Yoomi Laata?-Kutaa 2ffaa

Torbaan darbe mataa duree ‘Yoomi Laata?’ jedhu jalatti rakkoolee fi furmaata muraasa eeruf yaalle turre. Har’as itti fufuun rakkoolee fi furmaata muraasa eerra.
Yoomi laata niiti nyakkistuu ykn dhiirsa nyakkisaa kana jalaa kan bahuu?
Niitin ykn dhiirsi nyakkistu/nyakkisaa yoo ta’e ibiddi manatti qabate. Halkanii guyyaa nageenyi hin jiru. Yoomi laata namticha ykn namtitti tana jalaa kan bahu jechuun yaaddon gara hundan si marsuu danda’a. Tarii ati dargaggeessa hin fuune ykn shamara hin heerumne ta’uu dandeessa. Akka carraa ta’ee nama nyakkisuun walitti dhufuu dandeessa. Yeroo inni galgala galuu fuula guuraa itti dhufta, nyakkisaa fi wantuma argeef waan hoboobsuuf. Ykn duubartii yoo taate, ‘Maaliif kana hin bitin? Maaliif akkas hin godhiin?’ osoo jettu keessa kee gubuu dandeessi. Wantuma xiqqoo sirra barbaadde, bowwoo sitti taati.

Furmaata: kan hin fuudhin ykn hin heerumin yoo taate, ammarraa eegalii amala nyakkisuu ofirraa kaasuf carraaqi. Amala tokko ofirraa jijjiruuf yoo hin tattaafatin akkasumatti si waliin tura. Har’a nyakkisaa yoo taate boru niiti ykn dhiirsa keetti ibidda qabsiifta. Karaan hundarra gaariin amala nyakkisuu ittiin jijjirtuu imaana kee dabalachuudha. Sababni isaas, akka nyakkisan kan nama kakaasu sheyxaana. Akkuma namtichi imaanni isaa dabaluun sheyxaanni isarraa fagaachaa adeema. İmaana dabalachuuf beekumsa barbaadu, dirqamoota amantii sirnaan bahuu fi hojii gaggaarii dabalataa hojjachuu, badii fi cubbuu irraa fagaachudha. In sha Allah yoo akkana goote imaanni kee ni dabala, amalli nyakkisuu sirraa hir’ata.

Kan fuute ykn heerumte yoo taates, wantuma armaan olii kana hojjachuudha. Isin lamaanu keyrii (wanta gaarii) irratti wal gargaarun gara Rabbii dhiyaachuf tattaafachudha. Jidduu fi hariiroon namoota kan diigamuuf sababa isaan Rabbiin irraa fagaatanii fi sheyxaana hordofaniifi. Sheyxaana hordofuun immoo balbala badii hundaa ofitti banuudha.

Addaan bahuuf ykn hiikamuuf muddamuu osoo hin ta’in amala keessan jijjiruuf tattaafadhaa. Yoo addaan baatan isin lamaanu miidhaa guddaa dhandhamtu. Wal dandeettanii fi amala keessan foyyeessuf yoo taattafatan In sha Allah jireenya gaarii jiraattu. Irra walii darbuun, walii araaramuun, walii mararfachuu fi wal gargaarun bartee fi aadaa keessan haa ta’u. Bakka qimamiwwan kunniin hin jiretti jireenyaa fuudhaa heerumaa gaarii gaggeessu hin dandeessan. Lamaan keessanu kaayyoo guddaa tokkoof osoo carraaqxanii silaa jireenya gaarii gaggeessitu. Kaayyon keessan lamaanu guddaan ‘Jaalala Rabbii argachuuf’ osoo ta’e silaa jireenya gaarii jiraattu. Sababni isaas, isin lamaanu wanta Rabbiin dallansu irraa ni dheessitu, wanta Rabbiin gammachisu ni hojjattu. Kuni immoo jireenya keessan mi’eessa. Dhoksattis ta’ee ifatti Rabbiin sodaattu. Yoo isin lamaanu gamtaan akkana gootan gaafi ‘Yoomi Laata?’ jedhuuf deebii gahaa argattu.

