Furmaata Dargaggeessa Badee

Torbaan darbee dargaggoonni akkamitti fi maaliif karaan akka jalaa bade eerre turre. Har’a immoo Insha Allah, nama karaan jalaa bade akkamitti akka karattı akka deebi’uu danda’u ilaalla. Dhugumatti, ilmi namaa sababa adda addaa irraa kan ka’e dukkana jireenyaa keessatti baduun jireenya gadadoo gaggeessu danda’a. Namni tokko jireenya ofii moo’atuuf, gammachuu fi milkaa’inna argatuuf gaafilee armaan gadii deebiisuuf tattaafachuu qaba. Isaaniis:

  1. Ani Eessarraa dhufee?
  2. Maaliif as jiraadhaa?
  3. Garam deemaa jiraa?

Gaafilee sadan kanniin erga deebisneen booda gaafiwwan armaan gadii itti dabaluun waa’ee jireenya teenya ni qoranna.

  1. Imala kiyya eessarraa jalqabuun qabaa? Yookiin ka’uumsi kiyya eessaa?
  2. Akkamitti imala (adeemsa) kanarra deemuu danda’aa?
  3. Ga’uumsi kiyya eessaa?

Gaafilee sadaan dhumaa kanniin barruu ‘Fiixee Gaarummaa irra Ijjachuuf’ jedhu jalatti ilaalle jirra. Kanaafu, yeroo lama irra deebi’uun hin barbaachisu.

Amma gaafiwwan sadan jalqabaa haa ilaallu.

‘Ani eessarraa dhufee?’- Takkuu gaafii kana of gaafannee beeknaa sila? Eessarraa akka dhufne sirritti qoranne beeknaa sila. Namni gaafi kana sirritti yoo deebisee gaafileen itti aanan lamaan salphoodha. Gaafiwwan kunniin hundee jireenyati jechuun ni danda’ama. Namni gaafiwwan kanniin deebisuu dadhabe jireenyi itti dukkanoofti. Eessarraa akka dhufne yoo beekne maaliif akka uumamne ni beekna. Maaliif akka uumamne erga beekne garam akka deemaa jirru ni barra.

Garuu eesarraa dhufnee? Maalirraa uumamne? Gaafii kanaaf deebii gahaa essarraa argannaa? Sammuu keenya fi kitaabni namni kamu barreesse deebii quubsaa nu kennuu hin danda’an. Kanaafu, maddi deebii kana irraa argannu murteessadha. Namni eessarraa akka dhufe ykn maal irraa akka uumame, maaliif akka uumame fi garam akka deebaa jiru deebii gahaa fi ifaa kan nuu kennu Kitaaba Rabbii kan ta’ee Qur’aana haa banannu.

(Rabbiin) kan waan hundaa uumama isaa miidhagse fi uumama namaas dhoqqee irraa jalqabeedha. Sana boodas sanyii isaa mi’oo bishaan laafaa ta’e irraa godheedha.
Sana boodas isa wal qixxeesse ruuhii (uumaa) isaas isa keessatti afuufe. Dhageetti, argaa fi qalbii isiniif taasise. Xiqqooma galateefattu.
“Sila yeroo (duunee) dachii keessatti banne, dhugumatti uumaa haarawaa ni uumamnaa?”jedhan. Dhugumatti isaan qunnamtii Rabbii isaanitti kafaroodha.” Suuratu As-Sajdah 32:7-10

Keenyatota kana keessatti ilmi namaa maalirraa akka uumame haala ifa ta’een kaa’a. Namni maalirraa akka uumame osoo beeku lamuu deebifamu (kaafamu) gana (itti kafara). Copha bishaan dhiira fi dhalaa san irraa ofii of uumee moo Rabbitu isa uume? Copha bishaan san irraa eenyutu gara dhiiga ititaatti jijjire, ergasi gara muraa foonitti ergasi muraa fooni san irraa lafe, lafee san immoo foone itti uwwise? İja, gurra, qalbii fi qaamonni garagaraa eessaa dhufan? Bishaan copha san irra harki lamaan, qubbiin dheerinni isaanii wal taran, lukni isaa eessaa dhufan? Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jechuun ilma namaa gaafata.
Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirree uumaman moo isaanumatu uumtootaa?
Yookiin samii fi dachii uumanii? Lakkii, isaan hin dhugoomsan.” Suuratu Ax-Xuur 52:35-36

