Sababoota Jaalala Daangaa Darbe

Wantoonni jaalala daangaa darbeetti nama geessan baay’eedha. Namni sababa yoo beeke miidhaa hojiin isaa itti fiddu irraa fagaata. Namni tokko jireenya keessatti milkaa’uuf sababa fi bu’aa wanta hojjatu beeku ykn tilmaamu qaba. Sababa (cause) jechuun hojiin sun akka raawwatamuuf wanta nama kakaasudha. Bu’aa (effect) yoo jennu immoo firii hojii san irraa argamuudha. Firiin sun miidha ykn faayda ta’uu danda’a. Kanniin sirritti yoo hin beekin jireenyi teenya gara hin qabdu.

Haaluma kanaan wantoonni jaalala daangaa darbetti nama kakaasan (sababoonni) ni jiru. Akkasumas, firiin (bu’aan) jaalala daangaa darbe irraa dhalatuus ni jira. Torbaan darbe miidhaa jaalala daangaa darbe irraa dhalatu ilaalle turre. Har’a Insha Allah sababoota jaalala Daangaa darbee (Al-Ishqu) ilaala.

1.Rabbiin irraa garagalu– namni yommuu Rabbiin irraa garagalu balballii fitnaa (qormaata) hundii itti banamti. Jireenya kana keessatti daandii lamatu jira. Isaanis daandii Rabbii qajeelaa kan ta’ee gammachuu fi milkaa’innatti nama baasu fi daandii sheeyxaanaa jallataa kan ta’ee gaddaa,cinqii fi rakkinatti nama geessudha. Namoonni daandii lamaan kanniin keessaa tokko filachuun irra adeemu.  Daandii Rabbii filatee fi hojii gaggaari kan hojjatee jireenya gammachuu jiraata. Namni yommuu Rabbiin irraa garagalu sheyxaanni fedhii jaalalaa itti bobeessun baditti isa darba. Namni Rabbii ajajamuu fi qalbiin isaa jaalala Rabbitin guuttamte, jaalalli wantoota biraa isa hin miidhu. Namni yommuu Rabbiin dhiise wanta biraa jaallatu, wanta jaallate saniif gabra ta’a. Dubartiif, maallaqaaf, dhiira fi kkf gabra ta’a. Kanaafu gubaa jaalala jalaa bahuuf namni tokko gara Rabbii haa deebi’u.

2.Miidhaa jaalalaa wallaalu- namni miidhaa jaalala daangaa darbee hin beekne ykn shakke, dhibee kanatti kufuun ofii fi namoota biroo miidha. Kanaafu yoo dhibee jaalalaatin rakkatte, miidhaa isaa beeki. Barruulee ‘Machaa jaalalaa fi Zinaa-Daandii Badii “ irraa deebi’i dubbisi.

3.Hojii malee taa’u (duwwaa)– kuni sababa irra guddaa gara jaalala daangaa darbetti nama geessudha.

Aristootil akkana jedha: “Jaalalli daangaa darbe wallaalummaa ifa bahe, qalbii duwwaa daldala yookiin oomisha waliin hin ko’oomne (biizi hin taane) itti bu’a.”

Ibn Al-Qayyiim (Rabbiin Rahmata isaa haa godhu) akkana jedha:” Jaalala suuraatiin (fakkiitin) namni qoramu nama qalbiin isaa jaalala Rabbii irraa duwwaa taate fi Rabbiin irraa garagalteedha. Qalbiin jaalala Rabbiiti fi Isa qunnamuuf dharra’uun yoo guuttamte, dhukkubni jaalala irraa ka’a. “

Ammas akkana jedhi,”Nama tokkoof wanti hundarra badaa ta’e (miidhaa itti fidu) hojii malee ta’uu fi (qalbiin isaa] duwwaa ta’uudha. Lubbuun takka duwwaa hin teettu. Kana irra, namtichi wanta ishii fayyaduun yoo hin ko’oomsin, wanta isaa miidhun isa ko’oomsiti. Kuni shakkii hin qabu. ”

Kanaafu mataa keenya hojii gaggaari hojjachuun yoo of hin ko’oomsin, nafseen teenya wanta faaydi hin qabne waliin osoo fiigdu fi dharraatu jireenya keenya keessaa gammachuu haaqxi.

