Galaana Fitnaa-Kutaa 2ffaa

Torbaan darbee yommuu fitnaan (qormaata, rakkoon…) buutu akkamitti akka too’atan tutuquuf yaalle turre. Har’as itti fufuun tooftaalee fitnaa itti too’atan mee haa ilaallu.
4.Oduu mirkaneefachuu– dhugumatti ibiddi fitnaa yeroo baay’ee kan qabatuu fi babal’atuu sababa oduu sobaa fi jette jettee raabsunii. Namoonni baay’een wanta dhagayanii fi jedhan osoo addaan hin baafatinii fi hin mirkeenafatiin namoota birootta dabarsuuf ariifatu. Kunii immoo badii badii irratti dabaluun jireenya darara, dhiiga namoota baay’ee dhangalaasa. Yommuu namoonni akkuma argan oduu osoo hin mirkaneefatiin namoota birootti dabarsan, ajaja Rabbitti buluu fi tolee jechuu dhiisanii fedhii lubbuu ofii qofa jala fiigu. Namoota akka dhagaa jabaatan ni argita. Of dinqisiifachuun ana malee beekaa fi hayyuun hin jiru jedhu. Namoonni biroo isaan biratti wallaaladha. Mariif yoo waamaman nama jalaa hin dhagahan. Wanta ani jedhe malee yaanni nama biraa fudhatama hin qabu jedhu. Namoota akkanaatu dhiigni namoota nagahaa akka jiguu fi qabeenyi akka barbadaa’u sababa ta’a.

Karaa fitnaa itti dhowwan keessaa tokko oduu mirkaneefachudha. Keessumatti nageenya ummata bal’aa kan tuquu yoo ta’e. Osoo oduu hin mirkaneefatin, asii akkas ta’e achii akkas ta’e jedhanii afuufun miidhaa fi gaabbii malee wanta biraa ta’uu hin danda’u.

Oduu dhugaa ta’ee yoo argameeyyu, miidhaa fi faaydaa oduu tamsaasu keessa jiru abbichi itti yaadu qaba. Odeefannoon dhugaa waan ta’eef hundii isaatu hin himamu. Gariin isaani dhokfamu qabu.

Abu Hureeyran akka jedhanitti qaraxiixi beekumsa lama Ergamaa Rabbii (Salallahu aleyh wa sallam) irraa kuufadhe. Qaraxiixi beekumsaa tokko nan tamsaase. Kan hafee immoo nan dhokse. Osoo beekumsa dhokse kana tamsaase silaa kokkeen tiyya ni citti turte (kana jechuun nan ajjeefamaa ture).”

Kanaafu wanti hundii dhugaa ta’eef ifatti bahuu hin qabu. Namni tokko nan beeka jedhe wanta dhagaye hundaa yoo odeesse ibidda fitnaa qabsiisaa jiraa jechuudha.

Umar Ibn Al-Khaxxaab (RA) akka jedhetti ‘kijiba irraa isaaf gahaadha yommuu namni tokko wanta dhagaye guutu odeessu.’ (Namni tokko wanta dhagayee guutu yommuu odeessu kijibaa fi hofoffe ta’a. Oduu osoo hin mirkaneefatin waan fiiguf odeefannoon isaa yeroon booda soba ta’ee argama. Kunu kijibaa isa gochuutti gahaadha.)

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) odeefannoo dabarsuun dura akka mirkaneefannu itti nu ajaja:

“Yaa warraa amantan!,faasiqni(fincilaan) oduudhaan yoo isinitti dhufe wallaalumaan namoota akka hin miine fi wanta hojjattaniif akka hin gaabbine (oduu isaa) addaan baafadha.” Suuraa Al-Hujraat:6

Yommuu namni tokko oduun nutti dhufu oduu isaa addaan baafachu qabna. Ta’uu baannan miidhaawwan gurgudda lama ofitti feena. Tokko namoota wallaalumaan miidhun adabbi hamaa adabamna. Lamaffaan immoo gaabbiin keessa keenya gubna. Gadaa fitnaan itti baay’ate kanatti of eeggannoo guddaa gochuu qabna. Wanti sab-qunnamtin (social midiyaan) tamsaafamu hundii dhugaa jenne yoo fudhanne fi hojii irra oolchine boodarra miidhaa baay’ee dhandhamna. Madda oduu osoo hin mirkaneefatin fiigun boodarra nama boochisa. Cal’isuun furmaata hundarra caalu.

Socail media irratti eenyullee na hin beeku jenne wantuma argine share yoo goone fi sababa kanaan dhiigni nama tokko yoo jige, cubbuun nurratti fe’ama. Dhiiga namaa karaa kaminiyyuu jiigsun wanta salphaadhaa? Kanaafu oduu argine osoo hin mirkaneefatin cal’isneetummaan gadi lakkisuu irraa of haa qusannu.