Namoonni bishaan cophaa kana irraa akkanumatti argaman moo ofii of uuman? Namtichi qaama saalaa keessatti bishaan cophaa erga dhangalaasen booda wanta gadaamessa keessatti adeemsifamu dubartinuu mataan ishitu quba hin qabdu. Ilmi namaa Rabbii akkanatti bishaan copha kanarraa lukaa harka, gurraa ija, qaamolee keessaa alaa lakkawamee hin dhumne uume akkamitti didaa? Akkamitti itti kafaraa? Erga du’een booda lamuu hin kaafamu jedhe akkamitti mormaa? Rabbii akana jedha:

Sila ilmi namaa akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroma san inni mormaa ifa bahaa ta’ee argama.

Fakkeenya Nuuf godhee, uumama isaa dagachuun, ‘Lafeen erga bututteen [booda] eenyutu ishii jiraachisa?’jedha.

‘Isa yeroo jalqabaa ishee uumetu jiraachisa.’ jedhi. Inni uumama hundaa beekadha.” Suuratu Yaasin 36:77-79

Copha bishaani irraa uumamu isaa dagatee, ‘lamu hin jiraachifamu’ jedhe ilmi namaa morma. Mormii akkam fokkatu, kan ragaa fi deebii quubsaa hin qabne! Guyyaa itti du’uu kan hin beekne lamuu deebifamu dhabuu akkamitti beekee? Akka yaada keenyattu, wanta hin jirre uumutu salphaadha moo wanta erga uumame booda bade deebisutu salphaadha? Wanta hin jirre haarawa uumuu caalaa wanta bade deebisanii uumutu salphaadha. Garuu Rabbii waa hundaa irratti danda’aa ta’eef kuni ulfaatadha wanti jedhamu tokkollee hin jiru. Wanta hundaa uumu fi kan bade deebisuun Isaaf salphaadha.

“Rabbiin wanta gaarii tokko hin uumu wanti Inni irraa uumu sakiifa (yartuu,gatiin isaa gadi bu’aa, faaydi kan hin qabne) yoo ta’e malee. Abbaa ilma namaa kan ta’e Aadamiin dhoqqee irraa uume, sanyii isaas bishaan saalaa ajaaya san irraa uume. Midhaanis erga biyyee keessatti torteereen booda biqilcha. Killee irraayis erga tortortee ajoofte booda caacutiwwan akkas babbareedan baasa. Ilma namaas yommuu lamuu kaasu lafeema torterte ykn bututte kanarraa deebisee kaasa.

Ilaalchi gara albuuda dadhabaa osoo hin ta’in gara Dandeetti Uumaa ta’uu qaba. (Gara dandeetti Rabbii ilaali malee gara albuuda dadhabaa kana jechuun lafe bututte ilaalun lamuu hin kaafamu jechuun hin shakkin, hin dhama’in.) ” Muntaqin nafsi min Talbiis Iblis fuula 72 irraa fudhatame.
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Namni maal irraa akka uumame haa ilaalu.
Bishaan utaalaa irraa uumame.
Jidduu dugdati fi qomaati kan bahu.
Inni (Rabbiin) isa deebisu irratti Danda’aadha.
Guyyaa iccitiwwan ifa bahan.
(Gaafas) humnas ta’ee tumsaan isaaf hin jiru.” Suurat Ax-Xaariq 86:5-10

Kanaafu, Rabbiin maalirraa akka uumamne akka ilaallu itti nu affeera. Maalirraa akka uumamne ilaalun kaayyoo kamiif akka uumamnee fi garam deemaa akka jirru nutti akeeka. Yommuu copha bishaan saalaa ilaallu, Guyyaa Qiyaama kaafamne wanta hojjataa turreef akka gaafatamnu nutti akeeka. Akkanumatti kaayyoo malee dachii tana keessatti hin uumamne.

