Machaa Jaalalaa

Akkuma waraanni lubbuu namaa galaafatu danda’u jaalallis yoo daangaa darbee qalbii fi lubbuu namaa galaafachu danda’a. Duraan dursinee hiikni jaalalaa maal akka ta’ee mee ilaallu. Jaalalli afaan ingiffaatin ‘Love’ yommuu jedhamu Afaan Arabiffaatin immoo Al-Hubb fi Al-ishq jedhamu. Afaan Arabiffaa hiika gaarii fi bal’aa jaalalaaf kenna. Beektoota armaan gadii wabii godhachuun hiika jaalala beekuf mee haa carraaqnu.

Barreessan galmee jechoota Afaan Arabiffaa Ibn Manzuura akkana jedha,”Al-ishqu farxul hubbi- Al-ishq jechuun hubbi (jaalala) daangaa darbeedha.

Waa’ee Al-ishq fi al-hubb akkasumas kamtu irra faarfamaa (gaarii) akka ta’ee Abu Abbaas Ahmad ibn Yahya gaafatame. Innis akkana jechuun deebiseef, “Al-Hubb irra faarfamaadha (gaariidha). Al-ishq jaalala keessatti daangaa darbuu waan ta’eef faarfamaa (gaarii) miti. Namni jaalalan qabame Aashiqa wanti jedhamee moggaafameef gubaan fedhii lubbuu itti jabaachu irraa kan ka’ee akkuma baalli yommuu muramu qaama’u innis (namni jaalalaan qabames) waan qaama’uufi ykn walitti sunturuufi. Baalli mukaa jalqaba magariisa, ergasii walitti suntura. Sana booda ni daalachaa’a. (Al-ishq (jaalalli daangaa darbees) kanumaan wal fakkaata.)”1

AbdulBarr akkana jedha: Gamnoonni gariin waa’ee Al-ishq (jaalala daangaa darbee) gaafataman. Isaanis,”Al-ishq qalbii qullaa ko’oomsa (biizii godha).”2jedhan.

Pilaaton akkana jedha, ”Jaalalli daangaa darbee sochii lubbuu qullaati (duwwaati).”3

Shekul Islaam ibn Taymiya akkana jedha: “Akkana jedhama: Jaalalli daangaa darbe hubanna, yaada fi dandeetti waa beeku kan balleessudha. Namni jaalalaan qabame fuggisoo wanta namni sun keessa jiruu itti yaada.”4 (Fakkeenyaf, namni inni jaalalaan irraa qabame haala akkanaa keessa jirti jedhe yaada. Garuu haalli inni yaadu fuggisoo sanii ta’uu danda’a hanga wanta yaade san qunnamutti. Yaadota baay’ee fi duwwaa of keessatti horsiisuun dhibee jaalalaatin of miidha.)

Gabaabumatti Al-ishq (Jaalalli daangaa darbee) wanta faarfamuu osoo hin ta’in wanta balaalefatamuu fi badiin inni fidu kan hin shallagamneedha, uffataa salphinnaa fi xiqqeenyaa kan namatti uwwisuudha. Fuggisoo kanaa Al-Hubb (jaalalli gaarii fi daangaa qabu) immoo wanta faarfamuu fi bu’aa baay’ee buusudha. Kanaafu hiika kanniin lamaani erga addaan baafannen booda badii jaalala daangaa darbuun dhufuu dhowwuun nutti hin ulfaatu jechuudha.

Hiika jaalalaa erga barreen booda ‘Machaan’ maal akka ta’ee mee waliin haa ilaallu.

Machaa jechuun sammuun dubbii hubachuu dhiisu fi waa addaan baafachuu dadhabuudha. Machaan sammuu waa hubatu namarraa mulqiti. Imaam Ahmad ibn Hanbal (Rabbiin rahmata haa godhuufi) akkana jedhamuun gaafatame, ‘Namni tokko machaaya ta’uu akkamitti beekkamaa?’ Innis,”Uffata ofii uffata nama biroo irraa, kophee ofii kophee nama biroo irraa addaan baasu yommuu dadhabu (machaaya jedhama).” Jedhee deebise. Imaamu Shaafi’inis, “Yommuu dubbii tartiiba qabu walitti naqe (wal keessa dhaye); iccitii dhokataa yoo ifa baase (machaaya jedhama.)”jedhe.

