Galaana Fitnaa-Kutaa-3ffaa

Tooftaalee fitnaa itti ittisan yookiin hir’isaan torbaan lamaan darban keessatti ilaalle jirra. Ammas kutaa dhumaa ni ilaalla.
7.Jama’atti hidhachuu fi maxxanuu– jama’atti (hawaasatti) maxxanuun badii baay’ee irraa nama eega. Namni yommuu adda fiigu, akkuma jeedalli hoola addatti argatte nyaattu, diinnis nama kana nyaata. Gurmii fi walta’iinsan diina injifatan. Rahmata Rabbii keessaa tokko ummata Islaama kana jallinna irratti isaan walitti hin qabu. Hanga ummanni Islaama jiru haqni ni jiraatti. Hanga ajajni Rabbii dhufu gareen haqa qabatanii fi ishii irratti obsanii yeroo hundaa ni jiraatu. Jama’aa akka qabannu Ergamaan Rabbii (salallahu aleyh wa sallam) itti nu ajaju.

Huzeeyfa ibn Yamaan akkana jedha: Namoonni Ergamaa Rabbii (salallahu aleyh wa sallam) waa’ee keeyrii (wantoota gaggaarii) gaafatu turan. Ani immoo akka natti hin buune sodaachun waa’ee sharrii (badii) isa gaafachaa ture. Akkana jedheen,’Yaa Ergamaa Rabbii! Nuti wallaalummaa fi badii keessa turre. Ergasii Rabbiin wanta gaarii kanaan nu qananiise. Keyrii kana booda sharriin ni jiraa?’ Innis ni jedhe,’Eeti.’ Anis nan jedhe,’Sharrii kana booda keyriin ni jiraa?’Innis ni jedhe,’Eeti. Garuu isa keessa Dakhan (badii dhokataan xiqqoon) ni jira.’ Anis nan jedhe,’Dakhan isaa maaliidhaa?’ Innis ni jedhe,”Namoota qajeelcha kiyyaan ala waan biraatin namoota qajeelchantu dhufu; hojii isaani ni agarta, ni jibbitas.” Anis nan jedhe,’Keyrii sana booda sharriin ni jiraa?’ Innis,’Eeti. Namoonni muraasni ni jiru namoota balbala Jahannamitti kanneen waaman. Namni waamicha isaani awwaatef, Jahannamitti isa darbu.’ jedhe. Anis nan jedhe,’Yaa Ergamaa Rabbii amaloota isaanii nu ibsi.’ Innis ni jedhe,”Isaan dirra keenya irraayyi. Afaan keenya dubbatu.” Anis nan jedhe,’Yoo kuni na dhaqqabe maalitti na ajajjaa?’ Innis ni jedhe,”Jama’aa (hawaasa) Muslimoota fi Imaama (hogganaa) isaanii qabadhu (itti maxxanii).“  Anis nan jedhe,”Jama’aan Muslimoota fi imaamni yoo hin jiraatin hoo?’Innis ni jedhe,”Garee hunda isaani irraa fagaadhu osoo hundee mukaa cininteeyyu; osoo ati haala kanaan jirtu hanga duuti sitti dhuftu.” (sahih Al-Bukhaari fi Sahiih Musliim)

Wanti guddaan gara Funyoo Rabbiiti fi karaa qajeela Isaatti namoota dhiibu salaata jama’aa irratti argamuudha. Hojii gaggaarii fi taqwaa (soda Rabbii) irratti wal gargaaru waan ta’eef. Yoo hundeen fitnaa hin buqqa’in, salaanni jama’aa dararaa fitnaa ni hir’isa, Muslimoota obbolummaa, tokkummaa Aqiida isaani fi jaalala fi walii mararfachuu jiddu isaani jiru yaadachiisa.

Yommuu Usmaan ibn Affaan (RA) marfamee Ubaydallah ibn ‘Adi ibn Khiyaar, gara isaa deemun akkana jedheen: Ati hogganaa ummataati. Wanta sitti bu’ees ni beekna. Garuu hogganaan fitnaa imaam ta’uun nu salaachisaa jira. Kana danda’uun nutti ulfaate jira.’ Usmaanis akkana jedhe,’Wanti hundarra gaarii namoonni dalagan salaata. Kanaafu namoonni wanta gaarii yoo hojjatan atillee isaan waliin hojjadhu. Garuu yoo isaan wanta badaa hojjatan, badii isaanii irraa fagaadhu.”

