Dargaggeessa Karaan Jalaa Badee

Dhugumatti yeroo ammaa rakkoo fi fitnaa guddaa keessa jirra. Galaana fitnaa kana keessatti gosoonni namoota jalqaba nyaataman dargaggoota fi dubartoota. Dhugumatti dargaggoonni yeroo ammaa garam akka deeman malli harkaa bade, dukkanni jireenyaa isaan marse jira. Akkuma haati yoo ilma ofii dhabde raatoftu, dargaggoo fi shamarran ammaas kallattiin jireenya yommuu harkaa badu raata’aa jiru. Haati hanga daa’ima ofii argatutti hirriba gaarii ni raftii? Dargaggoon ammaas hirribaa gaarii ni rafu? Boqonnaa gaarii ni argatu? Sababni raata’u fi dukkana jireenya keessatti baduu maal ta’inna laata? Of gaafanne beeknaa? Maaliif jireenyi natti dukkanoofte jennee beeknaa?

Dhugumatti jireenyi isaaniif nuffiin tan guuttamte fi hiika tan hin qabne taate jirti? Gubaa fi wal nyaatinsa keessatti adeemsifamu qabbaneessun kan ulfaatudha. Dukkana gara hundaan isaan marsetu jira keessaa bahuun kan itti ulfaatu. Sababni kana hundaa maaliidhaa? “Eessarraa akka dhufan, maaliif akka jiraatan, eessa deemaa akka jiran” deebii quubsaa hin arganne sila? Gaafiwwan sadan kanaaf deebii quubsaa osoo argatanii jireenyi isaanii tan ifaan guuttamte hin taatu sila? Garuu dargaggoonni ammaa maaliif karaan jalaa badee? Maaliif dhama’iinsa fi dukkana jireenyaa keessatti kufanii? Sababni kanaa baay’ee haa ta’uyyu malee mee ijoo kan ta’an muraasa isaanii haa ilaallu.

Hubachiisa: Ayaata(keeyyatoota) Qur’aana armaan gadii keessatti Rabbiin ‘Nuu,Keenya’ yeroo jedhu baay’inna agarsiisuf osoo hin taane kabaja fi guddinna Isaaf malu agarsiisufi. Rabbii guddaa dhiisati mootiin biyya tokko bulchuu, ‘Nuti akkas goone…’ jedhe maqdhaala baay’inna fayyadama. Hatta Barreessan tokko kitaaba ofii keessatti,’Mata duree kana bal’innaan ibsinee jirra,ni ibsina..’ ofiin jedha. Kanaafu bakka kanatti ‘Nuu fi Keenya’ maqdhaala baay’inna osoo hin ta’iin kan kabajaa fi guddinaati. Rabbiin Tokkicha, fakkaataa fi dorgomaa hin qabneedha. “Rabbiinis, ‘gabbaramoota lama hin godhatinaa. Dhugumatti, Inni Gooftaa tokko qofa. Anuma qofa sodaadhaa.’jedhe.” (Suura An-Nahl 16:51) Kanaafu, sheyxaanni (seexaanni) wanta badaa qalbii keessanitti akka hin darbine of eeggadhaa. Sababoota karaan akka jalaa badu taasisan keessaa:

1.Maaliif akka jiraatan ni dagatan yookiin ni wallaalan- kunii sababa hangafaati fi jalqabaa karaan akka isaan jalaa badu taasisedha. Namni maaliif akka jiraatu yoo hin beekin akkamitti jireenya gaarii gaggeessaa? Namoonni baay’een maaliif akka jiraatan yommuu gaafataman, deebiin isaanii,”Hojii gaarii argachuu, bakka gaarii tokko gahuu, fuudhu ykn heerumu, ijjoolle gaarii argachuu. Ergasii du’uu.” Ilmi namaa hawwii isaa wanta bineensoonnis raawwatan qofatti yoo gabaabse dhugumatti bineensota caalaa dukkana jireenyaa keessatti bada.  İlma namaa kabajamaa kanaaf kaayyoo murtaa’a fi ol’aanaa ta’e jiraachu qaba. Kaayyoo kana yommuu beeku fi galmaan gahuuf yeroo hundaa carraaqu, sadarkaan isaa kan dabaluu, jireenyi isaa kan keessatti iftu kaayyoon ol’aanaan (ultimate goal) jiraachu qaba. Kaayyoo kana irraa dabnaan wanti isa eeggatu dukkana, gaabbi, dallansuu, gaddaa, rakkoo fi kkf dha. Kanaafu, kaayyoon ilma namaa guutu maaliidhaa?

