Dawaa Jaalalaa-Kutaa 2ffaa

Torbaan darbe irraa itti fufuun kunoo dawaa jaalalaa har’as waliin ni ilaalla.
7.Fuudhuu ykn heerumu– osoo jaalalaan qabamuu baateyyuu fuudhaa heeruma keessa quufa, tasgabbii fi gammachuutu jira. Dubartii jaalalaan irraa qabamee fuudhu kan danda’u yoo ta’ee haa fuudhu. Kuni dawaa hundarra nama fayyaduudha. Fuudhaa heerumni jaalala daangaa darbee waan haaquf. Yoo fuudhun itti ulfaate karaa fuudhaa akka laaffisuuf gara Rabbii haa baqatu. Hanga fuudhu wanta Rabbiin dhowwe irraa obsaan haa fagaatu. Tarii hawwiin isaa ariifachuufi danda’a. Yookiin immoo namni inni jaallate sun isatti heerumu kan hin barbaanne yoo ta’e, haa obsu. Jabeenyaf Rabbiin haa kadhatu.

Du’aayii tanaan Rabbiin haa kadhatu/kadhattu:

رَبَّنا لا تُؤاخِذنا إِن نَسينا أَو أَخطَأنا ۚ رَبَّنا وَلا تَحمِل عَلَينا إِصرًا كَما حَمَلتَهُ عَلَى الَّذينَ مِن قَبلِنا ۚ رَبَّنا وَلا تُحَمِّلنا ما لا طاقَةَ لَنا بِهِ ۖ وَاعفُ عَنّا وَاغفِر لَنا وَارحَمنا ۚ أَنتَ مَولانا فَانصُرنا عَلَى القَومِ الكافِرينَ

Rabbanaa laa tuʾaakhiznā ʾin nasiinaa ʾaw ʾakhxaʾnaa rabbanaa wa-laa taḥmil ʿaleynaa ʾiṣran ka-maa ḥamaltahuu ʿalā llaziina min qablinaa rabbanaa wa-laa tuḥammilnaa maa laa xaaqata lanaa bihii waʿfu ʿannaa wa-ghfir lanaa wa-rḥamnaa ʾanta mawlaanaa fa-nṣurnaa ʿalaa l-qawmi l-kaafiriin

Gooftaa keenya yoo daganne yookiin dogongorre nu hin qabin. Gooftaa keenya! Ba’aa guddaa akka warra nuun duraa irratti baachifte nurratti hin baachisin. Gooftaa keenya wanta dandeettiin keenya [baadhachuu] hin dandeenye nutti hin baachisin. Irras nuuf darbi, nuuf araaramis. Rahmata nuuf godhi. Ati Gargaaraa keenya. Ummata kaafiroota irrattis nu tumsi (gargaari).” suura al-Baqaraa Ayaa 286

Du’aayi akkam bareeddu!.

“Rabbiin du’aayi Kanaan akka Isa kadhatan warroota amanan itti kakaasa. Dhugumatti Inni wanta humnii isaanii hin dandeenye irra hin kaa’u. Aayan (keeyyanni) armaan olii kuni jaalalaanis ibsame (fassaramee) jira. Kaayyoon ibsa kanaa jaalala qofatti daangeessufi miti. (Jaalalaan ala rakkoo baay’ee namni hin dandeenyetu jira.) Jaalalli wanta namni baadhachuu hin dandeenye waan ta’eef namni tokko Rabbiin irraa gargaarsa kadhachuu qaba.  Makhuul akkana jedha,”Jaalalli gubaa fedhiiti.” Dhugumatti jaalalli namoota jaalallee isaanitif akka of salphisan isaan taasisa. Jaalalli jaalalleef of salphisuu fi gadi of xiqqeessu irratti kan ijaarrameedha.” (Rewdatul Muhibbiin, fuula 131 irraa fudhatame)

Dhuguma jedhe hayyuun kuni. Namni jaalalaan qabamee yeroo jaalallee isaatif of salphisuu fi gadi xiqqeessu hin beeku. Maarre, salphinna kanaan akka hin haguugamne Rabbiin kadhachuun hin barbaachisuu ree? Kanaafu du’aayi armaan olii Kanaan Rabbiin kadhachuun namtichi ba’aa jaalalaa jalaa haa bahu.