5.Arraba ofii qabuu– yeroo hundaa arrabaa ofii qabuu fi bakka sirrii ta’eetti itti fayyadamuun furtuu milkaa’innaa fi gammachuuti. yeroo fitnaa oduu fi jette jetten waan babal’atuuf gurrii wanta hundaa caqasa, namoonnis wanta dhagahan hundaa tamsaasuf ni muddamu. Sababa kanaaf rakkoon guddaan ni dhalata. Tarii jechi takka rukuttaa seeyfi caalaa nama miidhu dandeessi. Sababa kanarraa kan ka’ee Muslimoonni wantoota fitnaa babal’isan irraa arraba isaani eegun isaan irratti dirqama. Kanaafi Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedhe:

Gabroottan Kiyyatti jecha hundarra gaarii taate akka dubbatan itti himi. Dhugumatti sheyxaanni gidduu isaani balleessa. Dhugumatti sheyxaanni ilma namaatif diina ifa bahaadha.” Suura Al-Israa 17:53

Sheyxaanni jechoota badaa akka dubbatan isaan gochuun wal dhabbii fi wal diigga isaan jiddutti facaasa. Kanaafu jecha gaarii dubbachuun yookiin cal’isuun badii kana hunda irraa nama tiiksa.

Wanta faaydi hin qabne dubbachuun maatii meeqatu diigame, lubbu meeqatu darbe. Seena fi manni haa lakkaa’u. Osoo itti hin yaadin jecha takka ni dubbatta ergasii manni fi hariiron kee ni diigama. Kana irraa baraaramuuf arraba ofii lugaamudha.

“Arraba ofii qabuu fi too’achuun hundee wantoota gaggaarii hundaati. Namni arraba ofii irratti too’anna argate, dhugumatti dhimma ofii sirnaan too’ate.”

Ergamaan Rabbii waa’ee wantoota baay’inna ibidda nama seensisan yommuu gaafataman,”Arrabaa fi qaama hormaata.” Akka ta’ee ibsanii jiru.

Umar Ibn Al-Khaxxaab (RA) akka jedhetti ‘Namni dubbiin isaa baay’ate, dogongorri isaa ni baay’ata. Namni dogongorri isaa baay’ate cubbuun (dilliin) isaa ni baay’ata. Namni cubbuun isaa baay’ate immoo adabbiin ibiddi wanta isaa malu.

Amala Ergamaa Rabbii keessaa tokko cal’isni isaani ni dheerata (dubbii hin baay’isan), baay’isanii hin kolfan. Nama kamiyyuu hin qeeqan, hin hamataniis, aybii (dogongora) namoota irra hin barbaadan; dhimma kamiyyuu irratti hin dubbatan Rabbiin irraa mindaa yoo kajeelan malee.

Yazid ibn Abi Habiib akkana jedhaa ture: namni oduu baay’isuu fitnaan akka dhuftuuf eega. Namni cal’isu immoo rahmanni akka buutuf eega.

Akkuma jedhamu namni obsuu fi cal’isu gaabbin isa hin tuqxu.

Al-Fudayl akkana jedhe: amaloonni lama qalbii gogsuu. Isaanis; baay’isanii dubbachuu fi baay’isanii nyaachudha.

Sufyaan akkana jedhu: dheerinni cal’isaa (cal’isa baay’isuun) furtuu ibaadati.

Abu Zayyaal akkana jechaa ture: akkuma dubbii barattu cal’isaas baradhu. Yoo dubbiin kan si qajeelchu ta’ee cal’isuun immoo si eega. Cal’isa keessa amaloota lama horatta. Tokkoffaa nama si caalaa beekaa ta’e irraa beekumsa argatta. Lammaffaa, nama si caalaa mormii baay’isu irraa of eegda.”

Ibraahim ibn adihaam akkana jedhe: cal’isuun kee yoo si gaddisisee dogongora arraba keetin uumamu irraa baraaramu kee yaadadhu. (Yoo dubbatte badii guddaa sitti fidu danda’a. Cal’isuun kee immoo badii san irraa si baraara. Kanaafu baraarama kana yaadadhu.)

Ibraahim ibn Adihaamin akkana jedhame ‘Eebalu seer-luga barataa jira.’ Innis ni jedhe,’Akkamitti akka cal’isuu barachuun isaaf wayyaa ture.’

Muwarriq akkana jedhe,”Dhimma tokkotu jira kan ani waggoota hanganaatif barbaada jiru. Hanga ammaatu bira gayuu hin dandeenye. Garuu ammallee barbaadu hin dhiisu.” Namoonnis, “Yaa abbaa Mu’tamir dhimmi suni maalidhaa?” jechuun gaafatan. Innis akkana jedheen, “wanta na hin galchine irraa dhowwamuudha.”

