Kijiba/Soba

Kijiba ykn soba jechuun faalla wanta hojjatanii, dhagahanii fi dubbatanii dubbachuudha. Kijibni dhugaa jiru dhoksanii faallaa isaa dubbachuu yookiin immoo soba dhugaa fakkeessanii dubbachuudha. Kijibni amaloota fafee fi jibbamoo keessa isa tokkoodha. Namni kijibu akka nama fooliin badaan irraa xiraa’uti (ajaa’uti). Namni hunduu isa xireefata, ni jibba. Hawaasa keessatti amanamummaan isa irraa mulqamuun nama kijibaan beekkamu ta’a. Kijibni wanta dhowwamaa fi jibbamaadha. Garuu yeroo ammaa jaallatamaa fi bartee godhatamee jira. Namni hunduu ni kijaba jechuun nutis akka isaanii kijibuun warroota salphatan keessaa ta’uu hin qabnu. Namni wanta badaa irratti nama akkeessu nama san waliin qiletti (baditti) tara. Akkasumas, namni wanta gaarii irratti nama akkeessu carraan nama akkasi ta’uu guddaadha. Kanaafu, namoota dhugaa dubbatan akkeessu dhiisne namoota kijiban akkeessun akkuma isaanii baditti taruu qabnaa ree?

Miidhaa kijibaa

Kijibni miidhaa hangana hin jedhamne dhuunfaa, maatii, hawaasa fi biyya irratti geessa. Maatii meeqatu sababa kijibaatin addaan bittinaa’e. Qabeenya meeqatu sobaan saamamaa jira. namni yommuu sobuu ofitti amanamummaa dhaba. Badii adda addaa raawwata. Kanaafi Ergamaan Rabbii (SAW) nama kijibuu fi dhugaa dubbatu wal bira qabuun gahuumsa isaan lamaanitu haala kanaan ibsa:

‏ “‏ إِنَّ الصِّدْقَ يَهْدِي إِلَى الْبِرِّ، وَإِنَّ الْبِرَّ يَهْدِي إِلَى الْجَنَّةِ، وَإِنَّ الرَّجُلَ لَيَصْدُقُ حَتَّى يَكُونَ صِدِّيقًا، وَإِنَّ الْكَذِبَ يَهْدِي إِلَى الْفُجُورِ، وَإِنَّ الْفُجُورَ يَهْدِي إِلَى النَّارِ، وَإِنَّ الرَّجُلَ لَيَكْذِبُ، حَتَّى يُكْتَبَ عِنْدَ اللَّهِ كَذَّابًا ‏”‏‏

Dhugaan gara al-birr (gaarummaa,dalagaa toltuutti) [nama] qajeelcha, al-birr immoo gara Jannataatti [nama] qajeelcha. Namtichi dhugaa dubbachuu itti fufa hanga siddiiqa (nama dhugaa qofa) dubbatu ta’utti. Kijibni gara fujuura (wanta gadhee fi jibbamaatti) [nama] qajeelcha. Fujuurri immoo ibiddatti [nama] qajeelcha. Namtichi kijiba dubbachuu itti fufa hanga Rabbiin biratti kijibaa ta’uun barreefamutti.” (Sahih Al-Bukhaari)

Hayyoonni Islaama akka jedhanitti, “Dhugaa dubbachuun gara hojii gaarii qulqulluu hojjachuutti nama qajeelcha. Kijibni immoo gara badii raawwachutti nama qajeelcha. Kuni immoo daandii qajeelaa irraa jallachuudha.

Kijibni badaan kijiba Rabbii fi Ergamaa Isaa irratti adeemsifamuudha. Keeyyatota fi mallatoolee Rabbii sobsiisuun kufrii fi ibidda jahannamitti kan nama geessudha. Akkasumas, waa’ee Rabbii beekumsa malee dubbachuun kijiba fi badii guddaadha.

