Fiixee Gaarummaa Irra Ijjachuuf

Gaarummaa jechuun amala/aklaaqa gaarii nama hawwatu qabaachu, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa dheessudha. Faallan gaarummaa gadhummaa ykn fafee, badaa, fokkuudha. Namni tokko gaarummaa qaba yommuu jennu amalli fi hojiin isaa gaariidha jechuu keenya.

Namoonni gaarummaa wantoota baay’ee keessa barbaadu. Gariin isaanii maallaqaa fi qabeenya keessa, gariin immoo beekkamtii argachuu keessa, gariin beekumsa keessa, gariin immoo aangoo fi kkf keessa barbaadu. Kunniin hundii niyyaan (yaanni) duuba jiru gaarii yoo hin ta’in gaarummatti osoo hin ta’in baditti nama geessa.

Gaarummaa bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya. Isaanis gaarummaa keessaa fi gaarummaa alaati. Alli nama tokko gaarii fakkaate garuu keessi isaa faalla ta’u danda’a. Gara biraatin immoo namni tokko keessi isaa gaarii ta’uu danda’a. Wanti inni dubbatuu fi hojjatu haala keessa isaa waan calanqisiisuuf alli isaas gaarii ta’uu danda’a. Namni tokko keessaa fi alli isaa yoo tolee Rabbiin biratti fudhatamaa argata, jallatamaa ta’a. Akkasumas, hawaasa keessatti jaallatamaa fi kabajamaa ta’a. Fuggisoo kanaa namni keessaa fi alli isaa hin toliin wanti inni argatu jibbaa fi salphinna. Kanaafu, namni tokko addunyaa fi aakhiratti (jireenya boodatti) milkaa’inna fi gammachuu barbaadu guyyaa guyyaan gaarummaa ofii dabaluu fi dagaagsuuf carraaqu fi qabsaa’u qaba.

Tolee, wanta tokko dagaagsuf malaa fi karaa hordofantu jira. Malaa fi karaa sanniin yoo hin hordofin dagaaginni fi guddinni hin jiru. Maarree, gaarummaa keenya gabbisuuf karaa fi tooftan hordofnu jiraachu qaba. Gariin namaa bar malatu harkaa badee gaarummaa dhabe. Maloonni gaarummaa keenya ittiin gabbisuuf hordofuu qabnu kana fakkaatu:

1.Qalbii ofii qulqulleessu– tuqaan ka’uumsaa (turning point) milkaa’innaa fi gammachuu qalbii ofii qulqulleessu irraa ka’a. Keessi nama tokko gaariidha yommuu jennu qalbiin isaa yaada fi hoji badaa irraa fagoodha jechuu keenya. Ta’uu baannan foonii fi kutaaleen qaamaa keessaa maal fayyaduu? Hundii keenyaa milkaa’innaa fi gammachuuf ni dheebonna. Garuu gufuu fi ba’aan baay’een nu fundura waan jiruuf gara funduraatti tarkaanfachuu hin barbaannu. Yoo tarkaanfannes dafne duubatti mucucaanna. Gufuun guddaan milkaa’innaa fi gammachuu irraa duubatti akka mucucaatan nama taasisu bakka ka’uumsaa fi ga’uumsaa wallaaludha. Yeroo baay’ee dukkanni fi dhama’iinsi jireenya keessatti kan nu haguuguf eessarraa kaane garam deemaa akka jirru waan wallaallef yookiin shakkineefi.

Tuqaan ka’uumsaa imala dheeraa jireenya keenyaa qalbii qulqulleessu irraa ka’a. Qalbii osoo hin qulqulleessin gaarummaan eessaa dhufaa? Fiixee gaarummaa irra ijjachuuf namni tokko yeroo hundaa qalbii ofii dhukkuboota akka shirkii (Rabbitti waa qindeessuu), munaafiqummaa, shakkii, wallaalummaa, of tuulu, jibba, waanyu, fedhii lubbuu ofii hordofuu fi kkf irraa qulqulleesuf carraaqqi addaan hin cinne taasisu qaba. Lubbuu (qalbii) ofii qulqulleessun haala duree milkaa’innaa fi gammachuu akka ta’ee Rabbiin nuuf hima.

