Galaana Fitnaa-Kutaa-3ffaa

Tooftaalee fitnaa itti ittisan yookiin hir’isaan torbaan lamaan darban keessatti ilaalle jirra. Ammas kutaa dhumaa ni ilaalla.
7.Jama’atti hidhachuu fi maxxanuu– jama’atti (hawaasatti) maxxanuun badii baay’ee irraa nama eega. Namni yommuu adda fiigu, akkuma jeedalli hoola addatti argatte nyaattu, diinnis nama kana nyaata. Gurmii fi walta’iinsan diina injifatan. Rahmata Rabbii keessaa tokko ummata Islaama kana jallinna irratti isaan walitti hin qabu. Hanga ummanni Islaama jiru haqni ni jiraatti. Hanga ajajni Rabbii dhufu gareen haqa qabatanii fi ishii irratti obsanii yeroo hundaa ni jiraatu. Jama’aa akka qabannu Ergamaan Rabbii (salallahu aleyh wa sallam) itti nu ajaju. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.11

Yommuu Rabbii jettanii wal jaalattani fi wal fuudhu barbaaddan, nikheenyi keessan karaa halaalati fi gammachisatiin haa ta’u. Karaa gammachiisa keessa tokko nikeenyi keessan shari’aa waliin kan deemu fi abbaa fi haati keessan lamaanu yoo itti gammadanii fi walii galaniidha. Yommuu warrii kee nama jaallatte san si harkatti didan, adeemsa fuudha heerumatti seenun dura itti yaadi. Fakkeenyaf yommuu isaan si didan, nikhaa dhoksaan wal hidhuun walitti dhufu dandeessu. Garuu kuni jireenya fi kabaja keessan miidha. Nikeenyi keessan ifa haa ta’uu, warrii keessan itti haa gammadu. Kanaafu jireenya gaa’ila kana yommuu murteessitu, suuta jedhi, hin jarjariin, of dagaagsi. Jireenya kana haala gaariin gaggeessuf dagaaginni guddaan dagaaginna sammuuti. Gariin qaama fi qabeenyan gahaa ta’ee yommuu gaa’ilatti seenu yeroon xiqqoon booda gaa’illi isaa ni jiga. Sababni kanaa inni guddaan sammuun dagaagu dhabuudha. Kanaafu sammuun, qaamanii fi qabeenyan gahaa ta’anii gaa’ilaaf of qopheessu barbaachisadha. Ta’uu baannan handaaratti hafu.
Read more

Galaana Fitnaa-Kutaa 2ffaa

Torbaan darbee yommuu fitnaan (qormaata, rakkoon…) buutu akkamitti akka too’atan tutuquuf yaalle turre. Har’as itti fufuun tooftaalee fitnaa itti too’atan mee haa ilaallu.
4.Oduu mirkaneefachuu– dhugumatti ibiddi fitnaa yeroo baay’ee kan qabatuu fi babal’atuu sababa oduu sobaa fi jette jettee raabsunii. Namoonni baay’een wanta dhagayanii fi jedhan osoo addaan hin baafatinii fi hin mirkeenafatiin namoota birootta dabarsuuf ariifatu. Kunii immoo badii badii irratti dabaluun jireenya darara, dhiiga namoota baay’ee dhangalaasa. Yommuu namoonni akkuma argan oduu osoo hin mirkaneefatiin namoota birootti dabarsan, ajaja Rabbitti buluu fi tolee jechuu dhiisanii fedhii lubbuu ofii qofa jala fiigu. Namoota akka dhagaa jabaatan ni argita. Of dinqisiifachuun ana malee beekaa fi hayyuun hin jiru jedhu. Namoonni biroo isaan biratti wallaaladha. Read more

Galaana Fitnaa-Kutaa 1ffaa

Qormaata ykn fitnaan yommuu bu’uu nama jaanjessa, dukkanni namatti bu’a, gara deeman nama wallaalchisa. Nama Rabbiin eege malee namni qaroon dukkana qormaataa kanaatin ni dhama’a. Fitnaa yoo jennu wantoota lubbuu, qalbii fi qabeenya nama irratti balaa fiduu danda’aniidha. Isaan keessaa gurguddoon waraana, wal lola, balaa uumama kan akka kirkira lafaa, rooba cimaa, wantoota fokkuu kanneen akka sagagaalummaa, gudeeddaa, alkooli fi kkf babal’achu, qabeenyi garmalee baay’achuu fi hiyyuummaan jabaachu. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.10

Waan namoonni si miidhaniifi mitii waan ati namoota miitef dhiphadhu. Sababni isaas yommuu namoonni si miidhan ajrii (mindaa) argatta. Namtichi yommuu towbate fi ati araaramtuuf Rabbiin mindaa siif kataba. Namtichi osoo hin toowbatin yoo du’e immoo boru Guyyaa Qiyaama harka kee ni kafalatta. Cunqursaan hin jiru, mizaana haqaatu dhaabbata. Garuu ati yoo nama miite fi osoo hin towbatiin duute adabbii argatta, hojiin gaariin(hasanaanni) tee nama saniif kennamti. Kanaafu arrabaan, harkaan fi karaa adda addaatin nama miite yoo jiraate yeroon towbadhu, araarama gaafadhu.Yoo araarama gaafachuun sitti ulfaate hojii gaggaari baay’isi hojjadhu. Read more

Iccitiwwan Galii-Kutaa 2ffaa

6.Karaa sirrii irratti fi haala sirriin baasu– namoonni baay’een qabeenya yommuu argatan eessatti fi akkamitti akka baasan hin beekan. Fasaanni (badiin) guddaan addunyaa irratti kan babal’ataa jiru sababa baay’inna qabeenyaatin. Boombii fi nuwkilariin namoota nagahatitti roobsan sababa baay’inna qabeenyatinii mitii? Qabeenya sirnaan yoo itti hin fayyadamiin namtichaaf badii taati. Iccitiwwan galii gaarii itti argatan keessaa tokko qabeenya sirnaan itti fayyadamuudha. Wantuma arganirratti bitteennessu dhiisudha. Qabeenyi amaanaa Rabbiin nama bira kaa’edha. Guyyaa fedhe namarraa fudhata. Qabeenyi kiyya jedhanii akkuma fedhan itti taphachuun of gowwomsuudha. Qabeenya sirnaan fayyadamuuf: Read more

Iccitiiwwan Galii-Kutaa 1ffaa

Galii jechuun soorata namni tokko addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf argatuudha. Yeroo baay’ee galii maallaqaan wal qabsiisna. Addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf namni hunduu madda adda addaa irraa galii adda addaa argata. Gariin immoo inumaa kan galii hin qabne jira. Yoo argatan nyaatan, yoo dhaban ni obsan yookiin beelan miidhamuun namoonni du’an manni haa lakkaa’u. Gariin immoo galii ofiitin machaa’un yommuu addunyaa balleessanii fi badii babal’isan argina. Galiin isaani haraama ta’ee halaala ta’ee haajaa itti hin qaban, kan argan hundaa walitti haruudha. Namoota miidhuun qabeenya walitti guuruf fiigu. Hanga yoomi akkanitti walitti haruuf fiigu, hanga yoomi akkanatti nama miidhu? Read more