Fedhii Lubbuu Faallessu

Akkuma torbaan darbee eerre fedhii lubbuu hordofuun miidhaa baay’ee fida. Namni tokko fedhii lubbuu hordofuu yookiin hordofuu dhiisu isaa akkamitti beekaa? Yeroo baay’ee namtichi fedhii lubbuu hordofuu, yommuu gocha fedhiin isaa itti ajajju raawwatu fedhii lubbuu hordofuu hin beeku. Kan inni beeku yommuu miidhaa wanta raawwate sanii arguudha.

Mallatoolee fedhii lubbuu hordofuu agarsiisan maal fa’aa?

Gosa dhibee beekuf mallatoolee arguun barbaachisa. Fedhii lubbuu hordofuunis dhibee waan ta’eef mallatoolee isaa beekun hin barbaachisu ree? Namtichi yommuu fedhii lubbuu hordofuu;

1.Lubbuun isaa wanta san raawwachuuf garmalee feeti, ni jarjarti- yommuu fedhii keenya hordofnu lubbuun teenya wanta san dafnee akka argannuu itti nu kakaasti. Wanta nu dura dhaabbatu hin jiru hanga wanta feenu san argannutti. Fakkeenyaf, fuudhaa heerumaf ta’uu danda’a, karaa haraamatin hariiroo uumuf ta’uu danda’a, lubbuuun nama tokko wanta kana raawwachuuf garmalee jarjarti, yoo obsaa fi beekumsa hin qabaatin. (Asitti fuudhaa heerumni dhowwadha jechuu kiyyaa miti, garuu suuta fi obsa barbaachisa) Kanaafu mallatoon fedhii lubbuu agarsiisu tokkoffaan jarjaruu fi obsa dhabuudha. Yeroo jarjartu fedhii lubbuu hordofuu kee yaadachuun tasgabbaa’i. Wanta jarjaraan argame dhumti isaa waan hin tollef.

2.Gammachuun jalqabarratti garmalee itti dhagahama– fedhii lubbuu hordofuun wanta tokko yommuu raawwannu gammachuun garmalee nutti dhagahama. Garuu dhumti isaa gaabbi fi gadda. Kokolfaa jalqabuun dhumarratti bullukoon gaddaa fi gaabbi nu haguuga. Fakkeenyaf, yeroo ammaa dargageessi fi shammarren kokolfaa fi gammadaa Fesbuuki, Whatsupp fi karaalee kanaa fi kan kana fakkaataniin wal qunnamu. Hariiroon isaani yoo itti fufe dhumti isaanii gaddaa fi gaabbidha. Kanaafu mallatoon lammaffaa fedhii lubbuu hordofuu agarsiisu ‘Jalqaba irratti gammachuu guddatu namatti dhagahama. Dhumarratti garuu gaddaa fi gaabbidha.’ Yoo mallatoo akkanaa argite fedhii lubbuu hordofaa akka jirtu yaadadhu. Yerooma kolfii sitti dhufe san hojiin kee dhumti isaa akka hin bareenne beekun dhaabi.

3.Of dinqisiifachuu– yommuu fedhii lubbuu hordofnu of dinqisifachuun haqa irraa jaamaa ta’uun dhumarratti of miina. Namoonni baay’een haqa irraa kan garagalaniif waan of dinqisafatanii fi boonaniifi. Wanta hundaa waan beekan itti fakkaata. Tiyya qofa ta’a jechuu malee gorsaa fi dhaamsa gaarii dhageefachuun itti hin fayyadaman. Kanaafu mallatoon sadaffaan fedhii lubbuu hordofuu agarsiisu of dinqisiifachuu, namoota tuffachuu, fi boonudha. Mallatoon kuni amantii kee irratti dhiibbaa guddaa geessa. Akkuma jedhamu namni boonu fi saalfatu beekumsa hin baratu. Kan boonu ‘nan beeka’ jedhe waan yaaduf nama isaa olii hin dhageefatu, kan saalfatu immoo ‘na salphadha’ jedhe waan yaaduf wanta hin beekne hin gaafatu. Kanaafu of dinqisifannaan, boonu fi namoota tuffachuun yoo sitti dhagahame fedhii lubbuu hordofaa akka jirtu beeki.