Ibn Hazm akkana jedha: Ibn Umar (RA) al-Hajjaji fi Najdaah duubatti salaata ture. Tokko khawaarija, kan biraa immoo akkaan badaa uumamtooti. Ibn Umar akkana jechaa ture,”Salaanni gaarummaadha. Nama na waliin ishii keessatti hirmaate hin ilaalu (xiyyeefannoo itti hin kennu).

Naafin akkana jedha: Yeroo fitnaan Ibn al-Zubaayr, Khawaarij fi Khashabiyyah dhalate Ibn Umarin akkana jedhame,”Osoo wal ajjeesanuu isaan waliin salaattaa?’ Ibn Umaris ni jedhe,’Nama Hayya ala-Salah (Gara Salataa koottu) jedheef, nan awwaadha. Nama Hayya alal Falah (Gara milkaa’innaa koottu) jedheef nan awwaadha. Garuu nama ‘Koottu obboleessa Musliima kee ajjeessi qabeenya isaa jalaa fudhu.’ Jedheef ‘Lakki’ jedha (gonkumaa hin awwaadhu).

Al-Hasan akkana jedhe,”Salaanni Mu’iminaa munaafiqa duubatti salaatu isa hin miitu, akkasumas salaanni munaafiqaa mu’imina duuba dhaabbate salaatu isa (munaafiqa) hin fayyaddu.”

Ergamaan Rabbii (salallahu aleyh wa sallam) akkana jedhan:

 “‏ مَا مِنْ ثَلاَثَةٍ فِي قَرْيَةٍ وَلاَ بَدْوٍ لاَ تُقَامُ فِيهِمُ الصَّلاَةُ إِلاَّ قَدِ اسْتَحْوَذَ عَلَيْهِمُ الشَّيْطَانُ فَعَلَيْكُمْ بِالْجَمَاعَةِ فَإِنَّمَا يَأْكُلُ الذِّئْبُ الْقَاصِيَةَ ‏”‏

Namoonni sadii ganda yookiin baadiyaa kan salaanni isaan jiddutti (jama’aan) hin salaatamne keessa hin jiraatan, sheyxaanni namoota kanniin irratti moo’annaa argatu malee. Jama’atti maxxanaa; dhugumatti jeedalli hoolaa [adda deemtuu tuuta hoolotaa irraa fagaatte] nyaatti.” (Sunan An-Nisaa’i fi Abu Dawud)

Yeroo ammaa baay’ee nama dinqisiisa. Wal tuffii fi jibba irraa kan ka’ee namoonni waliin salaatu irraa dheessu. Osoo gorsa Usmaan, Ibn Umarii fi Al-Hasan kanniin fudhanne, maaltu nu dhiphise badii namtichi hojjatuuf? Namni yommuu jama’aa irraa dheessu dhiyootti salaata dhiisa. Jama’aan humnaa fi tokkummaadha, addaan faffaca’uun immoo dadhabinnaa fi adabbiidha.

‘Ali (ibn Hazm) akkana jedha ‘Al-Mukhtar, ‘Ubaydallah ibn Ziyad fi al-Hajjaj duubatti salaatu irraa sahaboota keessaa nama namoota dhoowwu hin beeknu. Namoota sadiin kanniin caalaa namni badaan hin jiru. Dhugumatti Rabbiin akkana jedhe jira:

“Toltuu fi sodaa Rabbii irratti wal gargaara; badii fi daangaa darbuu irratti wal hin gargaarinaa. Rabbiin sodaadha. Dhugumatti Rabbiin adabni Isaa cimaadha.” (Suura Al-Maa’ida 5:2)

Kanaafu imaamni nu salaachisu badaa jechuun salaata jama’aa dhiisu hin qabnu. Yommuu jama’aa irraa fottoqnu, dhama’iinsa fi jallinatti kufna. Akkuma shekhul Islaam Ibn Taymiyya jedhan: “Jama’aan Rahmata fi Jaalala Rabbii fiddi,tolaa, badhaadhinnaa fi milkaa’inna addunyaa fi aakhiraa fiddi. Fuulli namaa ni ifa. Bu’aan fottoquu immoo azaaba (adabbii) fi abaarsa Rabbii namatti fiddi. Fuulli ni dukkanaa’a.” Kanaafu jama’atti haa maxxannu.