Kaayyoo ilma namaa guutu Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) haala kanaan keenyata takkaan guduunfa:

51:56

Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56

Dhugumatti namni yommuu ibaadaa (gabbarrii) Rabbii irraa fottoquu jireenyi isaa dukkanaa fi dhiphinnaan tan guuttamte taati. ibaada yoo jennu afaan oromotti yoo deebisnu Rabbiin gabbaruu yoo ta’uu hiikni isaa bal’aan jaalala Rabbii barbaadun wanta Rabbiin irraa nama dhowwe irraa dhowwamuu fi wanta itti nama ajajee hojjachuudha. Karaa biraatin Rabbii harka kennu jechuudha. Salaanni, zikriin, du’aayin, soomni, zakaan, hajjiin ibaadadha. Garuu ibaadan kanniin qofatti kan daangeefamee miti. Hiika fi yaadrimee bal’aa kan of keessatti hammateedha.

Osoo kaayyoon keenya kana ta’ee hoo?

6:162

Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa (addunyaa) hundaatifii.” Al-Qur’aan suurat Al-An’aam 6:162

Salaanni, qalmii (wareegni), jireenyi fi duuti teenya guutun yoo Rabbiif taate, maaltu nu dhiphisa? Halkanii guyyaa kan dhiphannuuf bar, hojiin keenya Rabbiin ala wanta biraatiif yommuu ta’uudha. Rabbiif jiraachu dhiisne yommuu wanta biraa jala fiignu mucucaanne kufna. Kanaafu, salaanni, ibaadan kamiyyuu, yoo Rabbiif ta’ee yeroo san ni milkoofna. Yoo Rabbii jenne jaalanne, yoo Rabbii jenne jibbine, Rabbiin na arga jenne wanta fokkuu irraa yoo fagaanne, Rabbiif jenne wanta gaarii yoo hojjanne ykn dubbanne, Rabbiif jenne yoo cal’isne, rakkoo nu qunnameef Rabbii jennee yoo obsine, jireenyi teenya milkaa’innaa fi gammachuun guuttamti. Kanaafu wanta biraatif jiraachu fi du’uu dhiisne Rabbiif jenne haa jiraannu, haa duunu.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) daandii qajeela fi ifaa yommuu nutti agarsiisu ammas akkana jedha:

أَلَمْ أَعْهَدْ إِلَيْكُمْ يَا بَنِي آدَمَ أَن لَّا تَعْبُدُوا الشَّيْطَانَ ۖ إِنَّهُ لَكُمْ عَدُوٌّ مُّبِينٌ
وَأَنِ اعْبُدُونِي ۚ هَٰذَا صِرَاطٌ مُّسْتَقِيمٌ

“Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa, inni isiniif diina ifa ba’aadha.”jechuun waadaa gara keessanitti hin dabarsinee?
“Ana gabbaraa, kanatu karaa qajeeladha.” (Isiniin hin jennee?) Suuratu Yaasin 36:60-61

Ilmi namaa yoo Rabbiin qofa hin gabbarin, wantoonni inni gabbaru lakkoofsa hin qaban. Fedhiin isaa, sheyxaanni, ilmii namaa fi kkf gabraa fi tajaajilaa isa godhatu. Harqoota gabrummaa isaanii jalatti kufuun jireenya daraaraa fi dhiphinnaa jiraata. Rabbiin qofa gabbaruun, Isaaf qofa jedhanii jiraachun immoo bilisummaa fi gammachuu dhugaa nama goonfachiisa. Nama ibaada Rabbii dhandhametu bilisummaa fi gammachuu dhugaa kana beeka. Kanaafu, sababni guddaan dargaggoota jalaa karaan akka baduu fi jireenyi akka itti dukkanooftu taasise, kaayyoo uumamaniif wallaalu, sheyxaana hordofuu fi Rabbiin gabbaruu (ajajamuu) irraa garagaluudha.