8.Dhukkubsataa gaafachuu, reefa awwaalchaf gaggeessu, qabrii daawwachuu, du’a yaadachuu fi wanta isa booda ta’u itti xinxallu. Kunniin ibidda jaalala dhaamsu akkuma muuziqaa fi weeddu dhageefachuun ibidda jaalalaa qabsiisu.

9.Warroota zikrii godhanii, namoota gaggaarii fi beektota waliin taa’u. Namoonni akkanaa wanta gaggaari nama yaadachisuu fi wanta badaa irraa waan nama dhowwaniif namtichi isaan waliin taa’u ykn hiriyyoomu ibidda jaalalaa salphatti dhaamsa. Hiriyyoota babadoo waliin yommuu hiriyyoomu immoo ibidda jaalalatti gaazi firfirsa. Kanaafu, dawaan jaalalaa sagalfaan hiriyyaa badaa irraa fagaatanii namoota gaggaarii waliin hariiroo uumudha.

10.Garaa irraa murachuun dharraa jaalalaa addaan kutu, fedhii lubbuu too’achuu irratti ijjannoo cimaa qabaachu- sababa jaalalaa keessaa tokko wanta ijaan argan ykn gurraan dhagayan of keessatti miidhagsuudha. Osoo namtichi nama san dhaqqabuuf (wal qunnamuuf) garmalee dharra’uu baate, wal qunnamu irraa osoo abdii kutee fi yaada ofii irraa garagalchee silaa jaalalli hin uumamu ture.

Yoo nama san of keessattu miidhagsuun yaanni isaa itti dheerate, adabbii fi miidha fedhii guutachuu irraa dhalatu haa sodaatu. Fakkeenyaf, ibidda seenu, dallansuu Rabbii Olta’ee ofirratti buusu, ba’aa cubbuu baadhachuu fi kkf. Yoo sodaan kuni qalbii isaa keessatti ol’aantummaa argate, ibiddi jaalalaa salphatti ni dhaama ykn ni qabbanaa’a.

Yoo sodaan armaan olii isatti kan hin dhagahamne ta’ee adabbi addunyaa tana keessatti isa qunnamu haa sodaatu. Fakkeenyaf, lubbuun ykn qabeenyi baduu, kabajni isaa irraa mulqamu, sadarkaan inni namoota biratti qabu kufu, namoonni isa salphisuu fi tufachuu fi kkf. Yoo sodaan kuni qalbii keessatti ol’aantummaa argate, gubaan jaalalaa ni qabbanaa’a.

Nama jaallate san du’aan dhabuu akka danda’us itti haa yaadu.

11.Salaata irratti gadi dhaabbachuu– dhugumatti salaata sirnaan salaatun meeshaa cimaa fi qara badii baay’ee ittiin ofirraa ittisaniidha. Salaata haqa isaa guutanii salaatun kushuu’a fi ulaagaalee keessaa fi ala isaa guutanii salaatu kan of keessatti hammateedha. Kushuu’a yommuu jennuu salaata keessatti soda Rabbii qabaachu, xiyyeefannoo guutu salaata irra gochuu fi dhaabannaaf ta’uumsa keessatti tasgabbii qabaachudha. Salaanni akkanatti salaatame abbicha badii irraa tiiksa.

