Obsa-furtuu milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 3ffaa

Meeqa kamtu obsa dhabee milkaa’innaa fi gammachuu irraa duubatti mucucaate! Obsii yeroo tokko tokko akka ibiddaa nama guba. Garuu gubaan isaa gara waan gaarii fi ifatti jijjirama. Namoonni gubaa obsaa kana baadhachuu dhabuu isaanitirraa kan ka’ee gubaa hamaa san caalu wanta jarjaniifi dhandhamu. Ilmi namaa jarjaraa fi ariifataadha. Wanta tokko dafee argu barbaada. Kuni garuu miidhaa malee bu’aa isaa fidu hin danda’u. Seenaa ummattoota darbanii yoo ilaallu, Nabiyyoota isaanitiin, “Adabbii ittiin nu sodaachistan fidaa dhugaa kan dubbattan yoo taatan.” jechuuni turan. Wanti Nabiyyoonni isaani itti waaman obsaan fudhachuu dhiisanii, adabbii waadaa galamanitti ariifatu. Wanti itti ariifatan isaanii hin oolle isaanitti bu’ee isaan balleesse. Kuni hundi obsa dhabuu fi jarjaruudha.

Meeqatu obsa dhabee karaa walakkaa milkaa’innaa irratti hafe. Ga’uuf xiqqoon osoo isa hafuu naafxan obsaa jalaa dhumatte baditti konkolaate. Namoonni yeroo lama keessatti obsii isaani jalaa dhumatu danda’a. ısaaniis: yeroo rakkoo fi yeroo toltuu. Garuu obsii yeroo toltuu baay’ee ulfaatadha. Namoonni baay’een yeroo rakkoo filannoo biraa waan hin qabneef obsuu danda’u. Garuu yeroo toltuu nama ijjannoo cimaa qabutu obsa. Obsa dhabuu irraa kan ka’ee mitii qabeenya ofiitin wanta fokkuu itti hojjatan? Obsa dhabuu irraa kan ka’ee miti namni yommuu qabeenya argatu Rabbiiin irraa garagaluu fi daangaa Isaa darbuu? Kana irraa kan ka’ee hadhaa wanta hojjataa turanii dhandhamu.

Insha Allah har’a adeemsa jireenya keenya keessatti obsa akkamitti akka jabeefannu mee haa ilaallu.

Obsa jabeefachuuf beekumsaa fi gocha nu barbaachisa. Waa’ee wanta tokko yoo hin beekin obsuun ni ulfaata. Erga beekanii booda beekumsa san hojitti yoo hin hiikin obsi dhufuu hin danda’u. Obsii beekumsaa fi hojii waliin kan wal qabateedha.

Obsi guddaa fi jalqabaa nuti jabeefachuu qabnu obsa ‘Ibaada Rabbii fi Isaa ajajamuu’ irratti. Namni tokko jireenya isaa keessatti imaana dhabnaan jireenya akkamii addunyaa aakhiratti gaggeessa? Ee kasaara isaa kan imaana dhabe! Addunyaa keessatti qabeenya dhabuun kasaaru dandeessa. Garuu yeroon booda qabeenya san ni argatta yookiin atu du’aan addunyaa tana gadi lakkista. Imaana yoo dhabde hoo akkam taata? Imaana malee addunyaa tana irraa yoo deemte adabbii akkamitu si eeggata? Warroota Rabbiin qofa gabbaruu dhiisani fedhii lubbuu isaani, sheyxaana fi namoota gabra ta’uun jireenya daraara akkamii akka jiraata jiran mee ilaali. Baay’achuu qabeenya isaani hin ilaalin. Inuma qabeenyi itti baay’achuun daraara irratti daraara, dhiphinna irratti dhiphinna, machaa irratti machaa isaani dabala jira.

