Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.12

Hanga feete jireenyi tee dukkanooftu fi tana nama dhamaastu yoo taate, abdii hin kutin. Jireenyi addunyaa tanaa takka gara olii, takka gara gadi deemti. Yeroon ati itti gammaddu ni jira. Akkasumas yeroon ati itti gadditus ni jira. Lamaan isaanitu siif gaariidha yoo obsite fi Rabbii galata galchite. Kanaafu yeroo gadditu fi mukooftu obsi,abdii hin kutin. Dukkannii fi dumeessi jireenya yeroo muraasan booda ni darba. Ifni ni dhufa. Yeroo gammadus Rabbiif galata galchi. Haala kanaan jireenyi tee gammachuun guuttamti.

Namoota gosoota torbaani Guyyaa Qiyaama Rabbiin gaaddisa Isaa jala godhu keessaa ta’uuf carraaqi, dargaggeessa Ibaada Rabbii irratti guddate ta’uun. Namoota gosoota torbaan Guyyaa gaaddisa Rabbii malee gaaddisni biraa hin jirre Rabbiin gaaddiseessu keessaa tokko dargaggeessa Rabbiin gabbaruu irratti guddateedha. Kanaafu yeroo fitnaa kana keessatti obsaan ibaada Rabbii irratti jabaadhu, mindaa guddaa armaan olii kana hawwuun.

Kana sammutti qabadhu: yommuu hojii gaggaari hojjattu matama keetiif bakka gaarii qopheefataa jirta. Yoo hojii badaa hojjattes, matama kee miidhaa jirta.

“Namni kafare kufriin isaa isuma irratti ta’a. Namoonni dalagaa gaarii hojjatanis lubbuma isaaniitif (bakka gaarii Jannataa keessatti) qopheeffatu”(Suurat Ar-Rum(30):44)

Shakkiin, jibbii fi waanyun meeshaa waraana funyoo obbolummaa barbadeessaniidha. Yommuu dhibeewwan kanniin miidhamtu, yeroodhaan isaan irraa qulqullaa’uuf tattaafadhu. Sababni isaas, yommuu qalbiin dhibeewwan kanniin irraa qulqullooftu balballi gaarummaa, gammachuu fi qananii ni banamu. Yommuu obboleessa/obboleetti Islaama kee shakkitu, du’aayi isaani godhii. Akkana jedhii “Yaa Rabbii wanta badaa ani shakku kana irraa isa/ishii tiiksi.” Insha Allah wanti tokko qalbii kee irraa akka ka’e ni argita. Yoo shakkituu isaan duuba deemun hin hordofin.
Yommuu isaan waanyitu, jibbitu fi itti oftuultu immoo mataa keetiif du’aayi godhii. Akkana jedhii,”Yaa Rabbii qalbii tiyya waanyu, jibba fi of tuulu irraa qulqulleessi.” Hanqinna fi dogongora isaani osoo hin ta’in gaarummaa isaani ilaali. Dogongorri isaan hojjatan xiqqaa garuu hojiin gaariin isaan hojjatan baay’ee akka ta’ee yaadadhu. Dogongora isaanitiif yoo dandeesse, isaan gorsi.Dogongora fi hanqinna kee irratti xiyyeefadhu.

Jireenya toltuu gara fundaraatti jiraachuf sirritti cimii hojjadhu. Jireenya toltuu tamiin? Jireenyi toltuu iddoo gammachuu fi milkaa’inni ilmaa namaa itti guuttamu tan taate Jannatadha. Jireenya toltuu addunyaa tanaa iddoo gammachuu fi milkaa’inni ilma namaa itti guuttamu argite beektaa? Addunyaa tana keessatti namni jireenya toltu takka yoo jiraatu ammallee tan biraa barbaada, hin quufu, gammachuu fi milkaa’inni hin guuttamuuf. Kanaafu addunyaa tana irraa hanga si gahuu fudhachuu fi quufun, jireenya aakhira toltuu saniif hanga humna keeti carraaqadhu. Yommuu namoota addunyaa dhumtuu tanaaf dheebotan argitu ati immoo jireenya aakhira hin dhumne saniif dheebodhu. Jireenya addunya tanaatif isaan hin waanyiin.