Gubaa jaalalaa jalaa bahuuf haala kanaan of ko’oomsu dandeenya. Qalbii fi qaamni keenya hojii hojjachuu qabu. Keessattu qalbiin yoo ona (duwwaa) taate, iddoo walgahii badii hundaa taati. Yommuu karaa irraa deemnu, konkolaataa keessa teenyu, hojii humnaa hojjannuu, arrabaa fi qalbii teenya zikriin haa leenjisnu. Hojii humnaa bu’aa nuu buusu osoo hin tufatin hojjachuu qabna. Namni yommuu beekumsaan, oomishummaan fi daldalaan of xamade yeroo gubaa jaalalaatin guubatu hin qabu.

4.Sab-qunnamtii (social media)– sab-qunnamtiin wanta sobaatin nama amansiisu fi yaada namaa jijjiruun badiin inni raawwatu hangana hin jedhamu. Hawwii sobaatin isaan guutun boollo baditti isaan unkura ykn shigida. Tv, interneetin, gazeexa, kitaabonni asoosamaa fi kkf wantoota badii agarsiisun ibidda jaalala isaanitti qabsiisu. Namni badii kana hordofuu ibidda jaalalaatin halkanii guyyaa gubatuu malee bu’aan inni argatu tokkollee hin jiru. Gariin sammuu bashanansiisuf diraama fi filmii ilaalla jedha. Onneen ibidda jaalalatiin gubataa akkamitti sammuun boqonnaa argatti? Nama tokkotu yeroo umriin isaa gara waggaa 14 fi 17 jiddu ta’uu filmii fi diraama ni ilaala türe. Garuu yeroon booda filmii fi diraaman kunniin ibidda jaalalaa itti qabsiisa akka jiran yommuu hubatu, dafee irraa dheesse, gara Rabbii deebi’i. “Wanta fokkuu kanniin ilaalun maaltu keessa kiyya na gube” jechuun hojii gaariin of ko’oomsutti fiige.

5.Jaamaa akkeessu- namoota keessaa nama seenaa fi oduu jaalalaa dubbisutu jira. Yookiin immoo weeddu fi sirba jaalala dhageefatu. Meeqa kamtu sirba jaalala osoo dhageefatu keessa ofii ibidda jaalalaatin osoo gubu sammuu ofii hojiin ala godhe.

Gariin namaa namoota naannoo isaa miidhaa fi gadda jaalalli isaanitti fide haala kitaabatin ykn walaloon facaasan arguun innis isaan akkeessu eegala. Wanta isaan itti kufan innis akka itti kufee fi gubaa jaalalaatin rakkataa akka jiru cal’isuu dhiisu namootatti ifa baase odeessa. Meeqa kamtu kitaaba asoosama jaalalaa barreessun ofillee jaamse namallee jaamsa. “Caaltu fi Caalan akkana ta’anii, bakka kanatti wal arganii, akkana waliin raawwatanii fi kkf..” osoo jedhe odeessu waraqaa, qalama, sammuu fi qabeenya qisaasessa. Kan asoosama kana dubbisus wanta achi keessatti barraa’e akkeesun hojii irra oolcha. Ergasi hadhaa wanta raawwate ni dhandhama. Yookiin immoo gochoota filmii keessatti adeemsifaman akkeessun gubaa jaalalaatin of miidha.

Ilma namaatif gubaa irratti gubaa dabaluun hanga isaan rakkisu osoo wanta gaarii gummachefi maal qabaa. Wanta badaa facaasu irra cal’isuunu gumaacha guddaadha. Hanga kana waliin yeroo ofii gubu seena abbooti Oroomo, jechoota isaanii, aadaa isaanii osoo walitti sassaabe dhalootaf bu’aa guddaa buusa.

6.Hubannaan jaalala (al-Hubb) fi jaalala daangaa darbee (al-Ishq) miicciramu- sababoota gurguddoo ibidda jaalala qabsiisan keessaa tokko hubanna jaalalaa micciruudha. Gariin namaa jalaalli yoo nama san hin jaamsin fi jallinatti yoo hin dabarsin, ‘Kuni jaalalaa miti’ jechuun yaada. Namni jaalala daangaa darbeetti kufee bakka gaarii, mararfannaa fi gaarummaa galmaan akka ga’e godhanii yaadu. Namni jaalala daangaa darbetti kufuu dhiise jaalaluma nagaha nama jaallate, “Kuni nama uumamni isaa goge, miirri isaa duwwaa fi cabbii ta’e, wanta gaarii irraa qullaa ta’e.”jechuun yaadu. Jaalalle yoo hin qabaatin nama duubatti hafaa jechuun arrabsu. Namni dubbii kanaa fi kkf yommuu itti darbamu dhagahu, akka isaanii ta’uuf carraaqa. Ergasi ibidda jaalala harkaan qabata.