Rabbiin qofa gabbaruun bilisummaa, gammachuu fi milkaa’inna dhugaa yommuu namaa laatu, Rabbiin alaa wantoota biraati gabra ta’uun ba’aa hin dandeenya namatti fe’a. Mee ilaali warroota faashini hordofan. Wanti haarofti baye yommuu jedhamuu wanta kaleessa bitan achi gatanii haarawa kana bituuf figu. Ammalle haroofti kuni isaan hin quubsu, kan biraa fedhu. Mee ilaali dubartii kabaja fi hamilee ofii gurgurtee. Warshaan faashinoota uffata tarsa’aa fi qaama ishii agarsiisu oomishuuf. Sheyxaannis kana itti bareechise kabajaa fi hamilee ofii uffata kana uffachuun gurgurti. Salphinna fi hoongo akkami! Kuni adabbii addunyaa nama Rabbiin qofa gabbaruu fi Isaa ajajamu dideeti. Yommuu imaana malee addunyaa keessaa bahan adabbiin isaani dacha dachaa ta’uun hadhaa wanta hojjataa turanii dhandhamu. Kanaafu imaana irratti obsa qabaachun hin barbaachisu ree?

Sheyxaanni imaana kee si jalaa hatuuf boqonnaa hin qabuu, yeroo hundaa wanta tokkoon si dhamaasun imaana kee sirraa mulquu barbaada. Yeroo kanatti obsaa, beekumsa, carraaqi, zikrii fi du’aayi barbaachisa. Meeqa kamtu fedhii ofii hordofuun sheyxaanni isa qabate karaa irraa jallise, erga kabajamee booda salphate. Aayan tuni fakkeenya gaarii nama imaanan booda duubatti deebi’e nuuf dhiyeessiti.

Oduu nama Aayatoota (mallatoole, keeyyattoota, barnoota, raga ifa bahaa) keenya isaaf kenniinaan ishee irraa bahee, sheyxaanni isa hordofee fi jallatoota irraa ta’ee isaaniif odeessi. Odoo feenee isheedhaan (Aayatoota keenyan) ol isa fuunaa turre. Garuu inni gara dachiitti dabe, fedhii lubbuu isaas ni hordofe. Fakkeenyi isaa akka fakkii saree yoo ariite arraba baasuu, yoo dhiistes arraba baasuuti. Kuni fakkeenya ummata Aayatoota keenya kijibsiisaniiti. Akka isaan xinxallaniif jecha seenaalee odeessi.” Suura Al-A’araaf (7):175-176

Aayan tuni nama Aayatoota Rabbii erga beeken booda irraa garagalee hundaaf taati. Namtichi kuni Rabbitti erga amaneen booda yommuu fedhii lubbuu ofii hordofuu, sheyxaanni isa qabuun daandii haqaa irraa isa jallise. Jireenya Aakhiraa yeroo dheeraf turtuu dhiise jireenya addunyaa tanatti of maxxanse. Amantii ofii gurguree fedhii addunyaa jala fiige. Yommuu addunyaa irraa waa kennamuuf hin quufu, ammallee kan biraa barbaada. Inni akka saree arraba baasuti. Fakkeenya akkam fokkatu!

“Imaanni koolu gara sadarkaa ol’aanatti ittiin ol bararuu isaaf kennaa ture. Garuu inni sadarkaa gadii aanaa irraa gadii aanatti of gadi deebise.” Qajeelcha Rabbii dhiise lubbuu ofii hordofuun of hoongesse. Imaanni isaaf nageenya fi tasgabbii ta’aa ture. Garuu yommuu imaana irraa garagaluu addunyaa tanaa fi lubbuu ofitiif gabra ta’uun sheyxaanaf harka kenne. Kana caalaa hoongaa’a fi namni badaan ni jiraa ree?

