Yuniversiti Keessatti Milkaa’uf

Yuniversitiin iddoo dhaloonni beekumsa itti kuufate biyyaa fi addunyaa ofii itti ijaarudha. Wantoota adda addaa irraa fagaachun beekumsa fi akkamitti biyya akka jijjiran irratti iddoo itti xiyyeefataniidha. Kanaafu yuniversitiin iddoo jijjiramaa fi isa seenun carraa guddaadha jechuu dandeenya. Garuu yuniversitii seenuun qofti gahaadha? Jijjiramni yuniversitii keessatti adeemsifamuu hoo maaliidha? Of gaafanne beeknaa?

Eeti yuniversitiin iddoo jijjiramaati. Yookaa nama badaa irraa gara nama gaariitti yookiin immoo nama gaarii  irraa gara nama badaatti itti jijjiramtuudha. Yookiin immoo gaarummaa ykn badummaa kee akkasumatti itti fuftuudha, jijjiramni yoo jiraates xiqqoodha. Baratoota meeqatu gaarummaan guddatanii yommuu yuniversitii seenan hiriyyaa badaatti makamuun namoota babadoo fi gadhee keessaa ta’an. Naannootti nama gaarii akkamii osoo jedhamuu yuniversitii yommuu seenu fedhii ofiiti fi hiriyyaa badaatin lakkafame /lakkafamte. Akkasumas, namoonni badaa jedhaman yommuu yuniversitii seenan hiriyyaa gaariitti makamuun jireenya ofii jijjiranii fi foyyeessan baay’eedha. Kanaafu yuniversitii keessatti akkamitti nama milkaa’a ta’uu dandeessaa?

Namoota haarawa gara yuniversitii seenaa jiranii fi amma jireenya yuniversitii gaggeessaa jiraniif mee tuqaalee ijoo armaan gadii haa eerru.

1.Yommuu yuniversitii seentu/deemtu of eeggadhu– yommuu gara yuniversitii deemtu meeshaalee fi mi’a si barbaachisaan qabadhu deemi. Gara yuniversitii yommuu deemtu nama waliin deemtu filadhu. Fakkeenyaf, saala faallaa waliin deemun rakkoo guddaa irraa nama buusa. Seexaanni wanta badaatti isin kakaasun yuniversitii osoo hin seenin jireenya keessan hidda kuttu. Dubartii yoo taate dubartii qofa waliin, dhiira yoo ta’e dhiira qofa waliin deemi. Dhiirri adda deemu danda’a. Garuu yommuu dubartiin adda deemtu rakkoo guddaa irra of buusti. Yookaa maatiin ishii ishii gaggeessu qaba yookiin immoo dubartoota waliin deemu qabdi.

Akkuma yuniversitii seenten hiriyyaan jalqaba qunnamte hiriyyaa jireenyaa ta’uu danda’a. Yommuu ani jalqaba gara yuniversitii seenu wanti jalqaba na sodaachise hiriyyaa na qeebalee (na keessumeessedha). ‘Mucaan kuni sigaaraa kan xuuxu way ta’aa? Achumaan analle way balleessaa?” jechuun sodaacha ture. Alhamdulillah mucaan nama sigaaraa xuxu hin turre.

Kanaafu yommuu yuniversitii seentu namni jalqaba qunnamte sigaaraa kan xuuxu yookiin caati qama’u yoo ta’ee dafii irraa fagaadhu. Natti mufata jette hin sodaatin.

2.Hiriyyaa filadhu– jireenya kee keessatti keessumaayyu yuniversitii keessatti hiriyyaan baay’ee murteessadha. Sababa hiriyyaatin yookaa ni badda yookaa ni tolta. Hiriyyaa sigaara xuuxu fi caati qama’u waliin yoo oolte, yoo irraa hin fagaatin, atille boodarra isa hordofta. Hiriyyaa gara salaata fiigu fi wanta badaa irraa dheessu filadhu. Hiriyyaa wanta badaatti si kakaasu filannaan jireenya keessatti hin milkooftu. Akkuma isaa kokkolfe wanta fedhe nan hojjadha yoo jette boodarra gatii ulfaata (heavy price) kafalta. Garmalee gaabbita. Ofii fi maatii kee badii irra buusta. Dubartii meeqatu hiriyyaa hordofuun dhibee adda addaatin qabamte, ni ulfoofte. Gatiin ishiin amma kafaltuu gaabbii fi gaddaan haguugamuudha. Dhibeen Eedisii lubbuu barattoota yuniiversitii meeqaa galaafataa jiraa?