4.Namoota gammachisuuf– beekkamtii argachuu fi namoota gammachisuuf carraaqun mallattoo handhuura fedhii lubbuu hordofuuti. “Namoonni beekaa nan haa jedhaniif, Nama akkam bareedu haa jedhaniif, Qabeenya qaba haa jedhaniif fi kkf “ jenne yaadun meeqa keenyatu yeroo fi humna keenya bakka hin taanetti gubaa jirraa. Namoota gammachisuuf yommuu carraaqnu yaaddo, dhiphinnaa fi gadda malee wanti argannu hin jiru. Rabbiin qofa gammachisuuf yoo ta’e immoo gammachuu fi tasgabbiin qalbii teenya haguuga. Kanaafi Rabbiin qofa gabbaruun sochii qaamatiin qofa kana agarsiifamu osoo hin ta’in qalbiinis Isaaf qofa tan hojjattu ta’u qaba. Aslimaayyu (hundeemayyu) Rabbiin kana gabbaramu wantoonni sadii yoo wal simataniidha. Isaanis, qalbii, arraba fi qaama. Qalbiin dhugaan amanuu fi iklaasa qabaachu qabdi, arrabni wanta qalbii keessa jiru dubbachuudha, qaamni immoo hojitti jijjiruudha. Insha Allah gara funduraatti ‘Imaana’ jalatti bal’innaan kana ilaallu ta’a.

Kanaafu hojii kamiyyuu keessatti niyyaan (intention) qalbii murteessadha. Niyyaan yoo bade hojiin badee jechuudha. Yommuu fedhii keenya hordofnu ‘Naa haa arganiif, haa dhagahaniif’ jenne namoota gammachisuuf garmalee carraaqna. Kanaafu miirri akkanaa yoo sitti dhagahame fedhii lubbuu hordofaa akka jirtu beekun itti qabsaa’i. Wanta sirrii fi Rabbiin gammachisuu hojjachuuf carraaqi.

Fedhii Lubbuu Faallessu (1)

Namni tokko fedhii lubbuu hordofuun hadhaa baay’ee dhandhamaa jira haa jennu. Jireenya hadhaawa tana keessaa bahuu ni danda’aa sila? Gaabbii fi hurriin baay’een isa marsaa jira. Gaddii fi yaaddon mataa isaa gadi gonbise. Akkamitti keessaa bahuu danda’a? Fedhii fi gargaarsa Rabbiitin ba’aa fedhii jalaa bahuu ni danda’a. Mee tuqaale filamatoo haa eerru.

1.Miirri kabajaa hoo’an isatti haa dhagahamu– yommuu namni tokko badii keessatti of arguu kabajni isaa/ishii mulqamaa akka jiru beekun kabajaa isaa/ishii deebifachuuf badii san dhiise biraa deemu qaba. “Salphinna kana ofirraa kaasun mataa ol qabadhe deemu qaba” jechuun of onnachiisu qaba.

2.Kiniini sabrii (obsaa) liqimsuu- kiniini sabrii gabaa irra ni jiraa jettanii gaafachu dandeessu. Lakkii hanga ammaa kiniini sabrii wanti jedhamu gabayaa irra hin jiru. Garuu sabriin mataan isaatu kiniiniidha. Akkuma kiniinin hadhaa qabu sabriinis hadhaa qabdi. Yommuu ati fedhii lubbuu hordofuu irraa kiniini sabrii kana liqimsitu, jireenya mi’aa fi bal’aa boodarra ni jiraatta. Garuu fedhii lubbuu hordofuun yommuu badii raawwattu jireenyi hadhooftu fi dhiphoo taati. Yommuu fedhii lubbuu tana jalaa bahuuf kiniini sabrii liqimsitu dhawaata dhawaatan gara mi’aa fi fayyaatti si jijjiramaa adeema. Kanaafu bu’aa fi badhaasa kiniini sabrii liqimsuu irraa argamuu haa hubannu. Akkasumas, miidhaa, daraara fi adabbii fedhii lubbuu hordofuu irraa argamu itti haa xinxallinuu