Sababoonni machaa baay’eedha. Gariin farsoo irraa, gariin qabeenya irraa, gariin dhibee irraa, gariin balaa irraa, gariin aangoo irraa, gariin immoo jaalala irraa machaa’a. Kanniin keessa har’a kan ilaallu ‘Jaalala irraa machaa’udha’. Akkuma namni tokko yommuu farsoo dhugu machaa’u namni jaalalaan qabamees ni machaaya. Yommuu nama jaallatu san argu wanta jedhu hin beeku. Dubbiin isaa harkaa wal dhaya. Sammuun irraa deemti. Dubbii nama biraas hubachuun garmalee itti ulfaata. Wanti inni hojjatu wanta daa’imni hin hojjanneedha. Jaalalle ofiitiif jedhee meeqatu lubbuu ofii dararaa jira, yookiin inuma kan lubbuu ofii galaafate meeqatu jira.

Namni yommuu jaalalaan qabamu of gadi xiqqeessa. Nama saniif daaddee deema. Kanaafu miidhaa Al-Ishq (jaalala daangaa darbee) osoo ilaalle hoo?

Miidhaa Jaalala daangaa darbee

Akkuma farsoon nama macheessun nama gatantarsiistu jaalalli daangaa darbees akkasuma namatti taphata.

“Namoonni jaalalaan qabaman namoota hunda caalaa kanneen dhiphataniidha, kanneen salphataniidha, kanneen Gooftaa isaani irraa fagaataniidha”, nama Rabbiin rahmata godheef malee.

Waa’ee miidhaa jaalala daangaa darbee ilaalchise akkana jedhama: “Fitnaan (qormaanni) jaalalaa matooti meeqa funyaan isaanitin ibiddatti gonbiste; kutaa adabbii (azaba) laalessaatti dabarsite kennite. Nama meeqa beekumsa fi amantii irraa baaste akkuma rifeensi lixii keessaa bahu. Qananii meeqa irraa kaastee hiyyumatti isa gatte. Nama meeqa sadarkaa kabajaa irraa buuste gara warroota salphatan keessaa tokko isa goote. Nama meeqa qullatti hanbiste, adabbii laalessaa isa dhandhamsiiste, gaabbi keessatti isa gatte. İbidda gaddaa onneen keessatti gubattu itti qabsiiste.  Kabaja inni Rabbiin biratti fi namoota biratti qabaa ture nama meeqa irraa mulqite. (Rabbii fi namoota biratti kabajamaa türe. Garuu jaalalli daangaa darbee kabaja kana irraa mulquun salphinnatti isa gadi deebiste.) Qormaanni jaalala daangaa darbee nama meeqatti balaa hamaa itti feete, dhiphinnatti isa dabarsite, dhuma hamaatti isa geessite, diinummaa bobeessite. Osoo akkana jette gaafattee, “Qananii kee maaltu sirraa oofe? Qiimi (gadoo) maaltu sitti garagalche? Yaaddo fi gadda maaltu sitti fe’e? Iccitii kee maaltu ifa baase? Ifa fuula keeti maaltu ifa irraa kaasun dukkaneesse? Jireenya kee maaltu gadi xiqqeesse? Aduu imaana maaltu si jalaa dhaamse? Jabeenya nafsee teeti maaltu gadi laamshesse? Erga kabajamte booda maaltu gadi si xiqqeesse?” Dhugumatti kuni ajjeechaa jaalalli daangaa darbee warroota isaan qabaman irraan gahuudha. “

“Qormaanni jaalala fitnaa guddoodha. Balaa jabduudha. sheyxaanni karaa kanaan ilma nama gowwomsa. Waxmadi isaatti dabarsuun qalbii gabroonfata. Yaa gaabbi nama gatii xiqqoon of gurgure! Jaalala Rabbii Guddaa dhiise jaalala fedhii ofii bitate. Mi’aan jaalalaa inni bitate darbite. Garuu miidhan ishii hafte. Bu’aan ishii dhumatte. Fedhiin darbe garuu daraaran fi gaddi hafe. Machaa’isni sun dhaabbate garuu gaabbin hafe.” Dhugumatti miidhaan qormaata jaalala daangaa darbe irraa dhalatu jechootan ibsuun ni ulfaata, gurraanis dhagayuun ni jabaata. Garuu namni yoo machaa’u sammuun isaa waan jalaa deemtuf yeroo dhaabbate miidhaa kanniin itti yaadu hin qabu. Fedhii gabaabduuf jedhe gaddaa jireenya isaa/ishii guutu keessatti darba/darbiti.

