Kaayyoo Jireenyaa

Dhalli namaa jireenya keessatti kaayyoo adda addaa qaba. Milkaa’innaa fi gammachuu argachuuf halkanii guyyaa battisa. Kaayyoo ol’aana bocatee fi galmaan gahee of gammachiisu barbaada. Kaayyoo adda addaa qabaachu fi milkaa’inna adda addaa galmaan gahuun addunyaa teenya ijaara, wanta haarawa itti dabala. Ilmi namaa uumaman wanta haarawa hojjachuun guyya guyyaan of gammachiisu barbaada. Garuu wanti inni hojjatu kuni karooranii moo karoora malee? Kayyoo wayiitif hojjata moo kaayyoo malee oli gadi battisa? Kuni jireenya keessatti murteessadha. Kaayyoo akkamituu ilma namaatiif gammachuu fi milkaa’inna itti fufaa fiduu danda’aa? Kaayyoon hundi gammachuu fi milkaa’inna yaaddame hin fidu, mitiree?  Kaayyoo jireenya keenya maal akka ta’e itti yaanne beeknaa? Moo akkanumatti kaayyoo malee jiraannaa?

Yeroo mana barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lamaffaa turre san, kaayyoon keenya inni guddaan qormaata qabxii gaarii galmeessun, doktara, Injinara, sayintistii fi kkf ta’uuf kaayyefataa turre. Mee namni kaayyoo kana galmaan gahe, ‘kanaan booda kaayyoon koo maalii?’ jedhee of haa gaafatu. Deebii maalii qabaa? Jireenyi kaayyoo malee akkam nama jibbisiistii!! Mee gaafadhu yookiin atummaan of gaafadhu. Deebiin isaa, ‘Ani hin beeku, du’uudha’ fi kkf ta’a. Dhugumatti namni hawwii ofii wantuma ijaan argu qofarratti akkamitti gabaabsaa? Xiqqoo achi fageesse hin xinxallu? Rabbiin Olta’e akkana jedha:

30:7

Isaan jireenya duniyaa irraa gubbama(zaahira) beeku. Isaan Aakhiraa irraa immoo daguu keessa jiru.” Suurat Ar-Ruum 30:7

Maarree, kaayyoo jireenyaa keenya akkamitti murteefachuu dandeenyaa? Kaayyoon jireenyaa maal akka ta’ee fi ol’aanaan kam akka ta’e eessaa argannaa? Matama keenyan ‘Kuni kaayyoo kiyya ol’aanaa fi isa dhumaati’ yoo jenne kufuu dandeenya wanta gara funduraatti nu muudatu waan hin beeknef. Kanaafu, kaayyoo jireenya keenya eenyutu nuu murteessaa? Ah! Waa daganne. Kaayyoo, milkaa’innaa fi sababa (means) jechuun maal jechuudhaa? Kana osoo addaan hin baafatin kaayyoo jireenya keenya murteessu hin dandeenyu.

Kaayyoo (hadaf) jechuun “wanta tokkotti yaadu fi gara sanitti fiigu. Namtichi waa kaayyefate yoo jenne itti dhiyaachuuf tattaafate jechuu keenya”1 Hiikni kaayyoo inni biraa tuqaa ykn iddoo gahuumsaa jechuudha.

Sababa-(2) funyoo wal qabsiisu, kan wanti tokko ittiin gahamu, karaa irraa deemanii ykn hordofanii kaayyoo ofii ittiin gahan. Rabbiin Olta’ee waa’ee Zul Qarneeyni ilaalchise akkana jedha,

Dhugumatti, Nuti dachii keessatti isaaf mijeessine jirra. Waan hundaa irraas tooftaa isaa kennine.
Innis karaa ni hordofe. (Fa atba’a sababaa)” Suurat Al-Kahf 18:84-85

Milkaa’inna (al-Fawz)– wanta tokkoo galmaan gahuu, wanta gaarii irratti injifannoo argachuu, nagaha bahuu, baraaramu.

