Yoomi Laata?-Kutaa 1ffaa

Gaddi yommuu baay’atu, jireenyi yommuu dukkanooftu, haalli keessa jirtu xaxamaa yommuu ta’u, wanta tokko yaadde yommuu sii ta’uu dhiisu, nama fuudhu ykn itti heerumu feetu yoom akka walitti dhuftan yommuu yaaddu, gaafi ‘Yoomi Laata?’ jedhu of gaafatta. Yoomi laata?? Yoomi laata?

Yoomi laata eebbifamee hojii kan qabadhu?

Yommuu gara mana barnoota deemtu, ganamaan hirriba ho’aa keessaa kaate deemun si jibbisisa. Hirriba ho’aa kana irraa kaate erga daree seente booda si nuffisiisa. Yommuu daree baatu hojii manaa fi abbaltii (assaymantii) qarqabatte galta. Kitaabni daree ati dubbistuus tokko lamaa miti. Halkanii guyyaa na dubbisaa jedha. Qormaannis ni dhufa kan si dhamaasu fi jireenya sitti dukkaneessu. Qormaata yoo küfte immoo gaddaa fi ba’aa biraa ofitti dabalta. Yommuu kana hunda ilaaltu ni dheekkamta. ‘Yoomi eebbifame hojii kan qabadhu?’ jette yaadda.

Furmaata: duraan dursee fiixe milkaa’inna kamiyyuu irra ijjachuuf obsi fi carraaqqin baay’ee barbaachisaadha. Bakka kunniin lamaan hin jirretti milkaa’inni fi gammachuun hin jiru. Haa ta’uu malee, carraaqanii fi obsanii namoonni milkaa’inna fi gammachuu jireenya keessaa hin arganne baay’eetu jiru. Eebbifamii qabeenyallee osoo argatanii gammachuu fi tasgabbii hin qaban. Keessi isaanii yeroo hundaa ni jeeqama. Sababni isaa maalidhaa? Sababni isaa baay’eedha. Garuu inni hundee fi ijoo ta’ee, yaadannoo Rabbii irraa garagaluudha. Namni yaadannoo (zikrii, salaata, Qur’aana) Rabbii irraa garagallaan, hanga fedhe qabeenya yoo qabaate keessi isaa tasgabbi hin horatu.

Kanaafu, jireenya keessatti milkaa’innaa fi gammachuu dhandhamuu yoo barbaadde, yaadannoo Rabbii irraa hin garagalin. Qo’adhu, qoradhu, barnoota kee irratti cimi garuu yaadannoo Rabbii irraa hin garagalin gammachuu fi tasgabbii dhabdaati. Yeroo kenniif wanta hundaa ni dhaqqabdaati. Waan salaattuf wanti sii jalaa hir’atu tokkollee hin jiru siif dabalamaa malee. Qabeenyayyu osoo dhabde keessi kee gammachuu fi tasgabbiin guuttama. Sababa salaatatin badii zinaa irraa ni tiikfamta. Wanta biraatu osoo dhabde zinaa irraa yoo tiikfamte gammachuu hangamii akka hargattu mee ilaali. Zinattu osoo küfte salaata sirnaan salaatte gara Rabbii deebi’uun gammachuu dhabde ni deebifatta. Namoota meeqatu eebbifamee hojii malee handaaraa taa’aa jira.

Yoo salaatte fi Rabbiin irratti hirkatte deebiin yoomi laata jedhu deebii argataa adeema. Garuu yoo salaata irraa garagalte gaafin ‘Yoomi laata?’jedhu rakkoo baay’ee sitti fida.

Yoomi laata fuudhe ykn heerume ilma kan horadhu?

Yommuu nama tokko jaallatte fuudhu ykn itti heerumu feetu, halkanii guyyaa yoomi laata kan walitti dhufnu jette yaaddofta. Qormaata fi hadhaa baay’ee dhandhamta. Obsa yoo hin qabaatin sheyxaanni wanta badattis si oofu danda’a. Halkanii guyyaa yaanni kee waa’ee nama sanii ta’a.