Shakkii, jette-jettee fi hama irratti hundaa’un kabaja namaa nama irraa hin mulqin. Kabajni namaa akkuma lubbuu fi qabeenya gatii guddaa qaba. Dhugumatti kabajni namaa salphatu irra qabeenyi namaa saamamu waayya. Sababni isaas, kabajni namaa yoo salphate madaa fi godaannisa hamaa namarratti hambisa, garuu qabeenyi yoo saamame gara kaminuu ni deebi’a. Kanaafu kabaja obboleessa/obboleetti keeti salphisuu irraa of qusadhu.

Rabbiin biratti kabajni fi ol’aantummaan ilma namaa kan hundaa’u baay’inna qabeenya, bareedinna, sadarkaa, sanyii fi kkf irratti osoo hin ta’in taqwaa (sodaa Rabbii) irratti hundaa’a. Namni tokko hanga fedhe qabeenya haa qabaatu, miidhagaa fi sanyii gaarii irraa haa ta’u,yoo taqwaa hin qabaatin, inni gadi aanadha. Kanaafu yunitiin safaraa ilma nama taqwaadha. Wantoonni biraa yuniti safaraa ta’uu hin danda’an. Yuniti safaraa kanas kan beeku Rabbii qofa. Kanaafu namni tokko qabeenyan ykn wanta biraatin waan si gadi ta’eef, hin xiqqeessin. Tarii inni/ishiin taqwaan si caalu danda’a/dandeessi.

Addunyaa tana keessatti waan guddaa fi gaarii galmaan gahuu yoo kaayyefatte, hojii erga ati duute hin duune yookiin yeroo dheeraf turu hojjadhu. Sababni isaas hojiwwan kuniin yeroo ati hojii gaarii hojjachutti carraa wayitu hin qabne akka madda ajrii (mindaa) ta’uun si fayyadu. Hojiiwwan kunniinis beekumsa ummata fayyadu, sadaqaa itti fuftu ( sadaqatul jaariya) fi ilma gaarii du’aayi si godhu. Hojiiwwan kanniin addunyaa irratti dhiifatte du’uuf carraaqi guddaa si barbaachisa. Carraaqi qofaa miti iklaasa barbaachisa. Meeqa kamtu kitaaba jildiwwanitti lakkawaman barreesse darbe. Garuu kitaabni isaa hin dubbifamu. Meeqa kamtu jira kan kitaabni isaa dhaloota osoo fayyadu jaarraa meeqa keessa darbe. Sababni isaa maaliidha? Sababni isaa “Iklaasa” Hojiin Rabbiif jedhamte hojjatamtu bu’aa guddaa buusti. Baay’een keenya beekumsa fi sadaqaa itti fufaa ummataaf gummachuuf dandeetti hin qabnu ta’a laata. Garuu ilma gaarii Islaama irratti guddisuun ajrii guddaa argachuu dandeenya. Kana gochuuf yeroo dargagummaa kana irraa jalqabne of tolchuu fi imaana keenya dabalachuu barbaachisa. Jalqaba mataa ofiiti nama gaarii ta’anii argamu ergasii fuudhaf/heerumaf nama gaarii argachuuf carraaqudha. Rabbiin hundii keenya haa milkeessu.

Yommuu jireenyi si nuffisiistu fi si jibbisiistu, sheyxaanni yookaa abdii si murachisuun yookiin immoo wanta badaa akka raawwattu si gochuun akka si hin gowwomsine. Yommuu nuffitu fi jireenyi si jibbisiistu karaa ittiin keessaa baatu barbaadi. Fakkeenyaf, Qur’aana, barruulee fi kitaaba gaggaari dubbisi, Qur’aana fi barnoota Islaama dhageefadhu, yoo hirribni si qabe sa’aati muraasaf rafi, zikrii baay’isi, yommuu sheyxaani yaada badaa sitti darbu irra deddeebi’i “A’uzu billahi mina sheyxaani rajim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama)” jedhi, ispoorti hojjadhu, nama gorsa dhugaa si kennu danda’utti haasawi, wudu’a godhii sirnaan salaati, istigfaara (araarama barbaadu) fi tawbaa baay’isi, hojii humnaa hojjadhu fi kkf.
Kanniin irraa fagaadhu: nama kamiyyu jechaan yookiin humnaan miidhu– nama arrabsuu fi haleelu, meeshaa caccabsuu, wantoota araada nama qabsiisan fayyadamu, filmii ilaalu, muuziqa dhageefachu, interneeti amma amma banu, hiriyyoota badii bira deemu fi kkf nuffii fi gadda kee dabalu malee hir’isuu hin danda’an. Hanga nuffii fi aarin sirraa galu obsi, hin jarjarin.

