Iccitiwwan Galii-Kutaa 2ffaa

6.Karaa sirrii irratti fi haala sirriin baasu– namoonni baay’een qabeenya yommuu argatan eessatti fi akkamitti akka baasan hin beekan. Fasaanni (badiin) guddaan addunyaa irratti kan babal’ataa jiru sababa baay’inna qabeenyaatin. Boombii fi nuwkilariin namoota nagahatitti roobsan sababa baay’inna qabeenyatinii mitii? Qabeenya sirnaan yoo itti hin fayyadamiin namtichaaf badii taati. Iccitiwwan galii gaarii itti argatan keessaa tokko qabeenya sirnaan itti fayyadamuudha. Wantuma arganirratti bitteennessu dhiisudha. Qabeenyi amaanaa Rabbiin nama bira kaa’edha. Guyyaa fedhe namarraa fudhata. Qabeenyi kiyya jedhanii akkuma fedhan itti taphachuun of gowwomsuudha. Qabeenya sirnaan fayyadamuuf:

a.Wanta itti fayyadamtuu qofa fi hanga murtaa’a ta’e biti– namoonni gariin wanta lubbuun isaani feetu hundaa walitti haruun gara manaa fidu. Wanta lubbuun isaani feetu hundaa ni bitu, hanga hin beekan. Qabeenya isaani wanta isaan hin fayyanne bituun qisaasessu. Mi’eessituwwan galii kee guddisan keessaa tokko wanta ammaaf si fayyaduu fi hanga murtaa’a bituudha. Fakkeenyaf, uffata yoo bitu barbaadde, ji’a ji’aan bitu osoo hin ta’in, waggatti al tokko ykn lama bitudha.

b.Wanta si hin fayannee fi miidhu dhiisi– wantoota miidhaa sirraa fi maatii keetirraan gahan kanneen akka caati, sigaraa, biiraa, fi kkf fayyadamuu irraa dheessi. Kuni fayyaa fi qabeenya kee miidha. Akkuma wanta fafee kanniin fayyadamtu hiyyeessa taate hafta. Ol hin guddattu. Sababni isaas, araadonni kunniin sammuu hadoochu, qabeenyatti salaabi ta’u. Kanniin irraa dheessun kabajaa fi qabeenya kee eegudha.

c.Hin qisaasessin– namni qabeenya qisaasessu qabeenyi isaa barakaa (tola) hin argattu. Qisaasessu jechuun qabeenya baay’e bakka sirrii ta’etti baasu osoo hin ta’in qabeenya xiqqatus guddatus bakka sirrii hin taanetti baasudha. Warroonni qabeenya qisaasessan obboleeyyan sheyxaanati (Seexanati). Sheyxaanni Rabbitti kafaruun daangaa Isaa darbe jira. Namoonni qisaasessaniis qabeenya isaanitin daangaa Rabbii darbu. Kanaaf obboleeyyan sheyxaana jedhaman.Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Yaa ilmaan Aadam! Masjiida hundaa biratti faaya keessan qabadhaa (yommuu salaattanii fi Kaaba irra naannoftan uffata qulqulluu uffadhaa). Nyaadhaa dhugaa, garuu hin qisaasessinaa. Dhugumatti Inni (Rabbiin) warroota qisaasessan hin jaallatu.” Suura Al-A’araaf 7:31

Kanaafu yommuu nyaannu fi dhugnus baay’isne soorachuun qisaasessu hin qabnu. Nyaata hanga itti fayyadamnu qopheessun itti fayyadamu qabnaa malee gabataa guutu qpheessun boodarra kositti darbuu hin qabnu.

Kanaafu iccitiwwan galii keessaa tokko qabeenyatti sirnaan fayyadamuu fi qisaasessu dhiisudha.

d.Ijoolletti qabeenya kee akkuma argite hin kenniin– ammas Qur’aanni ijjoolletti ykn namoota sammuun bilchinna hin qabnetti qabeenya keenya akka hin kennine nu gorsa.

