Hanna

Duraan dursee hanna jechuun wanta tokko osoo abbaan hin argin dhoksaan jalaa fudhachuu jechuudha. Hanni dhoksaa qofaan kan rawwatamuu osoo hin ta’in humnaanis abbicha dirqisiisuun wanta tokko irraa saamudha. Dhugumatti hanni hojii fafee fi gadhee keessaa isa tokkoodha. Namni hojii akkanaa keessatti hirmaatu salphataa fi hoonga’aa ta’a. Namoota meeqatu sababa hannaatin mana hidhaatti shamaa jiru. Wanti mana hidhaa kana caalu keessi isaa gubachuu fi rakkachuudha. Yeroo hundaa gadi aantummaan isatti dhagahama. Hojjachuun sammuu ofii bashanansiisu dhiise gatii tokko malee qabeenya namaa saamun sammuu fi jireenya ofii dhiphisa.

Sababoota hannaa

Hanni sababoota adda addaa irraa burquu danda’a. Isaan keessaa gurguddoon

1.Haalli guddinnaa isaa baduu– ijjoollummaa irraa eegalee namni tokko haala gaariin yoo hin guddatin maatii fi hawaasa irratti ba’aa guddaa ta’a. Maatiin yeroo baay’ee niiraa (saantima) akkuma argan ijjoolle isaanitti kennuun kashlabummaa barsiisu. Mucaan har’a niiraa hatuu barate boru qotiyyoo hata. Barteen wantuma xiqqoo irraa eegalti. Bartee badaa kichutti yoo hin kutiin boodarra akka maastishii namatti maxxanuun ofirraa baasun ni ulfaata. Yerooma inni niira hatuu osoo gorsanii yookiin adabanii silaa hannaan isaanii fi hawaasa qaccee hin kutu. Maatiin akkuma argan niiraa yommuu itti kennan, mucaan hiriyyoota naannootti makamuun kashlabummaa, qumaari fi araadota adda addaatin qabama. Kanaafi Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) qabeenya keenya akkuma argine gowwootatti (ijjoolle ykn nama sammuun bilchinna hin qabnetti) kennuu irraa nu dhowwe.

Qabeenya keessan kan Rabbiin dhaabbata jireenya isiniif taasise gowwootatti hin kenninaa. Ishee (qabeenya) irraas soorata isaanif kennaa, isaan uffisaas, jechoota kabaja isaanitti dubbadhaa.” Suura An-Nisaa 4:5

2.Qabeenyaf garmalee haafayu– wantoota hiyyummaan addunyaa reebaa jiru keessaa malaamaltummaan iddoo ol’aanaa qabata. Namni addunyaa tanaaf gabra yoo ta’ee hannaa fi malaamaltummaan ummata hiyyeessa boochisa. Akka bineensaa addunyama tana irratti xiyyeefachuun dhiiga hiyyeessa fi yaatimaa xuuxa. Viillaa walirraan ijaaruf hiyyeessa mana hin qabne boochisa. Mattadhaan haqa jallisuun haqa malee ilmoo namaa miidha. Yaa badii isaa guyyaa madaalli haqaa dhaabbatu!

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jechuun malaamaltummaa fi mattaa irraa nu dhowwa:

2:188

Qabeenya keessanis gidduu keessanitti sobaan hin nyaatinaa. Qabeenya namootaa irraa garii isaa osoo beektanuu cubbuun nyaachuf jecha abbootii seeraatiittis malaan-maltummaan hin dhiyaatinaa.” Suura Al-Baqara 2:188

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jechuun qormaata addunyaa irraa nu akeekachisa:

فَوَاللَّهِ مَا الْفَقْرَ أَخْشَى عَلَيْكُمْ، وَلَكِنِّي أَخْشَى أَنْ تُبْسَطَ عَلَيْكُمُ الدُّنْيَا كَمَا بُسِطَتْ عَلَى مَنْ قَبْلَكُمْ، فَتَنَافَسُوهَا كَمَا تَنَافَسُوهَا، وَتُهْلِكَكُمْ كَمَا أَهْلَكَتْهُمْ ‏”‏‏.‏

Wallaahi (Rabbiitti kakadhe)! Hiyyummaa miti kan ani isiniif sodaadhu. Garuu kan ani isiniif sodaadhu duniyaan (qabeenyi) akkuma ummata isiniin duraatiif bal’ifamte isiniifis bal’ifamti. Ergasii ittiin wal dorgomtu akkuma isaan ittiin wal dorgoman. Akkuma isaan balleessite isiniis balleessiti.” (Sahiih Al-Bukhaari fi Muslim)

Dhuguma jedhan Ergamaan Rabbii (nageenyi fi rahmanni Rabbii isaan irra haa jiraatu)! Yeroo ammaa namni addunyaa walitti guuru malee haqa ofitii fi kan namaa hin beeku. Wanta walitti qabu kanaaf boruu gaafatamuu akka hedu hin beeku. Hannaa fi namoota cunqursuun qabeenya isaanii saamun aadaa isaa ta’e.