8.Hojii gaggaarii hojjachuu– Bakka fitnaa fi balaan buutu namoonni baay’een oduu hordofuu waliin ko’oomuu fi garmalee fedhiin isaani akka ibiddaatti qabata. Dabalataan, taa’umsi isaani dubbii,’Kana dhagaye, arge, akkana yaada, osoo kana ta’ee silaa gaariidha, osoo kuni jalqaba dhufe yookiin kuni osoo tursiifame silaa daran gaarii ta’a fi kkf’ kan guuttameedha. Oduun isaan waliin ko’ooman kuni Ibaada jaallatamaa irraa xiyyeefannoo isaani garagalcha yookiin tarii immoo ibaada waajiba akka dhiisan taasisa. Salaata yeroo isaa duubatti harkisuu fakkeenyaf halkan mormii irra bulanii salaata subii osoo hin salaatin isaan jala darbuu danda’a. Ergamaan Rabbii (salallahu aleyh wa sallam) gara hojii gaaritti akka fiignu nuu dhaamu:

“‏ بَادِرُوا بِالأَعْمَالِ فِتَنًا كَقِطَعِ اللَّيْلِ الْمُظْلِمِ يُصْبِحُ الرَّجُلُ مُؤْمِنًا وَيُمْسِي كَافِرًا أَوْ يُمْسِي مُؤْمِنًا وَيُصْبِحُ كَافِرًا يَبِيعُ دِينَهُ بِعَرَضٍ مِنَ الدُّنْيَا ‏”‏ ‏

“Fitnaan akka cittu halkan dukkanaa (isinitti dhufuun duratti) gara hojiiwwan gaggaaritti ariifadhaa. (Yeroo fitnaa kanatti) namtichi mu’imina ta’ee bariisifata, kaafira ta’ee galgaleefata. Yookiin immoo mu’imina ta’ee galgaleefata, kaafira ta’ee bariisifata. Amantii ofii wanta (gatii) xiqqoo addunyaa tanaatti gurgura.(Sahiih Musliim)

Hadiisa kana ilaalchise Al-Hasan Al-Basrii akkana jechaa ture,”Namtichi dhiiga, kabajaa fi qabeenya obboleessaa haraama (dhowwamaa) taasise bariifata. Galgala immoo halaala (hayyamamaa) taasisa. Akkasumas, dhiiga, kabaja fi qabeenya obboleessa haraama taasise galgaleefata, ganama immoo halaala taasise bariisifata.”

Kanaafu fitnaan dhufuun dura hojii gaggaarii hojjachuun qarummaadha. Rabbiin osoo namoonni magaalatti hojii gaggaarii hojjatanuu hin balleessu. Sababa badii raawwachuu fi daangaa Rabbii darbuutin fitnaan baay’een kan dhalatu.

Yeroo fitnaa mu’iminni nafsee ofii haqa waliin yoo hin ko’oomsin soba waliin ko’oomti.

Al-Hasan Al-Basrii akkana jedha: “Nafsee tee! Yoo haqaan hin ko’oomsin sobaan si ko’oomsiti.”

Nama hojii gaggaarii hojjatu Rabbiin gonkumaa hin salphisu.

Ergamaa Rabbii (sallallahu `alayhi wa sallam) irraa akkana jechuun gabaafame,”Namni toltuu hojjatuu badii hamaa irraa ni eeggama.” (al-Silsilatu al-sahihaa lakk. 1908)

Yommuu fitnaan dhuftu Xalq ibn Habiib akkana jechaa turee,”Taqwaa (sodaa Rabbii) horachuun ofirraa eegaa.”

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) obsaa fi salaatan gargaarsa Isarra akka barbaannu itti nu ajaja.

