Maal Gochuu danda’aa?

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo fuula fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti qabamte.

Halkan rafuu hin dandeenye maal gochuu danda’a?
Hirribni qananiiwan Rabbiin ilma namaa irratti oole keessaa isa tokkodha. Hirriba dhabuu yookiin baay’isanii rafuu irraa kan ka’ee dhukkuboonni baay’een babal’atanii argamu. Kanaafu hirriba waliin yoo rakkoo qabaatte, maal gootaa? Tarkaanfiwwan kanniin hordofi.
1: badii fi cubbuu irraa dheessi. Wanti hanga cubbuu fi badii sammuu namaa quuqu fi cinqu hin jiru. Namni badii fi wantoota fokkuu raawwatu halkani guyyaa boqonnaa hin argatu. Wanti guyyaa hojjataa oolte, halkan sammuu kee quuqu fi jeequn hirriba sirraa ari’u. Kanaafu lakk.1ffaan karaan hirriba gaarii itti argatan, badii irraa dheessudha. Filmii fi saala faallaa waliin akkuma feete ta’uun yoo hirriba dhabde, mataa kee malee eenyullee hin komatin.
2: Jaalala namoota osoo hin ta’in Jaalala Rabbii barbaaduf hojii gaggaarii baay’isanii hojjachuu- wanti hanga jaalala Rabbii argachuuf hojii gaggaari hojjachuu caalaa boqonnaa sammuu, nageenya fi tasgabbii sii kennu hin jiru. Sababni isaas, nageenyi fi tasgabbiin Rabbiin irraayi. Yoo Inni nageenya namaa hin kennin, eenyutu nageenya namaa kenna? Rabbiin warroota Isatti kafaran tasgabbii fi boqonnaa sammuu isaan dhowwachun addunyaa tanatti isaan adaba. Baay’achuun qabeenyaa isaanitti abaarsa taate. Namni Rabbiin beeku, jaalala Isaa barbaadu fi hojii gaggaarii hojjatu, boqonnaa sammuu fi tasgabbii argata. Yommuu namoonni naannoo isaa hirriba dhabanii fi dhama’an, inni nageenya fi tasgabbiin jireenya ofii gaggeessa. Kanaafu lakk.2ffaan karaan halkan hirriba gaarii itti bulan, Jaalala Rabbii argachuuf hojii gaggaarii hojjachuudha. Jaalala namoota argachuu fi isaan garmalee gammachisuuf carraaqu dhiisudha. Na argaa (ar-riyaa) irraa fagaachudha.

3. Yommuu galgalaa’u wantoota sammuu kakaasan kanneen akka bunaa, shaayi, coca cola, fi kkf hin dhugin, chikolata fa’a hin nyaatin yoo hojii baay’ee qabaatte malee.
4. Yommuu gara hirribaa deemtu chaati fi wantoota faaydi hin qabneen of dhamaasu osoo hin ta’in, kitaaba gaggaari dubbisi, dawa’aa Islaama dhageefadhu.
5. Erga gara hirribaa deemte booda hawwii sobaatin hirriba ofirraa hin ari’in. Yommuu hawwiin sammuu fi fedhiin sitti dhufu, sheyxaana Rabbitti mangafadhu. Jedhi A’uzubillaahi mina sheyxaani rajim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama). Du’aayi qara’i. Du’aayi suura al-Baqara gara dhumaatti argamtu fi ayat-al kursiyyi qara’i rafi.
6. Yommuu hirribni yeroo barbaaddetti dhufu dide, dallanuun sammuu kee hin jeeqin. Filmii ilaalu fi chaati gochuu irra, olka’i salaata raka’a sadii ykn san caaltu salaati. Yoo filmii ilaalte halkan hirriba malee bulta, sammuu keetu jeeqama.
7. Guyyaa yeroo yoo qabaatte, daqiiqa 30f ykn sa’aati tokkoof rafi.
8. Halkan sa’aati 8 waan hin rafneef guyyaa hojii irraa of hin jeeqin. Hojii kee irratti xiyyeefadhu. Jireenya kee keessatti hirriba fi nyaata yoo baay’iste, sammuun kee ni dooma. Isaan lamaan kanniinif madaala sirrii kaa’i. Guyyaa wiyxataa ykn kamisaa soomun boqonnaa sammuu si kenna, fayyaa fi hojii kee foyyessa.