Furmaata: fuudhaa heerumni wanta salphaa fi taphaati miti. Fuudhuf qabeenyi ykn maallaqni barbaachisaadha. Hanga maallaqa argatte nama saniin walitti dhuftu karaan dheeradha jette yaadun fedhii foonii kee karaa hin taanen guuttachuuf yoo tattaafatte, yaaddo irratti yaaddo ofitti dabalta. Gara funduraatti maatii gaarii ijaarun sitti ulfaata. Malli kee maalidha ree? Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

“Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti, kabaja ofii haa eeggatan (wal-qunnamtii saalaa irraa of haa qusatan).” Suuratu an-Nuur 24:33

Kanaafu, hanga yeroo fuudhaa heerumni ati dheebottuuf dhufu obsuu si barbaachisa. Yoo hin obsin rakkoo baay’ee keessa seenta. Ammas, obsuufis waa si barbaachisa. Halkanii guyyaa ‘Yoomi laata?’ osoo jettu obsi kee baquun wanta badatti seenu dandeessa.

Ammas gara Rabbii fiigu qabda. Humnis, obsiis Rabbiin qofarraa waan ta’eef. Yoo Rabbiin irraa fagaatte obsi kee baquun hadhaa baay’ee dhandhamta. Gaafiwwaan, “Yoomi laata, yoomi laata??…” jedhu sitti baay’ataa adeemu. Garuu yoo gara Rabbitti fiigde, Rabbiin obsaa fi tasgabbii siif kenna. Yaaddon ‘Yoomi laata’ jedhu hir’ataa adeema. Guyyaan addunyaa tanaa baay’ee gabaabdu akka taatetti ilaalun dhiyootti akka wal-qunnamtan goote ilaalta.

Gara Rabbii fiigu jechuun yerooma rakkoo salaata salaatun Isa kadhachuu osoo hin ta’in yeroo hundaa (yeroo rakkoo fi tolaa) Rabbitti hidhachuudha. Wanta Inni dhowwe irraa dhowwamuu, wanta Inni itti nama ajaje raawwachuudha. Namoonni baay’een gara Rabbii deebi’uun jireenya ofii jijjiruuf fedhu ta’a laata. Garuu eessarraa ka’uu akka qaban malli harkaa baduu danda’a. Nama gara Rabbii deebi’ee of jijjiruu barbaaduf tuqaan ka’uumsa ‘salaata’. Salaanni gabrichi rakkoo fi dhiphinna ofii Gooftaa ofiitti karaa ittiin himatu fi gargaarsaf kadhatuudha. Salaanni wal-qabsiistu gabrichaati fi Gooftaati jechuu dandeenya. Namni salaata yoo jabeesse fi sirnaan salaate akkasuma gargaarsi Rabbiin irraa argatu guddaa ta’a.

2:153

Yaa warra amantan obsaa fi salataan gargaarsa barbaada. Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.” Suuraa Al-Baqaraa 2:153

Kanaafu, yoo obsinee fi salaata sirnaan salaanne gaafi, “Yoomi laata fuudhe ykn heerume ilma kan horadhu?’ jedhuuf deebii argataa adeemna. Rabbiin karaa fuudhaa heerumaa nuuf laaffisa. Ta’uu baannan, obsas dhabnee salaatas yoo dhiisne, karaan irra deemnu baay’ee ulfaatadha.

Yoomi Laata jireenya dhiphoo kana irraa gara jireenya bal’ootti kan bahu?