6:21

Nama Rabbiin irratti kijiba uume yookiin keeyyatoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaa’an.” Al-An’aam 6:21

Akkasumas, wanta Ergamaan Rabbii (SAW) hin jedhin, ‘Ergamaan Rabbii akkana jedhan’ jedhanii dubbachuun kijiba guddaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ مَنْ تَعَمَّدَ عَلَىَّ كَذِبًا فَلْيَتَبَوَّأْ مَقْعَدَهُ مِنَ النَّارِ ‏”

Namni beekaatumaan (osoo beeku) narratti soba dubbate, ibidda keessatti teessoo ofii haa mijeefatu.” Sahiih Al-Bukhaari

Rabbii fi Ergamaa Isaa irratti sobuun bifa adda addaatin dhufa. Rabbiin irratti sobuu keessaa inni guddaa fi hamaan ‘Rabbiin ilma qaba’ jedhanii dubbachuudha, akkuma kiristaanonni dubbatan. Jecha fokkuu fi jibbamaa akkanaatirraa Rabbiin nu haa tiiksu. Kuni badii badii caalu fi jecha afaanii bahuu hin qabnedha. Namoonni kana dubbatan yoo gara Rabbitti du’aan dura hin deebi’in teessoon isaanii ibidda jahannami. Shakkii wayitu hin qabu.

Kijibni biraa Rabbiin irratti namoonni kijiban hiika Qur’aana jallisuudha. Hiika ifa jiru dhiisanii hiika jallataa fi ragaa hin qabne itti barbaadu. Karaa biraatin kijibni Rabbiin irratti adeemsifamu halaala haraama gochuu, akkasumas, haraama halaala gochuudha. Fakkeenyaf muuziqaa, alkooli, zinaa fi kkf osoo haraamaa ta’ee jiru akka halaalatti ilaalu. Kijibni kunniin hundii gahuumsi isaa ibidda jahannami. Waa fokkate gahuumsi isaa!

Kijibni hamaan biraa dubartoota qulqulluu waa’ee sagaagalummaa hin yaanne, sagaagalummaan yakkuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

24:23

Dhugumatti, isaan dubartoota tiikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoo fi mu’umintoota ta’an maqaa xureessan, addunyaa fi Aakhiratti abaarramaniiru.Isaaniif adaba guddatu jira.” Suuratu an-Nuur 24:23

Kanaafu, wanta ijaan hin argine afaanitti waan nu dhufeef ykn namni waan nutti fideef, cal’isneetumaan olkaane olola oofu hin qabnu.

Miidhan kijibaa inni biraa haala fi amala namtichaa fokkisa. Namni barteen isaa kijiba ta’e bakka gahe hundatti namni isa xireefata. Amantaa irraa hin qaban. Jireenyi isaa tartiiba kan hin qabne ta’e. Keessi isaa gammachuu fi tasgabbiin itti hin dhagahamu. Nama sobuu heduuf osoo dubbii kijiba barbaadu sammuu ofii bareexessa (qisaasessa).  Keessi isaa gabrummaa fi gadi aantummaan itti dhagahama. Nan salphadha osoo jedhuu jireenya shakkii jiraata. Osoo dhugaa dubbate nama bilisaa ta’a. Wanti isa dhiphisu hin jiru. Ammas kijibni harqoota hiyyummaa jalatti akka kufu isa taasisa. Kanaafu, jireenya keessaa gammachuu fi tasgabbii yoo dhabde, dhibee kijibaatin qabamte ta’a laata. Yeroon dawaa itti barbaadii of fayyisi. Dawaan isaa sobu/kijibuu dhiisudha.

Sababoota kijibatti nama kakaasan

Wantoonni kijibatti nama kakaasan baay’eedha. Isaan keessaa:

1.Sodaa Rabbii dhabuu– namni yeroo kijibuuf deemu osoo ‘Rabbiin na argaa’ yaadate silaa arraba ofii kijibaaf hin raasu. Namni yommuu Rabbiin dagatu balballi badii hundi itti banama. Rabbiin yommuu yaadatu immoo balbala badii ofirraa cufaa adeema.