Shaqiiq al-Balkhii akkana jedhe:’namoota waliin yommuu hiriyyoomtu akka yeroo ibidda bira jirtu ta’i. Ibidda irraa faaydaa isaa fudhu akka si hin gubne of eegadhu.”

Dhugumatti akkuma ibiddi nama gubu namoonni arraba ofiitin nama gubuu yookiin arraba keenyan isaan gubna. Osoo isaan hin miidhin faayda isaan irraa fudhatanii yookiin faayda kennaniif biraa deemun qarummaadha.

6.Fitnaa irraa fagaachu fi dheessu– galaanni fitnaa yommuu dhufuu nama isa fundura dhaabbate haxaawe dabarsa. Nama jala gore immoo irraa gora. Haalli wal xaxaan yommuu uumamu, dhimmicha osoo addaan hin baafatin itti fiigun hin barbaachisu. Irraa dheessu fi hanga wantoonni ifa bahanii eegudha.

Ergamaan Rabbii (Salallahu aleyh wa sallam) waa’ee fitnaa ilaalchise akkana jedhu:

“‏ سَتَكُونُ فِتَنٌ الْقَاعِدُ فِيهَا خَيْرٌ مِنَ الْقَائِمِ، وَالْقَائِمُ خَيْرٌ مِنَ الْمَاشِي، وَالْمَاشِي فِيهَا خَيْرٌ مِنَ السَّاعِي، مَنْ تَشَرَّفَ لَهَا تَسْتَشْرِفْهُ، فَمَنْ وَجَدَ مَلْجَأً أَوْ مَعَاذًا فَلْيَعُذْ بِهِ ‏”‏‏.‏

Fitnaan ni dhufti tan ishii keessa nama dhaabbatu irra nama taa’u wayyu (caalu), nama deemu irra nama dhaabbatu wayyu, nama fiigu irra nama deemu wayyu; namni fitnaaf of saaxile,isa ni balleessiti. Namni iddoo eeggumsaa yookiin iddoo baqaa argate, itti haa baqatu.” (Sahih Al-Bukhaari)

Dhaabbatanii tarkanfii gara fitnaatti fudhachuun dura taa’anii itti yaadutu caala. Fiigu irra suuta tarkaanfatutu caala.fitnaan yommuu dhuftu nan too’adha jedhanii itti fiigu osoo hin ta’in jalaa goruu fi baqatutu caala. Meeqa kamtu nan too’adha jedhe galaana fitnaatiin nyaatame hafe.

Al-Ahnaf ibn Qays akkana jechuun gabaase:

عَنِ الأَحْنَفِ بْنِ قَيْسٍ، قَالَ ذَهَبْتُ لأَنْصُرَ هَذَا الرَّجُلَ، فَلَقِيَنِي أَبُو بَكْرَةَ فَقَالَ أَيْنَ تُرِيدُ قُلْتُ أَنْصُرُ هَذَا الرَّجُلَ‏.‏ قَالَ ارْجِعْ فَإِنِّي سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم يَقُولُ ‏”‏ إِذَا الْتَقَى الْمُسْلِمَانِ بِسَيْفَيْهِمَا فَالْقَاتِلُ وَالْمَقْتُولُ فِي النَّارِ ‏”‏‏.‏ قُلْتُ يَا رَسُولَ اللَّهِ هَذَا الْقَاتِلُ فَمَا بَالُ الْمَقْتُولِ قَالَ ‏”‏ إِنَّهُ كَانَ حَرِيصًا عَلَى قَتْلِ صَاحِبِهِ ‏”‏‏.‏

Ani namticha kana gargaaruf deeme (kana jechuun Ali ibn Abi Xaalib). Ergasii Abu Bakraan karattı natti dhufe. Akkana naan jedhe,’Eessa deemtaa?’ Anis nan jedheen,’Namticha kana gargaarufi.’ Abu Bakraanis ni jedhe,’Deebi’i! Ani dhugumatti Ergamaan Rabbii (SAW) osoo akkana jedhu dhagaye jira.’Yoo Muslimoonni lama (wal ajjeesuf) seeyfiin wal qunnaman, kan ajjeese fi ajjeefame ibidda (Jahannam) keessa ta’u.’ Anis akkana jedhe gaafadhe,’Yaa Ergamaa Rabbii kuni silaa ajjeessadha, ajjeefamaan hoo maal balleesse?’ Ergamaan Rabbiis ni jedhe,’Saahiba isaa ajjeesuf fedhii cimaa qabaa ture.’ (Sahiih Al-Bukhaari)

Kanaafu fitnaa irraa dheessun nama qabbaneessu ta’uu qabna. Ta’uu baannan sababa keenyan dhiigni baay’een jiga, qabeenyi saamama, kabajni mulqama. Kanniin hundaaf boru itti gaafatamoodha.