Ammas Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:
Sila namni akkanumaan dhiifamu yaadaa? Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa hin turre? Ergasii dhiiga ititaa ta’ee, [achi nama godhee] uumee guute. Isa irraas cimdii lama dhiiraa fi dhalaa taasise. Sila [Rabbiin akkas godhe sun] du’aa jiraachisu irratti danda’aa mitii?“Suura Al-Qiyaama:36-40

Dhugumatti lamu jiraachisuu irratti Rabbiin dhibbaan dhibbatti danda’aadha.
Uumamni keessani fi kaafamni keessan akka lubbuu tokkittii malee hin taane. Dhugumatti Rabbiin Dhaga’aa, Argaadha.” Suura Luqmaan:28

Rabbiin taphaafi miti kan nu uume. Kaayyoo guddaaf nu uume. Kaayyoon sunis;
Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56

Hojii hojjatan hunda, yaada fi miiroota Rabbii qofaaf yoo godhan jireenyi hundee madaallamaa irratti ijjaarramti. Ilmi namaa kan dhiphatuu fi rakkoo adda addaa kan arguuf sababa inni daangaa Rabbii darbuu fi Rabbiin ala wanta biraa gabbaruufi. Fedhii isaa, sheyxaana, namoota, addunyaa fi kan kana fakkaataniif gabra yeroo ta’uu jireenya daraara gammachuu hin qabne gaggeessa. Rabbii qofa gabricha ta’uun immoo sansalataa kanniin namarraa hiiku fi ba’aa namarraa buusun bilisummaa fi gammachuu dhugaa nama gonfachiisa. Namni hanga fedhe bilisummaa argadhe jedhe haa lallabuu qalbiin isaa Rabbiif gabra yoo hin ta’in gonkumaa bilisumma dhugaa hin arganne.

Kanaafu, deebii quubsaa gaafi tokkoffaa fi lammaffaaf hin argannee ree?
Gaafiin sadaffaan, gahuumsi keenya eessaa? Garam deemaa jirraa? Yoo sirritti itti xinxallinee deebiin quubsan keeyyatoota Qur’aana armaan olii keessatti kennamee jira. Gara deemaa jirru duunee kan bannu osoo hin ta’in lamuu kaafamuun hojii hojjataa turreef gaafatamna, hundii keenya gara Rabbii deebina. Osoo Guyyaan Qiyaama (Kaafamaa) jiraachu baate, silaa jireenyi tuni kaayyoo malee tan uumamte taati. Cunqursaa fi cunqurfamaan adabbii fi haqa isaanii osoo hin argatin akkanumatti kan hafan ta’aa ture. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) madaala haqaa dhaabuf Guyyaan Qiyaama akka dhuftu taasise.

Dhugumatti Qiyaaman dhufaa jirti. Akka lubbuun hundii waan hojjatte mindeefamtuuf jecha ishee dhoksuuttin dhihaadha. Namni isheetti hin amaniin, kan fedhii isaa hordofe ishee irraa si hin garagalchin! (Yoo isa hordofte) ni baddaa.” Suuraa xaahaa:15-16

Yoom? Gaafi jedhuuf immoo Rabbi qofatu beeka. Tasa namarratti dhufti. Rabbiin rahmata Isaatiin namoonni akka amananiif mallatoolee Guyyaa Qiyaama agarsiisan baay’ee mul’isee jira. Namni uumama ofii, uumama ardii fi samii, mallatoolee Guyyaa Qiyaama agarsiisan iratti yeroo fudhate yoo xinxalle, Guyyaa Qiyaamatti amanuu fi itti qophaa’u irraa wanti duubatti isa harkisu tokkollee hin jiru.

Mallatoolee Guyyaa Qiyaama keessaa muraasni;

  • Amanamummaa fi haqummaa dhabamuu fi qalbii namoota irraa haaqamuu
  • Dubartoonni uffatanii garuu kan hin uffanne argamuu- cittuu uffataa ofirra keette waan uffatte fakkaatti. Garuu tan hin uffanne qullaa deemtudha. Wanti dur hin jirre kunoo amma argame.
  • Sagaagalummaan babal’atuu
  • Ajjeechan baay’atuu fi kkf dha.

Mallatoolee Guyyaa Qiyaama gurguddoo keessaa

  • Masiih Dajjaal dhufuu
  • Nabii Iisan (nageenyi isarratti haa jiraatu) bu’uu
  • Ya’juuji fi Ma’ajuuj bahuu
  • Aduun dhihaan bahuu fi kkf dha. Namni mallatoolee Guyyaa Qiyaama bal’innaan beeku barbaadu, kitaaba The End of The World By Muhammad Al-Ariifi dubbisuu danda’a.