Qabeenya keessan kan Rabbiin dhaabbata jireenya isiniif taasise gowwootatti hin kenninaa. Ishee (qabeenya) irraas soorata isaanif kennaa, isaan uffisaas, jechoota kabaja isaanitti dubbadhaa.” Suura An-Nisaa 4:5

Asitti gowwoota yoo jedhu ijoolle fi namoota bilchinna sammuu hin qabneedha. Maatii meeqatu qabeenya isaani akkuma argan ijjoolle isaanitti kennuun ergasii ijoollen isaani kashlabbee fi hattuu jalaa taate. Wanta ijoollen feetu hundaa bituunis kashlabbee isaan taasisa. Keeyyata Qur’aana armaan olii keessatti wantoota afuritti ajajamne tokko qabeenya keenya akkuma arginee ijjoolle fi namoota gowwaatti kennu dhiisu, lama isaan sooru, sadii isaan uffisuu, afur jechoota gaarii fi kabajamoo isaanitti dubbachuudha. Kanaafu seera kana hordofuun qabeenya fi ijoolle teenya sirnaan guddisuu dandeenya.

Tola maatiin koo narratti oole yoo amma takkaa taa’ee itti yaadu, qarshii akkuma argan natti kennuu dhiisun isaani tola guddaa akka ta’e natti dhagahama. Alhamdulillah maatiin koo sirnaan nu soorus nu uffisuus turan. Qarshii yommuu gaafannu,”Maal ittiin goota?”jechuu turan. Wanta binne irraa hafteen yoo jiraate, “Fidi” jedhu. Haala kanaan kashlabummaa fi wanta gadhee raawwachu irraa nu eegaa turan.  Akkuma argine qabeenya keenya ijjooletti yoo kennine boruu ba’aa guddaa nuu fi ofirratti fe’u. Hannaan qaccee keenya kutu. Kanaafu iccitiwwan galii itti guddisan keessaa tokko ijoolle fi namoota sammuun bilchinna hin qabnetti qabeenya kennu dhiisudha. Bakka kanaa isaan sooru, uffisuu fi jechoota gaarii itti dubbachuudha.

e.Namoota hin akkeessin– yeroo ammaa namoonni wal akkessuun qilee baditti of darbaa jiru. Eebalu kana bite, anille kana bitu qaba jechuun qabeenya ofii bakka hin taanetti qisaasessun idaa ulfaatatti galu. Fakkenyaf, telefoona haarawa yoo nama harkatti argan, telefoona san bituuf qabeenya isaani haaxawanii gurguru. Ergasi rakkoo cimatti seenu. Kanaafu akka ollaatti bulaa osoo hin ta’in akka mataa keetti buluuf carraaqi. Namoonni naa haa arganii fi na haa jajaniif jette wanta humni kee hin dandeenye ofitti hin baachisin. Namoonni naa haa kabajaniif jette uffata qaali bituuf of hin dhiphisin, idatti hin seenin. Wanta namoonni waa’ee kee ilaalchise jedhaniif gurra hin kenniin. Karaa kana jalaa itti baatu sitti himuu? Karaan kunis Rabbiin qofa gammachiisuf carraaqudha. Namoota nan gammachiisa yoo jette fedhii namoota kumaatamitti lakkawaman guutuf carraaqxa. Kuni immoo humna keeti oli. Garuu Rabbii tokkicha qofa nan gammachiisa jette yoo carraaqxe ba’aan kuni hindii sirraa bu’uun gammachuu fi tasgabbii argatta. Namoota akkeessuf oli gadi hin fiigdu.

7.Hariiro firummaa eegu fi sadaqaa kennu– meeqa keenyatu hariiroo firummaa fi sadaqaa (kennaa) kennuun jireenya keessaa gammachuu dhandhamaa jirraa? Osoo wal jibbinuu fi hariiroo firummaa kukunnu qabeenya keessaa barakaa (tola) haaqna. Wal gaafachu fi walitti dhufuun duraanitti hafe. Dhugumatti akaakilee keenya jireenya mi’aaya jiraata turan. Sababni isaas, wal gaafatu, walitti dhufu, wal gargaaru, jibbii walii qaban baay’ee xiqqaadha.

Karaan qabeenya keenya ittiin guddisnu keessaa tokko hariiroo firummaa eegudha. Ergamaan Rabbii (Nageenyi fi rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu) akkana jedhu:

“‏ مَنْ أَحَبَّ أَنْ يُبْسَطَ لَهُ فِي رِزْقِهِ، وَيُنْسَأَ لَهُ فِي أَثَرِهِ، فَلْيَصِلْ رَحِمَهُ ‏”‏‏.‏

Namni sooranni (rizqiin) isaa akka bal’attuu fi umriin isaa akka dheeratu barbaade, hariiroo firummaa haa eegu.” (Sahiih Al-Bukhaari)

