Milkaa’inna Ol’aanaa

Torbaan darbee kaayyoon keenya maal akka ta’e murteessinee turre. Kaayyoo keenya erga murteessine booda milkaa’inni keenya maal akka ta’e tarreessinee jirra. Rabbiin qofa gabbaruun karaa milkaa’innaa fi gammachuu hundaa bana. Teepha fi sakallaa gabrummaa namarraa kaasun faaya bilisummaa fi gammachuu namatti dira. Salphinni kan nama haguugu yommuu Rabbiin ala wantoota biraatiif gadi jedhanii fi bulaniidha. Rabbiin qofa gabbaruun rizqii (soorata) ni bal’isaa malee hin dhiphisu. Osoo sooranni namaa xiqqaa ta’eeyyu keessi isaa gammachuun kan guuttameedha. Namoonni yeroo baay’ee soorataaf dhiphachuun kaayyoo guddaa uumamaniif dagatu. Kuni immoo milkaa’inna fi gammachuu ganda lamaanitu akka dhaban isaan taasisa. Jireenya addunyaa tanaa garmalee jibbanii hundeema tan dhiisaniis miti. Akkasumas garmalee jaallatanii hundeema itti maxxananiis miti. Madaala kaa’ufii barbaachisa.

Salafoota keessaa Bilal ibn Sa’ad akkana jedha:

“Yaa namoota taqwaa (Rabbii sodaattanii)! Akka baddaniif osoo hin ta’in marsaa tokko irra gara marsaa biraatti darbuuf uumamtan. Dugda abbaa keessanii irraa gara gadaamessa haadha keessanitti dabarfamtan. Ergasii gadaamessa irraa gara jireenya tanaatti, ergasii jireenya tanarraa gara awwaalchaa, sana booda awwaalcha irraa gara Dhaabbanaa (Walgahii guddaa Guyyaa Qiyaamaa) ergasii walgahii kana irraa gara jireenya zalaalamii (yeroo hundaa turutti) takkaa Jannata takkaa immoo Jahannamitti dabarfamtu.” 1

Kanaafu jireenyi tunii marsaa keessa dabarru taate osoo jirtuu kaayyoo keenya ol’aanaa ta’uu dandeessi ree?

Umar bin Abdul-Aziiz akkana jedhe:

“Jireenyi tunii iddoo jireenyaa dhaabbataa keessanii miti, jireenyi tuni akka dhumattuu fi namoonni ishii akka gadi lakkisan Rabbiin barreesse jira. Namoota meeqatu wanta xiqqoo fi badu ijaaranii fi tolchan. Jiraatota meeqatu haalli jireenyaa itti tole garuu yeroo muraasan booda gadi lakkisanii deeman. Kanaafu Rabbiin rahmata isiniif haa godhu, wanta gaarii isin bira jiruun imalaaf qophaa’a. Siinqii gahaa qopheeffadhaa. Dhugumatti siinqiin hundarra caalu taqwaa (sodaa Rabbiiti). Addunyaan tuni mu’iminaaf (nama amaneef) iddoo jireenya dhaabbataa yookiin biyya isaa waan hin taaneef, haalli mu’iminaa haala lamaan keessaa haala tokko irratti ta’uun wanta isaaf maluudha. Yookaa akka nama alagaa (gariibaa) biyya ormaa keessa jiraatu ta’a. Yaanni isaa guutun gara biyya ofii deebi’uuf siinqi (galaa) qopheefata. Yookiin immoo mu’iminni keessumma iddoo murtaa’a (dhaabbataa) hin jiraanne ta’a. Halkanii guyyaa gara iddoo jireenya dhaabbataa ofiitti deebi’uuf adeema.”2

Dhugumatti namni mu’imina ta’ee addunyaa tana keessatti akka nama alagaa yookiin keessummaa ta’a. Namni biyya ormaa jiraatu waa hojjate biyya ofitti jireenya gaarii jiraachu barbaada. Keessummaanis nama tokko bira bule gara biyya ofitti deebi’uuf carraaqa. Mu’iminaaf biyyi ykn iddoon jireenya dhaabbataan Jannata. Gara biyya ofitti deebi’uuf wanta humni isaa danda’ee guutu qopheefata.