Kanaafu imaana keenya eeguuf sirritti carraaqu qabna. Yommuu imaana keenya eeguuf carraaqnu obsa guddaa nu barbaachisa. Yeroo tokko tokko sheyxaanni imaana keenya akka bubbeen muka hurguftuutti hurgufa. Hurguffi kana yoo dandametti jala dabarte imaanni kee daran cimaa adeema. Fuggisoo kanaa garuu hurguffi kana yoo kufte imaanni kee ni dadhaba. Munaafiqni fi mu’iminni hurguffi kanaan adda bahu. Munaafiqni ni kufa. Mu’iminni immoo injifannoon bira darba. Akkuma hurguffi (qormaata sheyxaana) kana obsaan bira dabartuun sheyxaana irratti angoo argataa adeemta. Namni qormaata kana kufe immoo sheyxaanni aangoo isarratti horata.

Hurgufiwwan (qormaata sheyxaana) keessaa mee muraasa haa ilaallu:

1.Shakkii qalbii kee irratti darbuun imaana kee hurgufa (sochoosa)– Waa’ee Rabbii, Qur’aana, Guyyaa Qiyaama fi kkf ilaalchise shakkii qalbii kee irratti darba. Dhugaa soba, soba immoo dhugaa sitti fakkeessa. Dhama’iinsi fi dukkanni si muudata. Ni hurgufamta. Rabbiin sii haa eegu duubattis mucucaatun akka namticha armaan olii ta’uu dandeessa. Falli kee maalii ree?

a.Sheyxaana Rabbitti mangafachuu
Sheyxaanni dukkanaa, shakkii fi dhama’iinsa namatti buusun qajeelinna irraa nama dabsa. Yommuu sheyxaanni gaafiwwanii fi shakkii adda addaatin ilaalcha kee dukaneessu, Rabbitti isa mangafadhu. Sababni isaas Rabbiin “Yoo waswasaan (yaanni badaan) sheyxaana irraa ta’ee si jallisuuf dhufe, Rabbitti mangafadhu. Dhugumatti, Inni (Rabbiin) Dhagahaa, Beekadha.” Jechuun nu ajaja. (suura Fussilat(41):36)

Yeroo kanatti irra deddeebite Rabbitti mangafachuu fi obsuu si barbaachisa. Yoo obsa qabaatte yaanni badaa fi dukkanni suni sirraa deemun ifaa fi mi’aa imaana dhandhamta.
Namoonni yeroo baay’ee yommuu sheyxaanni waswasaa isaanitti darbuu, ni mormuu, qajeelinna irraa jallinatti mucucaatu. Qajeelinna barbaadu fi fudhachuu dhiisani, karaa sheyxaana jallinnaa hordofu.

23:97

23:98

Jedhi ‘Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin mangafadha.Gooftaa kiyyaa isaan natti dhufuu irraa sitti mangafadha. (Rabbi a’uuzu bika min hamazaati shayaaxiin wa a’uuzu bika rabbi a’yahduruun) “ Suuraa Mu’iminuun:97-98

b.Karaan biraa qormaata sheyxaana jalaa itti baatu ‘beekumsa barbaadudha’. Beekumsi wantee (gaashaa) namaati. Wallaalummaan immoo diina fi badii ilma namaati. Sababa beekumsa sirrii dhabuu fi karaa qajeela hordofuu dhiisutin ilmi nama daraara keessaa hin baane keessa jiraataa jira. Beekumsi sheyxaana ittiin moo’attu filoosofii fi saayinsii ammayyaa osoo hin ta’iin gara Qur’aana fi Sunnaah Ergamaa Rabbii (Sala Allahu aleyh wa sallam) itti deebi’uudha. Sababa maddoota lamaan kanniin irraa garagaluutin jallinni ardii irratti baay’ate. Yommuu gara beekumsa kanaa deebituus mallatoolen gaafii baay’een sammuu keessatti kuufamu danda’u. Mallatoolen gaafii hunduu deebii qabuu yoo obsaan beekumsa kana barbaadde. Gaafiin hunduu takkaan deebii hin argatu. Obsa barbaachisa. Wallaalummaa irraa kan ka’ee namoonni dhugaa ifa jiru kijibsiisun lubbuu ofii miidhu. Wanta salphaa dhiisanii wanta beekumsii isaani bira hin geenye irratti sammuu ofii dadhabsiisu, ni dhiphisu. Waa’ee Rabbii ilaalchise Qur’aana fi hadiisa dhiisanii filoosofi adda addaatti taruun sammuu ofii dugulchu, ifa irraa dukkana jallinaatti taru. Kuni qormaata sheyxaanati.