Akka gabaafametti namtichi tokko Huzeeyfatti dhufun akkana jedhe gaafate,’Yommuu Muslimooni wal lolan, maal akka godhu na ajajjaa (na gorsitaa)? Huzeeyfaanis ni jedhe,’Iddoo jireenya keetti mana fagoo ta’e barbaadi itti baqadhu. Si ajjeesuuf yoo sitti dhiyaatan, akkana jedhiin,’Kunoo! Cubbuu kiyyaa fi cubbuu keessan baadhaa!’

Ibn Mas’uud akkana jedhe;’ Yommuu namoonni fitnatti kufanii,”Namoota keessatti nama fakkeenya gaarii taate, bahii.’ yoo siin jedhan,’Badii (sharrii) keessatti fakkeenya gaarii hin ta’u.’ Jedhiin.

Abu al-Haaris al-Saa’igh akkana jedhe: ‘Abbaa Abdullah (imaam Ahmad) waa’ee dhimma Baagidad keessatti adeemsifame gaafadhe kan namoonni mormiif bahan. Ani ni jedheen,”Yaa Abbaa Abdullaah! Namoota kanniin waliin bahuu maal jettaa?’ Isaan irratti jibbuun imaam Ahmad akkana jedhe,’Subhaan’Allah (Rabbiin qulqullaa’e)! Dhiigni jigu, dhiigni jigu maal haa ta’u?! Kana arguus hin barbaadu ittis hin ajaju. Fitnaa dhiigni itti jigu, qabeenyi namoota itti saamamu, kabajni itti mulqamu irra obsa amma keessa jirrutu caala. Hin beektuu sila! namoonni akkam akka ta’an yeroo fitnaa?” Anis ni jedheen,’Har’a hoo! namoonni fitnaa keessa hin jiranii yaa Abbaa Abdullaah?’  Innis ni jedhe,’Yoo fitnaa keessa jiraatan, fitnaan tunii murtaa’odha (specific). Yoo seeyfiin ol kaafame, fitnaan tan babal’attu fi wal xaxxuu taati, daandiin sirriin ni cita. Obsa yeroo ammaa keessa jirtu kanatu sii caala kan amantiin kee nagaha itti ta’u.”

Isaa (Imaam Ahmadi) namoota mormiif bayan akkana jechuun qeequ arge, “Dhiiga, dhiiga.. Sirrii ta’uun natti hin mul’atu, ittillee hin ajaju.” (Basaa’ir fil fitan Fuula 105, Arabiffa, In English Page 44)

Shaykh al-Islam, Ibn Taymiyyah akkana jedhe,’Hogganaa angoo qabu mormiif namni bahu gochi isaa gaarii dhaluu irra badii baay’ee dhalu malee hin hafu. ( Gaarii isaa caalaa badii baay’etu uumama. Dhigni namoota nagahaa ni jiga, qabeenyi fi kabajni namoota ni saamama. Sababa kanaaf obsi filatamaadha.)”

Ibn Taymiyyaan dhuguma jedhan. Mee gara addunyaa Arabaa ija keenya haa naanneessinu. Lubbuun namoota nagahaa kumaatamatti fi miliyoonatti lakkawaaman ajjeefamaa jiru, qabeenyi baay’een barbadaa’a jira, namoonni qe’ee isaani irraa buqqa’anii gadadoo keessa jiraataa jiru, kabajni namoota mulqamaa jira. Dhugumatti badiin kuni hundii uumamu irra obsuun gaariidha.

Kanaafu fitnaan yommuu uumamu ibidda itti qabsiisu irra irraa dheessu fi fagaachutu caala. Gariin namaa ‘Ati dabeessa’ siin jechuu danda’a. Dubbii nama kanaa dhageesse, gootummaa kee agarsiisuuf yoo duute boru Rabbiin maal jettaa? Jihaadaf nan baha yoo jette, jihaanni seera fi sirna qaba. Lubbuu namoota nagahaa galaafachuun jihaada hin jedhamu. Kanaafu yeroo fitnaan akkanatti baay’ate kanatti irraa dheessutu nama baasa. Wanti guddaan nuti sodaachu qabnu, qabeenyi keenya barbadaa’u fi lubbuun teenya baduu osoo hin ta’in, Aakhiraa teenyaf sodaachudha. Khaatimaan (dhumti) namaa yoo badde, adabbii ibiddaa irraa akkamitti baraaramaa?

Insha Allah torbaan hanga kutaa itti aanuun walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullah wa barakatuh.

Kitaaba wabii

Basaa’ir fil fitan (Arabic)

The Way out of Tribulations (English)

Galaana Fitnaa-Kutaa-3ffaa
Galaana Fitnaa-Kutaa 1ffaa
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.