun sitti dhagahama. Nama ol si qabu barbaadda. Garuu nama akkasi dhabuu dandeessa. Wanti hunduu sitti dukkanaa’u danda’a. Hin dhiphatin kuni hundi qormaata. Kuni tuqaa marsaa tokko irraa marsaa itti aanutti itti dabartudha. Marsaa itti aanu gaarii kan ta’etti darbuuf haala kee jijjiruuf carraaqi. Marsaa foyya’iinsa itti aanutti darbuuf sirritti carraaqi malee duubatti hin mucucaatin.

Hojiilee ibaada akkuma argite fedhii keetin hin hojjatin. Kana irra hojii ibaada Qur’aana fi Sunnaah ergamaa Rabbii (nageenyi fi rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu) waliin deemu hojjadhu. Hojii ibaada kamiyyuu Rabbiin biratti fudhatama argachuuf ulaagalee lamaan kanniin guutu qaba. Ta’uu baannan hojiin sun hanga fedhe gaarii fi bareeda haa fakkaatu fudhatama hin argatu.
1. Iklaasa – hojiin sun Rabbiif qofa jedhanii kan hojjatan ta’uu qaba.
2. Sunnaa Ergamaa Rabbii waliin kan deemu ta’uu qaba.
Kanaafu yommuu hojii gaarii kamiyyu dalagdu hojiin kee ulaagaale lamaan kana guutu fi guutu dhiisu of gaafadhu. Bida’a (wanta haarawa amantitti dabalame) hin hordofin.

Wanta dubbattuuf of eeggadhu. Jechoonni kee sii fi nama ati itti dubbattu miidhu danda’u. Jechoonni gaariin salphatti dagatamuu danda’u garuu jechoonni hadhaa dagachuun ni ulfaata. Keessa kee gaabbi fi gaddaan gubuu danda’u. Nama san osoo araarama gaafatte fi sii araarame jechoonni ati dubbatte sammuu isaa keessa hin haaqaman. Kanaafu arrabaa kee daangaa qabsiisuf tattaafadhu. Qalbiin namoota takkaa walitti madoofnan fayyisuun ni ulfaatati.

Yoo nama tokko Imaana isaatif /ishiitif jaallatte, gaa’ilaan(fuudhaa heeruman) dura itti hin dhiyaatin. Sababni isaas, hariiro haraama uumun kaayyoo barbaadame galma akka hin geenye taasisa. Yoo karaa haraamatin wal qunnamtan, walii bilbiluun,misejii walii erguun, wal qaxaruun wal jeeqxan. Dhumarrati immoo walirraa dheessutu dhufa. Inuma Imaanni keessan adeemsa keessa baduu danda’a. Kanaafu gaa’illi keessan barakaa akka qabaatuf obsaa. Santu isini caalati. Rabbirratti hirkadhu.

Dhugumatti yommuu qalbiin zikrii irraa qullaa taatu, gammachuu dhugaa fi tasgabbii dhabdi, walitti sunturti. Namtichi jireenya dhiphinnaa fi gammachuu hin qabne gaggeessa. Zikriin nyaata qalbiiti. Qalbiin nyaata kana yoo dhabde maal haa taatu ree dhiphachuu fi gadduu malee!

