Iccitiiwwan Galii-Kutaa 1ffaa

Galii jechuun soorata namni tokko addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf argatuudha. Yeroo baay’ee galii maallaqaan wal qabsiisna. Addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf namni hunduu madda adda addaa irraa galii adda addaa argata. Gariin immoo inumaa kan galii hin qabne jira. Yoo argatan nyaatan, yoo dhaban ni obsan yookiin beelan miidhamuun namoonni du’an manni haa lakkaa’u. Gariin immoo galii ofiitin machaa’un yommuu addunyaa balleessanii fi badii babal’isan argina. Galiin isaani haraama ta’ee halaala ta’ee haajaa itti hin qaban, kan argan hundaa walitti haruudha. Namoota miidhuun qabeenya walitti guuruf fiigu. Hanga yoomi akkanitti walitti haruuf fiigu, hanga yoomi akkanatti nama miidhu?

Mee har’a galii keenya akkamitti akka guddisnuu fi jireenya badhaadhinnaa jiraannu gabaabamutti haa ilaallu. Duraan dursinee wanti beeku qabnu galiin keenya wanta humna keenya qofaan carraaqne finnu osoo hin ta’in soorata (rizqii) Rabbiin nuuf murteessedha. Mallatoole Rabbii keessaa tokko namoota gariif qabeenya ni bal’isa, gariif immoo ni dhiphisa. Osoo hunda isaanitu dureessa godhee silaa tokko tokkoof hojjataa ta’uu ni danda’aa? Jireenyi addunyaa tanaa osoo hin hojjatin akkamitti itti fufti ree? Akkasumas osoo hunda isaanitu hiyyeessa taasise silaa akkamitti wal tajaajiluun jireenya addunyaa tanaa itti fufsiisu?

Sila Rahmata Gooftaa keeti isaantu qoodaa? Nutu jireenya duniyaa keessatti waan ittiin jiraatan gidduu isaanitti qoode. Akka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha garii isaanii garii irra sadarkaan ol fuune. Rahmataa Gooftaa keetitu waan isaan walitti qaban irra caala. “ Suura Az-Zukhruuf 43:32

Hundii keenyaa gammachuu fi milkaa’inna jireenya keessatti argachuuf garmalee feena. Kanniin lamaan argachuuf dhagaan nu hin bocne fi hin fonqolchine hin jiru. Galii keenya argatuuf olii gadii fiigna. Garuu wanti hojjannu guutun gammachuu fi milkaa’inna ta’uu danda’u? Iccitiin galii keenya itti argannu eessatti argamaa? Mee walumaan haa ilaallu. Obsaan waliin haa turru. Isiin qophiidhaa?

1.Kaayyoo kee murteessi– jireenya kee keessatti kaayyon kee maalii? Maalif jiraattaa? Kaayyon kee nyaatte du’u qofaa moo kaayyoo biraa qabdaa? Maaliif addunyaa tana keessaa jiraattaa? Kaayyoo kee yoo hin murteessinii fi sirritti hin beekin iccitii milkaa’innaa fi gammachuu argachuu hin dandeessu. Iccitiin milkaa’inna, gammachuu fi galii argachuu as irraa jalqaba. Yoo kaayyoo kee sirritti beekte karaan itti deemtu ifa siif ta’a. Kaayyoo ofii beekun qofti gahaa mitii, tartiibni kaayyos iddoo ol’aanaa qabata. Kaayyoon jalqabaa kee maalii? Nama soreessa ta’uudha moo doktora ta’uudha moo maaliidhaa?

