Fedhii Lubbuu Hordofuu

“Fedhii (hawaa) jechuun uumaman wanta lubbuu ta’utti dabuudha. Dabiinsi kuni ilma namaa keessatti kan uumameedha akka horteen isaa itti fufufi. Osoo nyaatatti, dhugaatittii fi fuudha heerumatti dabiinsi (fedhiin) jiraachu baate, silaa nyaanni, dhugaatinii fi fuudhaa heerumni hin jiru türe. Fedhiin guutumaan guututti wanta faarfamus miti akkasumas guutumaan guututti wanta balaalefatamus miti. Fedhiin ilma namaa kan balaalefatamu ykn jibbamuu yommuu daangaa darbeedha.”

Keeyyanni armaan olitii fi kan itti deemaa jirru kitaaba ‘Rewdatul Muhibbiin” jedhamu irraa kan fudhatamiidha. Barreefamni hundii kitaabarraa kan fudhatamee osoo hin ta’in akka dubbistoota galuuf jechoota kiyyaan kan barreessedha. Barreessan kitaabicha Imaama beekkama Imaamu Ibn Al-Qayyimii. Kanaafu waa’ee fedhii lubbuu ilaalchise hanga dandeenyun mee walumaan haa ilaallu.

Ilmii namaa yeroo baay’ee daangaa ofii waan hin beekneef daangaa darbuun ofii fi ilmoo namaa miidha. Jecha Arabiffaa “hawaa” jedhu gara Afaan Oromootti guutumatti hiikun ni ulfaata. Ammaaf hawwii, fedhii lubbuu jechuun itti fayyadamna. Akkuma barreessan kitaabicha jedhu Qur’aana fi hadiisa keessatti fedhii lubbuu hordofuun garmalee kan balaalefatameedha sababa miidhaa guddaa geessutin.

Hayyuun Sha’abii jedhamu akkana jedha: jechii hawaa jedhuu kan moggaafameef abbicha wajiin waan kufuufi (يهوي بصاحبه ). Osoo adabbii isaa itti hin yaadin mi’aa funduraa namaa jirutti waama. Fedhiin abbicha lubbuu ofii too’achuu (sakatta’uu) irraa jaamaa taasisa; gaabbii hamaan isa haguuga; “

Wantoonni fedhii lubbuu daangeessan; miira kabajaa, amantii fi aqlii (sammuu)dha. Namtichi yommuu miirri kabajaa isatti dhagahamuu lubbuu ofiitin ‘Kuni badaadha ni salphattaa hin hojjatiin.” Jedhaan. Namni mirri kabajaa itti hin dhagahamne immoo wanta akkanaa waan hin beekneef wanta lubbuun isaa feetu hunda hojjata. Namni amanti qabu immoo yommuu lubbuun isaa waa feetu, ‘Kuni wanta amantiin dhowwuu hin raawwatin, ta’uu baannan ni adabamta.” Jedhaan. Namni amantii hin qabne immoo wanta lubbuun isaa feetu guutu hojjachuun aakhiratti yookiin addunyaa tanatti garmalee adabama. Sammuunis haaluma kanaani. Ilmi namaa gaarii fi badaa akka addaan baafatuuf Rabbiin  sammuu kenneefi jira. Namni sammuu ofitti hin fayyadamne ofuma miidha.

Yommuu namni tokko qormaata fedhii lubbuutin qoramu abbooti murtii lamatti dhiyeessu yookiin mari’achiisu qaba. Isaanis, abbaa murtii amantii fi abbaa murtii sammuudha. Miidhaa fedhii lubbuu hordofuu ofirraa deebisuuf namni tokko yeroo hundaa abbooti murtii lamaan kanniin mari’achiisuf of shaakalsiisu qaba. Kana jechuun yommuu fedhiin lubbuu isaa kaka’uu gara amantii deebi’uun miidhaa wanta fedhe kana hojjachuu irraa dhufu beekuf carraaqu qaba. Akkasumas, sammuu isaa keessatti adabbii fedhii kana guutu irraa dhalatu itti yaadu qaba. Yoo akkanatti of shaakalsiise fedhii Rabbitiin namni kunii adabbii jalaa ni baha.