91:9

91:10

Namni ishii(lubbuu) qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
Kan ishii xureesse dhugumatti hoonga’e.” Suura Ash-Shams 91:9-10

Namni mu’umina ta’ee dhugumaan hojii gaarii hojjataa gara Isaa(Rabbii) dhufes isaan sun isaaniif sadarkaalee ol’aantutu jira. Jannata qubsumaa kan jala ishii laggeen yaatutu isaanif jira. Ishee keessa yeroo hundaa jiraatu. Kuni mindaa nama of qulqulleesseti.” Suuraa Xaahaa 20:75-76

Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jedhan:

أَلاَ وَإِنَّ فِي الْجَسَدِ مُضْغَةً إِذَا صَلَحَتْ صَلَحَ الْجَسَدُ كُلُّهُ، وَإِذَا فَسَدَتْ فَسَدَ الْجَسَدُ كُلُّهُ‏.‏ أَلاَ وَهِيَ الْقَلْبُ ‏”‏‏.‏

Dhagayaa! dhugumatti qaama keessa mudgaa(muraa foonitu) jira. Yoo ishiin tolte qaamni guutun ni tola. Yoo ishiin badde qaamni guutun ni bada. Dhagayaa! ishiin qalbiidha.” (Sahih Al-Bukhari fi Muslim)

Kanaafu tuqaan ka’uumsaa fiixee gaarummaa, milkaa’innaa fi gammachuu irra itti ijjatan qalbii ofii qulqulleessu irraa ka’a. Namni qalbii ofii qulqulleessu dagate, gadi aantoota keessaa gadi aantoota irraa ta’a. sababa qalbii qulqulleessu dhiisinuu mitii, addunyaa irratti akkanatti badiin babal’ate? Qalbiin akka dhagaa ykn san caalaa waan jabaattef (gogdeef) walii nahuu fi mararfachuun qalbii irraa haaqame. Dhigni namoota miliyoonatti lakkaawamu yakka malee akkanumatti jiga. Sababni guddaan kanaa qalbii dhukkuboota akka shirkii, waanyu, jibba, qabeenya fi beekkamtiif haafayu, fi kkf irraa qulqulleessun waan dagatameefi. Namni osoo badii raawwatu akkamitti qalbiin tiyya qulqulluudha jedhee odeessaa?

Guyyaa Qiyaama kan qabeenyi fi ijjoollen nama hin fayyanne san keessa warroota qalbii (onnee) ofii qulqulleessantu najaa (nagaha) baha.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Guyyaa (Qiyaamaa) qabeenyi fi ilmaanis homaa hin fayyanne. Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee.” Suurat Ash-Shu’ura 26:88-89

2.Karaa sirrii hordofuu- tuqaa ka’uumsaa erga beekne karaa irra deemnu yoo hin beekin ga’uumsa keenya gahuu hin dandeenyu. Akkuma armaan olitti jenne tuqaan ka’uumsaa keenya qalbii qulqulleessu erga jenne tooftaa fi meeshaa qalbii teenya ittiin qulqulleessinu nu barbaachisa. Akkuma qorichi sirriin dhukkubsataaf yoo hin kennamin dhibeen isa ajjeesu danda’u nullee qoricha sirrii qalbii teenya fayyisuu yoo ittii hin fayyadamiin qalbiin teenya ni duuti jechudha. Qalbii teenya fayyisuuf qoricha sirrii ta’uu kan danda’u Qur’aana fi Sunnaah Ergamaa Rabbiiti (SAW). Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

10:57

Yaa ilmaan namaa,dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee,waan qoma keessa jiruf qoricha,mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif) qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte.”Suuraa Yuunus 10:57

“Asitti ‘gorsi’ Qur’aana- kan waan gaariitti nama ajaju waan badaa irraa nama dhorgu. Wanti qoma keessa jiru immoo wallaalummaa,shirkii, shakkii,munaafiqummaa,fi kkf. Qajeelfama yoo jedhu immoo wanta haraama fi halaala addaan baase kan ibsu.” Muhsin Khan  English translation of Noble Qur’an irraa fudhatame

Dhugumatti Qur’aanni gorsa gorsa caaludha, dawaa hundarra caaludha. Namni Qur’aana fi Sunnaah Ergamaa Rabbii irraa garagalee gonkumaa dawaa qalbii ofii ittiin fayyisuu hin argatu. Sababa Kanaan dukkana jireenyaa keessatti bade hafa.