Amma immoo gaa’ilaan dura ykn booda yommuu rakkattu, haalli jireenyaa yommuu sitti ulfaatu, teette ‘Yoomi laata jireenya dhiphoo tana keessaa bal’ootti kan bahu?’ jette yaadda. Malaa fi tooftaa barbaadu eegalta. Tarii malli sunis rakkoo malee furmaata kan sii fidu ta’uu dhiisu danda’a. Mataan si dhukkaba, halkanii guyyaa ni yaaddofta. Rakkoo keessa jirtu keessaa bahuuf karaa Rabbiin dhowween deemun rakkoo irratti rakkoo ofitti dabaluu dandeessa. Fakkeenyaf, jireenya dhiphoo keessaa bahuuf jette, yoo hatte, malaamaltummaa raawwatte, namoota gowwomsite fi kkf hojjatte, jireenya dhiphoo irraa gara bal’ootti bahaa jirta osoo hin ta’in, daran dhiphoo irraa dhiphootti bahaa adeemta. Tarii yeroof jireenyi bal’oo fi mijooftu sitti fakkaachu danda’a. Garuu yeroon booda hadhaa baay’ee dhandhamta. Namoota naannoo kee jiran irraa barnoota fudhachuu dandeessa.

Furmaata: jalqaba jireenya dhiphoo keessa yommuu jirtu barnoota irraa fudhu. Hundeema jireenyi dhiphoo fi bal’oon qormaata malee wanta biraati miti. Namni qormaata lamaan kana jala darbe milkaa’innaa fi gammachuu addaan hin cinne argata. Namni küfe immoo adabbitu isa eeggata. Tarii jireenyi dhiphoon tuni gara Rabbii deebi’uun badii hojjatte akka amantu si affeeraa jirti ta’a laata. Yoo gara Rabbii deebitee fi gabricha /gabritti gaarii ta’uuf taattafatte suni waa tole! Garuu jireenya dhiphoo tana irraa barnoota fudhachuu dhiiste Rabbiin irraa yoo garagalte, suni waa bade!

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akka gara Isaa deebi’aniif namoota hiyyummaa fi dhukkubaan isaan qora. Yoo deebi’uu didanii badii isaanii itti fufan, qananii jireenya isaanitti banuun adabbii hamaan tasa isaan qaba.

Dhugumatti, gara ummattoota siin duraatti [ergamtoota] erginee jirra. Akka isaan Rabbitti warwaataniif hiyyummaa fi dhukkubaan isaan qabnee jirra. Maaliif yeroo abadni Keenya Isaanitti dhufe hin warwaatinii? Garuu onneen isaanii ni gogde. Sheyxaannis waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse. Yerooma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, balbala waan [gaarii] hundaa isaanitti banne. Yeroo isaan waan isaanii kennametti gammadan odoo hin beekne [adabaan] isaan qabne. Isaan yoosu abdii murattoota ta’an.Suuratu Al-An’aam 6:42-44

Qormaata hiyyummaa fi dhukkubaatiin gara Rabbii deebi’uu yommuu didan, qalbiin isaanii ni gogde. Wantoota fokkuu hojjatan sheyxaanni itti bareechise. Mee haa ilaallu biyyoota guddanne ofiin jedhan wantoota fokkuu isaan hojjatan. Sheyxaanni akkamitti akka isaanitti bareechise. Qananii barbaadan hundaa argatanii akka fedhan osoo keessa ta’uun Rabbiin gara isaan hin beeknen adabbii hamaan isaan qaba. Biyyoota amma qaroomne ofiin jedhan keessa of ajjeechan, yaaddon, dhiphinni fi kkf adabbii isaanii ta’ee jira.

Al-Hasan al-Basri akkana jedha, “Nama Rabbiin soorata (qabeenya) kenneefii, Rabbiin isa qoraa akka hin jirre godhee yaade, dhugumatti inni beekumsa hin qabu. Akkasumas, namni soorata (qabeenya) xiqqoo qabaate, Rabbiin gara isaa kan hin mil’anne godhee yaade, dhugumatti inni beekumsa hin qabu.” (Tafsiira Ibn kasiir irraa fudhatame)

Dhugumatti ilmi namaa Rabbiin yommuu qabeenya itti kennu waan Rabbiin isa jaallate se’ee of tuula. Akkasumas, qabeenya xiqqoo yoo qabaate, Rabbiin waan isa jibbe se’uun, Rabbiin komata. Baay’achuu fi xiqqaachun qabeenyaa jaalala Rabbii hin agarsiisu. Rabbiin kan nama jaallatu taqwaa fi hojii gaarii hojjachuuni.

