Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.11

Yommuu Rabbii jettanii wal jaalattani fi wal fuudhu barbaaddan, nikheenyi keessan karaa halaalati fi gammachisatiin haa ta’u. Karaa gammachiisa keessa tokko nikeenyi keessan shari’aa waliin kan deemu fi abbaa fi haati keessan lamaanu yoo itti gammadanii fi walii galaniidha. Yommuu warrii kee nama jaallatte san si harkatti didan, adeemsa fuudha heerumatti seenun dura itti yaadi. Fakkeenyaf yommuu isaan si didan, nikhaa dhoksaan wal hidhuun walitti dhufu dandeessu. Garuu kuni jireenya fi kabaja keessan miidha. Nikeenyi keessan ifa haa ta’uu, warrii keessan itti haa gammadu. Kanaafu jireenya gaa’ila kana yommuu murteessitu, suuta jedhi, hin jarjariin, of dagaagsi. Jireenya kana haala gaariin gaggeessuf dagaaginni guddaan dagaaginna sammuuti. Gariin qaama fi qabeenyan gahaa ta’ee yommuu gaa’ilatti seenu yeroon xiqqoon booda gaa’illi isaa ni jiga. Sababni kanaa inni guddaan sammuun dagaagu dhabuudha. Kanaafu sammuun, qaamanii fi qabeenyan gahaa ta’anii gaa’ilaaf of qopheessu barbaachisadha. Ta’uu baannan handaaratti hafu.

Namoota sitti dhiyoo(firoota) fi fagoof du’aayi gochuun jaalala fi hariroo jidduu keessani cimsi. Du’aayi namoota birooti gochuun faayda guddaa qaba. Miira jibbaa, waanyu fi shakkii qalbii irraa haxaaya. Garuu du’aayi isaani dhiisi mataa keetifu gochuun sitti ulfaachu danda’a. Lakkii! Du’aayi mataa keetifis isaanifis godhii. Keessattu abbaa haadha kee.

Akkuma cimte nafsee tee irratti qabsooftun, akkasuma nama cimaa taata.
Akkuma nafsee tee gadi furtuun (ishii hordoftuun), akkasuma dadhabaa taata.

Haala madaalama ta’een nyaadhu dhugii, jabeenya qaama fi sammuu kee eeguf. Garmalee nyaachu fi dhuguun sammuu fi qalbii ajjeessa, qaama rooboti godha.

Imaanni qalbii kee qofaa miti qaama keetis ni jabeessa. Sababni isaas yommuu qalbiin ifa imaanatin iftu, qaamni anniisaa argata. Yommuu dheekkamtu fi abdii kuttu hangam qaamni kee dadhabaa akka ta’u ni beektaa miti ree? Hojii hojjachuuf fedhii hin qabdu. Imaanni dadhabinna qaama kana kaasun jabeenyan bakka buusa. Gargaarsa Rabbiitin injifannoon gurguddoon seenaa Islaama keessatti dhiirota imaana cimaa qabaniin galma gahe. Loltuun imaana 300 mushrikoota kumaatamatti lakkawaman injafatte.
Garuu cubbuun qaama laamshessa. Madda anniisa tan taate qalbiin waan laamshoftuuf.

Dubbachuun dura itti yaadun bilchinna sammuu agarsiisa.

Qananii akkam bareedu qalbii ofi gadii qabdu tan of tuulu fi jibba hamaa irraa qulqulluu taate qabaachun! Kana galmaan gahuuf qabsoo cimaa nafsee fi sheyxaana irratti qabsaa’u barbaachisa. Qalbiin yommuu dhugaan Rabbiitti bulte ofi gadii qabdi. Yeroo hundaa beekumsa barbaadu fi du’aayi baay’isu qabna. Jedhi “Yaa Rabbii qalbii tiyya of tuulu fi of ol guddisuu irraa qulqulleessi.”

Yeroo toltuu Rabbii ajajamu hin didin, Inni yeroo rakkoo dhiphinna keessaa si baasati.
Mee fakkeenyota lamaan kanniin sirritti ilaali, itti xinxalli!
Nabiyyanaa Yuunus (AS) yeroo toltuu Rabbii ajajamaa ture, ergasii Rabbiin yeroo rakkoo dhiphinna(cinqii) irraa baraare. (Ilaali Al-Qur’an 37:140-144, 21:87)

Fuggisoo kanaa immoo Fira’awni yeroo toltu Rabbii ajajamu ni dide, ergasi Rabbiin yeroo rakkoo isa hin baraarre, cinqii fi baditti isa dhiise. (Ilaali Al-Qur’an 10:90-92)
Kanaafu yeroo toltu Rabbii ajajami, yeroo rakkoo fi dhiphinna gargaarsa Isa irraa ni argattaati. Yeroon garmalee rakkoo fi cinqii yeroo Guyyaa Qiyaamati. Cinqiin addunyaa tanaa tan darbituu fi gabaabdudha. Cinqii guyyaa Qiyaama garuu hangam ulfaata akka ta’e hin yaaddamu, garmalee kan ulfaatudha. Kanaafu cinqii kana irraa Rabbiin malee eenyutu nu baraara?