3.Namni kan uumameef fedhii lubbuu hordofuuf osoo hin ta’in kaayyoo guddaaf akka uumame haa beeku. Kaayyon guddaan kuni Rabbiin qofa gabbaruudha. Kaayyoo kanas galmaan kan gahu yoo fedhii lubbuu faallesse qofaadha. Salaata salaatuf fedhii lubbuu faallessun, salaatatti ka’uu qaba, wanta badaa raawwachuuf yommuu hawwu fedhii lubbuu faallessun wanta badaa kanarraa of dhowwu qaba.

4.Kan bineensonni ittiin isa caalaniin nafsee ofiitif filachuu hin qabu- bineensonni uumaman wanta isaan miidhu fi fayyadu addaan baafatu. Wanta miidha fidu caalaa wanta faaydi qabu filatu. Osoo beekanu diina ofitti ni deemu? Namni immoo sammuun kan isaa kennameef badaa fi gaarii akka addaan baafatuufi. Yoo wanta isa miidhu fi fayyaduu addaan hin baafatin yookiin wanta isa fayyadu dhiise wanta isa miidhu yoo filate, haala isaa caalaa haalli bineensota gaariidha jechuudha.

5.Nageenya kabaja, amantii, qabeenya, sadarkaa isaati fi badii fedhii lubbuu hordofuun isatti fidu wal madaalchisu qaba. Namni fedhii lubbuu hordofuu kabajni isaa irraa mulqama, amanti ofii dhaba, qabeenyi isaa ni hoonga’a. Fedhii lubbuu hordofuun namoota meeqa galaanna salphinnaatti kuffiste,guddinna irraa xiqqeenyatti darbite, fokkinna bishaan dhiqee hin baasne itti uwwiste, namoota meeqa balbala soorata (rizqii) itti cufte, gammachuu meeqa jala dabarsite.Kanaafu kabaja fi salphinna wal madaalchisuun fedhii lubbuu hordofuu irraa namni tokko of qabu danda’a.

Jechoota Hayyoota waa’ee fedhii lubbuu faallessu ilaalchise (2)

☞Umar ibn Abdulaziz (Rabbiin rahmata isaa haa godhu) akkana jedhame gaafateme,”Qabsoo kamtu hundarra caalaa?” Innis,”Fedhii lubbuu keetitti qabsaa’udha.”jedhe deebise. Ammas Umar akkana jedhe,”Akka nama yeroo haqni fedhii isaa simate haqa hordofuu, yoo fedhii isaa faallesse haqa faallessu hin ta’in. Yoo akkas goote [fedhii kee waliin deemnan waan hordofteef] mindaa hin argattu. [Fedhii kee faallessinaan] haqa waan faallesiteef ni adabamta.”

Ibraahim ibn Ad’haam akkana jedhe,”Qabsoon guddaan qabsoo fedhii lubbuu waliin adeemsifamuudha. Namni lubbuu ofii fedhii qullaa ishii irraa dhowwee addunyaa fi balaa ishiitirraa boqonnaa argata. Azaa (daraara) addunyaa irraa kan eeggamuu fi nagaha ta’a.”

Wahb ibn Munabih akkana jedha: “Namni fedhii ofii koome jala godhate, sheyxaanni gaaddisaa isaa jalaa ni dheessa. Namni moo’atame immoo, fedhiin isaa isa abchooche.” (Dhugumatti namni fedhii hordofuu wanti inni hojjatu abchuun tokkoma.)

Al-Hasan al-Basrin akkana jedha,”Dhibeen hundarra hamaan qalbii kan dhamaasudha. Kana jechuun fedhii lubbuuti.”

