Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.14

Barruun tuni walitti kuufama barreefamoota gaggabaabo Jireenya Badhaatu kan ji’a Hagayya 2016 ti.

Osoo dhukkuba jaalalatiif furmaata barbaaddu, karaa irratti rakkoon baay’een si qunnamuu danda’a. Cinqiin, keessi gubachuun, dharra’uun, gadduun, addummeen, hirriba dhabuun fi kkf sitti dhagahamu danda’u. Furmaanni hundarra gaarii nama dhukkuba jaalalaatin qabamee, Rabbiin baay’isanii yaadachuu, hojii gaarii waliin ko’oomu, beekumsa Islaama barbaadu, kaayyoo jireenya yaadachu (Jannataa fi Jahannamii yaadachu), yoo danda’ame fuudhu/heerumu, soomu, haraama ilaalu irraa fagaachu fi kkf. Yommuu sheyxaanni wanta badatti si waswaasuu (kakaasu), Rabbiin yaadadhu, badhaasa fi adabbii Isaa yaadadhu. Laalan jaalala laalaa ibidda jahannamii gadi akka ta’e hubadhu. Laalaa jaalala qabbaneessuf karaa haraamatin kan deemtu yoo taate addunyaa aakhiratti akka salphattu yaadadhu. Laalaa jaalala qabaneessuf zikrii afaani hin buufatin. Yommuu Rabbiin faarsitu fi yaadattu, qalbiin tee qabbana, tasgabbii fi nageenya argatti. Garuu yommuu nama san faarsitu fi yaadattu wanti ati argattu dhiphinna, hirriba dhabuu, keessi kee gubachuu fi kkf dha. Eeti nama san guutumaan guututti sammuu keessaa baasun sitti ulfaachu ta’uu danda’a. Garuu wanti ati gochuu dandeessu obsuu fi haraamatti akka hin kufne du’aayi gochuudha. Obsii hadhaa mi’aawatti akka jijjiru yaadachudha.
“Yaa Rabbii akkuma gabroottan filatamoo Kee sheyxaana irraa tiksite nullee tiiksi.”

Cal’isuun warqiidha. Gaarii qofa dubbachuun immoo warqii warqii caalu.

Akkuma Rabbitti dhiyaattu fi beektun akkasuma tasgabbii, boqonnaa sammuu fi nageenya argataa adeemta. Akkuma Rabbiin irraa fagaattun, akkasuma tasgabbii, gammachuu fi boqonnaa sammuu irraa fagaata fi dhabaa adeemta.

Takkaa nama tokko irraa jaalalan qabamnaan, isa/ishii malee nama biraa arguu irraa jaama taata, amala badaa isaa/ishii dhagahu irraa duuda taata. Amala badaa isaa/ishii kan agartu fi nama isarra/ishirra gaarii ta’e kan barbaaddu yommuu jaalalli qabbanaa’edha. Kanaafu, nama fuudhu/itti heerumu heddu, sababa maaliif akka jaallatte sirritti itti yaadi. Yoo imaana isaatif/ishiitif jaallatte, sun sirriidha. Garuu qabeenya fi miidhaginna qofaaf yoo jaalatte haala sodaachisa keessa jirta. Kanaafu saahiba jireenya kee of eeggannoon filadhu. Obsi hin jarjarin. Atillee nama filatamaa ta’i argami.

Gabroottan Rabbii filatamoo keessaa tokko ta’uun wanta akkam bareeduu! Gabricha/gabritti Rabbii ta’uun kabajaa fi bilisummaa hunda caaludha. Kabajaa fi bilisummaa akkanaa gonkumaa bakka kamittu argachuu hin dandeessu. Mee moototaa fi bulchitoota ilaali. Bilisummaa fi kabaja akka qaban godhani yaadu. Garuu meeqa isaanitu salphate fi xiqqaate addunya tana irraa godaane. ‘Kan nu caalu hin jiru’ osoo jedhanu hundaa gadi ta’uun salphatan, kan akka fira’awna.Fuggisoo kanaa immoo Nabiyyoota fi gabroottan Rabbii gaggaari ilaali. Kabajni fi bilisummaan isaani fiixe tuqa. Yeroo hundaaf ni yaadatamu, ni kabajamu. Kanaafu gabroottan Rabbii filatamoo keessaa ta’uuf yeroo hundaa gara Rabbii tawbaa dhugaan deebi’i, Rabbiin irraa araarama barbaadi, Aakhira kaayyoo jalqabaa kee godhi, hojii gaggaari hojjachuuf carraaqi, ibaada irratti cimi fi obsa qabaadhu.

Injifannoof guyyaa hundaa jabaatte yoo hin hojjatin, takkaa diina keessa keetitin takkaa diina alaatin takkaa immoo diina keessaa fi alaatin ni moo’atamta.

