Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.13

Yeroo tokko tokko daandiin jijjiramaa si dinqisiisa. Daandii kana keessatti guffuwwanii fi wantoonni duubatti si harkisan baay’eedha. Yeroo tokko ni gammada yeroo biraa immoo ni gaddita, yeroo tokko fuula guurta yeroo biraa immoo ni seeqatta, yeroo tokko qalbiin tee ni cabdi yeroo biraa immoo sirroofte dhaabbata (tasgabbi horatta), yeroo tokko jireenyi sitti dukkanoofti yeroo biraa immoo jireenyi ifa si taati, yeroo tokko ni dhamaata yeroo biraa immoo wanti hunduu ifa si ta’u, yeroo tokko jabeenya dhabda yeroo biraa immoo jabeenya argatta, yeroo tokko tokko gara funduraatti ariitin fiigda yeroo tokko tokko immoo suuta deemta ykn ni harkifatta…. Kunniin hunduu yoo obsa qabaatte fi carraaqxe jireenya kee ijaaru. Yommuu jireenya darbee koo ilaalu, gaabbi fi gammachuun natti dhagahama. Dogongora fi hanqinn kiyyaaf nan gaabba. Bu’aa dogongora kiyyaa irraa baraaramun gara daandii qajeelatti Rabbiin na qajeelchu Isaatif nan gammada. Alhamdulillah! Kanaafu jireenya keessatti abdii hin kutin.

Akkuma hadhaan obsaa jabaatun akkasuma bu’aan ati argattu mi’aayadha. Yommuu jireenyi kee ulfaata ta’uu fi fitnaa jabaatu, Rabbii ajajamuu irratti akkuma obsitun, akkasuma firii obsaa mi’aawa san dhandhamta. Obsi kee Rabbiin irraa akka ta’e sammutti qabadhu. (Ilaali Suura An-Nahl(16):127) Yoo gargaarsi Rabbii hin jiraatin adda kee obsu hin dandeessu. Kanaafu Rabbiin sabrii akka sitti dhangalaasu kadhu. Du’aayi bareeddu tana fayyadami. “Rabbanaa afrigh aleynaa sabran wa tawfanaa musliimina(Gooftaa keenya sabrii nurratti dhangalaasi,Musliimotas godhii nu ajjeesi) Suura Al-A’raaf(7):126)


Yommuu namoonni dogongora raawwatan harka itti hin dhahatin (itti hin gammadin). Akkuma dogongora isaanititti gammadduun akkasuma dogongora keetirraa jaamaa taata. Dogongora ofii irraa ballaa ta’uu fi jallinna hordofuu caalaa dogongorri guddaan hin jiru. Mataa kee akka nama dogongora hin raawwanne goote of ilaalta. Isaan immoo gadii xiqqeessuf yaalta. Kanaafu dogongora isaanititti gammadu osoo hin ta’in isaan sirreessuf carraaqi. Yoo sirreessu dadhabde immoo namoota birootti odeessun isaan salphisuuf hin carraaqin.

Ol’aantummaa kee agarsiisu fi jaalala namoota argachuuf, namoota biroo gadi hin xiqqeessin.Yoo akkas goote osoo hin beekin salphatta. Namtichi ati gadi xiqqeessitu yoo dhagayee ,yookaa si jibbuun diina sitti ta’a yookiin immoo hojii kee badaa ifatti baasun si salphisa. Dogongora fi hanqinna namoota ilaalun dura dogongoraa fi hanqinna kee ilaali. Miirota ‘Ani hundaa olii, namni na caalu hin jiru, ana malee kan beeku hin jiru…’ jedhan of keessaa baasuf carraaqi. Eeti miirota of tuulu fi of jajuu of keessa baasun boqonna sammuu fi tasgabbii argachuudha. Kana galmaan gahuuf qabsoo guddaa adeemsisi.

Bu’aan hariiroo haraama jibba, diinummaa, shakkii, gaabbii, dhiphinna fi kkf ni dha. Mee sirritti ilaali naannoo keetirraa bu’aale kanniin. Akkamitti badaa akka ta’e ni agarta. Yoo obsitee fi nama saniin karaa halaalatin wal qunnamte Insha Allah jireenya gammachuu gaggeessita. Garuu san dura amala gaariin of faayu qabda. Akka imaam ibn al-Qayyim jedhanitti jaalalli namoota lama jidduu wantoota sadan kanniin irratti hundàa’un yookaa cimaa ta’a yookiin ni laafa. Wantoonni sadan sunniinis, amala, miira (shu’uura) fi hariiroo dha. Amalli badaa yoo ta’e jalalli namoota lamaani ni bada. Miira yommuu jennu immoo walii yaadu, walii rahmata gochuu, fi kkf dha. Miirri namoota lamaan jidduus yoo laafa ta’ee jaalallis ni laafa. Hariironis akkasuma.
Yommuu hariiroo haraama uuman bu’uuraleen sadan kunniin laafaa akka deeman ni argita. Gara dhumaatti immoo baditti jijjirama. Kanaafu obsa qabaadhu.