Rahimummaan (firummaan) haadha abbaa irraa ka’uun obboleessa, obboleetti, adaada, eessumma, abbeeraa, akka’oo, akaakayyu, soddaa fi kkf of keessatti hammata. Hariiroo kanniin eegun jaalala maatii cimsuun qabeenya dagaagsa. Wal waanyu fi wal jibbuu haaqun hundee cimaa ijaara. Tokko tokko gargaarun salphinna irraa wal tiiksu. Meeqa keenyatu haadha abbaa keenya kunuunsaa jirra? Meeqa keenyatu daqiiqa muraasaf adaadota, eessumoota fi abbeerota keenyaa bilbille nagaha gaafanna? Yommuu qarshii wanta hin taane irratti baasnu garaa nu hin nyaattu yommuu firoota keenya irratti baasnu garaa nu nyaatti. Doy’a hin ta’in, bilbiliif, nagaha jedhiin Insha Allah qabeenya kee keessatti barakaa argattaati.

Karaan biraan qabeenya keenya itti daballu jaalala Rabbii argachuuf sadaqaa kennudha. Sadaqaa yommuu kenninu niyyaan (yaanni) keenya qabeenya keenya guddisuuf ykn namoota irraa kabajaa fi galata argachuuf osoo hin ta’in “Jaalala Rabbii argachuu fi jireenya boodaa (aakhiraa) bitachuuf” ta’uu qaba. Akkuma sadaqaa kennuuni fi Rabbiin sodaannuun jireenya salphaa taati. Kunoo Rabbiin nama sadaqaa kennuu fi doy’a haala Kanaan wal bira qaba:

Namni (sadaqaa) kennatee fi Rabbiin sodaate; Al-Husnaa (mindaa gaarii Aakhiraa) dhugoomse, karaa laaftu (gara gaarummaa) isaaf ni laaffifna.

Nama doy’oome fi of gahe (Gooftaa isaa hin barbaanne), Al-Husnaa (mindaa gaarii Aakhiraa) sobsiise karaa jabduu (gara badii) isaaf ni laaffifna.” Suurat al-Layl 92:5-10

Kanaafu akkuma sadaqaa kennuuni fi mindaa gaarii Rabbiin irraa eegnu jireenyi teenya laafaa fi nu salphataa adeemti,hojiiwwan gaggaari hojjachuun nuuf salphata. Akkasumas akkuma doy’a taanu fi Rabbiin irraa garagalluun jireenyi jabataa fi balballi badii nutti banamaa adeemu. Mee haa ilaallu warra sadaqaa hin kenniine badii isaan raawwatan. Karaa badii ibiddatti isaan geessu isaanii baname jira. Sadaqaa kennuu dhiisanii alkooli ittiin dhuguu, sigaaraa ittiin xuuxu, caati ittiin qama’uu fi kkf raawwatu. Kanaafu badii irraa eeggamuu fi jireenya gammachuu jiraachuf sadaqaa kennudha.

8.Taqwaa– taqwaa (Rabbiin sodaachu) jechuun ofii fi adabbii Rabbii jidduu, Rabbii ajajamuu fi wanti Inni nama dhowwe irraa dhowwamuun, eeggumsa (girdoo) kaa’u jechuudha. Jecha biraatin namni tokko ajaja Rabbii bakkaan gahuu fi wantoota Inni dhowwee irraa dhowwamuun adabbii Rabbii ofirraa deebise jechuudha. Fakkeenyaf namni tokko Rabbiin sodaachun sagaagalummaa raawwachuu, alkooli dhuguu fi kkf irraa ni dheessa. Kanaafu sodaan Rabbii adabbii sagaagalummaa fi alkooli irraa dhalatuu nama kanarraa deebise jechuudha. Haaluma kanaan Rabbiin sodaachun qabeenya karaa haraamatin (dhowwamaatin) argachuu irraa yoo dheessite adabbii ofirraa deebisuun qabeenya keessa barakaan ni ka’aama. Fakkeenyaf alkooli, sigaraa, caati fi kkf gurguruu, nama gowwomsuu, malaamaltummaa, mattaa fi kkf irraa yoo dheessite jireenya badhaadhinna jiraatta. Rabbiin namoota Isa sodaatan Rakkoo keessaa isaan baasa, bakka isaan hin yaanne isaan soora.