2.Garetti makamuun yaada namoota harkisuuf kijibuu– namni yommuu garetti makamu namoonni akka isa jajaniif yookiin kolfaniif kijiba uuma.

3.Haala rakkisaa keessa yommuu jiran wanta isa qunname ofirraa deebisuuf kijibuu

4.Ijoollummaa irraa eegale kijiba waliin guddachu. Ijjoolleen yommuu warri isaanii kijiban argitu, isaan akkeessun kijiba irraa dhaalan. Guddinni badaan ijjoollee fi hawaasa balleessa.

5.Kijibaan of tuulu fi akka qarummaatti ilaalu. Namoonni kijibaan qabeenya walitti sassaaban namoota garmalee qaroo of se’u. Garuu gowwaan isaan caalu hin jiru. Sababni isaas, yommuu isaan har’a sobaan qabeenya namaa nyaatan, boru Guyyaa Qiyaamaa abbaan qabeenya ‘Haqa kiyya fidi.’ Jedhan.

“Abu Hureeyraan akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii(SAW) ni jedhan’ Hiyyeessi eenyu akka ta’ee ni beektu?’ Isaanis (sahaabonni) ni jedhan ‘Hiyyeessa jechuun nama nu keessaa dirhamas qabeenyas hin qabne.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan ‘Dhugumatti ummata kiyya keessaa namni hiyyeessi nama Guyyaa Qiyaama salaatan, sooman, zakaan dhufuudha. Garuu nama kana arrabse, kana maqaa xureesse, qabeenya kanaa haqa malee nyaate, dhiiga kanaa jigse, kana rukute. Nama kanaaf hasanaata(mindaa hojii gaarii) isaatirraa ni kennamaaf, nama kaanifis hasanaanni ni kennamaf (Namoota inni miidhef hasanaanni isaa isaanii dabarfamee kennamaaf). Cubbuu isarra jiruuf harka osoo hin kafaliniin duratti hasanaanni isaa yoo dhumatte, cubbuun namoota sanii isaan irraa fuudhame isa (namticha kana) irratti fe’ama(kaa’ama). Ergasii ibiddatti darbama.” Sahiih Musliim

Dhugumatti namni hoonga’aan nama Guyyaa Qiyaama of hoongessedha. Hojii itti ifaajaa baye nama biraatif dabarse yommuu kennu ykn hojii gaarii yoo hin qabaatin hojii badaa isaa yommuu irraa fudhatu maal jedhamaa! Guyyaan Qiyaama Guyyaa madaalli haqaa sirriin itti dhaabbatuudha. Qoosni hin jiru. Kanaafu, har’a osoo yeroo qabnu haa dammaqnu.

Kijiba irraa of qusachuuf

Kabajama nama Musliima ta’ee fi hin taane! Fokkinna kijibaa arguu yoo barbaadde, namni kijibu akkamitti akka si jibbisisu ilaalu dandeessa. Yommuu namni si sobuun qabeenya kee haqa malee nyaatu akkamitti akka dallantu ni beekta. Haaluma kanaan atillee yommuu nama biraa sobuun qabeenya isaa jalaa nyaattu akkasuma innis gubata. Kuni miidhaa kijibaa akka ta’e ni hubatta. Namni tokko kijiba dhiisuf maloota hundatti fayyadamuu qaba. Isaan keessaa;

1.Bakkaa fi yeroo kamittu kijibni dhowwamaa akka ta’ee fi adabni nama kijibuu cimaa akka ta’ee yaadachu.

2.Wanta hojjataniif itti gaafatamummaa fudhachuu fi osoo yeroo qaanii ta’eeyyu dhugaa dubbachu. Sababni isaas, wanti gaariin dhugaa keessaa jira.