Abdullah ibn Umar (radiyallahu anhumaa) akkana jedha:

“Ergamaan Rabbii (SAW) ceequ kiyya qabuun akkana jedhan,

“‏ كُنْ فِي الدُّنْيَا كَأَنَّكَ غَرِيبٌ، أَوْ عَابِرُ سَبِيلٍ ‏”

”Addunyaa keessatti akka nama alagaa yookiin akka karaa deemaa ta’i.” Abdullah ibn Umar akkana jechaa ture,”Yoo galgalefatte ganama hin eegin. Yoo bariisifatte, galgala hin eegin. Dhukkubbii keetiif fayyaa kee qabadhu, du’a keetiif jireenya kee qabadhu. (kana jechuun dhukkubbii fi du’aan dura fayyaa fi jireenya keetti fayyadamuun hojii gaarii hojjadhu.)” (Sahiih Al-Bukhaari)

Ibn Rajab akkana jedha,”Jalqaba Rabbiin Aadamii fi Hawwaa Jannata keessa kaa’e. Ergasii achii ni baafaman. Garuu isaanii fi sanyiin gaggaariin isaanii mana jalqabaa kanatti akka deebi’an waadaan isaaniif galame jira. Kanaafu, manni jireenyaa dhugaan (dhaabbataan) kan mu’iminaa Jannata. Addunyaa tana keessatti, mana isaatirraa fagaate akka nama alagaati. Kanaafi, mu’iminni mana jalqabaa sanatti deebi’uuf yeroo hundaa dharra’a.”3

Jamaal Zarabozo akkana jechuun maalummaa ‘Alagaa (gariiba)’ ibsa,” Namni alagaan gara biyya ofii deemu barbaada. Bakka jiru kanatti (hojii malee ta’uun) yoo beelan of ajjeesse yookiin imala ofiitiif galaa qopheefachuuf aarsa kafalaa osoo jiruu bakka amma jiru kana jiraachuf humna dabalataa yoo baase gara biyya ofii deebi’uu akka hin dandeenye namni alagaan ni beeka. Dhugaadha, qalbiin mu’iminaa addunyaa tanatti tan maxxantee miti. Garuu gara mana jireenya dhaabbataa isaa deebi’uuf addunyaa tana keessatti hojjachuu akka qabu hubachuu qaba. Kanaafu, nama amaneef kuni iddoo hojiiti- kaayyoo ofii gahuuf ni hojjata. Hojiin kuni amantii dhugaa fi hojii gaggaarii dirqamaa yookiin jaallatamaa ta’an of keessatti kan hammateedha. Kuni dhugumatti mana jireenya dhabbataa isaa gahuuf siinqi (galaa) isa gargaarudha. Garuu hojii isaa keessaa gariin addunyaa tanaan kan wal qabatuudha. Nama alagaa haa ta’uyyuu malee addunyaa tana waliin hidhata qabaachu qaba. Mataa ofiitii fi maatii ofii gargaaru qaba. Wanta gaaritti ajajuu fi wanta badaa irraa dhowwuun dirqama isarra jiru. Namootaf mararfachuu fi tola isaanii oolun dirqama isaati. Kanaafu,inni addunyaa tana keessatti alagaa ta’ee osoo jiruu waan gaarii addunyaa tanaaf ni gumaacha. Haa ta’uu malee, addunyaa tana kaayyoo ol’aanaa godhachuun ishiif kan hojjatu miti. (Addunyaa tana fayyadamuun kaayyoo ol’aanaa ofii gaha.)”4

Al-Hasan al-Basri akkana jedha, “Mu’iminni (namni dhugaan amane) addunyaa tana keessatti akka gariibaa (alagaati). Salphinna ishiitiif hin gaddu. Yookin immoo kabaja ishiitif hin dorgomu. Inni kaayyoo tokko qaba, namoonni immoo kaayyoo biraa qabu.”(5)

Ammas mu’iminni addunyaa tana keessatti akka nama karaa deemaa ta’uu akka qabu Ergamaan Rabbii (SAW) nuuf dhaamanii jiru.