Hadiisa Abu Hureyran gabaasan keessatti Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhu.

إِنَّ اللَّهَ لاَ يَنْظُرُ إِلَى صُوَرِكُمْ وَأَمْوَالِكُمْ وَلَكِنْ يَنْظُرُ إِلَى قُلُوبِكُمْ وَأَعْمَالِكُمْ ‏”‏
Dhugumatti Rabbiin suuraa fi qabeenya keessan hin ilaalu. Garuu qalbii fi hojiiwwan keessan ilaala.” (Sahih Muslim 2564)

Kanaafu, jireenya dhiphoo keessaa gara bal’ootti bahuu yoo barbaadde, jalqaba gara Rabbitti deebi’i. Badii hojjataa turte amanuun akka siif araaramu itti warwaadhu. Jireenyi bal’oon qabeenyi baay’achuu qofaa miti; keessi kee tasgabbii fi nageenya yoo qabaate jireenyi tee jireenya bal’oo jedhamti. Namoota meeqatu qabeenya baay’ee qabu. Garuu jireenya dhiphoo jiraatu waan yaadannoo Rabbii irraa garagalanif. Yoo gara Rabbii deebite fi Isaa ajajamte, wantuma xiqqoo qabdutti akka quuftu fi gammaddu Rabbiin si taasisa. Wantuma xiqqoo qabdutti jireenya bal’oo jiraatta. Yaadannoo Rabbii irraa garagaluun qabeenya baay’ee argachuun jireenya bal’oo nan jiraadha yoo jette, yomiyyuu jireenya dhiphoo keessa gara bal’ootti bahuuf carraa hin argattu. Yeroo hundaa keessi kee sodaa fi gaabbin guuttama.

20:124

“Namni yaadanno (Qur’aana) Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphoo ta’etu isaaf jira. Guyyaa Qiyaamas jaamaa goonee isa Kaafna” Suura Xaahaa 20:124

Imaam ibn Al-Qayyim wantoota armaan olitti tarreessine haala kanaan guduunfa,”Qalbii tartiiba hin qabnetu jira. Gara Rabbii qajeeltu malee tartiiba hin horattu. Addummee (kophummaatu) itti dhagahama, addatti Rabbitti dhiyaatu (yaadatu) malee kophummaan kuni gadi hin lakkisu. Isa keessa gadda cimatu jira, Rabbiin beekuu keessatti gammachuu fi hojii isaa keessatti haqummaa qabaatu malee gaddii kuni irraa hin deemu. Isa keessa jeequmsatu jira. Yaada isaa guutu gara Rabbii sassaabu fi jeequmsa irraa gara Isaatti fiigu malee tasgabbii hin argatu. Isa keessa ibidda gaabbitu jira. Hanga inni ajajaa Rabbii fi wanta Inni dhowwee irraa dhowwamuun itti gammadu fi murtoo Rabbii irratti sabrii qabaatu malee ibiddi gaabbii kuni hin dhaamu. Garmalee wanta tokko barbaada. Hanga wanta hundaa Rabbiin qofarraa barbaadutti malee garmalee barbaadun (dharra’uun) kuni isarraa hin dhaabbatu. Dabalataaf (namoota biroo caaluuf) garmalee haafaya. Kana ofirraa ittisuu hin danda’uu hanga Rabbiin jaallatu, yeroo hundaa Isaa yaadatu fi ikhlaasa qabaatu malee. Osoo addunyaa fi wanti ishii keessa jiru guutun kennameefi dharraa namoota biroo caaluuf haafayu gonkumaa irraa hin ittisu. “(Madaaraja saalikin 3/156)

 

Gola Seenaa Irraa

3 comments

Leave a Reply