Kanaafu hiika jechoota sadan kana yoo sirritti nuu galee kaayyoo jireenya keenya murteessun hin ulfaatu jechuudha. Yeroo baay’ee ‘Sababaa’ fi ‘Milkaa’innaa’ walkeessa makuu fi sababa akka milkaa’innaati ilaalu irraa kan ka’e jireenyi nutti dukkanoofti. Yookiin immoo sababa akka kaayyoo keenya isa guddaatti godhanna. Kuni dogongora guddaadha. Fakkeenyaf namni tokko diida (iddoo gahuumsaa tokko) deemuf imala isaa jalqabe haa jennu. Osoo iddoo gahuumsa hin gahin karaa irratti wanta adda addaatin sobamee, ‘Ani milkaa’inna argadhe ykn haajaa kiyya fixadhe.’ yoo jedhe, namtichi kuni kaayyoo ofitirraa küfe jedhama. Osoo iddoo gahuumsa hin gahiin milkaa’inna argadhe jedhe waan sobameef.

Jireenyi teenyas haaluma kanaan karaa dheeraa irra deemnudha. Karaa dheeraa kana irratti iddoo gahuumsa keenyaa osoo hin gahiin wantoota adda addaatin sobamne milkoofne yoo jenne kaayyoo keenya irraa ni kufna. Kanaafu kaayyoon, sababni fi milkaa’inni ol’aanan jireenya keenyaa maaliidhaa? Kaayyoo keenya kan nuu murteessu Rabbii nu uumedha. Mataa keenya ykn namni biraa yoo nu murteesse ni kufna, wanta gara funduraatti nu qunnamu waan hin beeknef. Haala duraa fi duubaa, keessaa fi alaa, kan darbee, ammaa fi kan dhufu kan beeku Rabbiin kaayyoo keenya yoo nuu murteesse badii hamatti hin kufnu.

Kaayyoo jireenyaa keenya kana. Rabbiin akkana jedha:

51:56

Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56

Yoo Rabbiin sirnaan gabbarre milkaa’inni keenya ol’aanan kanniin ta’a.

Milkaa’inna ol’aanaa (ultimate Success)

  1. Rabbiin namarraa jaallachuu
  2. Jannata seenu
  3. Jahannam irraa baraaramu

Milkaa’inni kunniin akkanumatti hin dhufan. Sababa (karaa tokko) hordofuun cimne hojjachuu nu barbaachisa. Rabbiin Olta’ee kaayyoo fi milkaa’inna jireenya keenya galmaan akka geenyu sababoota baay’ee nu mijeesse jira. Fakkeenyaf, nama soreessa taate mallaqa keetin milkaa’inna armaan olii argachuuf namoota hiyyeeyyi gargaaru dandeessa, Aalima (hayyuu) taate ummata kee barsiisu dandeessa, halkan yommuu namoonni rafan ati hirribaa kaate salaatu dandeessa, hanga humna keeti sadaqaa kennu dandeessa, dirqamoota Islaamni sirraa kaa’e galmaan gahuuf carraaqxa, wanta badaa irraa ni dheessita fi kkf. Kuni hundi sababoota kaayyoo ittiin geettu fi milkaa’inna itti argattuudha. Mataan isaanii milkaa’inna akka hin taane hubatamu qaba. Fakkeenyaf doktora ykn injinara yoo taate, dameen hojii kuni mataan isaanii milkaa’innaa ol’aanaa osoo hin ta’in karaa ati milkaa’inna kee ol’aanaa ittiin geessudha.

Kanaafu kaayyoo fi milkaa’inna jireenya erga addaan baafanne, sababni milkaa’inna ta’uu danda’aa ree? Yeroo ammaa wanta nama dinqisiisudha kaayyoo fi milkaa’inna ol’aanaa dagachuun ‘Sababa’ kaayyoo fi milkaa’inna ol’aanaa kan godhate meeqatu jira. Kanaafi jireenyi kan namatti dukkanooftef. Insha Allah ammaan booda cimne yoo hojjanne jireenyi nutti hin dukkanooftu, kaayyo, milkaa’inna ol’aana fi sababa addaan baafne waan beeknef. Mee amma kaayyoo keenya ragaa waliin haa ilaallu. Kaayyoon keenya

Rabbiin Gabbaruun Jaalala Isaa argachuu
Kaayyoon guddaan ilmi namaa ittii uumameef Rabbiin qofa gabbaruun jaalala Isaa argachuudha. Kaayyoo kanaaf, nabiyyoonni ergaman, kitaabonni buufaman, dhiigni dhangala’e. Rabbiin akkana jedha:

15:99

Hanga dhugaan (duuti) sitti dhuftu Gooftaa kee gabbari.” Suurat al-Hijr 15:99

Kaayyoon kuni kaayyoo salphaa miti. Dhalli namaa kaayyoo kana irraa yoo jallate jireenya jallinnaa fi gammachuu hin qabne gaggeessa. Ilmi namaa yommuu Rabbiin gabbaru, Rabbiin fayda wayitu gabbarrii isaanii irraa hin argatu. Kan of miidhu fi fayyadu ilmuma namaati. Yoo Rabbiin gabbare eeggumsa, qananii fi milkaa’inna Rabbiin irraa argata.