Yoomi laata badii /dillii itti lixe kana keessaa bahee gara Rabbii kan deebi’u?

Yommuu badii fi cubbuun kee baay’atu, teette, “Yoomi laata dukkana cubbuu keessaa kan bahuu?” ofiin jetta. Dukkanni cubbuu si marsee gaafii yoomi laata? Jedhuuf deebii dhabda. Yookiin immoo gaafii ‘Yoomii laata?’ Jedhuuf deebii dogongoraa kennita.  ‘Amma marsaa dargaggumma ykn shamarrummaa irra waan jiruuf yeroo umriin kiyya ol siqe nan tawbadha.’jechuun of gowwomsita. Duuti yoom akka sitti dhuftu osoo hin beekin umrii dheeraa jiraachu kee akkamitti beekte? Osoo umrii dheeraa akka jiraattu beekteyyu badii keessa jiraachun namarraa ni bareedaa? Eeti akka hin bareenne ni beekta. Garuu akkuma badii kana keessaa bahuuf tattaafattuun wantoonni adda addaa duubatti si harkisu. Isaan keessaa;

1.Badii laaffisanii ilaalu– akkuma cubbuu laaffistee ilaaltun, qalbii kee keessatti hidda qabataa fi ishii daandii’essaa adeema. Ergasi gara wanta si fayyadu ittiin ilaaltu dhabda. Qalbiin wanta gaarii fi badaa addaan ittiin baasan waan taatef. Namni qalbii ofii cubbuun gogsee fi dukkaneesse, adabbii isatti bu’uuf mataa ofii malee enyullee komachuu hin danda’u. Karaa sheyxaanni nama gowwomsuun keessa tokko ija namticha keessatti cubbuu xiqqeesse itti mul’isa. Cubbuun /dilliin xixxiqaan kunniin walirra tuulame namticha gara badii guddatti oofa. Badiin zinaa (sagaagalummaa) ija gadi qabachuu dhiisu irraa dhufaa mitiree? Kanaafu xiqqeenya cubbuu osoo hin ta’in eenyun akka faallessaa jirtuu fi eenyuuf akka ajajamaa jirtu ilaali. Rabbii si uume fi sooru faallessite diina kee gara badii fi adabbii cimatti kan si geessu sheyxaanaf ajajama akka jirtu hubadhu.

2.Boru nan tawbadha jedhanii gara funduraatti dabarsuu– namni hirribaa gaflaa (daguu) keessatti yommuu lixu guyyaa tokko duuti isa dammaqsiti. Gara funduraatti dabarsuu osoo hin ta’in har’a gara Rabbitti deebi’u fi hojii gaggaarii hojjachutu nama baasa.

3.Waadaa fi adabbii Rabbii wallaalu ykn amanuu didu. Namoonni osoo wanta Rabbiin namoota hojii gaggaarii hojjataniif waadaa galee fi hojii badaa warra hojjataniif adabbii cimaa qopheesse osoo beekanii silaa akkuma salphatti baditti hin lixan. Sababni guddaan badii irraa akka hin tawbannee fi Rabbiin araarama hin kadhanneef wanti namoota dhowwee adabbiin ummata darbee akka isaanitti bu’u ykn adabbiin fuundura isaanititti akka mul’atu eegudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

18:55

Namoota yeroo qajeelumni isaanitti dhufe amanuu fi Gooftaa isaanii araarama kadhachuu irraa wanti isaan dhorge karaan (dhumiinsi) warra durii isaanitti dhufu yookiin adabni fuundura isaanitti dhufuu (eegu) malee homaa hin jiru. “ Suuratu al-Kaf 18:55

Adabbii ijaan arganii amanuu fi Rabbiin araarama kadhachuu barbaadu. Yommuu Ergamtoonni Rabbii adabbiidhaan isaan sodaachisan, ‘Adabbi waadaa nu galte nutti fidi.’jechuun isaan qeequ. Adabbiin yoo namatti bu’e ykn Qiyaaman dhaabbatte gara Rabbii deebi’u fi araarama kadhachuun bu’aa maalii buusaa? Dhugumatti sababni guddaan araarama Rabbiin irraa kadhachuu isaan dhoowwu, taa’anii adabbii eegudha.