Michuu jireenya jette namni qabatte sunii eenyudhaa? İlaalte amalaa fi wanta inni hojjatu? Gara maaliitti si harkiisa? Yeroo hundaa wantuma badii haasawa moo Rabbiin si yaadachisa? Hiriyyaan har’a nuti duunuf yoo Rabbiin kan hin sodaanne ta’ee yeroon booda addunyaa tana keessatti yookiin aakhiratti diina nutti ta’a.

43:67

“Jaalalleewwan Guyyaa san isaan Rabbiin sodaatan malee gariin isaanii gariif diina. “Suura Az-Zukhruf 43:67

Kanaafu eenyun hiriyyaa akka godhatte ilaali. Nama zikrii (yaadannoo) Rabbii irraa si fageessu moo nama itti si dhiyeessu? Hiriyyaa zikrii (Qur’aana,salaata) irraa si fageessu yoo ta’ee, gaabbiin armaan gadii akka nama eeggatu hin dagatin.

Yaa badii kiyya! odoo ebaluun jaalalle onnee taasifachuu baadhee maal qabaa! Dhugumatti Gorsi (Qur’aanni) erga natti dhufee booda irraa na jallisee jira; sheyxaannis namaaf salphisaa ta’eera.” Suuratul Furqaan(25):28-29

“Hiriyyaan waliin oollu hunduu badoodha, nama gara salaataa deemu hin argu, maal gochuun qaba?” Jechuu dandeessa. Falli kee bakka isaan oolanii fi deeman hundaa waliin deemu osoo hin ta’in yommuu salaanni gahuu isaan irraa dheessun gara salaata deemudha. Isaan natti muufatan jechuun duubatti hin harkifatin. Rabbiin si uume fi si sooru (razzaqu) sitti dallanuu wayya moo nama dadhabaa waa si hin goone sitti mufachuu wayya? Keessaa filadhu. Yommuu gara salaata deemtu muufatanii dhiisanii gatii wayitu hin kenniinif. Yoo dandeesse gara salaatatti isaan kakaasi. Yommuu sigaara xuuxan yookiin caati qama’an irraa dheessi. Hiriyyoonni daree koo ‘Beena waliin haasofna’ jechuun yommuu sigaara xuuxu jalqaban, ani achumatti isaan gatee biraa deema. ‘Hin barbaadu isin waliin hin deemu’ jechuun duubatti biraa deebi’aa ture.

Kanaafu yuniversitii keessatti milkaa’uf hanga dandeessen hiriyyaa cimaa, amala gaarii qabutti maxxanii, waliin qo’adhaa, waan gaariitti wal gorsaa, waan badaa irraa wal dhowwaa. Hiriyyaa cimaa yommuu jedhu saalaa faallaa filadhuu waliin qo’adhu jechaa hin jiru. Saala faallaa waliin deemu irraa of eegi. Meeqa kamtu barataa cimaa osoo jedhamu saala faallatin faalame hafe. Dubartii yoo taate hiriyyaa dubartii, dhiira yoo taate hiriyyaa dhiira filadhu. Jama’aa yuniversitii keessa jirutti maxxanii.