Eeti namni tokko jaalala (al-hubb) yoo hin qabaatin miirri isaa akka cabbii ta’a, qalbiin isaa ni gogdi, wanta gaarii irraa fagaata. Haa ta’uu malee jaalalli saalaa faalla qofarratti yoo daangefame wallaalummaa fi hubannaa isaa micciruu ta’a. Hiikni jaalalaa bal’aa, yaadrimee waligalaa kan qabuu fi wantoota baay’ee kan of keessatti hammateedha.

Meeqatu jaalala saalaa faallatiin osoo machaa’u jaalala namoota biroo dagate. Jaalalli saala faalla akka tuqaa takka galaana jaalalaa keessa jirtuuti. Namoonni kunniin jaalala haadha abbaa, obboleessa obboleetti, ijjoollle fi firoota dagachuun jaalala saala faallaa waliin maraatu. Jaalalli beekumsaa, qulqullummaa ofii eegu (iffaa), gootummaa, jaalalli amala gaarii, jaalalli bilchanna sammuu isaan irraa dhokate jira. Hanga qaama hormaata wanta badaa irraa tiiksu gaarii ta’ee, beekumsa caalaa mi’aaya ta’e eessa jiraa? Namni qulqullummaa ofii eegu jireenya mi’aa fi gammachuu jiraata.

Dhugumatti jaalalli hundarra caalee, kabajamaa ta’ee, faaydi kan qabu, miidhagaa ta’ee, guutu ta’e, isaan irraa dhokate jira. Jaalalli suni Jaalala Rabbii ol’aanuti. Jaalalli faarfamaan hundi jaalala kana irraa burqu.

7.Dubartoonni qullaa yaa’u- wantoota ibidda jaalala qabsiisan keessaa tokko dubartiin saalfannaa tokko malee qullaa deemudha. Qalbii namaa keessatti ibidda jaalala bobeessun ilma namaa qorti. Furmaanni kanaa ija irraa gadi qabachuu fi gara Rabbii fiigudha. Sheyxaanni dubartoota akkanaatin nama qoruun gabra nama godhata. Karaan sheyxaana jalaa ittiin bahaniin gara Rabbii yoo deebi’anii fi Isaa ajajamaniidha.

8.Ija gadi furuu– ibiddi jaalala kan jalqabu ijji yommuu wanta miidhaga fuula duratti dhufe ilaaltudha. Ijji daawwiti qalbiiti. Namni ija ofii gadi füru baditti tirataa jira. Yommuu namni ija ofii gadi füru, fedhii qalbii isaa gadi lakkisaa jira, fedhiin isaa akka feete akka taatu hayyamaa jira. Ergasii gaabbi fi gadda itti fufaa ta’e dhandhama. Yommuu wanta fedhii isaa itti hoo’isu arge, wanta san irraa obsuu hin danda’u. Karaa wanta san ittiin argatus hin qabu. Kuni laalaa fi adabbii isaati. Warroota filmi wal-qunnamtii saalaa ilaalan keessi isaanii gubaa hamaan gubata. Yookaa wanta ilaalan san hin argatan yookaa immoo obsa hin qaban. Gubaa irratti gubaa ofitti dabalu. Osoo ija ofii gadi qabatanii adabbii fi laala kana hunda ni dhandhamu?

Dhugumatti akkuma Hadiisa keessatti dhufe, ilaalchi xiyya sheyxaana summooftedha. Xiyyi kuni qalbii keessa deemun wanta summiin namarratti hojjatu hojjata. Namni summii yommuu obaafamu yookaa haqqisee jireenyi isaa baraaramti yookiin immoo ni du’a. Haaluma kanaan yommuu namtichi wanta nafseen isaa feetu ilaalu, yoo dafee ija isaa irraa hin garagalchin, summiin xiyyaa argitu (ijaa) qalbii keessa seenun baditti isa darbiti.

İlaalchi akka qaanqee citaa gogatti darbamteeti. Qaanqen yoo hunda hin gubin cinaa isaa ni gubdi. Namni ija ofiitin wantuma arge ilaalus qalbiin isaa ni gubatti.

