Galaana Fitnaa-Kutaa 1ffaa

Qormaata ykn fitnaan yommuu bu’uu nama jaanjessa, dukkanni namatti bu’a, gara deeman nama wallaalchisa. Nama Rabbiin eege malee namni qaroon dukkana qormaataa kanaatin ni dhama’a. Fitnaa yoo jennu wantoota lubbuu, qalbii fi qabeenya nama irratti balaa fiduu danda’aniidha. Isaan keessaa gurguddoon waraana, wal lola, balaa uumama kan akka kirkira lafaa, rooba cimaa, wantoota fokkuu kanneen akka sagagaalummaa, gudeeddaa, alkooli fi kkf babal’achu, qabeenyi garmalee baay’achuu fi hiyyuummaan jabaachu.

Yeroo ammaa akkuma beekkamu fitnaan bakka kamittu babal’ate jira. Fitnaa kanniin jalaa akkamitti akka baanu yoo hin beekin salphatti galaana isaatin nyaatamna. Barreefamni armaan gadii kitaaba basaa’ir fil fitan jedhamu irraa cunfamuun fudhatame. Gara jalatti Arabiffaa fi Ingiliffaan ni argattu.

“Dhugumatti  fitnaan akka duumessa walirratti tuulame wal duraa duuban dhufun namoota haguuga.  Jaaminsaa fi duudummaa keessatti akka dukkanni halkanii yookiin danbaliin cimaan nama marsuutti fitnaanis isaan marsa. Fitnaa keessatti sammuun namaa ni qabamti, qalbiin isaani ni duuti nama Rabbiin tiikse malee.”

Fitnaan yeroo kamu hin dhaabbatu, ni dhufa. Garuu dhufuun dura nuti beekumsaan, xinxallii gadii fagoon, hojii gaggaari hojjachuun, badii irraa dheessu fi Guyyaa Qiyaamatiif qopha’uun of qopheessu qabna. Namni jalqaba lolaa fitnaa keessatti kufu nama Rabbiin irraa fagaate fi beekumsa barbaadu irraa dheessedha.

Ergamaan Rabbii (sallallahu `alayhi wa sallam) akkana jedhan:
Namni gammadaan nama fitnaa (qormaata, rakkoo) irraa eeggameedha. Yommuu mokkoramu (qoramu) immoo nama obseedha.” (Abu-Dawud)

Kanaafu fitnaan nutti bu’uun dura amaloota fi maalummaa ishii sirritti beekun irraa dheessu qabna. Erga nutti bu’een boodas obsaan jala darbuuf carraaqu qabna.

Amaloota Fitna
Fitnaan amaloota beekamoo qabdi yommuu beekan kan irraa goran. Amaloota kanniin beeku dhabuu irraa kan ka’ee fitnaa meeqatu namoota haaxawe dabarse. Amaloota ishii keessaa muraasni:

a.Jalqaba yommuu fitnaan dhuftu nama hawwatuun namoota gowwomsiti– yommuu qormaanni dhufu jalqaba garmalee nama kakaasa. Ergasii wanti hunduu akka yaadame osoo hin ta’in garagalto ta’a. Khalaf ibn Hushib, “Namoonni yommuu fitnaan dhiyaattu waloola Imru Qays tana walaleessu garmalee jaallatu” jedha. Imru Qays akkana jedhe:

Waraanni jalqabni ishii akka intalaati
Bareedinna ishiitin wallaala hundaa ofitti harkisti
Yommuu waraanni cimee fi dheerate
Akka jaarti dulloomtu jaarsa hin qabne taati
Arri’ooftu bifni ishii jijjirame tan biraa taati.
Fuunfachuu fi dhungachuuf ni jibbamti.

Walaloon tuni isinii galee mitiree? Jalqabni fitnaa akka intala bareeddu nama hawwatti. Namni wallaalan kamu itti fiiga. Ergasii suutuma suutan yommuu fitnaan cimu akkuma intalli tuni jaarti taate fokkattu fitnaanis fokkachuun ofirraa nama ariiti.
Khalaf akkana jechaa ture, “Yommuu fitnaan dhiyaattu namoonni walaloo tana sirritti baruu qabu.”

b.Fitnaan sammuu namaa hadoocha- Abdullah Ibn Mas’uud (Radiyallahu anhu) akkana jechuu turan, “Fitnaa akka aara nama ukkaamsu isiniif sodaadha. Tan qalbiin namaa keessatti duutu akkuma qaamni du’u.”