3.Bakka ooltu fi bultu filadhu– guyyaas bakkuma argite kan ooltu, halkanis bakkuma argite kan bultu yoo ta’ee jireenya kee balaa irra buusta. Akkuma armaan olitti jenne guyyaa hiriyyaa kamiin waliin akka ooltu sirritti filadhu. Garuu wanti namoonni halkan irra bulan nama ajaa’ibsisa. Dukkana halkaniitin haguuggamanii wanti isaani hojjatan Rabbii qofatu beeka. Eenyullee nu hin arguu jechuun garmalee of gowwomsan. Filmii wal qunnamtii saalaa ilaala buluun sammuu ofii hadoochu, jireenya ofii keessa gammachuu haaqu. Bu’ammaan isaan filmii wal qunnamtii saalaa ilaalun argatan maaliidhaa sila? Keessi isaani gubachuu fi sammuun isaani hadoodu malee bu’aa biraa maal buufatu? Yommuu filmii fi moovi ilaalan, barnoonni dubbisan isaani hin galu, yoosu dagatu. Sammuu ofii wanta fokkuun hadoochanii barnoonni nu hin galu jedhan. Sammuun kanaan laamshaye jireenya akkamii gaggeessaa? Kanaafu bakka buultu fi ooltutti wanta fokkuu fi jireenya kee miidhan irraa dheessi. Filmii wal qunnamtii saalaa fi moovi ilaalu irraa Rabbiin sodaadhu ija kee gadi qabadhu. Akkuma wantoota fokkuu kana irraa ija kee gadi qabattu mi’aa imaana dhandhamta, barnoonni sirnaan si gala, daftee hin dagattu, gammachuu fi milkaa’anna horatta.

4.Namoota hin akkeessin– Hanga fedhan namoonni cubbuu/badii haa raawwatan, isaan hin hordofin, hin akkeessin. Namoonni baay’een sababa akkeessutin cubbuutti kufu. Akkana siin jechuu danda’u,”Namni hunduu jaalalle dubartii/dhiiraa qaba. Kana namni hunduu ni hojjata. Ati nama addaati? Dargaggummaa keetti fayyadami. Yoo amma of hin bashanansiisin yoom of bashanansiisuf? Rakkoo hin qabu boodarra ni tawbatta, Rabbiin gafurrahimi….” Hanga isaan hordoftu haala kanaan si sossobu. Namoonni kunniin sheyxaana namaati irraa garagali,wanta isaan jedhan gonkumaa hin dhagahin. Kabajama/tu obboleesa/obboleetti koo sheyxaana fi namoota fedhii ofii hordofaniin hin gowwomin. Osoo namni tokkichi kan dhugaa hordofuu fi badii irraa fagaatu si qofa ta’eyyu, gonkumaa badii raawwattoota hin hordofin. Hanga fedhe badii fi wanti fokkuun haa babal’atu injifannoo fi milkaa’inni haqaa fi namoota ishii hordofaniif ta’a. Seenaa keessatti hawaasa badii hojjachuun milkaa’e ni jiraa? Yeroo gabaabaf bilicliciin/ballaqqeessi addunyaa tanaa milkaa’inna itti fakkaachu danda’a. Garuu dhumni isaani halaakama/kufaatidha. Kanaafu badii/cubbuu raawwatota akkeessun baditti hin lixin. InshaAllah si kan milkaa’u fi gammadu.

5.Yeroo keetti fayyadamii- yerootti sirnaan fayyadamuun bu’uura milkaa’innatti. Namni yerootti sirnaan hin fayyadamne nama kufuu fi jireenya ofii moo’achuu hin dandeenyedha. Namoonni yerootti qoosan namoota jireenya ofitti qoosanii fi ol guddachuu hin barbaannedha.

Yeroo kee saganteessi. Wanta halkanii guyyaa hojjattu yommuu notelist yookiin Google Organizer irratti walitti qabdu, yeroo kee wanta hin taane irratti hin qisaassesitu. Yeroo kee bakka saditti qoodi. Tokko ibaadaf (Rabbiin gabbaruuf), lama qo’annaaf ykn hojiif, sadii boqonnaaf. Sadan kunniin hunduu wal keessa galu. Addaan baasu hin dandeessu. Tokko keessaa hir’isnaan jireenya keessatti hin milkooftu, gammachuu dhugaa hin argattu.