Jariir ibn Abdullah akkana jedha: “Waa’ee mil’annaa tasaa ilaalchise Ergamaa Rabbii (SAW) gaafadhe. Innis ija tiyya akka irraa garagalchu itti na ajaje.” (Ahmad, At-Tirimizii fi Abu Dawudtu gabaasan)

Imaam ibn Al-Qayyim akkana jedha,”Mil’annaan tasaa mil’annaa jalqabaa niyyaa (yaada) tokko malee (dubartii) irra buutudha. Yoo qalbiin ittii hin hawwalin (sirritti itti hin yaadin) saniif hin adabamu. Ija itti rakkisuun mil’annaan lammataa yoo itti deebise garuu cubbuu raawwate jedhama. Ergama Rabbii (SAW) mil’annaa tasaatin booda dafe ija isaa akka irraa garagalchu itti ajaje. Ilaalcha ofii akka itti hin fufne. İtti fufiinsi irra deddeebi waan ta’uuf.”

9.Qilqilii (sagalee jeequmsaa) bilbilaa– wantoota ibidda jaalalaa bobeessan keessaa inni tokko bilbila. Shamarri duran kabajamtu, tan eenyullee itti hin dhiyaanne eeggamtu tan taate, cimtuu (siriyeesi) wanta badaan tan hin shakkamne turte. Mana keessatti qulqulluu fi sodaatamtu turte. Abbaan fedhe itti dhufe ishii hin tuffatu (hin daffaru). Yeroo ammaa hoo akkamii?

Yeroo ammaa garuu tan bilbilaan tufatamtu malee wanta biraati miti. (Eeti tan Rabbiin rahmata godheef cimtuun intala ammas ni jirti.) Garuu tan bilbilaan tufatamte haasawa dheeraa nama argite waliin osoo bilbilaan haasoftu adabbii hin yaannetti kufti. Namni gadheen bilbilaan dubbii mi’eesse osoo ishii watawatu isarraa jaalalaan qabamuun isatti dabalamti. Dubbiin asitti hin dhaabbattu. Shamarreen tuni watwataa isaa dhageefachuun fedhii isaa guuttif. Ergasi namtichi kuni fedhii isaa erga guuttateen booda salphinna ishii irratti uwwisee biraa deema.

Yaa obboleetti koo! Fesbuuki, whatsapp, viber fi kan kana fakkaataniin of hin gowwomsin. Dhiirri har’a si jaaladha jedhe sitti fiigu siif yaade osoo hin ta’in fedhii ofii guuttachuufi. Osoo siif yaade fuudhaa heerumaaf si barbaada. Garuu niyyaan isaa kan biraati.

Dhiira qofa miiti kan bilbilaan nama jeequ. Dubartiinis dhiira waliin bilbilaan dubbii jalqabuun ibidda jaalala itti qabsiisti. Dubbii ishii itti mi’eessun badii meeqa keessatti isa dabarsiti. Yaa obboleessa koo, ati fuudhaf qophii yoo hin ta’in, yeroma ishiin bilbilaan chaati (tapha) sitti jalqabdu, addaan kuti, bilooki ishii godhi. Yoo akkana hin godhiin laalaa baay’ee dhandhamta, hirriba dhabda. Dhugumatti dubartoonni akkanaa dhiiratti taphatanii, taphatanii dhumarratti kasaarsanii biraa lixu. Kanaafu yaa obboleesso, qaruute ta’i. Dubartima argite waliin bilbilaan hin haasayin, si jaanjessititi.

Sababni bilbilaan wal jeequ kuni kan burqu Rabbiin sodaachu dhiisu, miidha kanaan dhufuu madaalu dhiisu, suuraalee (foto) interneeti irratti mul’atutti ija rakkisuu fi kkf dha.

Gudunfaa

Akkuma duratti jenne sababa fi bu’aan jireenya keessatti wanta addaan hin baanedha. Sababoota ibidda jaalala qabsiisan erga beekne, jaalala too’achuuf ni salphata. Karaa biraatin namni sababoota armaan olii kanniin beeke yoo irraa fagaate jaalala salphatti ni to’ata. Insha Allah, hanga torbaan dhufu mata duree dawaa jaalala walitti deebinutti turtii gaarii. Assalamu aleykum warahmatullahi wa barakatuhu

Kitaaba wabii

al-ishq fuula 31- 54

Dawaa Jaalalaa-Kutaa 1ffaa
Machaa Jaalalaa
Kana Raabsi

5 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.