Wanta jibbitu waliin yommuu obsitu booda irratti wanti suni gara burqaa gammachuu fi milkaa’innaatti jijjirama. Fakkeenyaf hojii gaarii hojjachuu irratti obsuu fi hojii badaa irraa obsuu. Obsii jireenya hadhaa gara mi’aatti akka jijjiru matatti qabadhu. Jannani jireenya garmalee mi’ooftu sababa obsaatin argamtuudha. Obsa dhabuun garuu mi’a gara hadhaatti ykn hadhaa gara hadhaa caalutti jijjira.

“Akkuma qaani(hayaa’a) baay’ee qabaattun akkasuma qalbiin tee fayyaa fi nageenya horatti.
Akkuma qaani xiqqaa qabduun akkasuma qalbiin tee jireenya fi fayyaa xiqqaa horatti.”
Namni tokko wanta badaa hojjachu irraa yommuu qaana’u qalbiin isaa fayyaa fi nageenya argatti. Kan qaani hin qabne immoo osoo wanta fedhe hojjate homaa itti hin dhagahamu. Sababa inni qaani tokko malee badii inni dalaguutin qalbiin isaa ni duuti, fayyaa fi nageenya hin argattu. Laalan badii itti hin dhagahamu. Kanaafu qaani (hayaa’a) yommuu horattu nama kabajama fi ulfinnaa taata. Sababni isaas, wanta gadhee hojjachuun of hin xureessitu waan qaani qabduuf. Kanaafu qaani(hayaa’a) keenya haa gabbifannu.

Waadan Rabbii dhugaadha. Wanta Inni waadaa gale Isa irraa argachuuf, ati mataan kee ajajamoota Isaatif dhugaa ta’ii argami. Jireenya gaarii jiraachu Isarraa yoo barbaadde, dhugaan amanii hojii gaggaari hojjadhu. Insha Allah, Inni jireenya gaarii si jiraachisaati.

Hojii badaa hojjatteef mataa kee malee eenyulle hin komatin. Sheyxaanayyu komachuu hin dandeessu. Sheyxaanni boru “Na hin komatinaa ofumma komadhaa” jedha(suura Ibraahim:22). Kanaafu hojii hojjatteef mataa kee ajiifachuun jireenya kee sirreessuf carraaqi. Sheyxaanatu yookiin nama santu akkanatti na balleesse jette hanga duuti sitti dhuftu badii keessa hin turin.

Yommuu nama gowwomsitee qabeenya isaani harkatti galfattu ykn bittaa fi gurgurtaa keessatti nama gowwomsitu, sheyxaanni akka waan wanta gaarii hojjatte sitti fakkeessun karaa irraa si hin jallisiin. Namoonni yeroo baay’ee yommuu nama gowwomsanii qabeenya argatan qaruute godhanii of ilaalan. Kuni dhugumatti gowwumma malee qarummaa/gamnummaa miti. Sababni isaas, namtichi inni har’a gowwomsee qabeenya jalaa fudhate, boru Guyyaa Qiyaama mindaa isaa jalaa fudhata. Guyyaa Ulfaata kana keessa yeroo hasanaanni (mindaan hojii gaarii) garmalee barbaadamtu yommuu nama jalaa fudhatamtu eenyutu of gowwomsaa turee ree? Kanaafu “Nama san shawwade(gowwomse) jira.” jechuun qabeenya isaani jalaa hin fudhatin, addunyaa aakhiratti tasa qabamtaati. Yoo abbaan suuqi dogongoraan qarshii dabarsee si deebise, haqa isaa isaaf deebisi. Osoo waa bittu osoo gatii hin kafalin yoo dagatte, nama sanii deebi’i kafaliif. Osoo beektu haqa namaa hin nyaatin, boru hasanaata kee si jalaa nyaatuti.

“Dubbii boodarra dhiifama akka gaafattu kan si taasisu fi waan dubbattef kan itti gaabbitu fi aartuf of eeggadhu.” Osoo dubbachuu baadhe maal qaba jette boodarra dubbii itti aartu dubbachuu irraa arraba kee eeguf tattaafadhu,carraaqi.