c. Gaafiwwan hin fayyyanee gaafachuu dhiisu fi mormii irraa dheessu- Yommuu jireenya kee keessatti gaafiwwan si hin fayyanne gaafattu fi mormii baay’istu dukkana irratti dukkana ofitti dabalta. Baniin Israa’il wanta salphaa ajajaman hojjachuu dhiisanii gaafi hin fayyanne Nabii Muusaa (AS) gaafachuun dhimmicha ofirratti jabeessan. Nutis wanta nu hin fayyanne yommuu gaafannu, dhimmi salphaa ofirratti dukkaaneessaa adeemna. Yommuu gaafiwwan hin taane sheyxaanni qalbii kee irratti darbu Rabbitti mangafadhu. Namoota waliinis ol’aantummaa argachuuf yookiin na argaaf hin mormiin, lubbuu kee miitati. Warroota bu’aa malee si mormaniis irraa garagali. Wanta beekumsa irratti hin qabne nan beeka jette hin mormiin. Wanta hin beeknef hin beeku jedhi.

d.Salaata sirnaan salaatun furmaata guddaa qormaata sheyxaana jalaa itti baatudha. Salaanni siif jabeenya fi wantee si ta’a. Salaata akkuma argite yoo salaatte yookiin hundemaa dhiiste, sheyxaanni si qabachuun daandii haqaa irraa si jallisaa. Kanaafu salaata yeroo isaa eeguu fi sirnaan salaatun balaa sheyxaana jalaa bahuu dandeessa.

e.Qormaata sheyxaana jala imaana kee baraaruf falli biraa ‘Du’aayi fi zikrii’ baay’isuudha. Akkuma zikrii baay’istuun sheyxaanni sirraa dheessa. Akkuma Rabbiin dagattuun sheyxaanni dukkannatti si dabarsa. “Yaanni nama qoru sheyxaana irraa dhufuu jaaminnaaf sababa ta’a, Rabbiin yaadachuun immoo ijaa fi qalbii bana. Yaanni sheyxaana namoota dukkanatti dabarsa, gara Rabbii deebi’uun immoo ifaa kennaaf. Yommuu namoonni qajeelcha Rabbitti hidhatan, sheyxaanni isaan irratti angoo hin qabu.” Kanaafu akkuma zikrii fi du’aayi baay’istuun imaana kee baraara adeemtaa jechuudha. Du’aayiwwan babbareedo keessa kanniin yeroo hundaa gochuu hin dagatin:

يَا مُقَلِّبَ الْقُلُوبِ ثَبِّتْ قَلْبِي عَلَى دِينِكَ

“Yaa Kan qalbii Jijjirtuu hoo! qalbii koo Diinii(amantii) kee irratti gadi dhaabi.”

3:8

Gooftaa keenya erga nu qajeelchitee booda onnee keenya dhugaa irraa hin jallisin. Si biraas rahmata nuuf kenni.Dhugumatti Ati akkaan kennaadha.” Suura Ali-Imraan 3:8

f. Badii fi cubbuu irraa dheessi– akkuma cubbuu fi baditti dabartuun imaanni kee dadhabaa adeema. Akkuma badii irraa dheessituun imaanni kee cimaa adeema.

2.Qormaanni lammaffaa sheyxaanaa salaata irraa duubatti si harkisuudha. Sheyxaanni akkanumatti lafa olka’ee nama tokko gabra hin godhatu namticha keessatti dadhabinna yoo arge malee. Namtichi jalqaba salaata dhiisa yookiin sirnaan hin salaatu. Ergasii fedhii ofii hordofa. San booda harka sheyxaanatitti kufa.