Miidhawwan Fedhii Lubbuu hordofuu

.Fedhii lubbuu hordofuun madda jallinaati

Fedhii lubbuu hordofuun wanta tokkotti yoo makame balleessu malee hin dhiisu. Beekumsatti yoo makame namticha bid’aa (amanti keessatti wanta haarawa uumu) fi jallinatti qajeelcha. Murtitti yoo makame namticha cunqursaa fi haqa irraa jallatutti baasa. Sababni guddaan yeroo kamiyyuu haqni dhabameef fedhii lubbuu waan hordofaniifi.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedhe jira:

38:26

Yaa Daawud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa si taasifne jirra. Kanaaf gidduu namootatti dhugaan murteessi. Karaa Rabbii irraa si jallisaa fedhii lubbuu hin hordofin. Dhugumatti isaan karaa Rabbii irraa jallatan waan guyyaa herregaa (Qiyaama) dagataniif isaaniif adaba cimaa ta’etu jira.” Suuratu Saad 38:26

Kanaafu fedhii lubbuu hordofuun karaa Rabbii irraa nama jallisa. Fedhii lubbuu hordofuun ibaadatti (Rabbiin gabbarutti) yoo makame namticha Rabbii ajajamuu fi Isatti dhiyaachu keessaa baasa.

✪Karaa sheyxaanni ilma namaatti seenu fedhii lubbuu hordofuuni. Takkaa sheyxaanni balbala kanaan itti seenan hojii fi qalbii isaa jalaa balleessa.

✪ Rabbiin namoota bakka lamatti qoode. Isaanis warraa qajeelcha Isaa hordofanii fi fedhii lubbuu hordofan.

28:50

Yoo siif hin awwaatin fedhii isaanii hordofaa akka jiran beeki. Nama qajeeluma Rabbiin irraa ta’een alatti fedhii ofii hordofe caalaa namni jallataan ni jiraa sila? Rabbiin ummata miidhaa hojjatoota hin qajeelchu.” Suura Al-Qasas 28:50

Kanaafu qajeelcha Rabbii dhiisanii fedhii lubbuutif tolee jechuun jallinna guddaadha. Fakkeenyi nama qajeelcha Rabbii dhiise fedhii lubbuu ofii hordofee garmalee fokkuudha.

✪ Namni fedhii lubbuu hordofu hogganaa (imaama) ta’uu hin danda’u, hordofamuus hin qabu. Namni akkanaa hogganaa yoo ta’e dachii badiin balleessu malee hin dhiisu akkuma yeroo ammaa addunyaa irratti argaa jirru kanatti. Rabbiin namoota fedhii lubbuu hordofaniif akka hin ajajamne dhowwee jira. Namni fedhii lubbuu hordofuu hunduu zaalima (miidhaa hojjataadha). Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

30:29

Dhugumatti isaan miidhaa hojjatan beekumsaan ala fedhii lubbuu isaanii hordofu. Nama Rabbiin jallisees eenyutu isa qajeelchaa? Gargaartoonni isaaniif hin jiran.” Suuratu ar-Ruum 30:29

Nama Rabbiin dagatee fedhii lubbuu ofii hordofuu akka hin ajajamne Rabbiin nuuf dhaama:

Nama onnee isaa yaadannoo keenya irraa cufne, kan fedhii lubbuu isaa hordofuu fi dhimmii isaa daangaa darba ta’eef hin ajajamiin.”  Suura Al-Kahf 18:28

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) nama fedhii lubbuu hordofuu akka taboota gabbaruun wal bira qabe. “Sila nama gabbaramaa (ilaaha) isaa fedhii lubbuu taasifate hin arginee? Sila ati isa irratti tiiksaa ni taataa?” Suuratu Al-Furqaan 25:43

Wanta lubbuun isaa feetu hundaa ni hojjata, irraa hin deebi’u.