Guyyaa Qiyaamatti amanuun uutubaalee imaana keessaa tokkodha. Mallatoolee baay’ee osoo arganuu Guyyaa Qiyaamatti kafaruun yookiin amanuu diduun, yakkaa fi adabbii guddatti kan nama geessudha. Rabbiin Olta’e akkana jedha:

Isaan Aakhiratti (Jireenya Boodatti) hin amanne immoo adaba laalessaa ta’e isaaniif qopheessinee jirra.” Suura Al-Israa 17:10

Namni guyyaa Qiyaamatti yoo hin amaniin addunyaa keessatti akka fedhe ta’uun of balleessa. Yaanni “Boru kaafame hojii kootif adabama yookiin badhaafama”jedhu sammuu isaa keessa waan hin jirreef, akka fedhetti badii hojjachuun jireenya isa dhiphisa, gaddaa fi aaritti of darba. Rakkoo addunyaa tana keessatti isa muudatuuf garmalee aarun abdi kuta Guyyaa Qiyaama mindaa sabrii waan hin abdanneef. Hawwii fi abdii ofii meeshama addunyaa tanatti gabaabsa, wanti inni ijaan hin argine baay’ee fi gudddaa akka ta’ee gadi fageesse hin yaadu. Wantuma ijaan arguu qofa irratti xiyyeefata. Aakiraa immoo ni dida.

Namni guyyaa Qiyaamatti amanu immoo tasgabbii fi nageenyi itti dhagahama. Rakkoo fi daraara addunyaa tana keessatti yommuu muudatu mindaa sabrii fi adabbii Guyyaa Qiyaama yaadata. Daraaran addunyaa tanaa adabbii guyyaa Qiyaamatin wal bira yommuu qabamuu baay’ee xiqqaadha. Kanaafu daraara addunyaa tanaa irratti sabbaruun itti hin ulfaatu. Hojii gaariis yommuu hojjatuu mindaan guddaan boru akka isa eeggatu ni abdata. Hojii badaa irraas qaamota ofii eega boruu waan itti gaafatamuuf. Kuni hundii jireenya isaatti gammachuu fi tasgabbii itti facaasu.

Guduunfaa
Gaafilee tuutaa armaan olii of gaafachuu fi deebii quubsa argachuuf tattaafachuun jireenya keessatti akka gammadanii fi milkaa’an nama taasisa. Namni maalirraa akka uumame yoo dagate, maaliif akka jiraatu fi eessa deemaa akka jiru ni wallaala. Gaafilee kanniin deebii gahaa argachuun jireenya keessatti kaayyoo ifaa fi murtaa’a akka qabaatan nama taasisa, dhama’iinsa fi dukkana irraa nama baraara. Akka gudunfatti Rabbiin Olta’e copha bishaanii irraa nuu uume. Kana eenyulle ganuu hin danda’u. Yoo Rabbiin hin uumin eenyutu uume ree? Namni tokko mataa ofiitin copha bishaanii irraa nama guutu miidhagaa ta’uu danda’aa? Uumama keenya irratti xinxalluun maaliif akka uumamne deebii nuu laata (kenna). Rabbiin erga nuu uume taphaaf kan nuu uume osoo hin ta’in hanga addunyaa tana irra jiraannu Isa qofa gabbaruuf. Hundii keenya yeroon addunyaa tana irra turru yoo dhumatte gara Rabbii deebi’uun wanta hojjataa turreef herregamna. Nama amanee fi gaarii hojjateef Jannani qubannaa isaati. Kan kafaree fi badii raawwate immoo Jahannam teessoo isaati. Kaayyoo guddaa kana galmaan gahuuf Rabbiin wantoota dachii keessa jiran akka nu tajaajilan nuuf uume. Rooba samii irraa buusun midhaanii fi fuduraalef kuduraale garagaraa dachii irraa biqilchuun nu nyaachise.Rabbiin Olta’e akkana jedha:

Mee waa’ee bishaan dhugdanii san naaf himaa. Sila duumessa irraa isintu buuse moo Nutu isa buuse? Odoo feenee ashaboo [kuraawaa] isa taasifna. Sila maaliif [Rabbiin] hin galateefanne?” Suuratu Al-Waaqi’a (56):68-70

Kanaafu, namni mallatoole kana hunda osoo arguu akkamitti Rabbitti kafaraa? Wanta fundura isaatti dhufu osoo hin beekin lamuu kaafamuun hin jiru jedhe kaada. Walumaagalatti, bishaan saalaa dadhabaa irraa uumamne, Isa qofa akka gabbaruuf Rabbiin nuu uume, dhumarratti immoo gara Isaa deebina. Rabbiin Olta’e addunyaa fi sheyxaanni akka nu hin gowwomsine fi kaayyoo keenyarra duubatti akka nu hin deebisne haala kanaan nu akeekachiisa.

