Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 15

الصبرُ اليومَ عن معاصي اللَّهِ خير من الصبر على الأغلال ”
“Sansalata irratti obsuu irra har’a Rabbiin faalleessu irraa obsutu caalaa.” jedhe dargaggeessi.
Kana jechuun, boru guyyaa qiyaama sababa cubbuutin sansalataan hidhamanii ibidda keessatti dararamu irra har’a cubbuu raawwachuu irraa obsuu fi Rabbii ajajamutu caala.

Wanti nama bu’aa gaarii buusu si taasisu fundura keetif yaadda’u fi wanta darbeef gadduu osoo hin ta’in, har’a cimtee hojjachuudha, jireenya har’a jiraachudha. Kan darbee gonkumaa duubatti hin deebi’u, fundurris hin dhalanne. Maaltu si dhiphisa ree? Guyyaan dhumaa kee har’a ta’uu akka danda’u yaadun hojii gaggaari cimtee hojjachuu fi hojii badaa irraa dheessun gadda darbee fi yaaddo dhufu ofirraa saaqi. Garuu kana hin dagatin, humnaa fi carraaqi kee qofaan uguru hin geessu yoo Rabbiin irratti hin hirkatin. Namoonni baay’een dogongora guddaa hojjatani jiru yommuu isaan Rabbiin irratti hirkachuu dhiisanii humna, qabeenya fi carraaqi ofii irratti hirkatan. Bu’aan isaan argatan yaaddo, gadda, tasgabbii dhabuu fi kkf. Osoo Rabbiin irratti hirkatanii silaa fixee milkaa’inna ni rukutu turan. Kanaafu Rabbiin dhiiste humna, qabeenya fi carraaqi kee irratti hin hirkatin. Yoo akkas goote, gatii ulfaata kafalta. Garuu Rabbiin irratti yoo hirkatte fi cimte hojjatte, badhaasa guddaa argatta.

Nama tokko kophatti gorsuu yoo dadhabde, ummata keessatti hin salphisin. Nama tokko dogongora isaa itti himuun ummata keessatti gorsuun gorsa osoo hin ta’in isa salphisuu fi mataa ofii nama isa caalu akka ta’e agarsiisudha. Kanaafu na argaa fi of tuulu of eeggadhu!

Wanta darbeef Rabbiin irraa araarama kadhachuun gadda fi ba’aa cubbuu darbee ofirraa buusta, wanta dhufuf immoo Rabbiin irratti hirkachuun yaaddo kee ofirraa darbita, wanta amma keessa jirtuuf immoo sabrii horachuu fi galataa Isaa galchuun, gammachuu dhandhamta. Yeroo hundaa tawbaa dhugaan gara Rabbii deebi’uu fi araarama kadhachuun burqaa tasgabbii qalbii kee irratti dhangalaasa. Yaa nama Rabbiin irraa fagaate, jireenya dhiphoo akkamii jiraataa!

Yoo jireenya keessatti milkaa’inna barbaadde, wanta dandeessu hundaa aarsa kafali, wareegi. Aarsi guddaan ati kafaltu yeroo fi humna keeti. Yeroo bakkuma arganitti gubaa ergasii milkaa’inna guddaa eegun akka nama biqiltu dhaabe osoo bishaan hin obaasini fi hin kununsin oomisha guddaa irraa eeguti. Wanti akkanaa jireenya tanaa fi tan dhuftu keessatti hin jiru. Hojii fi niyyaa kee irratti hundaa’e mindeefamta. Kanaafu yeroo kee saamadhu, hojii gaggaarii dalagadhu. Chaati, oduu fi wantoota faaydi hin qabne irratti yeroo kee hin gubin, boru garmalee gaabbitaati.

Yeroo dogongora baay’ee itti raawwattu beektaa? Yeroon ati dogongora baay’ee itti raawwattu yommuu ati fedhii duwwaa kee hordoftuu fi jaalala Rabbii dhiiste jaalala namoota itti barbaaddudha. Namni fedhii duwwaa jala deemu dhugaa irraa jaamaa ta’a.
Yeroo dogongora xiqqaa/muraasa itti raawwattu beektaa? Yeroon ati dogongora muraasa itti raawwattu yommuu Qur’aana fi sunnaa Ergamaa Rabbii (SAW) hordoftuu fi jaalala Rabbii itti barbaaddudha. Qur’aana fi sunnaah hordofuun duungoo ifaa jireenya kee keessatti sii ibsa. Jaalala Rabbii barbaadun immoo bolloo baditti kufuu irraa si eega. Sababni isaas, wanta Rabbiin dallansu irraa ni fagaatta, wantoota Rabbiin jaallatu ni dalagda.