✍ Fedhii lubbuu hordofuun maddaa dogongoraati- Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) fedhii lubbuu hordofuu fi dogongora walitti kan hidhatan taasise. Namni garmalee dogongoruu fi gaabbin hamaan isatti dhagahamu nama fedhii lubbuu hordofuudha. Akkasumas Rabbiin sirrii fi haqummaa fedhii lubbuu faallesuu fi qajeelcha isaa hordofuu kan walitti hidhatan taasise. Namni dogongorri isaa xiqqaa ta’e nama fedhii lubbuu faallessuu fi qajeelcha Rabbii hordofuudha. Salafoonni gariin akkana jedhu, “wantoonni lama yoo wal si harkaa dhayan, kamtu qajeela akka ta’e yoo wallaalte, fedhii lubbuu teetitti kan dhiyaatu dhiisi, dogongorri fedhii lubbuu hordofuu keessa waan jiruuf.

✍ Fedhii lubbuu hordofuun dhibeedha. Qorichaa ishii immoo fedhii lubbuu faallessudha. Bishr Haafi (Rabbiin rahmata isaa haa godhuu) akkana jedha: “balaan hunduu fedhii lubbuu hordofuu keessa jira. Qorichi isaa immoo fedhii lubbuu faallessudha.”

✍Fedhii lubbuu hordofuun balbala milkaa’innaa fi gammachuu namatti cufuun balbala kufaati fi gaddaa namatti bana. Fudeyl ibn Iyaad akkana jedha: “namni fedhiin lubbuu isa moo’ate maddoonni milkaa’innaa irraa citan.”

✔Namni fedhii lubbuu hordofuu sammuun isaa ni hadooddi, xinxallii fi qalbiin isaan ni dukkanoofti, fedhii lubbuu hordofuun dukkanaa fi jallinna waan ta’eefi.

✔Namni fedhii lubbuu hordofuuf har’a bakka bal’ifate yommuu du’ee qabrii seenu qabriin itti dhiphatti, Guyyaan Qiyaamas san caalaa itti dhiphata. Fuggisoo kanaa immoo namni har’a fedhii lubbuu ofii hordofuu bakka itti dhiphise, qabrii keessatti fi Guyyaa Qiyaama bakki isaaf bal’ata- dhimmi isaa ni laaffataaf, dhiphinna keessaa baha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) yommuu akkana jedhu kanatti akeeka. “Sababa isaan obsaniif Jannataa fi uffata harrii (hariiraa) galata isaaniif galcha.” Suuratu Al-Insaan 76:12 obsii nafsee(lubbuu) ofii wanta ishiin feeturraa hidhuudha. Namni yommuu nafsee ofii hidhuu ni dhiphata. Dhiphinna kanarratti waan obseef mindaan isaa uffatta harrii fi Jannata gammachuu ta’a.

▲Fakkeenyi nama fedhii lubbuu hordofuu akka nama farda fincilaa fi garmalee fiigaa lugaama malee yaabbateeti. Fardii kunii osoo gulufuu isa kuffisa yookiin immoo baditti (qiletti) gulufeeni isa balleessa.

Dhugumatti fedhii lubbuu jala deemun farda akkanaa caalaa nama miidha. Ballaa nama taasisun baditti nama darba

Tawhidnii (Rabbiin tokkichoomsu) fi fedhii lubbuu hordofuun wantoota lama kanneen wal faallesaniidha, waliin kan hin deemnedha. Dhugumatti fedhiin lubbuu sanama (taabota). Namoonnii hunduu taboota kana qalbii keessaa ni qabu hammi isaa gargar haa ta’uyyu malee. Namticha hinduu turee ergasii Islamaaye tokkotu akkana jedhe,”Halkan tokko lubbuun tiyya taabota dhagaa gabbaraa türe akka caccabsu itti na ajajje. Caccabsuus danda’e jira. Garuu taabota (fedhii lubbuu) na keessa jiru caccabsuuf gara waggaa diigdamaa itti fixe…”

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Nabiyyoota kan ergeef taabota caccabsuun Inni qofti akka gabbaramuufi. Fedhiin Rabbii jalqabaa taaboota dhagaa badhee jiru caccabsuu osoo hin ta’in qalbii irraa jalqaba caccabsuudha. Jalqaba qalbii irraa yoo hin caccabin namtichi dhoksaan taabota gabbaruu danda’a. Nabiyyoonni jalqaba yommuu ergaman taabota dhagaa caccabsuu irraa hin eegalan. Kana irra qalbiin isaanii taabota gabbaruu irraa akka qulqulloftuuf namoota gara ergaa Rabbiitti waamu. Qalbiin yoo hin qulqullaa’in caccabuun dhagaa bu’aa maal fidaa?