Hayaa’a (qaani) qabaachun dandeetti dhokataa keenya abuuru fi itti fayyadamuu irraa nu hin hidhu. Kanaafu dandeetti kee abuuru fi karaa sirriin itti fayyadamuuf hin qana’in. Garuu wantii fokkuu fi badaan dandeetti fi argannoo kee karaa badaan fayyadamuudha. Qaani dhabuun namtichi akka dhiphatuu fi hamileen isaa akka cabu ta’a. Mee ilaali wanta addunyaan yeroo ammaa keessa jirtu. Addunyaan jeeqamte, namoonni baay’een rakkinnaa fi dhiphinna keessa jiraatu. Wantoota baay’ee argatanii jiru garuu dandeetti fi argannoo isaani karaa sirrii ta’een waan hin fayyadamneef salphatti badii fi dhiphinnaaf saaxilamanii jiru.

Namootaf waan gaarii fi qajeelumma hawwiifi malee waan badaan akka isaan qunnamuu fi daandii haqaa irraa akka jallatan hin hawwiiniifi. Wanti guddaa fi hundarra gaarii nama tokko hawwitu imaana haa ta’u. Sababni isaas, namni tokko addunyaa fi aakhiratti adabbii laaleessaa Rabbii jalaa kan bahuu sababa imaana inni qabuutini. Yoo imaanni bade namtichi akkamitti adabbii addunyaa fi aakhiraa jalaa bahaa? Rabbiin imaana hunda keenya haa dabalu, warra haqa irratti du’an keessaa nu haa taasisu! Aamiin!

Sarara ulfaata erga dabarteen booda, funyoo cimaa qabatta. Yommuu jireenya ulfaata obsaan dabarsitu, faaya milkaa’inna fi gammachuu uffatta. Garuu yoo obsa dhabde, dorgommii jireenya ni dhabda.

Fantasy (Hawwii Sobaa)

Wanti sammuu kee qancarsuu fi yeroo kee gubu fantasidha (yaada fi hawwii sobaati). Wanta ta’uu hin danda’amne irratti yaadda. Ni dhiphatta, ni dheekkamta. Yeroo tokko tokko nama nagahaatti aarta. Yeroo tokko tokko immoo wanta namoonni sitti hojjatan yaadachuun madaa ofitti kaasta, ergasii ni dhiphatta. Yeroo tokko tokko immoo namoota akkamitti akka gammachiisu qabdu osoo yaaddu fi hawwitu yeroo kee gubda. Yeroo tokko tokko immoo gaa’ilan booda wanta raawwachu qabdutti yaadda….. Haala kanaan yeroon kee baay’een gubata. Inumaa osoo hawwii fi yaada sobaatin of dhiphistuu nageenya fi hirriba dhabuu dandeessa. Kanaafu falli kee maali ree? Xiqqaate xiqqaatu akkamitti hir’isuu dandeessaa? Jalqaba irratti nafsee teetti qabsaa’i. Wanta ishiin feetu hundaa hin guutin ykn hin hojjatin. Wanta tokko yommuu ishiin garmalee feetu, gadii ishii qabi. Akkana jedhiin, “Cal’isi! A’uzubillahi mina sheyxaani rajim… ” yoo kuni gahaa ta’uu baate du’aayi Suurat Al-mu’minuun(23):97-98 keessatti argamu fayyadami. Yommuu yaadni hawwii qullaa (fantasy) sitti dhufuu, zikrii Rabbiitin bakka buusi. Yookiin immoo qananii Rabbiin sirratti oole yaadachun galata galchiif, irra deddeebi’i Alhamdulillah jedhi. Kitaabota fi barruule gaggaari adda addaa dubbisi, vidiyoo fi odiyoo gaggaarii dhageefadhu. Hojii gaggaarii hojjadhu. Wantoota hawwii qullaa sitti fidan kan akka muziiqa, hiriyyoota babbadoo, kitaabota, barruule, fiilmi fi kkf irraa fagaadhu. Haala kanaan gammachuu fi boqonnaa sammuu argatta.

Yommuu jaallattu fi jibbituu madaallamaa ta’i. Yommuu lamaan isaanitu daangaa darban, miidhaa guddaa fidu. Yommuu jaalalli kee daangaa darbuu qalbii tee guba, si dhamaasa, wanta gaarii fi badaa addaan baafachun sitti ulfaata. Akkasumas, yommuu jibbi kee daangaa darbuu, jireenya kee guba. Nama jibbitu san karaa kamiin miidhu akka dandeessu barbaadda. Kuni immoo dhumarratti jireenya kee huuba. Tasgabbii fi boqonnaa sammuu argachuu hin dandeessu. Kanaafu kanniin lamaan iddoo sirrii ta’e kaa’uf carraaqi. Nafsiyaa teetti sirritti qabsaa’i. Jireenya keessatti waa hundaa keessatti madaallamaa ta’uun furtuwwan milkaa’innaa fi gammachuu keessaa tokko.