3.Arraba eegu fi yeroo hundaa herreegu. Fakkeenyaf, ‘Maaliif akkana dubbadhe? Maaliif soba? Sobaan miidhaa malee bu’aan ani argadhu ni jiraa?’ jedhanii of gaafachuu fi ajiifachu. Ergasii, ‘Ammaan booda gocha akkanaatti hin deebi’u’jedhanii of sirreessuuf carraaqu.

4.Bakka sobni, dubbiin duwwaa fi gowwaa itti dubbatamu, bakka zikriin (Rabbiin itti yaadatamu) fi beekumsa itti barataniin bakka buusu. Fakkeenyaf, hiriyyoota soba odeessan biraa deemanii namoota Rabbiin yaadatanii fi beekumsa baratan bira deemu.

5.Kijibni amaloota munaafiqaa keessaa tokko akka ta’e beeku.

6.Kijibni karaa badii fi ibidda jahanamatti kan nama geessu akka ta’ee fi dhugaan immoo gara gaarummaa fi Jannatatti kan nama qajeelchu akka ta’ee barachuu fi beeku.

7.Ijjoollee tee hamilee fi sona Islaamatiin guddisuu. Kijibaan kan guddatan osoo hin ta’in dhugaa irratti kan guddattan isaan taasisu. Soba isaan biratti dubbachuun kijiba isaan barsiisu osoo hin dhugaa dubbachuun haqummaa isaan barsiisudha.

8.Nama kijibaa namni akka hin amanne beeku. Kuni immoo mallattoo addunyaa fi Aakhiratti kasaaruti.

9.Miidhaa namni kijibaan hawaasa irraan gahu beeku fi barachu.

Gudunfaa
Walumaagalatti sobni (kijibni) jibbamaa fi dhowwamadha. Haa ta’uu malee bakka sobuun dirqama fi barbaachisaa itti ta’u ni jira. Fakkeenyaf, lubbuu yookiin qabeenya nama cunqurfamee zaalima (cunqursaa) irraa eeguf sobuu qaba. Namnitichi lubbuu ofii baraaruuf zaalima jalaa yoo dhokate, ati deemte ykn yoo gaafatamte, ‘Inni bakka kana jira’ jette itti himu hin qabdu. “Hin beeku ykn as hin jiru”  jechuu qabda. Karaa biraatin namoota walitti araarsuufis sobni ni hayyamama. Ammas, diinota (aduwwii) Islaama rifachisuuf lakkoofsa loltu fi meeshaa waraanaa olguddisuun sobatti fayyadamuun ni danda’ama.  Kanniin alatti sobuun jibbamaa fi dhowwamaadha. Xiqqaatus, guddatus namoonni hunduu soba keessatti hirmaachu danda’u. Garuu soba jibbuu fi bartee godhachuu irraa of tiiksu qabna. Yeroo hundaa dhugaa dubbachuu yookiin cal’isuuf of leenjisuu qabna. Wantoonni soba akka dubbatan nama taasisan keessaa namoota kolfisisuu fi qabeenya namoota saamuuf sobuudha. Namoota kolfisisuuf sobuun bartee namatti ta’a, amala namaa fokkisa. Kanaafu dhugaa dubbachuuf carraaqu ykn cal’isuudha. Qabeenya namaa saamuuf sobuun immoo badi guddaa cubbuu lama bakka tokkotti hammateedha.

Kanaafu, hudii keenya nama haqaa ta’uuf carraaqu qabna. Namni haqa dubbatu ni kabajama. Namni soba dubbatu immoo ni salphata. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

9:119

Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; warra dhugaa dubbatan wajjinis ta’aa.” Suuratu Tawbaa 9:119

Kitaaba wabii
Lying and Envying by Abdul Malik Al-Qaasim

Yoomi Laata?-Kutaa 2ffaa
Hanna

One comment

Leave a Reply