3.Hojii dhabuu- dargaggeessi wanta hojjatu yoo dhabe hannatti luuxa. Garuu kuni isa hin baasu. Yeroo baay’ee dargaggoonni hojii tufachuun gara hannaatti yaada ofii qajeelchu. Hannaan buluu irra hanga feete haa xiqqaattu hojii tokko hojjatanii hirriba gaarii rafuu wayya. Yoo ati karaa halaalatiin qofa hojjatte ergasii Rabbiin jala harka qabatte, Inni si soora.

4.Sodaa Rabbii dhabuu- dhugumatti ilmi namaa sodaa Rabbii (Taqwaa) yoo qabaate qormaata kamiyyuu jalaa baha. Sodaa Rabbii yoo qabaate qormaata dubartii,dhiiraa, addunyaa, sheyxaana jalaa baha. Ta’uu baannan, summii damma se’ee muuxaxa. Osoo sodaa Rabbii qabaate silaa hatuu fi malaanmaltummaa raawwachuun hiyyeessa hin boochisu. Osoo Rabbiin sodaate silaa bakka inni hin beekne irraa Rabbiin isa soora.

Namni Rabbiin sodaatu (Rabbiis) karaa bahiinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaadin irraayis isa soora. Nama Rabbiin irratti hirkatuuf Inni isaaf gahaadha. Dhugumatti Rabbiin ajaja isaa bakkaan gahaadha. Dhugumatti Rabbiin waan hundaafu hanga sirraawaa taasiseera. “Suurat Ax-Xalaq:2-3

Kanaafu, qabeenyaf haafayanii hatuun hin barbaachisu.

Miidhaa Hannaa

Hanni miidhaa guddaa maatii fi hawaasa irraan gaha. Misoominnaa fi guddinna biyyaa tokko qancarsa. Biyyi hannii fi malaamaltummaan itti baay’ate biyya harkoota hiyyummaa jalatti kufteedha. Akkasumas, maatiin hannaa salphinni fi hiyyummaan uffata isaati. Wanti kana hunda caalaa hamaa ta’e immoo Aakhiratti adabbii hamaan adabamuudha. Hanna keessaa hanni badaan qabeenya yaatimaa (ijjoolle abbaa ykn haadha abbaa hin qabne) haqa malee nyaatudha. Namoota qabeenya yatiimaa nyaatan qabeenya osoo hin ta’in ibidda garaa isaani keessatti nyaata akka jiran Rabbiin isaan akeekachisa.

4:10

Dhugumatti isaan qabeenya yaatimoota zulmiidhaan (haqa malee) nyaatan, garaa isaanii keessatti ibidduma qofa nyaatu. Gara funduraatti ibidda boba’aa seenu.” Suurat An-Nisaa 4:10

Kanaafu, namni har’a akkuma fedhe qabeenya yaatima nyaatu ibidda qofa nyaataa akka jiru haa beeku. Osoo duuti itti hin dhufiin hojii badaa kana irraa tawbachuun ibidda Jahannam boba’aa san jalaa haa baraaramu. Yeroodhaan yoo hin tawbatin (hojii badaa hojjataa turan dhiisanii gara Rabbii yoo hin deebi’iin) addunyaa Aakhiratti salphinnaa fi adabbitu isa haguuga.

Hanni badaan biraas hanna boojii waraanaa irraa hatamuudha

Abdullah ibn Amr (RA) akkana jechuun gabaase,

Namticha maqaan isaa Kirkirah jedhamu tokkotu meeshaalee Ergamaa Rabbii (ﷺ) eegaa türe. Namtichi kuni ni du’e. Ergasi Ergamaan Rabbiis (SAW) “هُوَ فِي النَّارِ” (Inni ibidda keessa) jedhan. Namoonni deemanii yommuu isa ilaalan shaarbi (gaabii) boojii waraanaa irraa hate argan.” (Sahiih Al-Bukhaari fi Sunan ibn Maajah)