35:5

“Yaa Ilmaan namaa! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Kanaaf, jireenyi addunyaa akka isin hin gowwomsine. Gowwomsan (sheyxaanni) waa’ee Rabbii akka isin hin gowwomsine.” Suuratu Faaxir 35:5

Hiikni Keeyyatoonni Qur’aana armaan olii, ‘Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromooni’ fi Muhsin khan English translation irraa fudhataman.

Kaayyoo Jireenyaa
Dargaggeessa Karaan Jalaa Badee
Kana Raabsi

5 comments

  • Rabbiin isinirraa haa jaallatu.
    Galata keessan namnnu hanga fedhe isin galateeffatullee isiniif deebisuu hin danda’u rabbummaan jazaa keessaan firdawsiin isiniif haa deebisu.
    Duniyaattiille jiruu gaari ,fayyaa kan halkan yoo ka’anii leylii dhaabbatanilleen mataan nama hin bowwaafanne isiniif haa keennu .
    Nuunilleen warra waan dubbifnne hojiitti jijjiiree irraa milkaa’u nu’aa taasisu inshaa’a allah !
    Page keessaan akka dhuunffaa kootiitti hedduun irraa fayyadamuutti jira yoo rabbiin irratti na gargaare nuuf jabaadhaa isiniin jedha beekumsa qabdan nuuf gumaachuf

    Assalaamaaleykum
    Waraah matullaahi
    Wa barakaayuh

  • MAA SHAA ALLAH! Rabbiin Galata kee kan siin malu ifbiraa siif Haa kennu. addunyaa fi aakhiratti si Haa milkeessu,barnoota qabdurratti barnoota siif Haa dabalu.nuufiis gurra qalbitti qaa’u nuuf Haa kennu,warra waan barate,dubbise,dhagayee fi arkerraa bu’aa buufatu,itti fayyadamu,huujittj jijjiiru nu Haa godhu.Amiin! ani hanga arraatti si hordofaan ture garuu yaada tokkollee siif Hin gumaachine kun dogongora kiyya yaada gaarii namaaf gumaachuun nama kakaasuufiis ta’ee dogongora uumamu dura dhaabbachuuf jabinaa fi deeggarsa guddaa waliif laachuuf baay’ee fayyada/gargaara.knf atiis haaluma kanaan itti nuu fufi garuu yeroo barreessitu Hin jarjarfatin suuta ji’ii of eeggannaan barreessi waan barreessite post godhuu dura irra daddeebi’ii dubbisi dogongorri uumame ifa waan siif ta’uuf jechoota tokko tokko kan dubbachiiftuu dabaluu fi hirrisuu,laaffisuu fi jabeessuu keessatti dogoggora uumamuuf ykn yaadni kee gama biraatti akka gorreef nu gargaara waan ta’eef fakkeenyaaf asiin olitti bakka tokko tokko keessatti jecha (nuu uume) jedhu akka hiika sirriitti nu uume jechuu natti fakkaata. garuu warra Hin hubanneef jechi nuu uume jedhu kun nuuyiitu uume takkaahuu nuufi uume jechutti waan hiikataniif Galatoomi.yoon dogongore naaf sirreessi na oofkalchi. AS AL WR WB.

    • Waleykum selaam warahmatullahi wa barakaatuh. Jazakallahu keyran. Aamiin. Yaada baay’ee gaarii kaaste galatoomi. Hanga danda’een irra deddeebi’e yeroo lamaa sadii nan dubbisa. Garuu ilma namaa waan ta’eef nan dogongora. Isiniis dogongora akkanaa yoo argitan irra hin darbina. Hojiin kuni hojii kiyya qofa osoo hin ta’in hojii gamtaati. Bakka dogongorretti wal sirreessaa fi foyyeessaa adeemna.nuu yoo jedhu nu jechuu kooti. Insha Allah ammaan booda kana irratti of eeggadhaa galatoomi. Ammas yaada biraa fi dogongora yoo argite yaada kennuu irraa of hin qusatin. Jazakallahu keyran

  • Galanii Kee Billisumaa Ganda Lachu

Leave a Reply

Your email address will not be published.