Nama tooftaa kanatti fayyadamu Rabbiin akka gargaaru waadaa gale jira. Inni gonkumaa waadaa ofii hin diigu.

29:69

Warroota Nuuf (karaa Keenya keessatti) qabsaa’an- dhugumatti karaa Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti Rabbiin warroota hojiiwwan gaggaarii hojjatan waliin jira.” Suuraa Al-Ankabut 29:69

“Kaayyoo kee keessatti iklaasa (qulqullumma, dhugummaa) qabaadhu, gargaarsa Rabbii kan si marsu argitaati.” Imaam ibn Al-Qayyim

Qur’aana fi qajeelfama Ergamaa Rabbitti fayyadamuun ilma namaa dukkana wallaalummaa cillimii keessaa baasun gara ifa imaanatti olkaasa. Tooftaa kana fayyadamuun fiixee gaarummaa fi milkaa’innaa irra akka ijjatan nama taasisa. Wallaalummaa Araboonni keessa turan mee haa ilaallu. Intala jirtuu ofii awwaalaa turan. Qur’aanni fi Ergamaan Rabbii yommuu itti dhufan, wallaalummaa kana keessaa bahuun ifa Qur’aanatin qaroominna guddaa addunyaan argitee hin beekne ijaaran, fiixee gaarummaa fi milkaa’innaa eenyullee hin dhaqqabne irra ijjatanii darban. Iccitiin kanaa inni guddaan qalbii ofii qulqulleessu irratti xiyyeefatan, Qur’aana fi sunnaah Ergamaa Rabbitti hidhatan, Aakhiraa immoo kaayyoo jalqabaa godhatanii qabsaa’an. Qo’adhaa, qoradhaa iccitiin akkasitti isaan olkaase kanuma.

3.Tuqaa gahuumsaa filachuu– tuqaa ka’uumsaa erga beekne booda tuqaa gahuumsa beekun baay’ee barbaachisadha. Namni eessarraa ka’ee garam akka deemaa jiru yoo hin beekin, jireenyi danqaraa fi dukkana itti taati. Tuqaan gahuumsaa keenya dune kan qabritti hafnu osoo hin ta’in, lamuu deebifamuun hojii hojjachaa tureef ni herreegamna. Namni kana beeku fiixe gaarummaa irra ijjata. Sababni isaas, hojii gaarii fi badaa, dhoksaa fi ifatti hojjatuu hundaaf baruu Guyyaa Qiyaama akka gaafatamu waan beekuf hojii badaa irraa dheessun gara hojii gaariitti fiiga. Innumaa tuqaan gahuumsaa kunii qalbii isaa akka qulqullooftuf gargaara.

Addunyaa tana akka tuqaa gahuumsa isa dhumaa godhachuun nama gara amala horitti gadi deebisa.

Nama addunyaa tana filate aakhiraa dagate dhumni isaa kufaati fi adabbii cimaa akka ta’e Rabbiin nuuf hima. Akkasumas, nama aakhiraa filate ishiif carraaqe mindaa guddaa akka qopheessef Ayaata armaan gadii keessatti ni ibsa.

17:18

Nama ishee (duniyaa) jarjartuu taate tana fedhu, ishee keessatti nama feenef waan feene ariifachisna. Ergasii Ibidda Jahannam arrabsamaa, darbamaa ta’ee kan seenu isaaf goona.