“Dhugumatti salaanni wantoota fokkatoo fi jibbamoo ta’an irraa nama dhorgiti.Al-Qur’aanSuura Al-Ankabuut 29:45

Namni yommuu gara salaatatti fiigu wantoota fafee irraa dheessaa adeema. Akkuma kutaa tokkofatti jenne namni iklaasa kan horatu yommuu salaata sirnaan dhaabedha. Yommuu salaata shanan sirnaan salaatu yeroo dubartii/dhiira waliin dhaabbatu/ttu hin qabu/hin qabdu. Sababni isaas, yeroon salaata shananii beekkama fi fageenya yeroo xiqqoo addaan qabu. Jidduu san keessatti badii raawwatanii gara salaata fiigun ni ulfaata. Akkasumas, salaata keessa gargaarsa fi araaramaaf Rabbiin kadhatan. Dhugumatti dawaan jaalalaa cimaan salaata sirnaan salaatu keessa jira. Kanaafu namni tokko salaata sirnaan yeroo hundaa salaatuu fi Rabbiin kadhachuun gubaa jaalalaa jalaa bahuu danda’a. Salaata booda, “Yaa Rabbii zinaa fi hojii fokkuu irraa na tiiksi.”jedhee Rabbiin haa kadhatu.

12.Hawwii fi kaayyoo ol’aanaa qabaachu– iddoon salphinnaa, wanta gadhee raawwachuun, wanta dhowwamaa keessa borcamuun nama hawwii fi kaayyoo ol’aanaa hin qabneef ta’a. Namni akkanaa balaa jalalaa kana irraa qulqullaa’un garmalee itti ulfaata. Namni hawwii fi kaayyoo guddaa qabu wanta gadi aanaa ta’eef gabra ta’uu irraa ni saalfata, ni jibba.

Namoonni wantoota fafee jibban; wanta gadheen nafsee ofii ajjeesu dhiisanii kaayyoo guddaa gahuuf dharra’u. Qaamni isaanii yeroo hundaa qabsoo keessa jira. Yeroo wanta fafee itti ilaalan hin qaban. Fakkeenyaf, namni beekumsa barbaadu, wallalummaa jibbuu irraa kan ka’ee beekumsa argachuuf halkanii guyyaa carraaqa. Daldalaanis hiyyeessa jedhame waamamu jibbuu irraa kan ka’ee qabeenya argachuuf halkanii guyyaa battisa. Kaayyoon kana hundarra caalu immoo yommuu jireenya booda (Aakhiraatıf) dheebotaniidha. Dhugumatti namni qananii Jannataa yaadate ishiif dharra’uu fi carraaqu, wanta gadi bu’aa fi fafeef yeroo gabra itti ta’u hin qabu. Guyyaa hojii ofiiti fi zikriin yommuu of ko’oomsu halkan immoo salaatan dabarsa. Kanaafu, eessatti yeroo argate wanta hin taane waliin umrii ofi fixa. Kanaafu, kaayyoo fi hawwii ol’aanaa fi kabajamaa qabaachun, ibidda jaalalaa qabbaneessa.

13.Lubbuu ofii kabajuu fi qulqulleessu- kuni sababoota gatii lubbuu isaa gadi buusan, sadarkaa ishii hir’isan irraa akka fagaatu taasisa. Gatiin nama tokko hanga inni lubbuu ofii kabajuu fi qulqulleessu irratti hundaa’a. Namtichi yoo lubbuu ofii wanta badaa irraa qulqulleesse fi fageesse gatiin fi kabajni isaa akkasuma guddaa fi ol’aanadha. Faallaa kanaa garuu yoo cubbuu fi wantoota fafee keessatti borcame, gatii fi kabajni isaa akkasuma gadi bu’aadha. Kanaafu, jaalala daangaa darbee duuba lubbuu ofii salphisuu, kabaja ofii ajjeesu, gadi xiqqeenyatu jira. Jireenyi namtichaa isaan ala nama biraatti kan maxxaneedha. Gammachuun isaa harka nama biraa keessa jira. Harkaa isaa/ishii keessatti ashaangulliiti taphaa ta’a/taati. yoo ishii qunname ni gammada. Yoo ishii dhabe ni gadda. Ishiin ala wanta biraatti yoo dabe jireenyi itti gurraachofti. Dhugumatti kuni gadi xiqqeenya fi salphinna  qabeenyi fi sadarkaan namarraa hin kaasnedha. kuni haqiiqaa (dhugaa) jaalalaati mitii?