Abu Haazim: “Diina kee caala fedhii lubbuu keetitti qabsaa’i (loliin)” jedha. Ammas akkana jedha, “wanta lama yoo raawwatte wanta gaarii (keyrii) addunyaa fi aakhiraa ni argatta.’ Isaan lamaan kunniin maaliidhaa? Jedhame gaafatame. Innis ni jedhe,’1ffaa, Wanta ofii jibbitu garuu wanta Rabbiin jaallatu bakkaan yoo geesse (hojjatte). 2ffaa Wanta ofii jaallattu garuu kan Rabbiin jibbu yoo hojjachuu dhiiste.”

Ibraahim ibn Dawuud Qassaari: “Namoota keessaa namni dadhabaan nama fedhii lubbuu isaa faallessu irraa dadhabaa ta’eedha. Namoota keessaa namni cimaan nama fedhii lubbuu ofii faallessu irratti cimaa ta’eedha. “

☛Imaam Ibn al-Qayyim (3): namoota gosoota torbanii Rabbiin Guyyaa Qiyaama guyyaa gaaddisa Isaa malee gaddisni biraa hin jirre gaaddisa Arshii Isaa jalatti gaddiseessu yoo itti xinxallite, warroota fedhii lubbuu isaanii faallessun bakka kana (gaaddisa jala) akka gahan ni argita. 1.Hogganaan (imaamni) namoota haqaan bulchu haqaan hojjachuu hin danda’u yoo fedhii lubbuu hin faallessin.2.Dargageessi ibaada (Rabbiin gabbaruu) irratti guddate, kana gochuu hin danda’u yoo fedhii lubbuu hin faallessin. 3.Namtichi qalbiin isaa masjiidatti hidhamte, gara masjiidatti kan isa oofu fedhii lubbuu gara mi’aa addunyaatti isa waamtu yoo faallessedha. 4.Namoonni lamaan Rabbii jedhanii kan wal jaallatan ergasii Rabbiif jedhanii kan walitti dhufanii fi addaan deeman yoo fedhii lubbuu faallessaniidha. 5.Namni bitaan isaa osoo hin beekin mirgaan (osoo eenyullee hin beekin) dhoksee sadaqaa kennu yoo fedhii lubbuu faallessedha. 6.Namni dubartiin miidhagdu fi sadarkaa qabdu badiif isa waamte, “Ani Rabbiin sodaadha.” Jechuun waamicha ishii didu yoo fedhii lubbuu faallesse qofaadha. 7.Namni kophatti (adda isaatti) Rabbiin yaadate fi sodaa Rabbitirraa kan ka’ee imimmaan ija isaa kan guutu yoo fedhii lubbuu faallesse qofaadha.

Shaakala

Wanta beekne yoo hin shaakalin jireenyi keenya achumatti dhaabbatte hafti. Akkuma armaan olitti jedhame fedhii lubbuu faallessuun qabsoo guddaadha. Qabsoon immoo wanta taa’anii argamu osoo hin ta’in shaakalli fi tattaaffi barbaachisa. Fedhii lubbutti qabsaa’uf mee kanniin haa shaakallu:

1.Hojii tokko hojjachuun dura itti yaadu– namni bu’aa fi miidhaa hojii tokko osoo hin hojjatiniin dura itti yaade hojjatu ykn dhiisu nama qaruutedha. Kana galmaan gahuuf shaakalli fi qabsoo addaan hin cinne nu barbaachisa. Ammarraa jalqabne wanta hojjannu tokko bu’aa fi miidhaa isaa madaalle hojjachuuf haa carraaqnu. Miidhaa kan qabu ykn fayda kan hin buusne yoo ta’ee hojicha ni dhiisna. Faayda kan qabu yoo ta’ees niyyaa (yaada duuba jiru) qorachu qabna.