17:19

Garuu nama Aakhiraa fedhee fi mu’imina (nama dhugaan amane) ta’ee osoo jiruu hojii gaarii ishiif maltu hojjate- warra san hojiin isaanii galateefatamaa (Rabbiidhaan kan mindeefamu) ta’ee jira.” (Suura Al-Israa 17:18-19)

Aakhiraa filachuu jechuun addunyaa tana dagachuu jechuu miti. Kana irra, addunyaa osoo hin ta’in aakhiraan (tuqaan gahuumsa) kaayyoo jalqabaa ta’uu qabdi. Jireenya keenya itti fufsiisu fi tuqaa gahuumsa keenya ittiin gahuuf galii karaa sirrii ta’een argachuuf ni carraaqna. Wanta boru aakhiratti haamannu har’a addunyaa tana keessatti dalaganna. Garuu kaayyoon guddaan keenya dinaagde walitti kuusun kan ittiin oftuullu ta’uu hin qabu.

Sababa addunyaa tana tuqaa gahuumsa godhatanii filachuutin akkanatti badiin babal’ate. Wanta qabanitti waan hin quufnef namoota saamu fi cunqursuun hacuucca hangana hin jedhamne addunyaa irratti adeemsiisa jiru. Kaayyoon guddaan isaanii addunyaa tana qofa waan taateef wanta argatan hundaa walitti guurun ba’aa hin dandeenye ofitti fe’u. Kanaafi adabbiin nama addunyaa tana filatee fi aakhiraa dagatee ulfaataa ta’eefi.Addunyaa osoo irraa deemaa jirruu akkamitti tuqaa gahuumsaa godhannaa?

Walumaagalatti Aakhiraa akka tuqaa gahuumsatti filachuun ilmaa namaa qilee badii keessaa baasun gara fiixee gaarummaa, gammachuu fi milkaa’innatti olkaasa. Mee haa ilaallu namoota addunyaa tanaaf du’an. Gammachuu dhugaa ishee keessaa hin argatan yommuu lafa dhiitanii fi akka fedhan ta’an gammachuu waan argatan nutti haa fakkaatanii malee. Addunyaan itti baay’achuun isaanitti abaarsa fi hirriba tan dhabsiistu taate. Hawwii sobaa fi fedhii duwwaa jala osoo fiiganuu jireenya mi’aa fi gammachuu hin qabne jiraatu. Baay’achuun qabeenya gammachuu nutti hin fakkaatin. Daraara fi cinqii qalbiin isaani keessa jirtuu mee haa gaafannu.

Gudunfaa

Namni tokko jireenya keessatti milkaa’uu fi gammachuu argachuuf tuqaa ka’uumsa fi gahuumsa akkasumas daandii isaan lamaan jiddu jiru sirritti beeku qaba. Kanniin sirritti yoo hin beekin milkaa’innaa fi gammachuu dhugaa argachuu hin danda’u maa hanga fedhe ‘Ani gammachuu fi milkaa’inna guddaa galmaan gahee jira’ jedhee haa odeessu. Tarii namtichii kunii osoo tuqaa gahuumsaa hin beekinii fi hin gahiin daandii walakkaa dhaabbate “Milkaa’inna fi gammachuu guddaa argadhe jira.”jechuu danda’a. dhaadannoon warroota kafaranii kanuma. Tuqaa gahuumsa isaanii osoo hin beekin addunyaa tana keessatti garmalee milkoofne jedhu. Nullee kana dhugaa seene gowwomna.

Dhugaan kana osoo hin ta’in tuqaa ka’uumsaa fi gahuumsa beekanii fi daandii sirrii jara lamaan wal qunnamsiisu irra deemudha. Kanatu fiixe gaarummaa, milkaa’innaa fi gammachuu irra akka ijjatan nama taasisa.

Namni milkaa’innaa fi gammachuu barbaadu wantoota sadan kanniin sammuu keessaa baasu hin qabu. Rabbiin ganda lamaanittu nuu haa milkeessu.Amiin.

Fedhii Lubbuu Faallessu
Galaana Fitnaa-Kutaa-3ffaa
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.