Sababni kanaa guddaan immoo

2.Ifa irraa garagalan– manni yoo ifa hin qabaatin hangam akka dukkanaa’u ni beekna. Mana kana keessaa haala salphaan deemanii waa hojjachuun ni ulfaata. Haaluma kanaan, namni jireenyi isaa dukkana taate, haala salphaan ishii keessa deeme wanta isa fayyadu hojjachuu fi wanta isa miidhu irraa dheessun itti ulfaata. Akkuma manaaf ampuulin ibsaa barbaachisu, jireenyaafis ifni ni barbaachisa. Ifni suni maaliidhaa? Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

4:174

“Yaa ilmaan namaa! Dhugumatti ragaan Gooftaa keessan irraa ta’e isinitti dhufee jira. Ifa mul’ataa taasifnees gara keessanitti buufne jirra. “ Suura An-Nisaa 4:174

Ifni kunis Qur’aana.

14:1
“Alif,Laam, Raa.(Yaa Muhammad) [Kuni] Kitaaba akka ati ilma namaa dukkana keessaa gara ifa [Islaamatti] hayyama Gooftaa isaanitiin gara karaa [Rabbii] injifataa, faarfamaa ta’e baaftuuf gara keetti buufnedha.” (Suura Ibraahim 14:1)
Kanaafu, ilmi namaa Qur’aanatti yoo gore hayyama Rabbiitin dukkana cillimii keessaa gara ifaatti baha. Qur’aana irraa yoo gore immoo jireenya rakkoo fi danqaa (cinqii) jiraata.

قَالَ اهْبِطَا مِنْهَا جَمِيعًا ۖ بَعْضُكُمْ لِبَعْضٍ عَدُوٌّ ۖ فَإِمَّا يَأْتِيَنَّكُم مِّنِّي هُدًى فَمَنِ اتَّبَعَ هُدَايَ فَلَا يَضِلُّ وَلَا يَشْقَىٰ
وَمَنْ أَعْرَضَ عَن ذِكْرِي فَإِنَّ لَهُ مَعِيشَةً ضَنكًا وَنَحْشُرُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ أَعْمَىٰ

(Rabbiin) ni jedhe ‘Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanu walumaan ishee (jannata) keessaa (gara dachiitti) gadi bu’aa. Ergasii Ana irraa qajeelfamni yoo isinitti dhufe, namni qajeelfama Kiyya hordofe (addunyaa tana keessatti) hin jallatus, (Aakhirattis) hin rakkatu.
Garuu namni yaadanno (Qur’aana) Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphoo ta’etu isaaf jira. Guyyaa Qiyaamas jaamaa goonee isa Kaafna
” Suura Xaahaa 20:123-124

Namni qajeelfama Kiyya hordofe (addunyaa tana keessatti) hin jallatus, (Aakhirattis) hin rakkatu (hin dararamu). Ilmi namaa yommuu qajeelfama Rabbii hordofuu, addunyaa tana keessatti jallatuu fi Aakhiratti immoo dararamu irraa ni baraarama. Jallachuu fi dararamuun kan jiruudha. Garuu Rabbiin gabroottan Isaa kanneen qajeelchaa Isaa hordofan badii kanarraa ni eega. Dararaan kan dhalatu yommuu jallinna hordofaniidha. Namnitichi hanga fedhe wanta addunyaan isaa kennitu osoo qabaateyyu, yoo jallinna irra jiraate, isaaf addunyaa fi aakhiratti dararaa fi rakkinnatu jira. Qananii dhowwamaa hunda irraa kan dhalatu laalaa fi dhuma badaadha. Yommuu ilmaan namaa qajeelcha Rabbii irraa jallatan, dhiphinna, dhama’iinsa fi tasgabbii dhabuu keessatti lixu. Asi achi warraaqu, oli gadi battisu. Dararaan dhiphinni fi dhama’iinsi kanarraa kan dhalatuudha, namtichi osoo hanga fedhe qananii addunyaa tanaa kuufateyyu. Dararaan guddaa fi hamaan hundarra caalu dararaa aakhiraati (jireenya boodati). Garuu warroonni qajeelcha Rabbii hordofan jallinnaa fi dararaa kana irraa nagaha bahu. “