Hanni kamiyyuu adabbii irraa qooda mataa isaa qaba. Addunyaa kana irratti harki isaa akka muramu Islaamni murteesse. Hawaasa tokko keessatti zakaan (qabeenya ofitirraa hanga ta’ee baasanii) osoo hiyyeessaf kennanii silaa hannii hin babal’atu. Qabeenya walittu kuusuf warroota hannaaf fiigan harkii isaanii muramuun osoo adabamiin silaa hiyyummaan nama hin boochisu türe. Osoo warroota malaamaltummaa hojjatan harkii isaanii murame silaa harqoonni hiyyummaa namoota irratti ni fe’amaa? Osoo kuni hojii irra oole namoonni biroos barnoota irraa fuudhatuun hanna irraa of qusatu. Hawaasnis sodaa malee nageenyan jiraata.

Hanni bakka kamittu nama salphisa. Maatiin hannaa nageenya fi tasgabbii hin qabu. Namni hatus hanga fedhe haa hatuu yeroo hundaa hiyyumama keessa jiraata.

Hanna irraa of qusachuuf

Namni hanna irraa of qusachuuf maloota adda addaatti fayyadamuu danda’a. Isaan keessaa gurguddoon:

1.Rabbiin sodaachu– namni bakka kamiyyuu yoo deemu fi gocha kamiyyuu hojjatuu, ‘Rabbiin na arga’ jedhee yoo Rabbiin irraa saalfate (qaana’e) wanti hojii badaatti isa kakaasu hin jiru. Yeroo hundaa lubbuun hannaaf yommuu hawwitu Rabbiin sodaate yoo badii irraa ishii dhowwe, Rabbiin addunyaa aakhiratti waan gaarii kennaaf.

“Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaate fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhorge, dhugumatti Jannanni bakka qubannaa isaati.” (suurat An-naazi’aat (79):37-41)

2.Adabbii hannaa beeku– addunyaa fi Aakhiratti hanni kan isa kabajuu fi duroomsu osoo hin ta’in kan isa salphisuu fi adabbii hamatti kan isa geessu ta’uu isaa beeku qaba. Namoonni hanga fedhan haa hatanii isaan akkeessun boollo baditti isaan waliin lixu hin qabu. Salphinni isaanii dhiyoo akka ta’ee beekun hanna irraa of haa dhowwu. Namoota meeqatu sababa hannaatin mana hidhaa keessatti shamaa akka jiran haa yaadatu. Halkanii guyyaa hanna irraa dhiphinnaa, deegaa fi salphinna malee wanti biraa akka hin argamne haa hubatu. Hojii badaa kana yoo itti fufe dhumti isaa ibidda jahannam keessatti gubachuu akka ta’ee haa sodaatu.

3.Hojii hojjachuu fi wanta qabanitti quufu– hojiin hanga feete haa xiqqaattu yoo humna baasanii hojjatan santuu boqonnaa sammuu fi tasgabbii namaa kenna. Wanti halaalan (karaa seera qabeessan) argamte barakaa qabdi. Wanti haraaman (haqa maleen) dhufe hanga fedhe haa baay’atu barakaa hin qabu. Namtichi wanta halaala qofaan argatu sanitti yoo quufe qabeenyi isaa dabalamaafii adeema. Quufu dhiise hannaaf yoo asi achi luuxe wanti argatu sunu harkaa bittinoofti.

4.Araadota irraa of qusachuu- wanti guddaan yeroo ammaa hannatti nama kakaasu araadota. Namtichi caati fi sigaaraa wanta bituun yoo dhabe mana namaa cabsuuf deema. Wanta faaydi hin qabne qama’uu fi xuuxuf jedhe hiyyeessa boochisa, mataa ofii salphisa. Osoo araadota irraa of qusate nama kabajamaa, boqonnaa sammuu fi tasgabbii kan qabaatu ta’a. Qabeenyi isaa bakkuma argetti hin bittinaa’u. Kanaafu, salphinnaa fi adabbii hannaa irraa of qusachuuf namni tokko araadota irraa fagaachu qaba.