“Yaa warra amantan! obsaa fi salaatan gargaarsa barbaadaa. Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.” Suura Al-Baqaraa:153

Sababni isaas, salaanni dhimma tokko irratti gadi dhaabbannaa (sabaata) akka qabaatan garmalee nama gargaara.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Ergamaa Isaa yommuu jajjabeessu haala kanaa dubbisa:

“Dhugumatti waan isaan jedhaniin qoomni kee rakkachuu ni beekna. Gooftaa kee faarsun Isa qulqulleessi. Warra sujuudan irraas ta’i. Hanga dhugaan (duuti) sitti dhuftutti Gooftaa kee gabbari.” Suura Al-Hijr 15:97-99

Rabbiin Ergamaa Isa gara salaata fi zikrii akka fiigu ajaje yommuu qomni isaa wanta diinni amantii jedhuun dhiphattu. Dhugumatti kana keessa bal’inna qoomaa fi rakkoo keessaa bahuutu jira. Kuni qajeelcha Ergamaa Rabbiiti; yommuu dhimmi tokko garmalee nama dhiphisuu gara salaata dheessu.

Saabit irraa akkana jechuun gabaafame: Yommuu Ergamaan Rabbii (sallallahu `alayhi wa sallam) rakkoon cimaan Isa tuqu, maatii ofii waamun ‘Salaataa, salaata!’jedhaan. Saabit,”Yommuu dhimmii tokko Ergamtoota Rabbitti bu’uu gara salaata fiigu.”jedha.

Dhuma dirree waraana Yarmuuk mootiin Roomaa loltoota isaa kanneen injifataman akkana jedhe gaafate,’Isin irratti salphinna! Waa’ee namoota loltaniini natti himaa. Akkuma keessan isaan dhiirotaa mitii?’ Isaanis “Eeti yaa mootii.” jedhan. Innis ni jedhe,” Eenyutu lakkoofsan caala, isin moo isaanii?” Isaanis ni jedhan,”Bakka kamittu nutu lakkoofsan isaan caala.” Innis ni jedhe,”Maarree maaliif injifatamtan?” Isaan keessaa jaarsi guddaan akkana jedhee deebise,”Halkan salaataa waan bulaniif, guyyaa soomaa waan olaniif, waadaa waan guutanii fi wal jiddutti haqaan waan hojjataniif nu injifatan.

Haala kanaan dhiironni seenaa keessatti injifannoo galmeessanii darban. Kan ammaa immoo salaata irraa dheesse baay’innaa fi meeshaa waraanatiin osoo of tuulu injifatame, salphinnaaf harka kenne.

Nuti hoo eessa jirraa? Yommuu rakkoon nu tuqu gara salaata fiigu dhiisne dallansuu fi oduu faaydi hin qabnetti fiigna. Waa tolchuu dhiisne balleessatti fiigna.

Walumagalatti rakkoon (fitnaan) bu’uun duratti gara hojii gaaritti haa fiignu, hojii badaa irraa haa dheessinu. Yommuu rakkoon nutti buutu immoo gara salaata fi zikrii haa fiignu. Kaafironni fi namoonni imaanni isaani laamsho ta’e yommuu garmalee isaan cinquu gara itti fiigan waan hin qabneef gara lubbuu ofii galaafachutti fiigu. Silaa osoo gara Rabbii deebi’anii fi salaatanii dhiphinni isaani irraa ka’aa ture. Yaa nama Rabbiin irraa fagaatee! Eessatti dheessaa?

9.Du’aayi (Rabbiin sodaa fi abdii waliin kadhachuu)- Rabbiin kadhachuu fi itti warwaachun karaa rakkoo fi gadadoo keessaa itti bahaniidha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Dhugumatti [Ergamtoota] gara ummattoota siin duraatti erginee jirra. Akka isaan [Nutti] warwaataniif hiyyummaa fi dhukkubaan isaan qabne jirra. Maaliif yeroo adabni keenya isaanitti dhufu [Nutti] hin warwaatinii? Garuu onneen isaani ni gogde. Sheyxaannis waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse.” (Suura Al-An’aam 6:42-43)