Ibn Hajar akkana jedha,”Akkuma karaa deeman gahuumsa isaa gahuuf wanta isa barbaachisu caalaa hin fudhanne, mu’iminnis gahuumsa dhumaa (Jannata) gahuuf wanta isa gargaaru caalaa addunyaa tanaaf haajaa hin qabu.” (6)

Jamal Zarabozo ammas akkana jedha, “Kanaafu, mu’iminni addunyaa tana baay’isee walitti sassaabutti fedhii guddaa hin qabu. Sababni isaas, wantoonni akkanaa adeemsa isaa akka itti hin fufnee fi salphatti akka hin deemnef gufuu itti ta’uu. Wantoota addunyaa tanaatti yoo harkifamee fi maxxane, mu’iminni adeemsa (imala) irra jiraachu isaa ni dagata. Gahuumsa isaatti dhiyaachu dhiise qabeenya addunyaa tanaa osoo kuusu fi garmalee itti maxxanuu tarkaanfii isaa itti aanu akka hin tarkaanfanne isa taasisa. Adeemsa fi gahuumsa dhumaa isaatif siinqi qopheefachuu dhiise bakka amma jiru jiraachuf wantoota addunyaa tanaa walitti kuusaa jiraa jechuudha.

Karaa biraatin wanti karaa deemaan hundii beeku qabu tokkotu jira. Wanti sunis, karaa irraa akka hin banne yookiin hin gorredha. Karaa deeman mu’iminaa Gooftaa isaatin wal-qunnamuuf yeroon dheeraa ta’uu danda’a. Karaa irratti wantoota baay’eetu duubatti isa harkisa. Fakkeenyaf sheyxaanni mu’imina karaa irraa jallisuuf garmalee carraaqa. Kanaafu, mu’iminni adeemsa irra jiru kallatti sirriitti deemuf qajeelcha fi gargaarsa Rabbiin irraa yeroo hundaa barbaadu qaba. Xiqqooma daandii kana irraa jallachuun isa balleessu danda’a. Ergasii dhumni isaa tasa isatti dhufuun carraa gara daandii sirriitti deebi’u gonkumaa hin argatu. Rabbiin haala sodaachisaa kanaaf mu’imintoota dammaqsun raka’aa hunda keessatti “Gara daandii sirrii nu qajeelchi.” Jedhanii akka Isa kadhatan isaan qajeelcha. “(7)

Hanga ammaa eessa deemaa akka jirru ifa isinii ta’aa jira fakkaata. Addunyaa tana keessa yeroo hundaa hin jiraannu. Wanta hojjachuu qabnu addunyaa tana keessatti erga raawwanne booda guyyaa tokko ishii keessaa ni godaanna. Gaafin guddaan godaanu osoo hin ta’in kaayyoo ol’aanaa fi gahuumsa keenyaf maal qopheessinee?

Akkuma torbaan darbe jenne kaayyoon keenya ol’aanaan Rabbiin gabbaruun jaalala Isaa argachuuf yoo ta’u milkaa’inni nama kana hojjateef immoo Rabbiin isarraa jaallachuu, ibidda irraa baraare jannata isa seensisuudha. Jireenyi duniyaa tanaa gowwoomsituu fi xiqqoo akka taate fi ibidda irraa baraaramanii Jannata seenun milkaa’inna guddaa akka ta’e Rabbiin haala kanaan ibsa.