Iccitii milkaa’innaa fi gammachuu jireenya keessatti argachuuf kaayyoon jalqabaa kee addunyaa tana osoo hin ta’iin, qabeenya walitti tuulu osoo hin ta’in, nama beekkamaa ta’uu osoo hin ta’in, Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenuuf ta’uu qaba. “Osoo qabeenya hin argatin akkamitti Jaalala Rabbii fi Jannata seenu danda’an?” jette gaafachuu dandeessa. Deebiin isaas, wanta tokko argachuuf karaa hordoftuutu jira, yoo karaa san irraa dabde wanta san hin argattu. Qabeenyi kee karaa kaayyoo jalqabaa kee kana ittiin geessu malee kaayyoo kee dhumaati miti. Yommuu galii kee argachuuf tattaafattu wanta dallansuu Rabbii sitti buusan irraa ni fagaatta, karaa jaalala Rabbii ittiin argattuu fi jannata ittiin seentu ni hordofta. Kuni immoo galii kee keessatti akka hin kasaarre fi baraaka qabaattu si taasisa, karaa sirrii hordofaa waan jirtuuf. Garuu kayyoo guddaa kana dagatte qabeenyuma walitti guuru irratti yoo xiyyeeffatte adabbii hamaa dhandhamta. Namoonni naannoo keenya jiran kan kaayyoo jalqabaa ofii dagatanii qabeenya qofa irratti xiyyeefatanii fi adabbii hamaa dhandhaman barnoota gahaa nuuf ni ta’u.

Kanaafu iccitiin galii tokkoffaan kaayyoon kee inni duraa Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenudha. Wantoota kaayyoo kana si jalaa diigan irraa waan dheessituu fi wantoota kaayyoo kana siif ijaaran waan hojjatuuf galiin kee barakaa qaba, jireenya keessatti gammachuu fi tasgabbii argatta. Kaayyoon kee jalqaba kana yoo ta’ee Rabbiin dhimma kee sii laaffisa, bakka ati hin beekne si soora. Garuu kaayyoon kee kana yoo hin ta’in addunyaan dugda sitti garagalchiti.

2.Rabbiin irraa araarama kadhachuu– iccitiin galii lammaffaan Rabbiin irraa araarama kadhachuudha. Namoonni gariin garmalee of gowwomsanii jiru yommuu Rabbiin dagatanii humna ofii qofaan carraaqani qabeenya walitti sassaabuuf ifaajan. Kana jechuun carraaqu hin qaban jechuu osoo hin ta’iin karaan isaan hordofan baditti kan isaan geessudha. Karaa haraamatin qabeenya walitti guurani boodarra adabbii wanta hojjataa turanii dhandhamu. Eeti namni dogongoruun haraama ni hojjata. Garuu gara Rabbiii deebi’uu fi araarama kadhachuun boqonnaa haarawaa jireenya isaa keessatti banuu ni danda’a. Yommuu namni tokko araarama Rabbiin irraa kadhatu, gufuun isaa fi milkaa’inna jidduu jiru jalaa haxaawamaa adeemu. Sababni isaas, milkaa’inni fi gammachuu Rabbiin qofa irraa waan ta’eef. Badii hojjachuun balballa milkaa’innaa fi gammachuu cufa.

Rabbiin irraa araarama kadhachuu fi gara Isaatti tawbaa dhugaan deebi’uun, Rabbiin rooba akka roobsu fi humna irratti humna akka namaa dabaluu Qur’aanni nu barsiisa:

11:52

Yaa ummata kiyya Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaan deebi’aa. Bokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaa. Humna keessan irrattis humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa hin garagalinaa.” Suura Huud 11:52

Wanti rizqii namaa hir’isuu fi barakaa keessaa kaasu badii hojjachuudha. Badii sanirraa yoo hin deebi’inii fi Rabbiin irraa araarama yoo hin kadhatin roobni akka hin roobne fi galiin guutumatti akka badu sababa ta’a. Gara Rabbii deebi’uu fi araarama kadhachuun immoo galii irratti galii, rooba irratti rooba, badhaadhinna irratti badhaadhinna namaa dabala.

Kanaafu iccitiin lamaffaan galii itti argatanii fi dabalatan tawbaa dhugaan gara Rabbii deebi’uu fi araarama Isa kadhachuudha.