Ibaadaf– ibaada yoo jennu afaan oromotti yoo deebisnu Rabbiin gabbaruu yoo ta’uu hiikni isaa bal’aan jaalala Rabbii barbaadun wanta Rabbiin irraa nama dhowwe irraa dhowwamuu fi wanta itti nama ajajee hojjachuudha. Karaa biraatin Rabbii harka kennu jechuudha. Salaanni, zikriin, du’aayin, soomni, zakaan, hajjiin ibaadadha. Garuu ibaadan kanniin qofatti kan daangeefamee miti. ‘Rabbiif jedhe barnoota kana baradhe ummata rakkataa nan gargaara’ yoo jette gara ibaadatti siif jijjirama. Garuu addunyaa tana ari’uu keessa Rabbiin hin dagatiin. Salaata irraa dheessun addunyama tana kan ariitu yoo taate, addunyaa tana harkatti hin galfattu. Osoo dureessa taateyyu yeroo hundaa hiyyeessa taata. Sababni isaas, namni Rabbiin irraa yommuu fagaatu qabeenya hanga fedhe yoo argate hin quufu, ammallee tan biraa dabalataan barbaada. Hiyyeessa hin quufne ta’a. Garuu Rabbitti dhiyachuun nama quubsa, wanta qabanitti akka gammadan nama taasisa.

Qo’annaaf/hojiif- guyyaa guutu wanta qo’attu yookiin hojjattu notelist kee irratti tarreessi, sagantaa baasiif. Barnootuma daree qofa hin qo’atinii wanta sammuu kee dagaagsuu fi jireenya kee jijjiru ilaali, qo’adhu. Akkuma duratti jenne Yuniversitiin iddoo jijjiramaati. Wanti si jijjiru koorsiwwan fudhattu osoo hin ta’in kitaabota gaggaari fi namoota jajjaboo naannawaa kee jiraniidha. Kitaabota keessaa jireenya kee hundee irraa jijjiruu kan danda’u Qur’aana akka ta’ee hin shakkiin. Kanaafu yeroo Qur’aana itti qo’attu notelist keetitti dabaluu qabdaa jechuudha. Guyyaa guyyaan Qur’aanaf sa’aati tokko yoo kennite jireenyi tee tartiiba horatti. Guyyaa atii Qur’aana irraa dheessite jireenyi tartiiba dhabdi, dukkanaa fi nuffiin guuttamti. Kanaafi namni Qur’aana irraa garagalee gatiin inni kafaluu jireenya dhiphoo jiraachudha.

Namni zikrii (Qur’aana) Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphoo/rakkotu isaaf jira. Guyyaa Qiyaama ballaa(jaamaa) ta’ee isa kaasna.” Jedha Rabbiin (Suuraa Xaahaa 20:124)

Boqonnaaf– hojii tokko xiyyeefannoon erga hojjattee booda boqonnaa fudhachuun sammuu fi aannisaa kee haaromsa. Sammuun boqonnaa malee kan hojjatu yoo ta’ee hadoodun hojiin ala ta’a. guddate guddatu sa’aati lamaaf yoo qo’atte gara alaa bahuun boqonnaa fudhu. Yommuu boqonnaa fudhattu immoo sab-qunnamtii (social media) irratti boqonnaa hin fudhatin. Erga qo’atteen booda yommuu fesbuuki, whatsup fi kkf oli gadii ooftu sammuu kee irratti ba’aa biraa feeta, boqonnaa hin argatu, wanta qo’atte ni dagatta. Ala bahii daqiiqaa 15 ykn 30f jabeenya qaama hojjadhu. Ergasii hojii keetti deebi’I yookiin daqiiqa muraasaf fesbuuki banii. Achitti hin hafinii dafii keessaa bahii.

Rakkoon guddaan yeroo dargaggoota nyaataa jiru chaatidha. Wanta faaydi qabne irratti yeroo ofii gubuun of kasaarsu, gammachuu dhabu. Furmaanni Kanaa aplikeeshiniwwan chaati haaqu fi bilooki gochuudha, gareewwan (groups) keessaa bahuudha. Hanga chaati san irratti yeroo ofi guban osoo kitaaba dubbisanii ykn vidiyoo gaarii dhageefatanii bu’aa fi gammachuu hangamii argatu. Kitaaba yommuu dubbistuu qalbiin tee ni tasgabboofti, sammuun tee ni bilchoofti. Chaati yommuu gootu immoo qalbiin tee ni jeeqamti, sammuun tee daran dheedhi taati. Kanaafu wanta si hin fayyanne ofirraa cufi wanta si fayyadu banadhu.