“Osoo hirribaa fi boqonnaa isaani argite, hirribaa fi jaalalli kan walitti hin dhufne (walii hin galle) akka ta’an silaa ni barta.” Dhugumatti namni jaalalaan qabame halkan hirriba gaarii hin rafu. Yeroo durii sanuu wayya. yeroo amma kanatti wanti irra bulan nama gaddisisa, nama jibbisisa. halkan filmii wal-qunnamtii saalaa ilaala bulun hirribaa fi boqonnaa ofirraa ari’u. Halkan sirnaan yoo hin rafin guyyaa akkamitti boqonnaa argatu? Yaa nama jaalalaan gubataa jiru! Falli kee maalii? Insha Allah boodarratti ni ilaalla yookiin barruulee Qorsa jaalalaa dubbisuun itti fayyadami.

Daraaran biraa jaalala daangaa darbe irraa burquu “ Zulmii (miidhaa, yakka, badii fi kkf dha”

Sababa kanaan kabaja nama meeqatu mulqame, lubbuu meeqatu darbee, qabeenya meeqatu saamame.

Mulqamuu kabajaa– yommuu dhirrii fi dubartiin wal hin fuune yookiin kan wal fuudhan waliin deeman, kabajni isaani hangam akka miidhamu shallaguun hin ulfaatu. Namoonni ija shakkitii fi jibbinsan isaan ilaalu. Dubartii meeqatu maatii ofii irratti salphinna fidde. Dhiira meeqatu haadha warraa ofii manatti dhiise tan biraa waliin fiiga. Dubartii meeqatu bakka abbaan warraa hin jirreetti dhiira biraa waliin wanta rawwattu raawwatti. Daa’ima biraa abbaa warraa ofitti fiddi. Waaaa! Salphinna akkam ulfaatu. Machaan jaalalaa asitti hin dhaabbatu. Zulmii akkam guddaadhaa! Maatii bittineessa, nama wal lolchiisisa, erga duroomanii booda nama hiyyoomsa. Yaa nama jaalalaan machaa’e osoo miidhaa kana hunda hubate, sila mana ofitti ibidda ni qabsiisaa?

Lubbuun galaafatamu– shirkitti (Rabbitti waa qindeessutti) aanee badiin (zulmiin) guddaan lubbuu haqa malee ajjeessudha. Meeqa kamtu dubartiif jedhe wal ajjeessa. Meeqatu fedhii isaa waan hin guunnef nama san galaafate. Fedhii gabaabduuf jedhanii nama galaafachuun sila akkanumatti salphaa ta’e? Dubartii meeqatu ilma sagaagalummaan dheesse ajjeesa. Ilmi kuni osoo ajjeefamu baateyyu daraara fi salphinna guddaa keessa jiraata. Balleessan isaa maalii sila? Yaa nama jaalalaan machaa’e sila miidhaa kana hunda hin hubatu!

Saamamu qabeenyaa– meeqa kamtu mana walirratti gube. Qabeenya walii barbadeesse. Namni yommuu jaalalaan machaa’u ija ittiin argu, sammuu ittiin hubatu hin qabu. Kaayyoon isaa fedhii gabaabdu qofa guuttachuudha. Yoo fedhiin suni hin guuttaminiif wanta isa fundurratti dhufe hunda daaka. Qabeenya namaa haqa malee saamu fi barbadeessun badii fi yakka guddaadha. Yaa nama jaalalaan machaa’e fedhii gabaabdu guuttachuuf jette maaltu badii fi gadda kana hundatti si galche. Osoo obsite teette maal si qabaa?