3.Hojjachuu fi Carraaqu– hojii malee ta’uu fi namoota jala harka qabachuun salphinnaa fi deega. Islaamni amantii hojitti namoota kakaasudha. Nabiyyoonni fi namoonni gaggaarin namoota hojiin ciccimoo turaniidha. Namoota kadhatanii kan bulan osoo hin ta’in harka ofiitin taattafatanii of bulchaa turan. Namni tokko humnaa ittiin hojjatuu osoo qabaatu maxxanaa ta’ee jiraatun isaaf dhibee fi salphinna. Garuu namoota baay’ee ni argina kanneen hojii tufatanii fi hojjachuu hin feene. Harka namaa eeggachuu fi kadhachuun amala itti ta’e. Akkuma hadiisa keessatti dhufe kadhaan namoota sadiif hayyamama. Isaaniis, nama garmalee hiyyoomef, nama garmalee idaa (liqaa) keessa jiruu fi nama kaasaa ofirraa kafaluu dadhabe. Kanaan ala osoo humna qabanuu kadhachuun addunyaa aakhiratti salphinnaa.

أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ، أَنَّ نَاسًا، مِنَ الأَنْصَارِ سَأَلُوا رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم فَأَعْطَاهُمْ ثُمَّ سَأَلُوهُ فَأَعْطَاهُمْ حَتَّى إِذَا نَفِدَ مَا عِنْدَهُ قَالَ ‏ “‏ مَا يَكُنْ عِنْدِي مِنْ خَيْرٍ فَلَنْ أَدَّخِرَهُ عَنْكُمْ وَمَنْ يَسْتَعْفِفْ يُعِفَّهُ اللَّهُ وَمَنْ يَسْتَغْنِ يُغْنِهِ اللَّهُ وَمَنْ يَصْبِرْ يُصَبِّرْهُ اللَّهُ وَمَا أُعْطِيَ أَحَدٌ مِنْ عَطَاءٍ خَيْرٌ وَأَوْسَعُ مِنَ الصَّبْرِ ‏”‏ ‏.‏

Abu Sa’id al-Kudriyi akkana jechuun gabaasan:

Namoonni Ansaara irraa ta’an Ergama Rabbii (SAW) kadhatan, Innis isaanii ni kenneef. Ammas ni kadhatan; hanga wanti isa bira jiru dhumutti ni kenneef. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhe: wanta gaarii (qabeenya) na bira jiru isin irraa hin dhowwadhu (hin kuufadhu). Namni kadhaa irraa of qabee Rabbiin nama san akka hin kadhanne taasisa. Namni quufa barbaadu (wanta qabutti gammadu), Rabbiin isa quubsa. Namni obsuu Rabbiin akka obsu isa taasisa. Namni tokko kennaa hin kennamneef wanta sabrii caalaa gaarii fi bal’aa ta’ee. (Kana jechuun kennaan hunda caalu gaarii fi bal’aa ta’e sabriidhaa jechuudha)” (Sahiih Al-Bukhaari fi Sahiih Muslim)

Kanaafu kadhaa dhiisanii hojjachuun, erga hojjatanii wanta argatanitti quufu fi itti gammaduun, haafayuu dhiisu fi yommuu rakkoo fi toltuu obsuun furtuu milkaa’innaa fi gammachuuti, icciti galiiti.

Wanta humni kee danda’u barbaadi hojjadhu. Hojii hin tufatin. Hojii qulqullinnaan hojjachuu fi yeroo murtaa’e keessatti xumuruun galii kee dagaagsi. Wantuma xiqqoo harkaa qabduu irraa ka’e. hadiisa armaan olii yaadadhu. Hanga xiqqoon tuni ol sii guddattu hin haafayin, quufi, obsi, carraaqqi kee itti fufi. Yoo kasaara sodaatte iccitii galii lakkoofsa 1ffaa, 2ffaa fi 4ffaa yaadadhu hojii irra oolchi.