Jireenya keessatti wanta si fayyadu fi hin fayyanne, nama si fayyadu yookiin ati fayyaddu fi nama miidha isaatirra nagaha hin baane sirritti addaan baafadhu. Ta’uu baannan gara funduraatti gatii ulfaata kafalta, ni gaabbita. Yoo hiriyyaa badaa filatte isa/ishii hordofuun warroota honga’an keessaa taata. Wanti hanga hiriyyaa badaa hamaan hin jiru. Hanga fedhe imaanni kee jabaa haa ta’uu, isaan waliin yeroo dheeraaf bakka waan badaa hojjatanitti yoo turte, imaana kee balleessu. Akka magneetti si harkisu. Wanta fokkuu si jala qabun atille akka baddu barbaadu, yeroo hundaa akka isaanii akka taatu hawwu. Kanaafu hiriyyaa badaa irraa of eegi.


Akkasumas wanta guyyaa hundaa hojjattu sirritti filadhu. Wanti ati hojjattu kaayyoo kee waliin deemu fi deemu dhiisu isaa of gaafadhu. Yoo hin ta’in yeroo wuddii tee irratti hin gubin. Wanta kaayyoo kee waliin deemu soqii hojjadhu. Jireenyi haala kanaan hojjatti. Ta’uu baannan, furtuu sirrii hin taanen jireenya nan bana yoo jette, gonkumaa hin bantu.

“Dallansuu fi of tuulun hundee badii hundaati.” Yommuu wantoota kanniin lamaan too’attu, mataa kee fi sheyxaana irratti injifannoo argatta. Kanaafu, kanniin lamaan too’achuuf sirritti ifaaji (carraaqi). Beekumsa barbaadi. Hojii irra oolchi.

Abdullah ibn Mubarak akkana jedhe “Jiraattonni addunyaa tanaa wanta ishii keessatti garmalee gaarii ta’ee osoo hin dhandhamiin addunyaa gadi furani deeman.” “Wantii garmalee gaariin addunyaa tanaa maalidha?” jedhamee gaafatame. Innis “Rabbiin Jaallachuudha yookiin beekudha.” jedhe.
Dhugumatti wanta hanga Rabbiin jaallachuu fi beeku gahu hin jiru. Akkasumas wanta hanga Rabbiin wallaalu badaan hin jiru. Rabbiin beekani Isa qofa gabbaruu fi sodaachun, gammachuu, nageenya, tasgabbii, milkaa’inna fi bilisummaa akkamii namaa kennaa! Namni Rabbii isaa hin beekne gara itti deemu hin beeku. Duubaa durri isaa girdoo ykn dukkana itti ta’a.

Warroota salaata salaatani fi badii hojjatan ilaalun of hin gowwomsin. Garuu akka carraa ta’ee namoonni baay’een haala kanaan of goowomsaa jiru. Kuni beekumsa Islaama dhabuu fi tooftaa sheyxaana malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Nama salaata salaatu fi badii hojjatu ilaalun, “Salaanni isaa badii irraa yoo isa hin eegin, salaata salaatun koo faydan ani argadhu maaliidha?” Jedhu. Of ilaalu dhiisani namoota biroo ilaalu. Namni hunduu wanta hojjatee fi dhiisef gaafatama, herregama. “Namni salaata salaatu badii waan raawwatuuf ani salaata salaatu hin dandeenye” osoo jette, uzriin (sababni) kee fudhatama gonkumaa hin argatu. Hojii keetif itti gaafatamaan mataa kee qofaa fi qofa. Guyyaa Qiyaama uzriin (sababni) qabatama hin qabne gonkumaa fudhatama hin argatan. Beekumsa fi yeroo waan hin qabneef, salaatu hin dandeenye yoo jette uzriin kee baaxila (soba) ta’a. Ilaali Qur’aana (Suura Ghaafir(40):52, Ruum(30):57, An-Nahl(16):84)

Nuffiin jireenya irraa kan dhufu osoo hin ta’in matama kee irraa kan dhufuudha. Yoo hojii gaggaarii dalaguun of ko’oomsite (xamadde), jireenya kee keessatti nuffiin bakka hin argatu. Garuu yoo hojii malee teette yookiin hojii faaydi hin qabneen of xamadde, jireenyi si nuffisiisti/jibbisiisti.

Wanta hundaa nan beeka jedhanii yaadun wallaalummaa fi balbala beekumsa ofirratti cufuudha.