2.Niyyaa keenya sirreessu– yeroo baay’ee baditti kan kufnuuf niyyaan keenya badaa waan ta’eefi. Hojii badaa tokko irraa ifatti kan dheessinu namoonni na argan jechuun garuu dhoksatti ni raawwanna. Akkasumas, hojii gaarii keenya ifatti baasuf kan carraaqnuf namoonni akka arganiifi. Kana irra, hojii badaa ifaa fi dhoksatti Rabbiin sodaachun yoo dhiisne, akkasumas, hojii gaarii ifaa fi dhoksatti Rabbii jenne kan hojjannu yoo ta’e fedhii lubbuu teenya faallessaa jirraa jechuudha. Ammarraa eegalle niyyaa keenya qulqulleessuf carraaqu qabna. Hojii tokko hojjachuun dura, “Maaliif hojjadhaa? Eenyu gammachisuufi? Hojiin kuni bu’aa moo miidhaa qaba?…” jechuun of gaafachuuf haa shaakallu. Yoo akkana goone fedhii lubbuu irratti qabsaa’a jirraa jechuudha.

3.Sheyxaana Rabbitti mangafachuu– fedhii fi sheyxaanni bakka tokkotti dhufnaan akka gaazi fi ibidda bakka tokkotti dhufaniti. Sheyxaana ofirraa ari’uuf furmaanni hundarra caalu gara Rabbii fiigudha. Dhugumatti Rabbiin akkana jedha:

7:200

Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa ta’e sitti dhufe Rabbitti mangafadhu. Dhugumatti Inni (Rabbiin) Dhagaa’a, Beekadha.” Suuratu Al-A’araaf 7:200

Kanaafu yommuu sheyxaanni hasaasa badaa (waswaasa) nutti fidu, ‘A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama), sii hin dhagayu narraa deemi, badii asi.” jechuuni dandeenya. Zikrii (yaadannoo) Rabbii baay’isuun sheyxaanni akka nutti hin dhiyaanne gochuu dandeenya. Sheyxaanni nama kan moo’atu namtichi yommuu Rabbiin dagatuudha.

4. Salaata sirnaan salaatu– Namni yommuu salaata dhiisu fedhii ofii hordofuun baditti of darba.

19:59

19:60

Isaan boodaas bakka bu’oota salaata dhiisanii fi fedhii lubbuu isaani hordofantu hafe. Hallayyaa Jahannam qunnamuuf jiru. Garuu namni tawbatee, amanee, hojii gaarii hojjate, warri sun jannata seenu; homaa hin miidhamanu.” Al-Qur’an, Suura Mariyam (19): 59-60

Kanaafu salaata sirnaan salaatun badii hamaa irraa of baraaruf haa carraaqnu.

5.Yommuu namoonni nu dinqisiifatan dinqisiifannaa isaanitin sobamuu dhiisu- yommuu namoonni nu dinqisiifatan, dinqisifannaa isaanitiin of tuulinsi nutti dhagahamu danda’a. Kanaafu yommuu namoonni si dinqisifatanii fi faarsan, fedhii lubbuu teeti faallessi. Hojiin ati hojjatte xiqqaa akka ta’e yaadi.

6.Beekumsa barbaadu– beekumsa barbaadun meeshaa cimaa fedhii lubbuu itti faallesaniidha. Fakkeenyaf, Qur’aana, hadiisa fi barnoota Islaama biroo qo’achuu, barachuu, dhageefachu.

7.Namoota gara baditti nu waaman irraa fagaachuuf carraaqu.

8.Yommuu lubbuun wanta tokko garmalee feetu, “Hin hojjadhu, gara badii hin deemu!” jedhanii faallessu.

9.Qabsoo kana keessattu obsuu

Yoo kanaa fi kan kana fakkaatan hojii irra oolchine Insha Allah ni milkoofna.

Kitaabilee wabii
(1) & (3) Rewdatul Muhibbiin- Imaam ibn al-Qayyim (fuula 332-342)
(2) Hayatu Salaf_al-Qawlu wa al-amal- Ahmed ibn Naasiri Xayyaar (fuula 48-52)

Walaloo-Jireenya Badhaatu
Fiixee Gaarummaa Irra Ijjachuuf
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.