Yommuu haalli ulfaatan si muudatu, haala ulfaata yeroo darbe keeti yaadadhu. Jireenya kee funduraaf yoo sodaatte Rabbiin irratti hirkadhu. Wanti ani jireenya kiyya funduraaf sodaadhu bakka fi akkamitti akka jiraadhu osoo hin ta’in, imaana dhabuu sodaadha. Sababni isaas qananiin hundarra guddaa namni tokko argachu danda’u imaana. Qananii imaana dhabnaan qananiin biroo maal fayyadu ree?

Jaalalli nama tokkoof qabdu daangaa darbuun gara gabbarritti akka hin jijjiramne of eeggadhu.

Atummaan mu’imina (nama dhugaan amane) ta’uuf carraaqi ergasi hojii gaggaari iklaasan hojjadhu. Rabbii ajajamu irratti obsi. Insha Allah Rabbiin balbala milkaa’inna fi gammachuu sii bana. Balballi milkaa’innaa fi gammachuu kan nurratti cufamu yoo Rabbii ajajamu dinnu fi daangaa Isaa darbinuudha. Kana hubachuuf Qur’aana sirritti qo’achuuf carraaqi, furtuun milkaa’inna fi gammachuu maal akka taate ni argitaati. Filoosofi akkamitti akka milkooftu fi gammaddu sitti odeessu cinatti dhiisi gara Qur’aana deebi’i.

Dallansuu kee seeqachun qabbaneessi. Wanta namoonni siin jedhan irra hin oolin, yeroo hundaa jechoota isaani yaadachun keessa kee hin dhiphisin,keessa kee hin gubin. Aari fi dheekkamsan yeroo kee gubuu irra kaayyoo kee irratti xiyyeefadhu. Inuma wanta isaan siin jedhan irraa baradhu. Yoo isaan gaarummaa kee kaasan of hin tuulin, gadi of qabi, daran nama gaarii ta’uuf carraaqi. Yoo isaan si qeeqan, of ilaali. “Rakkoon si bira ni jiraa kan isaan si qeeqaniif?” Yoo jiraate sirreessuf carraaqi. Garuu yoo isaan waanyu fi jibbinsa irraa kan ka’e kan si qeeqani fi si laamshessuf jechoota sitti darban ta’e, sammuu kee keessatti bakka hin kenniinif. Sammuun kee qaalidha.Baradhu, dubbisi, of dagaagsi, qalbii kee qulqulleessi, InshaAllah gara Jannataatti imala (adeemsa) kee itti fufi.

Dureessas haa taanu hiyyeessas haa taanu hundi keenya gara du’aa deema jirra. Akkuma guyyaan darbuun umriin keenya hir’ataa adeema. Du’a jalaa miliquun hin jiru. Garuu gaaffin guddaan du’aaf galaa (sinqii) maalii qopheefanne? Hojii gaarii qabnaa? Hojii badaa dhiisne jirraa? Dirqamoota Rabbiin nurra kaa’e sirnaan bahaa jirra moo addunyaa tanaan sobama jirraa? Akkamitti Rabbiin qunnamu hennaa? “Osoo hin herregaminiin (hin sakatta’aminiin) duratti of herreegaa(sakatta’aa)?” jedha Umar ibn Al-Khaxxaab.
Sakatta’iinsi guyyaa cinqii osoo nutti hin dhufiinin duratti of sakattaane gara karaa sirritti deebi’u qabna. Ayatoota Qur’aana kanniin dubbisi mee Suurat Az-zumar: 53-58

Osoo yeroo hundaa kan gaddinu taane silaa abdii kutuun baditti of darbinaa turre. Akkasumas osoo yeroo hundaa kan gammannu taane silaa osoo of tuullu of balleessinaa turre. Kanaafu yommuu gadditu fi aartu, gaarii akka sii ta’etti ilaali. Sababni isaas, of tuulinsa fi of dinqisifachuu baditti si geessu gadii sii qaba. Dirree lola Huneyn yaadadhu yommuu Sahaabonni baay’inna ofii dinqisifatan. Of dinqisifachuu isaani gadii qabuuf gaddii isaan rukute, dachiin itti dhiphatte. Kuni barnoota guddaa nuuf ta’a. Injifannoo fi wanta gaarii galmaan gahuun Rabbiin qofa irraa dhufa. Baay’inni yookiin humni keenya adda isaa homaa hin fayyadu. Dhugumatti of dinqisifachuu fi of jajuun kufaati keenyaf sababa guddaa kan ta’aniidha. Iklaasa akka hin qabaanne nama taasisu. Kanaafu yommuu gadditu fi aartu miira kee too’adhu, balleessa kee kan darbee ilaali. Negaativi isaa osoo hin ta’in posotivi isaa ilaali.