Adabbiin hamaan addunyaa kanatti namni tokko adabamu, sababa cubbuu inni raawwatuutin qalbiin isaa goggogu fi cufamuudha. Yommuu qalbiin gogdu fi cufamtu balballi gaarummaa fi qajeelinnaa (hidaaya) irratti cufamuun balballii badii fi jallinnaa banamaaf. Wanti badaan gaarii, gaariin immoo badaa itti fakkaata. Garuu namni kuni carraa balbala gaarummaa fi hidaaya itti banatu ni qaba. Innis gara Rabbii dhugaan tawbachuudha. Yommuu tawbatee bakka hojii badaa san hojii gaarii hojjatu, Balaballi qajeelinna, nageenya, gammachuu, milkaa’inna, ifaa ni banamaaf. Kanaafu, sababa cubbuutin qalbiin tee haqaa fi hidaaya (Islaama) irraa akka hin gogne fi hin cufamne sodaachun, cubbii fi badii kam irraayyu dheessi. Dogongorte yoo itti kufte immoo gara tawbaa fi istigfaara (araarama Rabbiin irraa kadhachuutti) fiigi. Qalbiin tee qulqullaa’un boqonnaa sammuu fi tasgabbii (sakiina) akka argattuuf. Dhiyootti nan tawbadha jechuun cubbuu keessa hin turin guyyaa itti duutu yookiin aduun dhiyaan itti baatu waan hin beeknef.
Akkuma namtichi cubbuu hojjachuu keessa turun, akkasuma amantii isaa irraa fagaata fi shakkaa adeema.

Yommuu daandii injifannoo hordoftu, niyyaa kee qulqulleessi. Sababni isaas, niyyaa kee irratti hundaa’un yookaa badhaafamta yookiin immoo adabamta. Niyyaa kee ‘Rabbiif qofa kan hojjattu” haa ta’u. Yommuu gocha kee keessatti dhugummaa (iklaasa) fi obsa horattu, yoosan injafannoo argatta.

Hanga fedhe cubbuun tee xiqqaa haa taatu, gara Rabbii tawban deebi’i. Yommuu cubbuun xixiqoon tuni walirratti tuulamtu, namticha balleesiti. Akkuma jedhamu namni cubbuu xixiqqoo gadii xiqqeessu fi hojjatu, cubbuu guddatti kufuuf carraa guddaa qaba. Fakkeenyaf, namtichi akkuma arge haraama kan ilaalu yoo ta’e, suutuma suutan wanta badatti kufa. Sababni isaas, wanti guddaan hunduu wanta xiqqaa irraa jalqaba, xiqqaan guddatti nama geessa. Ilaalun yaadutti, yaadun immoo gochatti nama harkisa. Kanaafu yeroo hundaa tawbaa fi Rabbiin irraa araarama kadhachuu hin dagatin. Sababni isaas, tawbaa fi araaramni ba’aa cubbuu hir’isuu, cubbuu fi badii gara funduraatti dhufu irraa si fageessu.

Wanta hundaa keessatti injifannoo yoo barbaadde, obsa qabaadhu, hin jarjarin, dallansuu fi aarii kee too’adhu, abdii hin kutin, Rabbiin irratti hirkadhu, Rabbiin baay’isi yaadadhu (yommuu Rabbiin yaadattu, jabeenya, gootummaa fi sakiina (tasgabbii) argatta), wanta humni kee danda’u wareegi.
Namni ija ofii haraama ilaalu irraa gadi qabate, mi’aa imaana ni dhandhama, dandeetti haqa soba irraa addaan baasu fi basiiraa (xinxallii gadi fagoon) ni kennamaaf jedhama. Kanaafu bu’aawwan kanniin yoo barbaadde, ija kee gadi qabachuuf carraaqi. Hay’aan (qaaniin) adaba tee haa taatu. Suuraa dubartii telefoona irratti kuusun of hin dhiphisin.
Akkuma soba dubbachuu jaallattu fi itti fuftuun, nama kijibaa fi amanama kan hin taane ta’aa adeemta. Akkuma dhugaa dubbachuu jaallattu fi soba dubbachuu jibbituun akkasuma nama amanamaa, haqaa fi kabajamaa ta’aa adeemta. Kanaafu haqa dubbadhu, soba dubbachuu jibbi, Rabbiin karaa qajeelatti si qajeelchati. Guddinni fi misoomni soba keessatti kan argamuu osoo hin ta’iin dhugaa fi haqa keessatti.

Akkuma hadhaan obsaa jabaatun akkasuma bu’aan ati argattu mi’aayadha. Yommuu jireenya kee ulfaata fi fitnaa, Rabbii ajajamuu irratti obsituun, akkasuma firi obsaa mi’aawa san dhandhamta. Obsi kee Rabbiin irraa akka ta’e sammutti qabadhu. (Ilaali Suura An-Nahl(16):127) Yoo gargaarsi Rabbii hin jiraatin adda kee obsu hin dandeessu. Kanaafu Rabbiin sabrii akka sitti dhangalaasu kadhu. Du’aayi bareeddu tana fayyadami. “Rabbanaa afrig aleynaa sabran wa tawfanaa muslimiin(Gooftaa keenya sabrii nurratti dhangalaasi,Musliimotas godhii nu ajjeesi) Suura Al-A’raaf(7):126)

 

Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-kutaa 15
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-lakk.13
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.