Saala faallatti harkifamaa, maal gochuu danda’aa?
Dhugumatti qormaanni saala faallaa baay’ee ulfaatadha. Isa darbuun, injifannoo fi kabaja guddaa goonfachuudha. Akkasumas isa kufuun jireenya salphinnaa fi dhiphinna jiraachudha. Garuu yommuu humni keessaa gara saala faallatti si dhiibu maal gochuu dandeessaa?
1. Nafsee teetti qabsaa’i- akkuma jedhamu jihaanni guddaan jihaada (qabsoo) nafsee (lubbuu) ofii irratti adeemsifamuudha. “Akkuma diinota keessanitti qabsooftan nafsee teessanittis qabsaa’a.”jedhu Maalik ibn Dinaar. Yoo diinni keessaa hin moo’atamiin diinni alaa hin moo’atamu. Hanga dandeessun nafsee gara saala faallaa deemu irraa qabii. Yommuu keessi kee akkana siin jedhu “Isa/ishii bira deemi itti haasawi, wanta badaa hin hojjattanii silaa waliin taphadhu, nagaha fi salaama gaafadhu. Wanta gaarii godhiif ajrii(mindaa) argattaa….” Ati immoo akkana jedhiin, “Cal’isi! A’uzubillahi mina sheytaani rajiim,Insha Allah lakki! Gonkumaa hin deemu, maal gochuuf deema? Hin deemu…”
Shamara waliin kophaa hin taa’in, fedhii kee hin hordofin ni baddaati.

2. Zikrii baay’isii godhii– Akkuma Rabbiin baay’iste yaadattuun akkasuma sheyxaana irraa tiikfamta. Akkuma Rabbiin dagattuun sheyxaanni si qabate baditti si darba.
3.Ija kee gadii qabadhu- akkuma ija kee gadii qabattuun fedhii ibiddaa keessa keeti too’atta.
4. Sodaa fi jaalala Rabbii dabalachuu- Qur’aana qo’achuu fi hojii irra oolchun, tafakkura (ardii fi samii irratti xinxalluun), qananii Rabbiin sirratti oole yaadachu fi galata Isaa galchuun sodaa fi Jalaala Rabbii dabalatuu dandeessa. Aalimni beekkamaan Mujaahid (Rabbiin rahmata isaa haa godhu) akkana jedhe,”Qananii gara Islaama qajeelfamuu moo fedhii duwwaa hordofuu irraa baraaramutu irra caalaa akka ta’ee hin beeku.” Kana jechuun Islaamatti qajeelfamu moo fedhii hordofuu irraa baraaramutu caalaa? Dhugumatti qananiwwan lamaan kana guddinna isaani beekun ni ulfaata. Meeqa kamtu Islaama dhabee fi fedhii ofii hordofuun baditti kufe! Ammallee meeqa kamtu erga Islaama argate booda fedhii ofii hordofuun baditti of darbee! Kanaafu yommuu qananii kanniin yaadannu Rabbii galata galchuun jaalalli fi sodaan Isaa qabnu ni dabala.
5. Hojii gaarii hojjadhu– akkuma hojii gagaarii iklaasan baay’iste hojjattuu fi Rabbiin irraa araarama kadhattuun, akkasuma jaalalli fi sodaan Rabbii sii dabala. Hojii gaariin inni duraa dirqamoota Islaama kan akka salaata, soomaa, zakaa fi kkf sirnaan bahuudha. Yommuu dhugaan amantuu fi hojii gaggaarii iklaasan hojjattu wanta Rabbiin Qur’aana keessatti namoota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif waadaa galee ni argatta. “Qur’aanni iccitiwwan isaa namoota isa qo’atanii fi hojii irra oolchuuf carraaqaniif ifatti baasa.” Kanaafu akkuma hojii gaggaarin of xamaddu, qalbiin tee umaamtootatti maxxanuu irraa ni hir’atti.