Fitnaa sammuun namaa itti hadoodutu dhufa, nama qaroo arguun hanga garmalee ulfaatutti.”

Abu Musa Al-Ashaari akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (sallallahu `alayhi wa sallam) akkana jedhan:
“‘Dhufaati Guyyaa Qiyaamatin dura, al-Harj ni jira.’ (Sahaboonni) ni jedhan, ‘Al-Harj maal jechuudha?’ Ergamaan Rabbii (sallallahu `alayhi wa sallam) ni jedhan:’Ajjeechadha. Mushrikoota ajjeesu keessan osoo hin ta’in isin wal ajjeessudha, hanga namtichi ollaa ofii, obboleessa ofii, abbeera ofii,ilma abbeeraa ofii ajjeesutti.” Isaanis ni jedhan ‘Sila osoo sammuu qabnu moo?” Ergamaan Rabbiis ni jedhan,’Sammuun namoota yeroo sanii ni deemti (ni hadooddi), namoota sammuun isaani xiqqaa fi hin yaannetu hafa. Irra hedduun isaani dhugaa irra waan jiran se’u garuu homaa irra hin jiran.” (Imam Ahmadtu gabaase)

Namni yeroo qormaanni itti bu’u gara deemu wallaala. Malli hunduu harkaa bada. Alkooli caala nama macheessa. Dukkana irratti dukkanni nama haguuga, hurriin jireenya nama marsa. Kanaafu fitnaan dhufuun dura of qopheessun hin barbaachisu ree?

c.Amaloota fitnaa keessaa kan biraa immoo yommuu uumamtu saffisaan babal’achuun qabbaneessun garmalee ulfaata– mee haa ilaallu lola addunya irratti adeemsifamaa jiru. Jalqaba irratti hoo hoon jalqabama. Ergasii itti fufun rasaasa walitti dhukaasun eegalama. Lubbuun namoota kumaatamatti lakkawamanii ni darba. Hanga lubbuun miliyoonatti lakkawaman darbanii fi qabeenyi baay’een barbadaa’utti qabbaneessun ni dadhabama. Akka fakkeenyatti biyyoota Arabaa mee ilaallu.

Ibn Taymiyaan akka jedhanitti yommuu fitnaan buutu namoonni qaroon namoota gowwaa ibidda fitnaa qabsiisan duubatti deebisu hin danda’an. Akkuma Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jedhe kuni amala fitnaati.

Rakkoo (fitnaa) isin irraa warra miidhaa hojjatan qofa kophatti hin muudannes sodaadhaa. Dhugumatti Rabbiin adabni isaa cimaa akka ta’es beekaa.” Suura Al-Anfaal:25
Fitnaan yommuu buutu ishiin faalamu irraa namni nagaha bahu hin jiru kan Rabbiin eege malee.”

Yommuu fitnaan dhufuu fi dhufuun dura gara Qur’aana fiigudha. Qur’aanni  nuura (ibsaa dukkanaati) fi basaa’ira (ragaa ifaati).

6:104
Dhugumatti Gooftaa keessan irraa ragawwan ifa ta’an isinitti dhufeera. Namni (raagawwan kanniin) arge lubbuma isaatif (itti fayyadama). Namni jaames isheedhuma (lubbuma ofii) irratti (miidhaa geessa). Anis (Muhammad (SAW)) isin irratti tiiksaa miti.” Suura Al-An’aam :104

Abdur-Rahman ibn Abzi akkana jedhe,”Yommuu namoonni fitnaa ajjeecha Usmaan ibn Affaanitti kufan, ani Ubay ibn Ka’ab akkana jechuun gaafadhe, ‘Yaa Abbaa Munzir karaan fitnaa kana keessaa ittiin bahaniin maalii?’ Innis akkana jedhe,’Kitaaba Rabbiiti (Qu’aana). Wanta ifa sii ta’ee irratti hojjadhu, wanta sii hin galle immoo hayyootaf dhiisi.’”