Wanti ati of gammachiisuf guyyaa guyyaan hojjatu fi xiqqoo taate, guyyaa tokko hojii kee ta’uun bu’a guddaa argamsiisu yookiin miidhaa guddaa fidu. Kanaafu hojii gaarii xiqqaa jette hin tufatin, akkasumas hojii badaa xiqqaa jette hin tufatin. Lamaan isaanitu yommuu baay’atani walirratti tuulaman, akka gaaraa guddaa ta’u. Cubbuun yommuu baay’ate akka gaaraa ta’uun nama balleessa, nama fokkisa. Hojiin gaariinis yoo baay’ate nama miidhagsa, nama faaya.

Jireenya kee keessatti kaayyoo/karoora yeroo gabaaba fi yeroo dheeraa baasi. Yoo kana goote, of eggannoo fi murannoon gara funduraatti tarkaanfatta. Karoorri yeroo gabaaba keeti wantoota guyyaa guyyaan, torbaanin fi ji’aan hojjattu ta’uu danda’a. Fakkeenyaf torbaan kana keessa jireenya kee keessatti wanta jijjiru qabdu, wanta irraa hir’isuu fi itti dabalu qabdu, Qur’aana fi tafsiira isaa qo’achuu, kitaaba tokko dubbiste fixu fi kkf ta’uu danda’a. Kaayyoon yeroo dheeraa keeti immoo wanta adeemsa jireenya keeti haguugudha. Fakkeenyaf yeroo gabaaban booda barnoota xumuru, hojii qabachuu, fuudhu/heerumu, wanta haarawa galmaan gahuu fi kkf ta’uu danda’u. Garuu kaayyoon yeroo gaababa fi dheeraa kee haguugu Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenu akka ta’e hin dagatin. Sababni isaas yoom akka duutu hin beektu. Kanaafu guyyaa hundaa wanta kaayyoo guddaa kana waliin deeman hojjachuu fi wantoota kaayyoo kana faalleesan irraa fagaachuf carraaqu qabna. Yoo akkana goone jireenyi teenya tartiiba horatti.
Rakkoon yeroo ammaa dargaggoota muudata jiru rakkoo fuudhaa heerumaati. ‘Akkuma barnoota fixe fi hojii qabadheen nan fuudha ykn heeruma.”jedhu. Eeti dhugaa isaaniti yoo wanta maatii ittiin horatan argatan fuudhun garmalee bareeda fi kan jajjabeefamudha. Garuu hanga fuudhanii ykn heerumani haraama irraa of qabuun hin barbaachisu ree? Obsu barbaachisa. Waggaa 4 ykn 6 booda nan fuudha ykn nan heeruma yoo jette haraama irraa of qusatu fi obsuu nu barbaachisa. Sababni isaas, yoo hin obsin kaayyoo yaanne kanaa fi kaayyoo gurguddaa armaan olii galmaan gahuu hin dandeenyu. Kanaafu kaayyoo kee hundaa galmaan gahuuf obsuun dirqama. Waa hundaafu Rabbirratti hirkadhu. Insha Allah milkiin teeti.

Furtuuwwan milkaa’inna fi gammachuu keessaa tokko mataa kee fedhii duwwaa fi bada hordofuu irraa hidhuu/dhowwuu akka ta’e sammutti qabadhu. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

79:37

79:3879:39

Namni (Rabbitti kafaruun, cunqursaa fi badii raawwachuun) daangaa darbee fi Jireenya addunyaa tanaa filate, dhugumatti teesson isaa Jahannami.79:4079:41

Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaate fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhorge, dhugumatti Jannanni bakka qubannaa isaati.” (suurat An-naazi’aat (79):37-41)

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-lakk.13
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-lakk.11
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.