Namni Rabbiin sodaatu (Rabbiis) karaa bahiinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaadin irraayis isa soora. Nama Rabbii irratti hirkatuuf Inni isaaf gahaadha. Dhugumatti Rabbiin ajaja isaa bakkaan gahaadha. Dhugumatti Rabbiin waan hundaafu hanga sirraawaa taasiseera. “ Qur’aan, Suurat Ax-Xalaq:2-3

Yommuu ati Rabbii jette wanta badaa dhiistu, Inni karaa san caalaa bal’aa fi gaarii si bana. Akkuma ati Rabbiin faallessituu fi daangaa Isaa dabartuun qabeenyi kee barakaa dhaba, gammachuu fi tasgabbii hin argattu. Kanaafu iccitiwwan galii keessaa sadettaffaan Rabbiin sodaachudha. Qabeenyi kiyya xiqqaadha jechuun haraamatti harka hin hiixatin.

9.Du’aayi– jireenya tana humna keenya qofaan moo’achuu ni dandeenyaa sila? Osoo ifaajnu yeroo meeqa kufnaa, kasaarraa. İccitiiwwan galii keessaa inni sagalaffaan Rabbiin irraa qabeenya gaarii fi nama hin balleessine kadhachuudha. Rabbiin addunyaa fi Aakhiraatti waan gaarii argachuuf du’aayi tanaan akka Isa kadhannu nu jajjabeessa:

رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا حَسَنَةً وَفِي الْآخِرَةِ حَسَنَةً وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ

Gooftaa keenya! Duniyatti toltuu, Aakhirattis toltuu nuuf kenni; adaba ibiddaa irraa nu baraari.” Suura Al-Baqaraa:201

10.Galata galchuu– dhugumatti ilmi namaa hiyyeeyi fi of tuultota. Yommuu dhabanii fi rakkatan gara Rabbii fiigu, yommuu argatan immoo galata Isaa galchuu dhiisanii irraa garagalu, oftuulu namoota lakkoofsi isaani xiqqoo ta’ee malee. Rabbiin immoo namoota akkanaa hin dhiisu haloo bahaaf malee. Galata yoo Isaa galchinee mata keenyaf yoo irraa garagalles matama keenya miina.

Yeroo Gooftan keessan, “Yoo Na galateefattan (qananii kiyya irraa) isiniifin dabala. Yoo natti kafartan, dhugumatti adabni Kiyya akkaan hamaadha.” Jedhee labse yaadadhaa.” Qur’aan, Suura Ibraahim 14:7

Rabbiin galateefachu jechuun afaaniin qofa Alhamdulillah (Faaruu fi Galanni hundii kan Rabbiiti) jechuu qofa osoo hin ta’in fayyaa fi qabeenya Inni nutti kenne karaa sirrii Rabbiin jaallatutti itti fayyadamuu fi baasudha. Fayyaa osoo qabnu yoo Rabbiin gabbarre, qabeenya keenya sadaqaa kennuu fi amantii Isaa tumsuuf yoo hojii irra oolchine Rabbiin galeefachaa jirraa jechuudha. Ta’uu baannan garuu qabeenya fi fayyaa keenya bakkuma arginetti yoo itti taphanne Rabbii galata galchaa hin jirru jechuudha. Kanaafu durummaan sobame halaakamu (baduu) irraa Rabbiin nu haa tiiksu. Namoota meeqatu durummaan daangaa Rabbii darbuun nafsee ofii miidhaa jiru! Sababa durummaatinii mitii wantoonni fokkuun akkanatti addunyaa irratti baay’atan? Kanaafu qormaanni durummaa qormaata hiyyummaa akka caalu beekun of haa eeggannu. Qabeenya qabnutti fayyadamne daangaa Rabbii darbuu fi dirqama Inni nurra kaa’e dhiisu/dagachuu irraa of eggannoo haa goonu.Kanaafu karaa fi iccitiin galii itti argatanii fi eegan inni kurdaffaan Rabbii galata galchuudha.

Gudunfaa

Iccitiwwaan Galii hanga ammaa ilaalle kana fakkaatu:

  1. Kaayyoo murteefachuu
  2. Gara Rabbii deebi’uu fi araarama kadhachuu
  3. Hojjachuu fi carraaqu
  4. Rabbiin irratti hirkachuu
  5. Karaa halaalatiin (seera qabeessan) galii barbaadachuu
  6. Karaa sirrii irratti fi haala sirriin baasu
  7. Hariiroo firummaa eegu fi sadaqaa kennuu
  8. Taqwaa (Rabbiin sodaachu)
  9. Du’aayi (Rabbiin kadhachuu)
  10. Galata Rabbii galchuu
Galaana Fitnaa-Kutaa 1ffaa
Iccitiiwwan Galii-Kutaa 1ffaa

Leave a Reply