6.Miidhaa saala faalla waliin makamuu irraa dhalatu yaadadhu- yaadadhu! Hangam sammuun kee akka jeeqamu yommuu saala faallatti makamtu, halkan hirriba malee akka bultu. Yaadadhu hangam Rabbiin irraa fagaachun sheyxaanatti dhiyaattu. Yaadadhu badii baay’ee saala faallatti riiqachuu irraa dhalatu.
7.Yeroo saganteessi- jireenya addunyaa tana qofaatifii mitii jireenya aakhiraatifis (jireenya boodaaf) cimii hojjadhu. Addunyaa fi Aakhira walitti hidhi. Aakhiraa gonkumaa hin dagatin. Jannataa fi ibidda jahannam yommuu fundura kee fidde itti yaaddu, gara badiitti deemu irraa si baraara. Namni tokko jireenya dhiphoo kan jiraatu yommuu aakhiraa dagate addunyaa tana qofatti of maxxansuudha. Kanaafu yeroo kee sirnaa fi sagantaan itti fayyadamuun addunyaa fi aakhiraaf carraaqadhu. Of hin dagatin. Of dagatuun jireenya aakhiraa dagachuun of hoongeessudha. Jireenya addunyaa tanaa hangam gabaabdu akka taate hubadhu. Kanaafu jireenya tana wanta badaa irratti qisaasessun hongoo akkamii!
8. Du’aayi baay’isi – gonkumaa mataa keetin badii irraa of tiiksu hin dandeessu yoo Rabbiin si hin tiiksin. Kanaafu akkamitti badii irraa eeggumsaaf Rabbiin hin kadhanne? Maaliif du’aayi irraa dheessinaa? Akkuma du’aayi baay’iste gootun gara oliitti oldeemta. Kanaafu Rabbiin badii irraa akka si tiiksu baay’iste kadhachuun, qormaata cimaa kana jala darbii.

“Ani nan jaaladhaa ishiin garuu na hin jaalattu. Maal haa godhu?

Gaafin kuni dargaggoota baay’een ni gaafatama. Inuma shamarran baay’een gaafatamuu danda’a. Eeti jaalala too’achuun salphaa miti. Garuu jaalala too’achuun garmalee ulfaatadha jenne fedhii keenya guuttachuuf karaa haraama fi miidhaa geessun deemu hin qabnu. Obsuu fi too’achuuf qabsaa’u qabna. Gaafi kana akkanatti haa deebisu. Michuu godhachuuf ishii yoo barbaadde si jibbuu dhugaa qabdi/qaba. Ishiin nama dhugaati fi qarooti jechuudha. Sababni isaas qulqullummaa fi kabaja ofii eegu barbaaddi, si immoo badii irraa si baraaru feeti. Kanaafu ati badii zinaa (sagaagalummaa) irraa baraaramu hin barbaaddu ree? Karaa sirrii hin taanen itti dhihaachuf yaalaa jirtaa jechuudha. Akkana siin jechaa jirti ‘jireenya kiyya karaa haraamatin balleessuf waan natti deemaa jirtuuf si hin fedhu.’ Eeti amala ilma nama ta’e ishii irraa jaalalan qabamuu dandeessa. Garuu wanti sirraa eeggamu hanga fuutu obsuu, hojii gaggaarin of sakaalu, ija ofii gadii qabachuu, filmii,diraama dhiira fi dubartiin wal keessa yaa’an ilaalu dhiisu, baay’isanii saalaa faalla fuudhu danda’an waliin haasawu irraa fagaachu, bakka hundaa yommuu deemtu zikrii gochuu… Waa’ee kanaa bal’innaan barruu “Qorsa Jaalala” irraa argachuu dandeessu.
Garuu fuudhaf yoo ishii barbaadde fi si didde, aarii fi dhiphinnaan of ajjeessu hin qabdu. Amantaa kee guutu Rabbirra godhii. Rabbii naaf gahaadha jedhi. Yoo obsitee fi waan gaarii Rabbirraa eegde Rabbiin waan gaarii si kennu danda’a. Kana hin irraanfatin obsii hadhaa gara mi’aawatti jijjira. yoo hadhaa jaalala obsaan dabarsite InshaAllah jireenya kabajaa fi gammachuu jiraatta. Obsi, Rabbirratti hirkadhu,du’aayi godhii, aklaaqa kee bareechisi, abdii hin kutin..

Like https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu

 

Milkaa'inna Ol'aanaa
Kaayyoo Jireenyaa
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.