6.Wantoota sammuu fi qalbii tee jeeqan irraa fagaadhu- Dhugumatti akkuma vaayrasin qaama namaa ajjeessu, cubbuunis sammuu namaa ajjeesa. Uumama namaa sirrii diigun tartiiba dhabsiisa, namtichi boqonnaa sammuu fi tasgabbii akka hin arganne taasisa. Sababa cubbuutin/dilliitin haqaa irraa qalbiin ni gogdi, gurri ni duuda, ijji ni jaamti, -wanta ishii fayyaduu fi toluu hin dhageessu,hin agartu, hin hubattu. Namtichatti ba’aa ta’u.

Tasgabbii fi nageenya jireenya keessa yommuu dhabduu balleessa fi badii hojjatte ilaali. Sammuun takkaa cubbuu fi wanta gadheen hadoonnan fayyisuu fi suphuun ni ulfaata. Baratoonni baay’een barnoonni naa hin galuu, nageenya fi tasgabbii hin qabu jechuun komii dhiyeessu. Sababni guddaan kanaa badii fi cubbuu isaan hojjataniidha. Halkan sammuun filmii wal qunnamtii saalatin hadoodde, akkamitti guyyaa barnoonni galaaf? Qalbiin akkamitti gammachuu fi tasgabbii argatti? Kanaafu badii irraa fagaachun yuniversitii keessatti fi alatti milkaa’a akka taatu si taasisa.

7.Gara Rabbii dhiyaachuu- dhugumatti nama Rabbiin rahmata godheef malee nafseen (lubbuun) gara baditti nama ajajji. Akkuma namni Rabbiin irraa fagaatun gabraa fedhii lubbuu ofii ta’uun qilee baditti of darba. Garuu fuggisoo kanaa akkuma Rabbitti dhiyaatun, badii irraa fagaacha fi fedhii lubbuu moo’ataa adeema. Rabbitti dhiyaachu jechuun qaaman Isa bira gahuu osoo hin ta’in wanta Inni si dhowwe irraa dhowwamuu fi wanta Inni si ajaje hanga humna keeti hojjachuun qalbiin itti dhiyaachudha. Yeroo hundaa Rabbiin dagachuu dhiisudha. Namni yommuu Rabbiin dagatuu wanta badaa fi fokkuu raawwata. Yommuu Isa yaadatu immoo wanta fokkuu irraa dheessa.

Sheyxaanni (Seexaanni) aangoo kan nama irratti argatu yommuu namtichi Rabbiin irraa fagaatudha. Sheyxaanni wanta fokkuu hundaa itti bareechisa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Nama zikrii (Qur’aana fi ibaadaa) Rahmaan (Rabbii) irraa garagalee, sheyxaana isaaf ramadna; inni isaaf hiriyyaa dhiyoodha. Isaanis (sheyxaanonni) karaa [Rabbii] irraa isaan dhorgu; Isaan immoo karaa qajeela irra waan jiran of se’u (yaadu). Yeroo Nutti dhufe [Guyyaa Qiyaama]  “Yaa gaabbi kiyya! Odoo giddu kiyyaa fi giddu kee fageenyi baha lamaani (bahaa fi dhiyaa) jiraate.”jedha. Hiriyyichi waa fokkate!” Suura Az-Zukruuf 43:36-38

Kanaafu zikrii Rabbii irraa fagaachun sheyxaana harka kennuudha. Gara Rabbii dhiyaachuf carraa baay’ee qabna. Garuu namni tokko Rabbitti kan dhiyaatu dirqamoota Rabbiin namarra godhe haala gaariin yoo bayeedha. Yoo salaata sirnaan salaate Rabbitti dhiyaata adeema. Qur’aana yoo qo’ate fi daawwa’aa (barnoota Islaama) yoo dhageefate Rabbitti dhiyaacha adeema.