Al-Hasan al-Basrii akkana jechaa turee: Hajjaaj ibn Yuusuf (motummaa abbaa irree yeroo sanii) adabbii Rabbiiti. Adabbii Rabbii harka keessaniin dhiibuf hin yaalinaa. Garuu dirqamni isin irra jiru Rabbii of gadii qabuu fi Isatti warwaachudha. Rabbiin akkana waan jedheef:

Dhugumatti Nuti adabaan isaan qabne jirra. Isaan Gooftaa isaanitiif of gadi hin qabne; Isattis hin warwaanne.”  (Suura Al-Mu’iminuun 23:76)

Yeroo fitnaa sammuun ni hadooddi, nafseen ni dhamaati, wanta hojjattu hin beektu. Haala kana keessatti namoonni baay’een meeshaa waraana guddaa Nabiyyoota fi namoota gaggaariif yeroo darban keessa ta’e dagatu. Meeshaa waraanaa guddaan kuni Du’aayidha.

Ergamaan Rabbii (salallahu aleyh wa sallam) akkana jedhan: “Namni hundarra dadhabaan nama du’aayi [gochuu]irraa dadhabeedha.

Abu Hureyraan (RA) akkana jechaa turee:”Fitnaan ni dhufti tan ishii irraa homaa si hin baraarre du’aayi akka nama bishaanin nyaatamu hedu yoo goote malee.”

Dhugumatti du’aayi yoo hin godhinii fi Rabbiin irratti hin hirkatiin fitnaa yeroo ammaa kana keessaa wanti nu baraaru tokkollee hin jiru. Na kadhaa isinii awwaadhaa osoo jedhu akkamitti Rabbiin irraa garagallaa?

“Gooftan keessan ni jedhe “Na kadhaa isiniifan awwaadhaa. Dhugumatti warroonni Ana gabbaruu irraa boonan salphattoota ta’anii Jahaannam seenuf jiru.” Al-Gaafir 40:60

Du’aayi gochuu yommuu jalqabnu, wanti nuti jalqaba Rabbiin kadhachuu qabnu araarama. Tokkotu akkana jedhe ‘Cubbuu keetin balbala du’aayi ofirratti cufte, du’aayin tiyyaa fudhatama hin argattu akkamitti jettaa?’ Kanaafu badiin nuti raawwannu du’aayin teenya akka hin qeebalamne taasisti. Rabbii of gadi qabuu fi Isarraa araarama kadhachuun, balbala milkaa’innaa fi injifannoo bana. Seenaa keessatti Nabiyoonni fi namoonni gaggaariin yommuu injifannoof dheebotan akkana jechuun Rabbiin kadhachaa turan:

رَبَّنَا اغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَإِسْرَافَنَا فِي أَمْرِنَا وَثَبِّتْ أَقْدَامَنَا وَانصُرْنَا عَلَى الْقَوْمِ الْكَافِرِينَ

Gooftaa keenya! Badii keenyaa fi dhimmoota keenya keessatti daangaa dabriinsa keenya nuuf araarami; faana keenyas gadi dhaabi; ummata kaafiroota irrattis nu tumsi (gargaari).” (Suura Ali-Imraan 3:147)

Haala kanaan akka Isa kadhannu Rabbiin itti nu ajaaja.

Gudunfaa
Tooftaalee fitnaa jalaa ittiin baanu hanga ammaa ilaalaa kan turre kana fakkaata.

    1. Obsa qabaachu
    2. wal-danda’uu fi walii mararfachuu
    3. Jarjaruu dhiisu
    4. Odeefannoo mirkaneefachuu
    5. Arrabaa ofii eegu
    6. Fitnaa irraa fagaachu fi dheessu
    7. Jama’atti hidhachuu fi maxxanuu
    8. Hojiiwwan gaggaarii dalaguu
    9. Du’aayi gochuu fi Rabbitti warwaachu

Kitaaba wabii

Basaa’ir fil fitan (Arabic)

The Way out of Tribulations (English)

Fiixee Gaarummaa Irra Ijjachuuf
Galaana Fitnaa-Kutaa 2ffaa
Kana Raabsi

2 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.