4.Rabbiin irratti hirkachuu– jireenyi tuni jireenya ulfaattu fi qormaata baay’een guuttamteedha. Qormaata fi gufuwwan jireenyaa bira darbuuf gargarsi baay’ee nama barbaachisa. Ta’uu baannan dukkana jireenya keessatti kufani hafudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

3:160

Yoo Rabbiin isin gargaare wanti isin injifatu hin jiru. Yoo Inni isin xiqqeesse immoo Isa booda kan isin gargaaru eenyu? Mu’imintoonni Rabbuma irratti haa hirkatanii. “ Suura Ali-Imraan 3:160

Kanaafu gargaarsi fi injifannoon hundii Rabbuma irraayyi. Rizqiin teenyas Isuma irraayyi. Rabbiin irratti hirkachuu jechuun hojii dhiisi taa’i jechuu osoo hin ta’iin hanga humna keeti carraaqiti gargaarsaf Isa kadhu. Jireenya kee keessatti si gargaaru akka danda’u abdadhu. Firii hojii keeti Rabbuma irraa eegi. Kanatu Rabbiitti hirkachuudha.

Gariin hojii malee ta’uun Rabbiin nuuf jira jedhu. Gariin namoota immoo garmalee halkanii guyyaa hojjachuun ba’aa hin dandeenye ofitti fe’u. Lamaan isaanitu dogongora keessa jiru. Nama dhiisati mixiin gurraatin lafa deemtu ‘Rabbiin na razzaqa’ jette ciisaa hin ooltu. Ni tattaafatti. Ergasii Rabbiin ni razzaqa (ni soora).

Akkasumas leencii wanta har’a sooratu yoo argate, ‘wanta boruu ittiin oolu hin qabu’ jedhe halkanii guyyaa carraaqun of hin ajjeessu. Boqonnaa ni fudhata. Rabbiin tan boruus isaaf razzaqa.

Nuti hoo ilmi namaa eessa jirraa? Boru wanta ittiin oolu hin qabu jechuun addunyaa tana osoo ariinu zikrii Rabbii irraa fagaanna, Isatti hirkachuu dhiisne irraa garagalla, humna keenya qofaan osoo ifaajnu of ajjeesna. Rabbiin bineensota fi ilbisoota adda addaa sooru ilma nama akkamitti sooru dadhabaa?

Kanaafu yoo iccitii galii barbaadde Rabbiin irratti hirkadhu- si gargaaru akka danda’u Isa amani.

5.Karaa halaalatiin rizqii (soorata) barbaadachuu– hojii fi carraaqqi keessa karaa adda addaatin galii kee barbaadachu dandeessa. Karaan hundii garuu si hin baasu. Gariin si fageessa, gariin si kasaarsa. Kanaafu karaa si hin fageessine fi hin kasaarsine filachuun galii kee dagaagfadhu. Karaan sunis karaa halaalatiin galii argachuuf tattaafachuudha. Hatuun, nama gowwomsuun, kadhachuun, malaamaltummaan, loogin, mattaan, dhalaanii fi kkf nin galii gaarii fi guddaa argachaa jira yoo jette garmalee of gowwomsite jirta. Akkana goonan gonkumaa hin milkooftu. Yeroof fooqin malaamaltumma fi dhalaan ijjaarrame milkaa’inna fakkaachu danda’a. Garuu boodden isaa ibiddaa fi hoongodha.

“Rabbiin gonkumaa iccitii milkaa’inna wanta dhowwee keessa hin goone.”

Dubartiin takka seenaa ofii akkanatti ibsiti
Seenan kiyya ifaadha. Dogongora kiyya irraa akka barattaniif isinitti hima. Gaa’illi koo gamtoominna anaa fi abbaa mana jidduu kiyyaatin haala gammachuutin jalqabame. Dureessa hin turre, garuu wanta qabnutti kan gammannu turre. Intala garmalee jaalannu takka qabnaa turre. Marsaa jalqabaa gaa’ila keenya intala teenya raffisnee, salaatu, Rabbiin faarsu fi Qur’aana qara’aa turre.