Yaa Namoota! Akka Rabbiin sodaattaniif jecha Gooftaa keessan kan isinii fi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa.” Suurat Al-Baqaraa 2:21 Aaya (keeyyata) tana ilaalchise Shekhul Islaam ibn Taymiyaan ‘Gabbarriin (ibaadan) maaliidha? Jedhame gaafatame. Innis akkana jechuun deebise,’ Gabbarrii (ibaada) jechuun maqaa waligalaa  dubbii irraa, hojii keessaa(dhoksaa) fi alaa (ifaa) irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduudha. Salaanni, zakaan, soomni, hajjiin, dubbiin dhugaan, amaanaa eegun, haadha abbaa toola oolun, firummaa eegun, waadaa guutun, wanta gaaritti ajajuun, wanta badaa irraa dhowwuun, kaafirota fi munaafiqootatti qabsaa’uun, ollaa, yatimoota,harka qalleeyyi, karaa deema, tajaajilaa, beeladoota kunuunsu fi tola oolufi, du’aayi (Rabbiin kadhachuun), zikriin, Qur’aana qara’uun fi kkf ibaadaa (gabbarrii) irraayyi. Haaluma kanaan, Rabbii fi Ergamaa isaa jaallachuun, Rabbiin sodaachun, amantii isaaf qulqulleessun (iklaasa qabaachun), murtii Isaatif obsuun (balaa nama qunnameef obsuun), qananii Isaatiif galata galchuun, murtii Isaatti gammaduun (wanta gaarii itti nama ajajee hojjachuu fi wanta badaa irraa dhowwamuun), Isarratti hirkachuun, rahmataa Isaa kajeelun,adabbii isaa sodaachunii fi kan kana fakkaatan ibaada (gabbarri) Rabbii irraayyi.” (Al-Ubudiyyat fuula 6) akka ibsaan kitaaba kanaa jedhetti ibaadan hojii qaamolee fi qalbii, dubbii arrabaa fi qalbii kan of keessatti hammateedha.

Hojii qaamolee yommuu jennu akkuma armaan olitti tarreefame salaatu, soomu, zakaa, hajjii fi kkf. Hojiin qalbii immoo Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuu, Rabbiin sodaachu, amantii Isaaf qulqulleessu (iklaasa qabaachu, niyyaa tolu), obsuu, galata galchuu, murtii Rabbitti gammaduu fi kkf. Dubbiin qalbii immoo (tokkichummaa Rabbiitti) amanuu fi dhugoomsu. Dubbiin arrabaa immoo zikrii, qur’aana qara’u, du’aayi, waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhowwuu, dubbii dhugaa dubbachuu fi kkf. Gabaabumatti akkana jechuun ni danda’ama ibaadan wanta shari’aan Islaama itti ajajje fi wanta namoota irraa dhowwite guutu of keessatti qabata. Karaa biraatin ibaada (Rabbiin gabbaruu) jechuun- ajaja Rabbiitti buluu fi wanta Inni dhowwe irraa dhowwamuudha. Dirqamoota Rabbiin itti nama ajaje bakkaan gahuu (hojjachuu) fi haraama (wantoota dhowwamaa) dhiisudha. Nabiyyoonni hundii isaanitu ummata isaanii Rabbiin qofa akka gabbaran waamaa turan. “Rabbiin qofa gabbaraa. Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.” Jechaa turan. (Al-Qur’aan 7:59, 7:65, 7:73, 7:85)

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

21:92
Dhugumatti isheen tuni amantii keessani, amantii tokkittii dha. Anis Gooftaa keessani, kanaafu Ana (qofa) gabbaraa.” Suurat Anbiyaa 21:92

Wanta armaan olitti tarreefame hundaa Rabbiin Aaya tana keessatti gudunfuun akka hojii irra oolchinu itti nu ajaja:

6:162

Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa (addunyaa) hundaatifii.” suurat Al-An’aam 6:162