Nama Rabbiin badii irraa tikse dhugumatti milkaa’inna fi gammachuu galmaan gahe. Nama Rabbiin baditti dhiise immoo dhugumatti inni hoonga’e, kufaati fi gadda malee wanti inni argatu hin jiru. Kanaafu mataa keenya badii, hoongo, kufaati, gadda, dogongora fi kkf irraa of tiiksuf furmaanni keenya Kitaaba Rabbii (Qur’aana), Sunnaa ergamaa Rabbii (SAW) qabachuu, fi salaata, du’aayi fi zikritti maxxanuudha. Kanaan ala milkaa’inna fi gammachuu argachuuf furmaata biraa hin qabnu. Karaan biroo jallataa fi baditti kan nama geessaniidha. Karaan jalqaba sheyxaana ilma namaa gara baditti geessu salaata akka dhiisan gochuudha. Salaata dhiisnan yookiin sirnaan salaatu baannan namticha fedhii ofii hordofuun baditti of darba. Sababni isaas salaanni jabeenya fi wanteedha. Jabeenya fi wanteen kuni yoo namarraa mulqame namtichi qullaa fi dadhabaa ta’a, ijjannoon isaa ni laamshaya. Badii ofirraa ittisuu hin danda’u. Akkuma loltun durii yoo wantee (gaasha) hin qabaatin eboon takkamaan waraanu namni salaata hin salaannes waraanni sheyxaana takkamaan waraana, baditti dabarsa. Kanaafu salaata sirnaa fi sirritti salaatun badii irraa nama baraara, diina ofirraa ittiin dhahan. Kanaafu salaatatti maxxanuu fi sirnaan salaatuf haa carraaqnu.

Yeroo tokko jaartin dulloomtuun akkana jette,”Fedhii fi gammachuun hunduu darbee;kan hafe laalaa/dhukkubbii isaa qofa.” Kanaafu yeroo dargagummaa keessa jirtu kanatti,gammachuun hunduu akka darbu yaadadhu. Gammachuu xiqqaaf jette laalaa itti fufaa hin argatin. Obsi. Sabriin hadhaa gara mi’aatti jijjira.

Olola diinni kee ‘hijaabni uffata duubatti hafaadha, dubartii cunqursa’ jedhu dhageefachuun uffata kabajama ofirraa hin mulqin. Nama qullaa deemu caalaa namni duubatti hafaan eessa jiraa? Nama fedhii ofii, sheyxaana fi namoota gabra ta’ee caalaa namni cunqurfamaan eessa jiraa? Hijaabni kana hundarraa si baraara. Kanaafu jedhii Alhamdulillah hijaaba uffachuu keetif.

Yommuu namtichi fedhii fi qormaata sheyxaana moo’atu, gara moggaa ol’aanutti ol baha, sadarkaan isaa ni dabala. Nama cimaa fi murannoo qabu ta’a/taati. Fedhii fi sheyxaana hordofuun nama laamshessa, ijjannoo fi murannoo qancarsa, jireenya ifa dukkaneessa. Kanaafu obsaan itti qabsaa’i. Du’aa godhii, beekumsa si fayyadu barbaadi. Murannoon kee cimaa haa ta’u.

Hamaan arraba fi sammuu of hin dhukkubsin. Dubbii oli gadi guurun rakkoo fi gaddaa keessaa hin baanetti hin seenin. Namoota wal lolchisisuun cubbuu ofirratti hin baachisin. Aybii (hanqinna) kee dagatte kan namoota barbaadun wanta si hin galchineef of hin dhiphisin. Hanqinna kee irratti xiyyeefadhu. Jireenya mataa keeti jiraadhu.

Namoonni gariin daandii milkaa’inna shaakarra’aa kan hin taane gufuun kan nama hin dhofne se’u. Jijjiramaa fi milkaa’innaf imala jalqabu. Yommuu gufuun isaan dhoftu, yooma san wanta hojjachaa jiran dhaaban. Itti deebi’ani yaalu dhiisani abdi kutu. Kanaafu yommuu daandii jijjiramaa irra adeemtu, sabrii, abdii, ciimte hojjachuu fi tawakkula hidhadhu. Karaa irratti gufachuu dandeessa. Nama ol si qabuus ni dhabda. Achitti kufte hin hafin. Namoonni na jajjabeessan jette yeroo baay’ee hin eegin. Namoonni baay’een jijjirama kee hin barbaadan. Si jajjabeessu fi gorsuu dhiisanii dogongora sirra barbaadu. Gara duubatti si harkisu barbaadu. Carraaqi guyyaa tokko wayitti ni baata, abdii hin kutin.

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-lakk.8
Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-Lakk.6
Kana Raabsi

2 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.