“Wanti nama ajaa’ibsiisu namni sammuu fi hubannaa gaarii qaba jettuun dubartii uffataa miidhagaa uffattee deemtu badhetti ni arga. Ergasii suuraa miidhaginna ishii qalbii isaa keessatti ni kaasa hanga nafseen isaa osoo itti hin yaadin ishitti rarraatutti. Waa’ee dubartii tanaa ilaalchise odeefannoo wayitu hin qabu, ishima duuba fiigu qofa. Keessi isaa gubachuun sababa ishiitin miira of jibbuu fi nuffitiin ni rukutama….”

Dhugumatti kuni wanta yeroo ammaa dargagoota garmalee miidhaa jiruudha. Interneeti ykn badhetti yoo arge ishiif osoo dharra’uu keessa isaa guba.

Dargaggeessa tokkotu dubartii takka badhetti arge. Akkuma barreefama armaan olii keessatti jedhame qalbiin isaa ishitti rarraate. Fesbuuki irratti ishii waliin chaati gochuu eegale. Garuu akkuma yeroon darbuun wanti kuni jireenya isaa irratti miidhaa akka fidu hubate. Ergasii fesbuuki ishii bilooki ofirraa godhee itti cufe. Sana booda tawbachuun gara Rabbii deebi’e. Ergasii qormaanni guddaa akka ta’ee hubachuun dubartoota waliin chaati gochuu irraa dheesse, lubbuu ofii kabaje.

Gabaabumatti lubbuu ofii kabajuun nama gara sadarkaa olii, jabeenyaa, qulqullummaa ofii eegutti olkaasa. Ulfinnaa fi kabajaan mataa ol qabatee deema. Badii fi wanta gadhee irraa ni boona. Yeroo dubartii/dhiira waliin maramu/maramtu hin qabu/hin qabdu, lubbuu of waan kabajuuf/kabajjuuf. Nama kamiifu ashaanguliiti taphaa hin taatu yoo nafsee ofii kabajje.

14.Adabbii jaalalaa ilaalu– namni sammuu qabu nama mi’aa fi hudhaa jaalala keessa jiru madaaludha. Hudhaan jaalalaa baay’eedha, daraaraan isaa cimaadha, mi’aan isaa yoo nama moo’ate gara haraamatti nama oofa. Ergasii ibiddi gaddaa fi gaabbi namatti qabata, sodaan addaan bahiinsa namatti dhagahama. Salphinni addunyaati fi gaabbin aakhiraa nama haguuga. Namni qaroon sababa fi miidhaa jaalalaa madaalun yeroon irraa fagaata. Kanaafu, sababoota jaalala daangaa darbetti nama geessanii fi miidhaa san irraa dhalatuu ittii yaadun salphatti ibidda jaalalaa qabbaneessun ni danda’ama.

Namni hundarra qaruute nama sababa wanta tokkotti hin tarreedha hanga bu’aa dhuma isaa itti yaadutti.

15.Qormaanni jaalala akkuma qormaata biro dhiirummaa isa ifatti baasuf akka ta’e itti haa yaadu– tarii namni kanaan qorame yoo inni kanarratti obse sadarkaan isaa gara sadarkaa ol’aanutti olka’u fi kabajni isaa guuttamu danda’a. Tarii jaalala Rabbii isaa argachuu danda’a. Jaalalli Rabbii qalbii isaa yommuu guutu, jaalala biraa irraa dureessa isa taasisa. Kanaafu namni tokko yommuu jaalalaan qoramu yoo obse sadarkaan isaa olka’uu akka danda’u haa yaadu. Dhugumatti namoonni qormaata jaalalaa kana irratti obsuun yeroo dargaggummaa isaani dabarsan jireeya mi’aawa fi gammachuu jiratu, kabajamoodha.