3:185

Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi duniyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Ali-Imraan 3:185)

Mu’iminni ibidda irraa baraarame Jannata erga seenee booda milkaa’inna kana caalutu jira. Innis Jaalala Rabbiti. Mootii fi Gooftaan aalamaa (addunyaa) hojii kee sirraa yoo jaallate, dallansuu Isaatirraa yoo baraaramte, milkaa’inni kana caalu eessa jiraa? Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

9:72

Rabbiin mu’mintoota dhiiraatii fi dubartootaf Jannata laggeen ishee jala yaa’an, achi keessatti kan hafan ta’anii fi manneen gaggaarii Jannataa qubsumaa keessa jiran waadaa galeefi jira. Garuu Jaalalli Rabbiin irraa ta’e kana hundarra caala. Kunii MILKAA’INNA GUDDAADHA. “ (Suuratu At-Tawbaa 9:72)

Kanaafu milkaa’inni ol’aanan tokkoffaan dallansuu Rabbii jalaa bahanii jaalala Isaa argachuudha. Milkaa’inna kanaa fi kanneen lamaan hafan galmaan gahuuf xiqqaate xiqqaatu ulaagaaleen lama guuttamuun dirqama ta’a. Isaaniis, dhugaan amanuu fi hojii gaarii hojjachuudha. Yeroo baay’ee Rabbiin warroota milkaa’oo yommuu kaasu, Qur’aana keessatti “Warroota amananii fi hojii gaarii hojjatan…” jechuun mindaan isaanii maal akka ta’e ibsa. Namni amanee hojii gaarii yoo hin hojjatin, imaanni isaa qullaa ta’a. Akkasumas hojii gaarii hojjate yoo hin amaniin hojiin isaa akka dhukkee (daaraa) bittinaa’a. “Amanne jirra salaata salaatun hin barbaachisu, Rabbiin hojii gaarii keenya irraa maal godha?…”warronni jedhan dhugumatti of gowwoomsaa fi karaa sirrii irraa bahaa jiru. Osoo oyrutti midhaan hin facaasin callaa isaa abdatu. Akkasumas, warroonni tokkichumaa Rabbitti osoo hin amaniinii fi hin dhugoomsin, “Hojii gaarii hojjanne.” jedhanii boonan, kasaaraa malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Haala isaanii Rabbiin haala kanaan ibsa:

Sila warra hojiin isaanii akkaan honga’oo ta’e isiniif himnuu?” Jedhiin.
Isaan warra odoo dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu addunyaa keessatti hojiin isaanii jalaa badeedha.
Isaan sun warra keeyyattoota Gooftaa isaanitii fi wal-qunnamtii Isaatti kafaranii dalagaan isaanii baddeedha. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa madaala isaaniif hin dhaabnu. Isaan sun waan kafaranii keeyyatoota Kiyyaa fi Ergamtoota Kiyyas qishnaa (baaco) godhataniif galanni isaanii jahannami.” Suuratu al-Kahf 18:103-106

Warroonni milkaa’oon eenyu fa’a akka ta’an itti aanse Rabbiin dubbata.
“Dhugumatti, isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws iddoo simannaa isaaniif taatee jirti. Ishee keessa yeroo hunda jiraatu. Ishee irraa jijjiramuu hin barbaadan.” Suuratu al-Kahf 18:107-108

Kanaafu Rabbitti fi Guyyaa Qiyaamatti kafaruun (amanuu diduun) kufaati guddatti nama geessa. Warroonni kafaran ‘Hojii gaarii hojjachaa jirra.’ jedhanii yaadu garuu hojiin isaanii akka jalaa badaa jiru quba hin qaban. Sababa kanaan hoonga’oo fi kasaartoota ta’u.

Amanuu fi hojii gaarii hojjachuun immoo milkaa’innaa fi gammachuu guddatti nama geessa. Dhugaan amanuu yommuu jennu ‘Tokkichummaa Rabbitti amanuu, Malaykoota Isaa, Kitaaboota Isaa, Ergamtoota (Rusuloota) Isaa, Aakhiraa (jireenya boodaa) fi al-qadar ‘itti shakkii tokko malee amanuudha. Kunniin utubaalee imaanati.

Utubaalee imaanaa jahan kanniin qalbii keessatti sirritti hidda qabsiisu barbaachisa. Hidda yoo hin qabatin namtichi asi achii daaqun dukkana jireenya keessatti kufa. Yeroo hundaa beekumsa barbaadu fi Rabbiin irraa qajeelcha fi gargaarsa kadhachuun qalbii keessatti gadi dhaabun ni danda’ama.

