Dargaggeessa Karaan Jalaa Badee

Dhugumatti yeroo ammaa rakkoo fi fitnaa guddaa keessa jirra. Galaana fitnaa kana keessatti gosoonni namoota jalqaba nyaataman dargaggoota fi dubartoota. Dhugumatti dargaggoonni yeroo ammaa garam akka deeman malli harkaa bade, dukkanni jireenyaa isaan marse jira. Akkuma haati yoo ilma ofii dhabde raatoftu, dargaggoo fi shamarran ammaas kallattiin jireenya yommuu harkaa badu raata’aa jiru. Haati hanga daa’ima ofii argatutti hirriba gaarii ni raftii? Dargaggoon ammaas hirribaa gaarii ni rafu? Boqonnaa gaarii ni argatu? Sababni raata’u fi dukkana jireenya keessatti baduu maal ta’inna laata? Of gaafanne beeknaa? Maaliif jireenyi natti dukkanoofte jennee beeknaa? Read more

Kana Raabsi

Dawaa Jaalalaa-Kutaa 2ffaa

Torbaan darbe irraa itti fufuun kunoo dawaa jaalalaa har’as waliin ni ilaalla.
7.Fuudhuu ykn heerumu– osoo jaalalaan qabamuu baateyyuu fuudhaa heeruma keessa quufa, tasgabbii fi gammachuutu jira. Dubartii jaalalaan irraa qabamee fuudhu kan danda’u yoo ta’ee haa fuudhu. Kuni dawaa hundarra nama fayyaduudha. Fuudhaa heerumni jaalala daangaa darbee waan haaquf. Yoo fuudhun itti ulfaate karaa fuudhaa akka laaffisuuf gara Rabbii haa baqatu. Hanga fuudhu wanta Rabbiin dhowwe irraa obsaan haa fagaatu. Tarii hawwiin isaa ariifachuufi danda’a. Yookiin immoo namni inni jaallate sun isatti heerumu kan hin barbaanne yoo ta’e, haa obsu. Jabeenyaf Rabbiin haa kadhatu. Read more

Kana Raabsi

Dawaa Jaalalaa-Kutaa 1ffaa

Akkuma dhukkuboonni baay’een dawaa qaban jaalallis dawaa qaba. Namni dhimma jaalalaa jabeesse fi keessaa bahuu ofitti ulfeesse, wanta hojjatuuf hin dhiifamu ykn osoo hin adabamin irra hin darbamu. Akkuma dhukkoobata birootiif dawaa (qoricha) barbaadatu, jaalalaafis dawaa barbaadatu qaba. Dawaan nama san kan fayyadu bakka fi yeroo sirriitti yoo fayyadamedha. Abbichi dawaa kana sirnaan yoo itti hin fayyadamiin jireenya ofii qisaasessaa jiraa jechuudha. Read more

Kana Raabsi

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.13

Yeroo tokko tokko daandiin jijjiramaa si dinqisiisa. Daandii kana keessatti guffuwwanii fi wantoonni duubatti si harkisan baay’eedha. Yeroo tokko ni gammada yeroo biraa immoo ni gaddita, yeroo tokko fuula guurta yeroo biraa immoo ni seeqatta, yeroo tokko qalbiin tee ni cabdi yeroo biraa immoo sirroofte dhaabbata (tasgabbi horatta), yeroo tokko jireenyi sitti dukkanoofti yeroo biraa immoo jireenyi ifa si taati, yeroo tokko ni dhamaata yeroo biraa immoo wanti hunduu ifa si ta’u, yeroo tokko jabeenya dhabda yeroo biraa immoo jabeenya argatta, yeroo tokko tokko gara funduraatti ariitin fiigda yeroo tokko tokko immoo suuta deemta ykn ni harkifatta…. Kunniin hunduu yoo obsa qabaatte fi carraaqxe jireenya kee ijaaru. Yommuu jireenya darbee koo ilaalu, gaabbi fi gammachuun natti dhagahama. Dogongora fi hanqinn kiyyaaf nan gaabba. Bu’aa dogongora kiyyaa irraa baraaramun gara daandii qajeelatti Rabbiin na qajeelchu Isaatif nan gammada. Alhamdulillah! Kanaafu jireenya keessatti abdii hin kutin. Read more

Kana Raabsi

Sababoota Jaalala Daangaa Darbe

Wantoonni jaalala daangaa darbeetti nama geessan baay’eedha. Namni sababa yoo beeke miidhaa hojiin isaa itti fiddu irraa fagaata. Namni tokko jireenya keessatti milkaa’uuf sababa fi bu’aa wanta hojjatu beeku ykn tilmaamu qaba. Sababa (cause) jechuun hojiin sun akka raawwatamuuf wanta nama kakaasudha. Bu’aa (effect) yoo jennu immoo firii hojii san irraa argamuudha. Firiin sun miidha ykn faayda ta’uu danda’a. Kanniin sirritti yoo hin beekin jireenyi teenya gara hin qabdu. Read more

Kana Raabsi

Machaa Jaalalaa

Akkuma waraanni lubbuu namaa galaafatu danda’u jaalallis yoo daangaa darbee qalbii fi lubbuu namaa galaafachu danda’a. Duraan dursinee hiikni jaalalaa maal akka ta’ee mee ilaallu. Jaalalli afaan ingiffaatin ‘Love’ yommuu jedhamu Afaan Arabiffaatin immoo Al-Hubb fi Al-ishq jedhamu. Afaan Arabiffaa hiika gaarii fi bal’aa jaalalaaf kenna. Beektoota armaan gadii wabii godhachuun hiika jaalala beekuf mee haa carraaqnu. Read more

Kana Raabsi