Kanaafu fitnaan (rakkoon) bu’uun dura Qur’aana barachuun, qo’achuu fi irratti hojjachuuf carraaqun karaa fitnaa jalaa ittiin bahaniidha. Yeroo baay’ee namoonni galaana fitnaatin nyaataman namoota beekumsa hin qabne fi ijjoolle ykn dargaggoota bilchinna hin qabnedha. Wanta maanguddoo fi namoonni qaroon isaaniin jedhan hin dhagayan. Yeroo hundaa anutu beekadha, anatu dhugaa irra jira jedhu. Beekumsaa fi xinxalli malee fiigu.

Badii fitnaa irraa dhalatu hanbisuuf dargaggoonni fi namoonni kuunnin hayyoota fi maangudootatti hidhatu qabu. Hayyoonni jallinnaa fi dogongora irraa namoota tiksu. Dhugumattii Rabbiin yeroo namoonni Islaama irraa garagalan sababa Abu Bakar sidiiqin (radiyallahu `anhu) amantii Ofii tumse.

Tolee! amaloota fitna hanga kana erga ilaalle booda yeroo fitnaan nutti butuu akkamitti too’achuu dandeenyaa?

1.Obsa qabaachu– yeroo kamiyyuu keessatti obsa horachuun ni barbaachisa. Yeroo rakkoo immoo daran barbaadamadha.

وَجَعَلْنَا بَعْضَكُمْ لِبَعْضٍ فِتْنَةً أَتَصْبِرُونَ ۗ وَكَانَ رَبُّكَ بَصِيرًا

Garii keessan gariidhaaf mokkorri taasifne jirra. Ni obsituu ree?(Obsaa!) Gooftaan keetis (waan hundaa) argaa ta’ee jira.” Suura Al-Furqaan (25):20

Namoonni tokko tokkoof qormaata. Qormaata kana irratti obsuu barbaachisa.
Rakkoo fi daraaran jireenya namaa guutu keessa itti hin fufu. Kana irra yeroon booda toltuu fi laafinnatu dhufa. Toltuu fi laafinna kana argachuf obsa barbaachisa.

Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:
Rakkinna waliin laafinatu jira.
Dhugumatti rakkinna wajjiin laafinatu jira.” Suurat Ash-Sharh 94:5-6

Yeroo ammoo rakkoo fi daraaran baay’ate kanatti obsa akka qabaannu Ergamaan Rabbii (sallallahu `alayhi wa sallam) nuu dhaaman.

Abu Zarr akkana jedhe: Ergamaan Rabbii (sallallahu `alayhi wa sallam) akkana naan jedhan, “Yaa Abaa Zarr!” Anis nan jedhe ‘Labbeyka yaa Rasulallah wa sa’adeeyka (sii awwaadhe)’ Innis ni jedhe ‘Yommuu namootatti duuti itti bu’uun manni isaani qabrii (awwaalcha) ta’u maal gootaa?”
Anis ni jedhe,’Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka (yookiin ani akkana jedhe: Wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa naa filan).’
Ergamaan Rabbiis ni jedhe ‘Sirratti obsuudha’  yookiin ‘obsi.’” (Abu-Dawuud)

Waa’ee obsaa ilaalchise bal’innaan barruule ‘Obsa:Furtuu milkaa’inna fi Gammachuu’ websaayiti kana irratti argaman dubbisuu dandeessu.

2.Wal danda’uu fi walii mararfachu– balaa namatti bu’ee obsaan danda’anii jala darbuun injifannoo guddaadha. Kanaafi Umar ibn Al-Khaxxaab akkana jedhe,”Jireenya gaarii keenya obsaan arganne.” Yeroo rakkoo wal-danda’uu fi wali mararfachuun hadhaa daraara hir’isa. Wal danda’uu dhiisu fi akka bineensa wal nyaachun immoo rakkoo babal’isuun miidhaa guddaa geessa.

3.Jarjaruu fi ariifachuu dhiisu– lubbuu meeqatu galaafatamee, qabeenya meeqatu barbadaa’e sababa jarjaruu fi ariifatuutin. Akkuma Oromoon jedhu ‘Osoo hin hubatin hin gugatin.’ Wanta tokko sirritti addaan osoo hin baasin fiigun miidhaa guddaa fida. Akkuma jedhamu Obsi Rabbii irraayyi, jarjaruun immoo sheyxaana irraayyi. Wanta hundaa jarjaraan akka raawwattu fedhii guddaa keessa keetti sheyxaanni qabsiisa. Of qabbaneessu fi gadii dhaabbate osoo itti hin yaadin yoo fiigde gatii baay’ee kafalta.