Amalli baduu, sammuun duguluu– sagaagalummaa bakka lamatti qoodu dandeenya. Sagaagalummaa dhiirri dhiira irratti hojjatu (homosexuality) kan akka ummata Luux fi sagaagalummaa dhiira fi dubartiin walirratti raawwatan. Kunniin badii akkam fokkataa fi hamaadha. Uumama namaa balleessa, qaama laamsheessa, sanyii bakka hin taanetti qisaasessa, sammuu doomsa, amala namaa fokkisa. Hojii akkanaa raawwachuu dhiisaa dhagayuunu garmalee nama jibbisiisa.

Imaam ibn Al-Qayyiim “Badii lamaan kanniin caala cubbuun qalbii fi amantii irratti miidhaa geessu hin jiru. Badiin kunniin Rabbiin irraa nama faggeessu. Wantoota fokkuu gurguddoo keessaa isaan tokko. Qalbiin wantoota fokkuu lamaan kanaan yoo xuroofte wanta gaarii jedhamu irraa ni fagaatti. Dhawaatuma wanta fokkuu raawwachuu itti fuftuun qalbiin tunii Rabbiin irraa akkasuma fagaata adeemti.” jedha.

Akkuma badiin wal qunnamtii saalaa faalla jiddutti adeemsifamu badaa ta’e kan saala wal fakkaatu jiddutti adeemsiifamu (homosexuality) badiin isaa hangana hin jedhamu. Sababni guddaan ummanni Luux itti badaniif keessaa tokko homosexuality dha. Yeroo ammaas hojii fokkuun akkanaa babal’ate jira. Ammas Imaam ibn Al-Qayyim miidha hojii fokkuu kanaa haala kanaan ibsa:

“Hojiin fokkuun kuni nama raawwate fi kan irratti raawwatame jiddutti jibba hamaa darba, yaaddo fi gaddaa itti fida. Fuula gurraachessa, qalbii dukkaneessa, ifa qalbii dhaamsa, fuula isaatti kophummaa itti uwwisa. Fuula isaatirraa namni aqliin isaa xiqqaa ta’eeyyu ni beeka. Haala isaan lamaani balleessa.”

Sagaagalummaan kabaja shamaraa irraa kaasun salphinna itti uwwisa. Salphinni kuni ishii qofa irratti kan dhaabbatu osoo hin ta’in maatii, dhiirsa, firoota ishiis kan haguugudha. Dubartiin sagaagalummaa irraa yoo ulfoofte, ilma dhalte ajjeessun badii sagaagalummaa fi ajjeecha altokkotti badii lama raawwatti. Dhugumatti sagaagalummaan ajjeechaa ajjeechaa caalu, hiyyummaa namatti uwwisa. Namoota meeqatu sababa kanaan hiyyummaa fi salphinna keessa jiraata. Hojii akkam fokkuudhaa!

Gudunfaa

Jaalalli daangaa darbee badii hundaa kan of keessatti hammatteedha. Eeti namni dogongore jaalalaan machaa’u danda’a. Garuu erga of beeken booda dafee keessaa bahuuf tattaafachu qaba. Dafee keessaa bahuuf yoo hin tattaafatin balbala milkaa’innaa fi gammachuu itti cufa. Kallatti amma keessa jiran irraa kallatti biraatti jijjiramuun jalqaba irratti ulfaachu danda’a. Garuu hanga fedhe ulfaata haa fakkaatu yoo obsaan carraaqan jijjiramni ni dhufa. Jijjirama kana keessatti gufuwwan isa/ishii rukutaniif abdii kutuu hin qabu/hin qabdu. Yommuu machaan jaalalaa kaka’u namni tokko badii armaan oliiti fi kan biroo of haa yaadachiisu.

Insha Allah torbaan kutaa itti aanuun hanga walitti deebinutti turtii gaarii.

Kitaabilee wabii

5.rewdatul-muhibina Fuula 107

1,2,3 fi 4  al-ishq fuula 5 fi 6

Jechoonni hayyoota biroo kanneen lakkofsa hin qabnee fi mallatoo warraabbi keessa jiran kitaaba kannarraa fudhataman: al-ishq fuula 13 hanga 30 jiddu jiru.

Sababoota Jaalala Daangaa Darbe
Zinaa(Sagaagalummaa)-Daandii Badii
Kana Raabsi

5 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.