Isaan boodaas bakka bu’oota salaata dhiisanii fi fedhii lubbuu isaani hordofantu hafe. Hallayyaa Jahannam qunnamuuf jiru. Garuu namni tawbatee, amanee, hojii gaarii hojjate, warri sun jannata seenu; homaa hin miidhamanu.” Suura Mariyam (19): 59-60

Kanaafu addunyaa tana waliin osoo ko’oomnuu fi fedhii teenya jala deemnu yoo salaata dhiisne, adabbii guddatu nu eeggata. Rabbiin irraa nu haa tiiksu. Aalimni Al-Qaasim bin Mukhaymirah akka jedhanitti Aaya tana keessatti salaata dhiisu jechuun hundeema salaatu dhiisu osoo hin ta’iin yeroo fi sirna isaa eeganii salaatu dhiisudha, yeroo irra dabarsuudha. Hundeema salaata dhiisu yoo ta’ee immaa kuni kufrii ta’a.” (Ilaali Tafsiir ibn kasiir, tafsiira Aayaa tanaa)

Qormaata lammataa kana jalaa bahuuf:
a.Gara masjiida fiigu fi jama’aan salaatu– akkuma gara Masjiida fiigdu fi Jama’aan salaattun, salaata irraa mi’aa argataa adeemta. Akkuma jeedalli hoolaa addatti argatte liqimsitu, sheyxaannis nama addatti argate karaa irraa dabarsa. Kanaafu haala kamiyyuu keessatti jama’aatti maxxanuun hulaa sheyxaana cufuudha. Jama’aa irraa dheessani adda fiigun immoo afaan diinaa keessa bu’uudha.

b.Yommuu azaanni azaanamu hojii hojjatan dhiisanii gara salaata fiigu– Yommuu bartee kana irratti of shaakalsiistu, sheyxaanni salphatti si hin qabatu. Garuu osoo azaanni bahuu akka waan hin dhagayinitti hojii addunyaa tee yoo itti fufte, hadhaa baay’ee dhandhamta. Yommuu azaanni bahuu, wanta hojjattu san dhiisun gara masjiida fiigi. Kana gochuuf carraaqqi waan si barbaachisuuf, obsaan carraaqi.

c.Erga gara salaata deemte booda yaada addunyaa alatti dhiisun salaata irratti xiyyeefachuuf carraaqi. Akkuma yaada kee guutu salaata irratti sassaabuf carraaqxun, salaata irraa mi’aa argatta. Kunu hunduu obsa waan barbaachisuuf obsi.

d.Erga salaata xumurte booda fiigde ba’uu osoo hin ta’iin du’aayi baay’isi. Akkuma salaata booda du’aayi baay’istuun salaata irraa mi’aa argatta, jabeenya horatta. Istigfaara (araarama kadhachuu) baay’isi.

Haala Kanaan Qormaata sheyxaana jalaa bahuu dandeessa. Kunu hunduu obsa gaafata. Obsa jechuunu wanta gaarii lubbuun tee hin jaalanne irratti gadi qabuu yookiin wanta si miidhu garuu lubbuun feetu irraa of qabu jechuudha.

Rabbiin gabbaruu irratti obsuun bu’uura wanta hundaati. Namni kana irratti obsuu dadhabee akkamitti ibidda jahannam irratti obsaa? Dhiiro beektu sila obsii hanguma duuti nutti dhuftuuti. Sana booda namtichi rakkinna Aakhiratti isa qunnamu obsee dhiise jijjirama wayitu hin qabu. (Ilaali suuratu Xuur (52):16) Rabbiin obsaa fi sabaata nuuf haa kennu. Amiin Yaa Rabbal aalamiin.

Print Friendly, PDF & Email
Yuniversiti Keessatti Milkaa'uf
Qormaata Biyyoollessa fi Kan biroof Milkaa’uf

Leave a Reply