Yommuu milkaa’innaf dharraatu, ulfaatan ni laafa, jabaatan ni baqa, carraaqu fi obsii qajeelcha kee ta’u, tawakkulni (Rabbiin irratti hirkachuun) lafee dugda duubaa taati.

“Yaanni nama qoru sheyxaana irraa dhufuu jaaminnaaf sababa ta’a, Rabbiin yaadachuun immoo ijaa fi qalbii bana. Yaanni sheyxaana namoota dukkanatti dabarsa, gara Rabbii deebi’uun immoo ifaa kennaaf. Yommuu namoonni qajeelcha Rabbitti hidhatan, sheyxaanni isaan irratti angoo hin qabu.” sheyxaanni dukkanaa, shakkii fi dhama’iinsa namatti buusun qajeelinna irraa nama dabsa. Qormaata kana jalaa bahuuf karaan tokkicha gara Rabbii deebi’uudha. Yeroo hundaa waswasaa sheyxaana caqasuu osoo hin ta’in, Rabbitti isa mangafachuudha.

Kaayyoon kee ifa ta’uun garamitti deemaa akka jirtu sitti akeeka!

Addunyaan tuni magariisa, yeroo gabaaban booda ni daalachofti. Kanaafu magariisa ta’uu ishiitin hin gowwomin. Mee haa ilaallu meeqa kamtu mana, konkolataa meeqa osoo qabu sababa adda addaatin daaraa jalaa ta’e. Addunyaan hanganuma. Ganama habaabde yeroo xiqqoo booda ni gogdi. Kanaafu jireenya addunyaa tanaa keessatti hojii gaarii hojjachuun of dura haa ergannu. Qabeenyi kee osoo hin dhumatin hojii gaggaari dalagadhu, dargaggummaa fi jabeenyi kee osoo hin deemin hojii gaggaari Aakhiraaf hojjatadhu, duuti osoo sitti hin dhufin hojii babbadaa irraa tawbachuun gara Rabbii deebi’i.

Yommuu yeroo hundaa gara Rabbii tawbaan deebitu fi araarama (istigfaara) kadhattu, qalbiin tee ni qulqullofti, sammuun tee ni qaramti. Sababni isaas yommuu cubbuu baay’ee raawwattu qalbii tee cufuun tasgabbii fi nageenya si dhowwa, sammuu kee dugulcha,hadoocha. Tawban immoo xurii cubbuu dhiquun qalbii tee qulqulleessa, sammuu tee qara. Kanaafu yeroo hundaa tawbaan gara Rabbii deebi’i. “Yaa Rabbii! ani nafsee tiyya miidhe naaf araarami” jedhi.

Akkuma obsa horachuuf shaakaltu, akkasuma obsuun siif laafaa adeema, hadhaan gara mi’aatti jijjiramaa adeema. Yommuu obsa qabaachuf carraaqxu, obsi ujumoo gammachuu fi milkaa’inna siif ta’a. Yommuu obsaa dhabdu fi abdii kuttu, jireenyi tee dukkanaa fi dhama’insatti jijjiramti. Kanaafu wanta hundaa keessatti obsa qabaachuf tattaafadhu. Rabbiin irraa obsa kadhu.

Wallaala osoo hin ta’in wallaalummaa moo’achuuf beekumsa barbaadi.

Wanti dargaggeessa/shamara barreechisu imaana, beekumsa, qaani(hayaa’a), obsa, tawakkula, qulqullummaa, galata, zikrii, iklaasa, fi kkf dha. Miidhaginni guddaan dhaabbata qaama ykn uffannaa osoo hin ta’in, amaloota armaan olii kanniini. Namtichi hanga fedhe haa bareedu ykn uffata bareeda haa uffatu, amaloota armaan olii yoo hin qabatiin ni fokkata. Namni keessa ofii dagatuun ala ofii bareechisu qofa irratti xiyyeefate, ofii fi namoota biroo gowwomsaa jiraa jechuudha. Yoo danda’ame keessi kee ala kee haa caalu. Ta’uu baannan wal haa qixxaatu.

Arraba eegu fi ija gadi qabachuun bo’oo milkaa’innati fi gammachuuti. Gammachuu fi milkaa’inni bo’oo kana keessa yaa’uun dhufa. Gaddii fi kufaatinis bo’oo arraba eegu dhiisu fi ija haraama irraa gadii qabachu dhiisu keessa yaa’un dhufa.

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.14
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.12
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.