Guyyaa tokko qusannaa keenya yommuu sakattaanu maallaqa hanga ta’e akka kufanne argine. Dhiirsa kiyyaan aksiyoona (sharing) dhala(ribaa) qabu akka binnu yaada itti dhiheesse. Bu’aa kanarraa argamuun jireenya intala teenya ni gargaarra waliin jenne. Wanta qabnu hundaa fi gurgurtaa faaya kiyyaa dabalatee aksiyoona kana irratti investii goone. Erga yeroon muraasni darbeen booda aksiyoonni ni kufe. Ni kasaarre. Liqaa baay’ee waliin hafne. Karaa badaa (badii ribaa) yommuu Rabbiin akkana jedhu barree:

2:276

Rabbiin dhala (keessaa barakaa) ni haaqa; sadaqaa immoo ni guddisa. Rabbiin warra akkaan kafaraa, dilaawa hundaa hin jaallatu.” Suuraa Al-Baqaraa 2:276

Halkan tokko dhiirsa kiyya waliin mormii cimatti seenne. Akka na hiiku isarraa barbaade. Innis iyyuun, “Ati narraa hiikkamte… Ati narraa Hiikkamte..” nan jedhe. Anaa fi intalli koo garmalee boonne. Kanattu mataa kiyya keessa deema: Rabbiif ajajamuu irratti walitti dhufnee,Rabbiin diidun (daangaa Isaa darbuun) addaan baane.

Kanaafu karaa halaala qofaan galii kee dagaagfadhu nama gammachuu qabuu fi milkaa’a taatati. Yoo karaa haraamatin deemte ni kufta, maallaqni si harka hin teettu. Salaabi taati, barakaa hin qabdu.

Hin haafayin- hadiisa armaan olii yaadachuun wanta qabdutti quufi. Wantoota gara haraamatti nama oofan keessaa tokko haafayu fi dharra’uudha. Jiraadhu jireenya mataa keeti. Daandii haraama fi namoota karaa harmaatin qabeenya walitti kuusan hordofuun ibidda jireenya keetitti hin qabsiisin.

Kanaafu iccitiin galii 5ffaan karaa halaala qofaan galii argachuuf carraaqudha.

Insha Allah hanga torbaan kutaa 2ffaan walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb.

Iccitiwwan Galii-Kutaa 2ffaa
Obsa-furtuu milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 3ffaa

5 comments

  • barreeffaamoota adda adda isiin maxxansittaan yeroo hundaa nan dubbisaa.beekumsaa bay’ees irra argadhee jira.nuuf jiraadhu! garuu akka hanqiinatti kanan siif kaasu yeroo bay’ee maxxansaa keessa kessaa barreeffama arrabiiffatu jira. kanaaf akka nama dubbisuu hundaafu ifaa ta’uuf fi dubbisaa bay’ee argaatuuf ittii yaadee sirreessitee baay’ee gariidhaa. yoon dogogorees na of kalchaa.

    • Galatoomi. Barreefamoonni arabiffaa sunniin keeyyatoota Qur’aana waan ta’aniif, namoota arabiffa dubbisuu danda’aniif salphatti akka hubataniif gargaarsa ta’a. Qur’aana hiikun garmalee ulfaatadha. Yoo ani tasa dogongore namoonni biroo akka sirreesaniif gargaarsa ni ta’a jedhe waan yaadef keeyyatoota arabiffaa barreefamoota keessatti dabala. Kanaafu warri arabiffa hin beekne hiikuma isaa qofa dubbisanii bira darbuu danda’u.Keeyyatoota dheeroo Afaanuma Oromoo qofaan barreessuf nan yaala. Yoo Rabbii jedhe jechoota Arabiffaa hir’isuun ykn hammattu keessa gochuun nan barreessa. Galatoomi yaada keetif Fayyisaa. Yaada biraas yoo qabaatte yaanni kee ni keessumeessama

    • Anaf baareeffamoonni keessaan kuni jijjiraama jiru fi Milkaa’ina akiraati;kitaabumaatti nu jijjiruf Yaala maaloo

  • Galatooma

Leave a Reply