Dandeetti fi humna qabduun addunyaa ijaari. Addunyaa ijaarun dhuunfaa (si) irraa jalqaba. Yommuu haala kee jijjirtuu addunyaan ni foyyofti. Yommuu amalli kee gaarii ta’u, namoonni naannoo kee jiran amala kee akkeessun of jijjiruuf carraaqu. Kanaafu amala gaarii keetiin addunyaa jijjirtaa jechuudha. Seenaa keessatti namoonni amala gaarii isaanitiin namoota waliin jiraataa turan, akkamitti namoota naannoo isaani akka jijjiran ni hubanna. Sababa amala gaarii isaanitin qalbiin meeqa Islaamummaa fudhatte. Kuni addunyaa jijjiruu mitiree?
Gara biraatin yoo amala gaarii namootatti agarsiisu dadhabde, isaan miidhu fi badii babal’isuu irraa yommuu of eegdu addunyaa jijjiraa jirtaa jechuudha. Sababni isaas ba’aa fi gufuu jijjiramaa fi foyya’insa addunyaa gufachiisan hir’isaa jirtaa jechuudha. Kanaafu yaada addunyaa jijjiruu dubbii, barreefama, argannoo haarawaa fi kkf qofatti hin daangeessin. Atille addunyaa jijjiruu keessatti qooda guddaa qabda itti hirmaadhu.

Yommuu salaata salaattu, salaata irratti xiyyeefachuuf carraaqi. Sababni isaas yommuu salaanni sirnaan salaatamu, firii bu’a-qabeessa buusa. Badii irraa si dhowwun gara gaarummatti si dhiiba. Addunyaa aakhiratti nuura (ifa) si ta’a. Nuuri salaata gara gaaritti si qajeelcha, wanta fokkuu irraa si deebisa. Namni fedhii ofii fi sheyxaana kan hordofuu yoo salaata dhiisedha. Sababni isaas, salaanni hariiro(wal qabsiistu) gabrichaa fi Gooftaa (Rabbii) jidduu jirtuudha. Wal qabsiistun tuni yoo citte ykn laafte sheyxaanni gabricha qabatun akka fedhe godha. Kanaafu sheyxaana fi fedhii nafsee jalaa bahuuf karaan tokkichi salaatatti sirritti maxxanuudha, sirnaan salaatuf carraaqudha. Namoonni tokko tokko salaata yeroo muraasaf salaatani ergasi ni dhiisu. ‘Silaa bu’aa irraa argachaa hin jiru maaliif salaata?, kan salaatu hin jijjiramne ani maaliif salaata? Yaadota kana fi kkf sammuutti qabachu fi waswaasa sheyxaana dhageefachun salaata dhiisu. Kuni sirrii miti. Bu’aa kamiyyuu argachuuf obsaa fi ifaaje barbaachisa. Haaluma kanaan salaata irraa bu’aa baay’ee argachuuf obsaa fi carraaqin salaatu barbaachisa. Takkamaan salaata sirnaan salaatun ulfaatu danda’a. Namoonni hamilee nu cabsaniis naannawa keenya marsuu danda’u. Sheyn masjiidatu “Namni salaanni isaa badii irraa isa hin eegin bu’aan inni salaatuf maali?…” Jechuun hamilee kee cabsu danda’a. Jechoota isaanitif gurra kennuun salaata dhiisu hin qabnu. Haalli adeemsa namoota tokko tokko yommuu daw’aa kennan kan nama harkisu osoo hin ta’in kan nama Islaama irraa ari’u ta’uu danda’a. Daw’aa akkanaatifis of eggannoo barbaachisa. Gabaabumatti salaata yommuu salaattu takkaan sirnaa fi xiyyeefannoon salaatun sitti ulfaachu danda’a. Suutuma suuta akkuma salaata shanan waqti isaani eegde fi yaada sassaabun salaatuf carraaqxun, akkasuma bu’aa salaata argaa adeemta. Ammatti salaata irraa bu’aa yaadde waan hin arganneef, salaata dhiisu hin qabdu. Bu’aa gaariin kan argamu sabrii fi ifaaje(carraaqi) yeroo dheeraa booda. Waa’ee salaata ilaalchise beekumsa barbaaduf tattaafadhu.

Yeroo dallantu qofaa mitii yeroo faarfamtuus miira kee too’adhu. Waan faarfamteef gammachuun garmee sitti dhagahamuun akka of hin tuulle. Miira of dinqisifachuu too’achuuf carraaqi.

Namoota meeqatu jiru obsa dhabuu isaani irraa kan ka’ee jaalalli mi’aawan isaani gara diinummaa fi jibba hadhaawatti jijjirame! Kanaafu hanga karaa halaalatin walitti dhuftanii obsaa. Qalbii tee taqwaa, zikrii, du’aayi fi hojii gaggaari hojjachuun guuti. Yoo obsi sitti ulfaate, soomun fedhii kee gadi qabi. Mindaa sabrii abdadhu.