Salaanni, qalmii (wareegni), jireenyi fi duuti teenya guutun yoo Rabbiif taate, maaltu nu dhiphisa? Halkanii guyyaa kan dhiphannuuf bar, hojiin keenya Rabbiin ala wanta biraatiif yommuu ta’uudha. Rabbiif jiraachu dhiisne yommuu wanta biraa jala fiignu mucucaanne kufna. Kanaafu, salaanni, ibaadan kamiyyuu, yoo Rabbiif ta’ee yeroo san ni milkoofna. Yoo Rabbii jenne jaalanne, yoo Rabbii jenne jibbine, Rabbiin na arga jenne wanta fokkuu irraa yoo fagaanne, Rabbiif jenne wanta gaarii yoo hojjanne ykn dubbanne, Rabbiif jenne yoo cal’isne, rakkoo nu qunnameef Rabbii jennee yoo obsine, jireenyi teenya milkaa’innaa fi gammachuun guuttamti. Kanaafu wanta biraatif jiraachu fi du’uu dhiisne Rabbiif jenne haa jiraannu, haa duunu.

Namni tokko erga Rabbitti amane ibaada (gabbarrii) irratti gadi dhaabbannaa (Istiqaama) isa barbaachisa. Insha Allah waa’ee Istiqaama gara funduraatti ni ilaalla, Rabbiin achiin nu haa gahu.

Kaayyoon tokko akkuma bu’aa qabu sababas qaba. Bu’aa kaayyoo keenya milkaa’inna jechuu ni dandeenya. Sababni immoo kaayyoo keenya galmaan gahuuf wantoota hojjanuudha. Sababni yoo hin jiraatin bu’aan ykn milkaa’inni hin jiru jechuudha. Addunyaan tuni kaayyoo ol’aanaa teenya ta’uu dandeessi? Iddoo gahuumsa isa dhumaa ta’uu dandeessi? Yeroo baay’ee namoonni addunyaa tanaa kaayyoo isa ol’aanaa fi dhumaa godhachuun of gowwomsu. Kaayyoon kana caalan ni jiru. Isaanis, Rabbiin gabbaruun jaalala Isaa argachuu, Ibidda irraa baraaramuun Jannata seenudha. Insha Allah torbaan bal’innaan ilaalla.

Kanaafu, addunyaa fi aakhira akkamitti walitti araarsina (walitti hiina)? Mee fakkii armaan olii ilaalaa. Sadarkaa gara jallaatti wanta addunyaa tana keessatti hojjachuu karoorfatte kaa’ii. Sadarkaa itti aanu irra immoo wanta kaayyoo fi milkaa’innaa ol’aanaa armaan olii galmaan gahuuf si gargaaru kaa’i. Fakkeenyaf nama dureessa ta’ee rakkataa gargaarun Jaalala Rabbii argachuun barbaada jette. Kanaafu sadarkaa tokkoffaa irratti wantoota dureessa akka taatuf si fayyadan kaa’atta. Fakkeenyaf, doktora, injinara, daldalaa gaarii fi kkf ta’uu. Sadarkaa lamaffaa irratti immoo dureessa ykn wanta tokko taate hawaasa rakkataa kee gargaarudha. Maaliif gargaarta? Kaayyoo ol’aanaa sanniin galmaan gahuuf, mitiree? Haala Kanaan wanti ati hojjattu hundi ibaada Rabbiitti jijjiramuun rahmata Rabbitiin milkaa’inna guddaa galmaan geessa. Kana hundaa hin danda’u yoo jette wanta maatii kee ittiin bulchitu karaa halaalatin argachuun ibaada irratti cimi. Addunyaa fi Aakhiraan wantoota addaan bahanii miti. Addunyaa fayyadamte Aahkira bitatta. Abu Bakar as-Siddiq, Abdurahman ibn Awf, Usmaan ibn Affaan dureeyyi turan. Qabeenya isaanii karaa Rabbii irratti baasun aakhiraa bitatan.Kaayyoon isaanii guddaa fi ol’aanaan addunyaa tana osoo hin ta’in Aakhiraa ture. Kanaafu, kaayyoon kee amma ifa hin taane? Fakkii armaan olii sirritti itti xinxalli.

Kitaabilee wabii

1 fi 2 Al-Majmu’al wasiix- fuula 977 fi 411 (Galmee jechoota Afaan Arabiffaa)

al-ubudiyata

Print Friendly, PDF & Email
Maal Gochuu danda'aa?
Furmaata Dargaggeessa Badee

6 comments

Leave a Reply