Akkuma qalbiin tee gara Rabbii adeemtuun jireenya keessatti gammachuu, tasgabbii fi milkaa’inna argataa adeemta. Wanta darbeef Rabbiin irraa araarama kadhachuun gadda darbee ofirraa buusta, wanta dhufuf immoo Rabbitti hirkachuun yaaddo kee ofirraa darbita, wanta amma keessa jirtuuf immoo sabrii horachuu fi galataa Isaa galchuun, gammachuu eenyullee hin dhandhamne dhandhamta. Yeroo hundaa tawbaa dhugaan gara Rabbii deebi’uu fi araarama kadhachuun burqaa tasgabbii qalbii kee irratti dhangalaasa. Yaa nama Rabbiin irraa fagaate, jireenya dhiphoo akkamii jiraataa!

8.Abdii kutuu fi dallansuu too’achuu- jireenya keessatti Rakkoon baay’een nama muudata. Rakkoo kana abdii kutuu fi dallansuun osoo hin ta’in obsaa fi abdiin yoo bira darban jireenya keessatti milkaa’an. Qormaata waan kufteef gaddu dandeessa, yuniversitii keessatti rakkoon diinagde si muudachuun barnoota irraa duubatti hafu dandeessa. Yeroo tokko tokko barnoonni natti ulfaate jira jechuun abdii kutuu fi addaan kutuuf murteessite ta’a. Garuu milkaa’uf xiqqoon yommuu si hafu, kaayyoo wagga 14 ol itti carraaqxe abdii kutuun yommuu dhiistu nama gaddisiisa. Furmaanni kee abdii kutuu fi dallanuun mana ijaarte diigu osoo hin ta’in, rakkinna kee addaan baasun cimte hojjachuudha. Abdii hin kutiniiti rakkoo duubatti si harkisu addaan baafadhu. Sababa cubbuutin sammuun kee hadoode yoo ta’ee, gara Rabbii tawbaan deebi’uun sammuu kee qaruu dandeessa. Barattoota ciccimoo waliin qo’achuun nama cimaa ta’uu dandeessa. ‘Kuni naa hin galu, hin danda’u’ jechuun sammuu kee hin cufin. Akka si galuu danda’u of amansiisi. Kitaabota fi barruulee adda addaa dubbisuun jireenya kee haaromsu dandeessa.

Gudunfaa

Xiqqaatus guddaatus yuniversitii keessatti akkamitti akka milkaa’an eerre jirra. Insha Allah namni sarara kana hordofe yuniversitii qofa keessatti mitii jireenya isaa guutu keessatti ni milkaa’a. Dhaamsi dhumaa kiyya baratoota aakhiraa dagatanii addunyaa qofa ari’aniif. Rabbii fi aakhira dagatanii addunyaa qofa ari’uun dhugumatti kasaara guddaadha (Ilaali Suuratul Munaafiqun 63:9). Rabbiin yoo yadattanii fi Aakhiraaf yoo galaa qopheefattan, nama milkaa’a taatu. Namni Rabbii fi aakhiraa yaadatu, adabbii ibiddaa jahannam osoo beeku wanta fokkuu raawwachun sammuu ofii ni hadoochaa sila? Kanaafu yuniversitii keessatti yeroo bilisaa baay’ee qabdu. Sammuu keessan dagaagsu fi of jijjiruuf socha’a. Nama irratti hojjatamu osoo hin ta’in nama hojjatu ta’aa. Filmii wal qunnamtii saalaa yommuu ilaaltu summiin sirratti hojjatamaa jiraa jechuudha. Yommuu ati wanta badaa kana dhiiste wanta gaarii tokko addunyaaf gummachitu ati hojjataa jirtaa jechuudha.

Hanga torbaan barruu biraatin walitti deebinu Assalamu aleykum wr wb.

Fedhii Lubbuu Hordofuu
Obsa-furtuu milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 3ffaa
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.