Kanaafu, namni baditti lixe yommuu aayaa (keeyyata) armaan olii tana dubbisuu fi du’a yaadatu, gaafii Yoomi Laata? Jedhuuf deebii argataa adeema. Duuti yoom akka isatti dhuftu waan hin beeknef dafee badii itti lixe keessaa bahuun jireenya ofii foyyeessuf tattaafata. Namni of-dagatan immoo hanga duuti itti dhuftu yookiin adabbiin Rabbii isa marsuu eegun, “Amma amane, Yaa Rabbii naaf araarami’jechuun iyya. Namni qaruuten ajaja Rabbii kana tole jechuun hordofa.

“Gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaa odoo adabbiin isinitti hin dhufiniin duratti. Sana booda hin tumsamtanu.

Adabni tasa osoo isin hin beekin isinitti dhufuun dura irra gaarii waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti bu’e hordofaa (kana jechuun Qur’aana).” Suuraa Az-Zumar 39:54-55

Adabbiin takkaa namatti buunan gargaarsis ta’ee birmannaan hin jiru badii hojjataa waan turaniif. Fira’aawni yommuu galaanaan liqimfamu, “Amma kunoo amane”jechuun Rabbitti iyyate. Garuu gargaarsa wayitu hin arganne miidhaa fi badii dachii irra babal’isaa waan tureef. Fuggisoo kanaa immoo Nabii Yuunus, yommuu qurxuumiin liqimfamu Rabbitti iyyate. Rabbiin yaadataa fi Isaaf ajajamaa waan tureef, yeroo balaan isatti bu’ee gargaarsa Rabbiin irraa argate.

Yoomi laata Qiyaama tan dhaabbattu? Jenne eegu irra har’uma yeroo fi carraa osoo qabnu gara Rabbii haa deebinu, Isaaf haa ajajamnu, badii irraa haa fagaannu.

4.Ijjannoo dhabuu– namni Rabbiin didaa turee yommuu afuurri adabbi itti bubbisu ijjannoo cimaa argata. Yerooma san gara Rabbii fiiga. Rabbiin malee wanta hundaa ni dagata.Yommuu adabbiin sun irraa deemu immoo Rabbii adabbii irraa isa baraare dagachuun badii ofitiitti deebi’a. Dhugumattti ilmii namaa of miidhaa fi wallaalaadha.

Tarii adabbii amma ijaan waan hin argineef, cubbuu irraa buqqaate gara Rabbii deebi’uuf ijjannoon kee dadhabaa ta’uu danda’a. Dukkana cubbuu ilaalte, ‘Rabbiin naaf ni araarama?’jechuun abdii kutachuun sitti dhagahamu danda’a. Kana hundaa yommuu ilaaltu, ‘Yoomi laata gara Rabbii kan deebi’u?’jechuun of gaafatta. Yoomi kan jedhuuf boru osoo hin ta’in har’a ta’uu qaba. Har’a badii keessaa bahuuf jalqabuu qabda.

“Jalqabuun moo’achuudha.”

Har’a badii kee tarreessite, tokko jette akkuma keessaa bahuuf tattaafattuun karaan siif banamaa adeema. Garuu ‘Yoomi Laata?’jette yoo teette, karaan wayitu siif hin banamu.

51:50

Gara Rabbii baqadhaa. Ani (Nabii Muhammad (SAW)) Isa irraa isiniif akakeechisaa ifa bahaadha.” Suuratu az-Zaariyat 51:50

Badii irraa gara Rabbii yoo hin dheessin eessatti dheessinaa? Dhimma keenya hundaaf gara Isaa yoo hin baqatin eenyurraa gargaarsa argannaa? Kanaafu, hanga yoomi Rabbiin faallessu itti fufnaa? Hanga yoomi salaata irraa baqannaa? Hanga yoomii badii keessaa turraa?