Yommuu ilmi namaa hariiroo isaa fi Rabbiin jiddu jiru addaan kutu fi rahmata Isaa bal’aa dhabu, namni ni dhiphata, ni gidirama osoo hanga fedhe qananii addunyaatin dureessa ta’eeyyu. Inuma qananiin tuni madda dararaa fi dhiphinnaa itti taati. Gosoota dhiphinnaa keessaa dhiphinni badaan dhiphinna Rabbii fi rahmata Isaa irraa fagaachu irraa dhalatuudha. Yaaddo, shakkii fi dhama’iinsa keessatti dhiphinni ifatti of mul’isa. Wanta qabutti garmalee dhiphachuun sirritti itti rakkatee qabata, tasa kasaaru sodaata.(Wanta takka jalaa badeef garmalee gadda, jireenya isaa funduraatif garmalee dhiphata.) Yeroo hundaa jireenya toltuu fi qananii kamu dharra’a, hawwii addaan hin cinne of keessatti gabbisa. (Kuni hundi bokkaa dhiphinnaa fi dararaa itti roobsa). Namoonni gonkumaa tasgabbii dhugaa argachuu hin danda’an hanga isaan amantaa isaanii guutu Rabbiin irra godhanii fi funyoo (Qur’aana) Isaa sirritti qabatan malee. (Yommuu isaan Rabbiin irratti hirkatanii fi Qur’aana Isaa sirritti qabatan, tasgabbii dhugaa argatu, nageenyi qalbii isaani keessa diriira.Wanta isaan jala darbeefis gadduu osoo hin ta’in obsuun mindaa Rabbiin irraa eeggatu, jireenya funduraa isaanitiif Rabbiin abdachuun ba’aa yaaddo ofirraa kaasu.Namni Rabbiin irratti hin hirkanne immoo gammachuu fi tasgabbii akkanaa eessaa argataa?)  Namni kana irraa fottoqe yeroo hundaa jireenya dhiphinnaa fi dararaa jiraata. Namni ergaa Rabbii irraa duubatti deebi’e dhugumatti daangaa darbee jira. Qananii hundarra guddaa fi ergaa garmalee qaalii ta’e kan Ergamaan Rabbii itti fide irraa garagaluun gara duubatti deema. (Akkuma inni addunya tana keessatti Ergaa Rabbii irraa jaamaa ta’e Guyyaa Qiyaamas jaamaa (ballaa) ta’ee kaafama.)“  In The Shade of The Qur’an Volume 11 (fuula 365) irraa fudhatame.

Kanaafu sababni guddaan lamaffaan dargaggoonni akka karaan jalaa badu taasise, ‘Ifa (Ergaa) Rabbii irraa garagalan.’ Yookaa gadi taa’ani hin baratan yookiin hin qo’atan. Osoma fedhii lubbuu jala deemanii fi addunyaa ari’anu Qur’aana irraa garagaluun jireenyi itti dukkanoofte. Kitaaba meeqa dubbisu, interneeti irratti sa’aati meeqa gubu garuu Qur’aana banatanii jireenya isaanii foyyeefachuun isaan jibbisiisa. Sababni kanaa maaliidhaa?

3.Cubbuu hojjachuu itti fufuu fi gara Rabbii deebi’uu dhiisudha. Uumamaan ilmi namaa ni dogongora. Garuu dogongora san keessa turuun jireenya isaa dukkaneessun wanta isaaf maluu miti. Dhugumatti cubbuun ba’aa guddaa namatti ta’a. Yommuu cubbuu raawwattu wanti guddaan tokko akka sitti fe’amee fi sammuu keessatti dhiphinna sirraa hin kaanetu sitti dhagahama. Ba’aa kana ofirraa buusuf karaan hundarra caalu gara Rabbii deebi’anii araarama Isa kadhachuudha. Yommuu araarama Isa kadhattu, ba’aa kana sirraa kaasun jireenya tasgabbii fi nageenyaa jiraatta. Sammuun tee ni banamti, ijji tee wanta gaarii argiti. Hubannoo fi gamnummaa horatta. Kanaafu, sababni sadaffaan jireenya ilma namaa guutu namatti dukkaneessu cubbuu raawwachuu fi erga raawwatanii gara Rabbii deebi’uu dhiisudha. Yommuu namtichi cubbuu erga raawwate booda gara Rabbii deebi’uun araarama kadhachuu dhiisu, cubbu irratti cubbuu dabalun daran galaana cubbuutti lixa. Kanaafu, dogongoraa fi cubbuu erga raawwanne booda dafne gara Rabbii haa deebinu.

Har’aaf asirratti nu gaha. Insha Allah, torbaan furmaata isaa ni ilaalla. Hin badina, deebi’a. Turtii gaarii.

Furmaata Dargaggeessa Badee
Walaloo-Jireenya Badhaatu
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.