5.Amanamaa ta’uu– Namni akkuma amanamaa ta’uun jireenya isaa keessatti nama kabajamaa fi sooressa ta’aa adeema. Gara biraatin kijibaa fi hattuu akkuma ta’aa adeemun salphataa fi hiyyoomaa adeema. Yeroo dargaggummaa kanarraa kaaste haqa namaa yoo eegde amanamaa ta’aa adeemta. Fakkeenyaf, abbaan suuqi tasa dogongore qarshii yoo sii deebise, ati dogongora ta’uu erga beekten booda yoo isaa deebisteef, nama amanamaa fi jaallatamaa ta’aa adeemta. Gaafa tokko osoo qaaraa binnu tasa dogongorte dubartittin qaaraa dabalataa nuuf kennite. Kan waliin deemnuun ‘Deebisuufii qaba’yommuu jedhuun, ‘Aboo, achi dhiisi haa deemnu.’naan jedhe. Alhamdulillah isa dide dubartii qaaraa gurgurtuuf qaaraa ishii deebiseef. Kanaafu xiqqoo jenne tufachuu osoo hin ta’iin wanta dogongoraan nuuf kenname deebisuufi qabna. Namtichi nuuf kenne amantii keenya hordofe ykn dhiise, haqni haqa, isaaf deebifamu qaba. Amantii biraa waan hordofuuf qabeenyi fi kabajni isaa jalaa tuqamu hin qabu. Amantiin Islaama amantii haqummaa fi amanamummaa nama barsiisudha.

Hanna irraa tawbachuuf

Akkuma cubbuu fi badii kamuu namni hanna keessatti kufe dafee gara Rabbii deebi’uun jireenya isaa foyyessuun badii irraa of baraaru danda’a. Hanna irraa tawbachuuf ulaagaaleen armaan gadii guuttamuu qabu. Isaaniis;

  1. Hatamtamaan cubbuu hannaa Rabbii jedhee dhiisu
  2. Rabbirraa araarama kadhachuu
  3. Hanna waan hojjataa tureef gaabbiin(nadam) itti dhagahamuu
  4. Hannatti lamuu akka hin deebine murannoo fi kutannoo qabaachu.(Lamuu itti hin deebi’uu jedhe kutannoon hanna dhiisu.)
  5. Meeshaa namoota jalaa hataa turee deebisuufi yookiin araarama isaan gaafachu. Yoo araarama gaafate isaaf araaraman suni tole. Ta’uu baannan garuu wanta jalaa hate deebisuufii yookiin meeshichi yoo bade takkaayyu caccabee gatii isaa isaanii kafaluufi qaba.

Kitaaba ‘I want to repent but…” jedhamu irraa gaafiwwan muraasa asitti mee haa hiiknu. Bakka diimtu armaan olii irra tuquun gaafilee fi deebii baay’ee irraa argachuu dandeessu.

Gaafi Namoota jalaa hataa ture sanniin fuulan isaan argee badii kiyya amanuun yookiin araarama isaan gaafachuu garmalee qaana’a. Maal gochuu danda’aa?

Deebii: qaanii baadhatamuu hin dandeenye ofirraa hanbisuuf karaa yoo barbaadde sirra cubbuun hin jiru. Qabeenya isaanii karaa nama sadaffaatiin isaanii deebisuu dandeessa. Maqaa kee akka hin dhoofne (hin kaasne) itti himta. Yookiin dhoksaan bakka isaan argachuu danda’an kaa’u dandeessa. Kallattiin osoo itti hin himiin, ‘Kuni meeshaa namni tokko sii deebisee.”jechuun meeshicha isaanii deebisuu dandeessa. Dhimmi barbaachisaan maqaa dhayuu osoo hin ta’in haqa namoota isaanii deebisuudha.

Gaafi: Namoota irraa maallaqa hate ture. Garuu amma tawbadhe. Namoonni ani jala hate eessa akka jiran hin beeku. (Yookiin namni biraa akkana jechuu danda’a: “Kampaani tokkorraa malaanmaltummaan qarshii jalaa hate. Kaampaanin sun amma cufame yookiin iddoo biraatti darbe.” Yookiin akkana jechuu danda’a, “magaazina iddoo isaa jijjiratee fi amma harka eenyu akka jiru kan hin beekne jalaa waa hate ture.”)

Deebii: hanga dandeettin kee danda’u isaan barbaadu qabda. Yoo isaan argatte, wanta irraa fudhatte isaanii kafali. Yoo abbichi du’ee, nama isa dhaaluf kafali. Garuu, garmalee barbaadde argachuu yoo hin dandeenye ta’ee, hamma wal qixaa wanta jalaa hatte sadaqaa kenni. Osoo Musliima ta’uuyyu baataniyyu. Kaafironni Aakhiratti mindaa wayitu kan isaaniif hin jirre haa ta’uyyu malee Rabbiin addunyaa tanatti mindaa isaanii isaanif kafala.

Kijiba/Soba
Milkaa'inna Ol'aanaa
Kana Raabsi

2 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.