16.Jaalala waliin ko’oomu irraa kan ka’ee wantoota gagaarii isa/ishii darban itti haa yaadu– yeroo inni jaalala waliin ko’oomu beekumsi baay’een jala darba, sammuu isaa bakka sirriitti osoo hin fayyadamiin qisaasessa, oomishummaa irraa duubatti hafuun hallayyaa hiyyummaa keessa jiraata. Dubartii yoo taate durbummaa dhabuun jireenya salphinnaa fi gaddaa jiraatti. Yeroo ishiin jaalala waliin ko’oomtu (jaatanooftu) amala gaarii fi kabajaa dhabdi. Kanaafu, bu’aa kanaa fi kkf kan nama jala darban itti yaadun ibidda jaalalaa qabbaneessun ni danda’ama.

17.Haala warroota jaalalaan qabamanii haa ilaalu– adabbii isaan keessa jiran mee ilaali, qarree (daangaa) jireenya irra akkamitti jiraatu, akkamitti addunyaa fi amantii ofii jabeessu fi fooyyessu irraa duubatti hafan? Dhugumatti yeroo warroota harka wal raasa deeman ilaalan nama gaddisiisa, gara kana akka hin yaanne nama taasisa. Meeqatu wal ajjeesaa jira? Meeqatu ishii duuba osoo booyu salphinnaan maramee jira? Kanaafu adabbii fi miidhaa warroonni jaalalaan qabamanii fi jireenya isaanii dararaa san itti xinxallu fi akka isaanii akka hin taane itti yaadun, ibidda jaalalaa qabaneessun ni danda’ama.

 

Guduunfaa

Namni hunduu jaalalaan ni qorama. Gariin isaanii ni darbuu, kan hafan immoo ni kufu. Qormaata kana kan darbe Rabbiin haa galateefatu. Kan kufe immoo gara Rabbii deebi’uun badii hojjataa turee tawbaa fi istigfaaran (Rabbiin araarama kadhachuun) haa dhiqu. Yeroo baay’ee yommuu dargaggoonni,”Intala tana maaliif hin dhiisne?”jedhamanii gaafataman, ‘gara fuunduraatti nan fuudha’, jedhu. Kuni dhugumatti of gowwomsuu fi jireenya ofitti taphachuudha. Hariiroo haraama keessa jiraatanii jireenyi fuudhaa heeruma (gaa’ilaa) ni milkaa’a jedhanii yaadun garmalee ulfaata. Yeroon booda kan addaan bahanii fi maatii isaanii diigan argina. Tokkotu,”Jaalalle dhiiraa ykn dubartii uumun jireenya sobaa hin jiraatin.“jedhe. Kanaafu, intala/gurbaa san yoo jaallatte, ‘Karaa halaalatiin hanga walitti dhuufnu natti hin dhufin.”jedhiin. Dhugumatti dargaggeessi tokko mucayyoo takka jaallate. Whatsapp irratti chaati waliin gochuu eegalan. Ergasii hariiroon kuni miidhaa isarratti fiduu akka danda’u yommuu hubatu, ‘Hanga walitti dhufnu obsi.” Jedhen. Achumaan chaati gochu dhiise, lakkoofsa bilbila ishii ni haaqe. Kanaafu, wanta Rabbiin ganama sii katabe akka hin dhabne beekun, hariiroo haraama (dhowwaa) irraa dheessi. Yoo Rabbii jette kana dhiistu fi gara Isaatti tawbaan deebite, Rabbiin wanta gaarii bakka si buusa.

Barruun jaalalaa kana irratti xumurama. Barreefamoonni gaggabaaboo jaalala too’achuu irratti nama gargaaran yeroo tokko tokko peejii fesbuuki jireenya badhaatu irratti ni maxxanfamu.

Kitaaba wabii

al-ishq fuula 69-79

Dawaa Jaalalaa-Kutaa 1ffaa
Kana Raabsi

2 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.