Hundeen sharrii (badii), wal waanyu, jibbaa fi balaa adda addaa fedhii lubbuu hordofuuti. Namni fedhii lubbuu faallesse qalbii fi qaama ofiitiif boqonnaa kenna. Abu Bakr warraaq akkana jedha: “Fedhiin lubbuu nama yoo moo’ate qalbii dukkaneessa. Qalbiin yoo dukkanoofte lapheen ni dhiphatti. Yoo lapheen dhiphatte amalli namaa ni fokkata. Yoo amalli bade namoonni ni jibbu, innis isaan jibba. Mee ilaali wal jibbuu, wal waanyu, haadha abbaa kabajuu dhiisu irraa badii dhalatan. “

▲Namni hunduu jalqabaa fi dhuma qaba. Namni jalqaba isaa fedhii lubbuu hordofuun eegale dhumti isaa salphinna, xiqqeenya, hoongo, balaan xumurama. Namni fedhii lubbuu faallesuu fi karaa qajeelaa hordofuun jalqaba isaa eegale immoo dhumti isaa kabaja, guddinna, jabeenya (izzaa) fi beekkamtii Rabbiin biratti fi uumamtoota biratti argata. Abu Aaliyyi Daqaaq akkana jedha, “Namni yeroo dargagummaa fedhii ofii too’ate yeroo jaarsummaa Rabbiin ni jabeessa.” Kuni dhuma addunyaati. Nama fedhii lubbuu faallesse Rabbiin aakhiratti dhuma isaa jannata taasisa. Nama fedhii lubbuu hordofe immoo dhumti isaa ibidda.Rabbiin akkana jedha:

Namni (Rabbitti kafaruun, cunqursaa fi badii raawwachuun) daangaa darbee fi (fedhii ofii hordofuun) Jireenya addunyaa tanaa filate, dhugumatti teesson isaa Jahannami.

Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaate fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhorge, dhugumatti Jannanni bakka qubannaa isaati.” (suurat An-naazi’aat (79):37-41)

Fedhii lubbuu hordofuun qalbiitti gabrummaa, mormatti sansalata, lukatti sakaallaa ta’a. Namni ishii hordofuu badii hundaaf hidhamaa ta’a. Namni fedhii lubbuu faallesse gabrummaa jalaa bahuun bilisummaa goonfata, sansalata morma ofiitirraa baasa, sakaalla luka ofitirraa hiikun nama nagahaa ta’ee adeema.

Fedhii lubbuu hordofuun dhibee hamaaf nama saaxila. Sababa fedhii lubbuu hordofuuni mitii dhibeewwan adda addaa qoricha hin arganne akkanatti babal’ataniifi? Fedhii lubbuu hordofuun wal-qunnamtii saalaa seeran alaa raawwachuun dhibee Eedisitiin rukutamu, daa’imman seeran ala dhalatuun hiyyummaa fi salphinna keessa jiraatu.

Miidhan fedhii lubbuu hordofuu himame hin dhumu. Hundii keenya xiqqaatus haa guddatus fedhii lubbuu hordofuun of ni miina. Fedhii lubbuu kana jalaa bahuuf falli keenya maaliree? Insha Allah torbaan mata duree ‘Fedhii Lubbuu Faallessun’ jedhuun hanga walitti deebinutti nageenyi fi rahmanni Rabbii isin irratti haa jiraatu.

Kitaaba wabii

rewdatul-muhibina Fuula 332-340

Like https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu

Yuniversiti Keessatti Milkaa'uf

Leave a Reply