Yoomi laata maatii nyakkisaa kana jalaa kan bahu?  

Balleessaa keetif maatiin yommuu sitti nyakkisu, ‘Yoomuma laata maatii kana jalaa kan bahuu?’ jechuun yaaddofta. Keessa keetti jibbinsii fi irraa baqachuun sitti dhagahamu danda’a. Maatiin wanta xiqqaa guddaaf ijjoolle isaanitti yommuu nyakkisan, ijjoollen finciltoota fi roorristoota itti ta’u. Inuma yommuu umriin isaanii achi deemu ijjoollen isaan rukutu fi miidhaa irraan gahuu danda’u.

Furmaata: duraan dursee maatiin yommuu nutti nyakkisan amala keenya fi ifaaje (xaari) nu guddisuuf baasan ilaalu qabna. Tarii amalli keenya badaa waan ta’eef halkanii guyyaa nutti nyakkisu. Tarii isaan marsaa dullumma irra waan gahaniif sammuun isaanii dadhabuun wantuma xiqqoof nutti nyakkisuu danda’u. Yommuu isaan nutti nyakkisan amala keenya ilaalu qabna. Ifaaje meeqan akka asiin nuun gahan haa hubannu. Jecha Rabbii olta’e haa yaadannu:

Gooftaan keetis akka isin Isa malee homaa hin gabbarree fi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteesse jira. Yoo odoo ati lubbuun jirtuu tokkoon isaani yookiin lamaanu sadarkaa dulummaa irra gahan, jecha hifannaa (uff) isaaniin hin jedhin.Isaaniinis hin lolin. Jecha kabaja isaaniin jedhi.
Isaaniif rahmata godhuuf jecha koola(qoochoo) xiqqeenyaa isaaniif gadi qabi.”Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan Atis rahmata isaaniif godhi.”jedhi. “ Suuraa Al-Israa 17:23-24

Wantoonni Keeyyata tana irraa barannu:

  1. Rabbiin qofa gabbaruu fi haadhaa abbaa tola oolu
  2. Jecha hifannaa uff isaaniin jechuun isaan hin hifatin
  3. Isaan arrabsuu osoo hin ta’in isaan kabaji
  4. Isaaniin lolu osoo hin ta’in cal’isi
  5. Isaaniif koola rahmataa gadi xiqqeessif. Yoo isaan si miidhan akka homaa hin miidhamnetti ilaalun isaanii irra darbi. ‘Na guddisuuf humni natti baasanii fi rakkoon isaan argan kana caala.’ jechuun isaanii irra darbi, garaa laafif.
  6. Rabbiin irraa araaramaa fi rahmata isaanii kadhu. Akkuma isaanii du’aayi gootun mirri jibbu fi hifannaa siif hir’ataa adeema.

Gudunfaa

Ma’aqil ibn Abiidillahi al-jazariyyi akkana jedha, “Yommuu aalimoonni (hayyoonni Islaama) walqunnaman jechoota kanniin walii dhaamu. Yoo wal hin qunnamin immoo tokko tokkoo barreessa. Jechoonni kunniinis: Namni keessa ofii sirreesse Rabbiin ala isaa ni sirreessaf. Namni wanta ofii fi Rabbiin jidduu jiru sirreesse, wanta isaa fi namoota jidduu jiruuf Rabbiin isaaf gahaadha (ni sirreessaf). Namni dhimma Aakhiraa ofii irratti xiyyeefate, Rabbiin dhimma addunyaa isaatiif gahaadha (ni laaffisaaf).” (Hayatu Salaf- fuula 216 irraa fudhatame)

Shakkii-Kutaa 1ffaa
Kijiba/Soba

One comment

Leave a Reply