Sabrii yeroo sadii keessatti
Musiiban sababoota sadiif namatti buuti:
Tokkoffaa sadarkaa namtichaa dabaluuf. Yommuu namtichi qoramu, qalbiin isaa xurii adda addaa irraa ni qulqulloofti akkuma ibbidi warqii balfaa fi oori adda addaa irraa qulqulleessu. Sababa qormaata kanaatin namtichi nama jabaa fi cimaa ta’a. Sadarkaan isaa/ishii ni dabalamaaf. Akka fakkeenyatti garmalee kan qoraman Nabiyyoota. Sababa kanaan sadarkaan isaani sadarkaa nama kamu caala. Kanaafu sadarkaan kee addunyaa fi aakhiratti akka dabaluuf qormaata akkana waliin obsi. Yommuu wanta dhowwamaa, fokkuu fi badaa irraa obsitu, yommuu dhama’insa fi shakkii sheyxaanni sitti darbuu obsaan irra dabartu, imaanni kee ni dabala, maxxansaa haarawa fi cimaa mataa keeti taata. Kanaafu yeroo fitnaan akkanatti baay’ate kanatti obsi.

Lamaffaa cubbuu namticha irraa haxaawuf– namtichi osoo hin beekin badii baay’ee raawwachu danda’a. Namtichi badii itti lixe irraa damaquun akka of sirreessuuf musiiban (balaan) itti buuti. Wantoota maasiyaa haxaayan keessa tokko muusibadha. Kanaafu yommuu balaan, rakkoon sitti buutu, abdii kutuu fi garmalee gadduu dhiisiti, badii darban kee ilaali. Musiiba keetif obsi. Rabbiin irraa araarama kadhu.
Sadaffaan immoo balaan adabbiif namatti buuti. Yommuu namoonni daangaawwan Rabbii darban, Rabbiin balaa itti buusa. Akka ragaatti ummata darban kan akka ummata Nuh, Ad, samuud, ummata Luux, Madiyan, Fira’awn fi kkf ilaalun ni danda’ama.
Kanaafu yommuu rakkoon yookiin balaan si tuqtu, Rabbitti quba qabuu fi Isa komachuun dura, ofitti quba qabi of qoradhu. Balleessaa balleesite yaadadhu. Qormaanni/rakkoon si tuqe gosoota qormaata armaan olii keessaa kamiin akka ta’e hubachuun obsaan dabarsi.

Yommuu dhimmi tokko si dhamaasu fi sodaachisu, akkana jedhi, “HasbunAllahu wani’imal wakiil (Rabbiin nuuf gahaadha.Isarratti hirkachuun waa tole)(Suura Ali-Imraan:173) Osoo Rabbiin Mawla kiyya ta’ee jiruu maaltu na dhiphise!” Haala ulfaata kana keessatti,tawbaa baay’isii, istigfaara (araarama) Rabbiin irraa barbaadi.

Yeroo tokko tokko imala dheeraa jireenya keeti kan dhaloota keetirraa kaase hanga du’aa ergasi du’aa irraa hanga Guyyaa Qiyaama dheeratu yommuu yaaddu, garmalee dheera fi gahuuf akka waan hin danda’amnetti sitti dhagahamu danda’a. Sheyxaanni carraa kanatti fayyadamuun ijjannoo kee laamshessu fi karaa haqaa irraa si jallisuuf carraaqu danda’a. Eeti imala dheeraa kana irra adda kee deemu hin dandeessu. Gargaarsa fi qajeelcha obsaa fi salaata keessa si barbaachisa. Kanaafu guyyaa guyyaan Rabbiin irraa gargaarsa fi qajeelcha barbaadi. Eddo ka’uumsa fi garam akka deemaa jirtu beekte jirta. Duute kan haftu osoo hin ta’in kaafamun hojii keetif jazaan siif kafalama. Kanaafu kaayyoo jireenya keeti, eessarraa akka dhufte fi garamitti akka deemaa jirtu sammuu kee keessatti yoo bocce, sababni ati dhamaatu fi jireenya dukkanaa itti jiraattuf hin qabdu. Haala kanaan daandii haqaa irra adeemta. Kanaafu Rabbirraa Istiqaama (Islaama irratti qajeelan gadii dhaabbachu) kadhu. Islaaman ala karaan biraa ga’uumsa gaarii dhumaatti kan si geessu akka hin jirre sammutti qabadhu. Karaan gabaaban Islaaman ala addunyaa gabaabdu tana ittiin argattu baay’ee ta’uu danda’u. Garuu dhuma/ga’uumsa gaarii zalaalamif turutti si hin geessan.

Yoo milkaa’innaaf dheebotte, hojii kee keessatti iklaasa qabaachuf carraaqi.

 

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.12
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.10

Leave a Reply