Jarjaruu jechuun yeroo isaatin dura wanta tokko hojjachuudha. Arabdoonni jarjaruun haadha gaabbiwwan hundaati jedhu.

Al-Awzaa’i akkana jechuun gabaase, “Yommuu Umar ibn Abdulaziz nama tokko adabuu barbaade, guyyoota sadiif hidha. Ergasi ni adaba. Yeroo dallansuu sanitti jarjara jibbuu irraa kan ka’e (yerooma san hin adabu).”

Muhammad ibn Bashir  akkana jedha:
Luka fudhachuun dura faana keetif murteessi bakka.
Namni wallaalumaan mucucaate dhugumatti ni kufa.

Kana jechuun dhimma tokko irratti bu’aa fi miidhaa isaa osoo itti hin yaadin itti hin dhiyaatin. Yoo kan siif ta’u ta’ee fudhadhu, ta’uu baannan irraa gori.

Huzayfan fitnaa ilaalchise akkana jedhe: Yommuu jalqaba fitnaan buutu ni dhokatti. Garuu erga deemten booda ni mul’atti.
Shamr Yaada Huzeeyfaa ilaalchise akkana jedhe: yommuu fitnaan jalqaba dhalattu namoota dhamaasun akka waan sirrii ta’anii itti fakkeessiti hanga isaan keessa seenanii wanta dhowwamaa hojjatanitti. Ergasii yommuu fitnaan gara dhumaatti dhuftuu fi deemtu, dhugaan ishii ifatti baha. Namoonni itti seenan hundi isaanitu akka dogongoran ni beeku.” (Basaa’ir fil fitan)

Abu Hatim, Muhammad ibn Hibban al-Busti, akkana jedha, ‘Namni jarjaraan kaayyoo ofii hin gahu akkuma namni suuta jedhuu fi obsuu kaayyo ofii irraa hin utaalle. Namni cal’isaan yeroo baay’ee hin gaabbu. Namni yeroo hundaa dubbatu (laflaafin) nagaha hin bahu. Namni jarjaraan osoo homaa hin beekin dubbata, osoo homaa isaa hin galin deebii deebisa. Namni biraa beekkama osoo hin ta’in faarsa. Nama beekkame fi faarfame namni jarjaraan komata (qeeqa). Osoo itti hin yaadin murteessa. Osoo hin murteessin gara funduraa fiiga. Jarjaruun nadaama (gaabbi) taati. Nageenyi wanta jarjara waliin dhufuu miti. Arabni ‘jarjarri haadha gaabbiti’ jetti. (Basaa’irul fitan- fuula 42)

Keeyyanni armaan olii tunii waa’ee jarjaraa ilaalchise waan baay’ee of keessatti hammatti.
Jarjara ittisuuf beekumsaa fi obsa nu barbaachisa. Akkuma beekumsi dabaluun bilchinni sammuu waan dagaaguf namtichi jarjaruu irraa of qusata. Yommuu miirri keenya hoo’u, of gadi qabuu qabnaa malee hoo’a saniin fiigne of gubuu hin qabnu. Takka miidhaa fi bu’aa wanta fiignuufi dhaabbannee itti yaadu qabna. Yommuu sheyxaanni akka jarjarru nu taasisu, “A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim ( sheyxaana abarraamaa irraa Rabbiin eeggama)” jechuu qabna. Wudu’a gochuu fi salaata salaatun, ergasii du’aayi gochuun jarjara keenya ni qabbaneessa. Manguddoota fi namoota qaroo waliin mari’achuu qabna. Adduma gulufuu hin qabnu. Insha Allah hanga torbaan kutaa lamataan walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.

Madda: Basaa’ir fil fitan (Arabic)
basair-fil-fitan (English)

Galaana Fitnaa-Kutaa 2ffaa
Iccitiwwan Galii-Kutaa 2ffaa

Leave a Reply