Ulaagan lamaffaan milkaa’inna guddaa itti argatan hojii badaa irraa fagaatanii hojii gaggaarii hojjachuudha. Hojiin gaariin hojjatamuu Rabbiin biratti fudhatama argachuuf ulaagaalee lama guutu qaba. Isaaniis;

Rabbii qofaaf jedhamee kan hojjatamuu fi Sunnaah (karaa) Ergamaa Rabbii (SAW) waliin kan wal simatu ta’uu qaba. Hojii hojjatamuu sirrii ta’ee garuu jaalala Rabbii argachuuf yoo hin ta’in hojiin suni fudhatama hin argatu. Fakkeenyaf, namtichi sadaqaa kennu jaalala Rabbii osoo hin ta’in faaru fi jaalala namootatiif yoo sadaqaa kenne, hojiin isaa kuni Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. (Ilaali suurat al-Baqaraa 2:264,al-kahf 18:110,al-Maa’un 107:6)

Akkasumas, hojiin hojjatamuu Jaalala Rabbii argachuuf ta’ee garuu karaa Ergamaa Rabbii (SAW) waliin kan wal-simatu yoo hin ta’iin, hojiin suni namticha hin fayyaddu. Fakkeenyaf, yommuu salaatu, zikrii godhuu, fi kkf hojjatu sunnaah Ergamaa Rabbii dhiise bida’aa (wanta haarawa amantiitti dabalamee) yoo hordofe ykn ragaa malee fedhii lubbuu hordofuun yoo hojjate , hojiin suni Rabbiin biratti fudhatama hin argattu. Ragaaf, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

‏ مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ فِيهِ فَهُوَ رَدٌّ ‏”‏‏”

Dhimma (Amantii) keenya kana keessatti namni wanta isa (amantii) keessa hin jirre haarawa uume, wanti suni fudhatama hin argatu.” Sahiih al-Bukhaari

Dhugumatti bida’aan wanta garmalee sodaachisaa fi namni hundi kan of eegu qabuudha. Namni cubbuu irraa tawbachuu danda’a. Garuu sheyxaanni bida’aa waan itti bareechisuuf, hojii kana dhiise tawbachuun itti ulfaata.

Guduunfaa
Garam akka deemaa jirru murteessine. Tuqaa gahuumsa keenyas barree. Milkaa’inna tarreessinee kana galmaan gahuuf carraaqqi addaan hin cinne barbaachisa. Carraaqqin yoo hin jiraatin milkaa’inni hin jiru jechuudha. Addunyaan tuni iddoo jireenya yeroo hundaa keessa jiraannu miti. Yeroo muraasan booda du’aan asirraa deemna. Karaa dheeraa deemnu kanaaf galaa (siinqii) qopheefachu nu barbaachisa. Siinqin suniis sodaa Rabbii (taqwaa) qabaachu, hojii gaarii hanga humna keenyaa hojjachuu, hojii badaa immoo guutumatti dhiisu ykn irraa fagaachudha. Ilma namaa ta’uu keenyaf waan dogongorruuf yeroo hundaa Rabbiin irraa araarama, qajeelcha fi gargaarsa kadhachuun daandii sirriitti akka deebinu nu taasisa.

Akkaataa kaayyoo keessan itti murteessitan beekuu barbaaddu? Yoo akkas ta’e, kitaaba “Yaadaa fi Milkaa’ina” jedhu dubbisuu dandeessu. Waa’ee kitaabaa fi akkaataa itti bitamu linki kana irraa ni argattu: https://sammubani.com/2021/10/23/yaadaa-fi-milkaaina-kitaaba-guutuu/#.YXZQ_p5BzIU

Kitaabilee wabii
1 fi 2 “Life is A Fading Shade fuula 14-15 Arabic Adduniya zillu zaa’il
3,4,5,6 fi 7 Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi jildii 2ffaa fuula 1268,1269, 1271

Print Friendly, PDF & Email
Hanna
Maal Gochuu danda'aa?

One comment

Leave a Reply