Hojiin gaggaariin kee kan ittiin boontu osoo hin ta’in kan Rabbii galata itti galchitu haa ta’u. Osoo Rabbiin si gargaaru fi itti si qajeelchu baate silaa hojii gaarii kana hin hojjattu turte. Kanaafu galata Isaa galchuun hin barbaachisu ree? Akkasumas hojii badaa irraa yommuu tiikfamtu of tuulu osoo hin ta’in Rabbii galata galchii. Osoo Inni si eegu baate silaa hojii badaa irraa hin baraaramtu turte. Inuma aalimonni gariin namni hojii gaariin oftuulu nama cubbuu gurguddaa hojjatu caalaa badaadha jedhu. Sababni isaas, namni cubbuu gurguddaa hojjatu sun tarii gara Rabbii deebi’uun of gadi qaba. Kuni immoo wanta Rabbiin jaallatudha. Namni hojii gaariin oftuulu immoo Rabbiin irraa fagaata adeema, Rabbiin nama oftuulu waan hin jaallanneef. Kanaaf hojii gaariin of hin tuulin, ni baddaati. Ammas hojii badatti yommuu kuftu abdii kutuu fi daran baditti lixu osoo hin ta’in Rabbiin araarama kadhachuun ba’aa cubbuu sitti ulfaatu ofirraa buusi.

Jireenyi addunyaa tuni jireenya Aakhiraatin yoo walitti hin hidhamin hiika fi gatii hin qabdu, nama jibbisiisti; taphaa fi yeroo itti dabarsuu irra darbee hiika biraa hin qabdu.Mee ilaali namoota Aakhira dagatan, hojii akkamii akka hojjatan. Baay’innaan taphaa fi wanta faaydi hin qabne irratti agarta. Hiikni fi gatiin jireenya addunyaa nama tokkoof kan guuttamu yommuu namtichi jireenya Aakhiraatif yaaddawee fi hojjateedha. Kuni garamii fi maal hojjachuu akka qabu itti agarsiisa, koome sirrii irra gadi dhaabbata. Garuu namni addunyaa tana qofaaf yaadu hawwii fi abdii ofii wantuma ijaan argu qofatti gabaabsuun jireenya tana keessaa gammachuu dhugaa osoo hin dhandhamiin addunyaa irraa boqota. Addunya tana qofaaf waan yaadu fi mindaa biraa waan hin abdanneef, addunyaa tana irraa yoo waa kasaare abdii kuta.

Wanta ofii balleessite, balleessitee “Rabbiin na miidhe” hin jedhin. Namoonni gariin wanta barbaadan yoo dhabanii fi rakkinni isaan tuqxu, “Ani akkasitti salaate; du’aayi godhe, hojii gaggaarii baay’ee hojjadhe, maaliif Rabbiin wanta badaa kana natti erga?” jechuun Rabbiin irratti yaada fi dubbii hamtuu kuufatu. Kuni wallalummaa malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Rabbiin gonkumaa eenyullee hin miidhu. Namoonni yaada badaan Rabbiin yakkan, mataa ofiiti badii hojjatan hin argan. Salaata sirnaan ni salaatu? Wanti Rabbiin dhowwerraa ni dhowwamuu? Daangaa Isaa darbaa ergasii Rabbitu na miidhe jedhu. Kanaafu rakkoo si qunnameef eenyullee hin komatin, matama kee komadhu. Keessummattu Rabbiin komachuu namni kamiyyu mirga wayitu hin qabu. Rabbiin Mootii moototaa ta’ee gaafataadha malee gaafatamaa miti. Eenyulle Isa gaafachu hin danda’u, wanta hundaa ogummaa fi beekumsaan waan hojjatuuf. Yaanni ‘Maaliif Rabbiin akkana hojjata? Maaliif akkas hin goone? ” jedhu yommuu sitti dhufu, kuni yaada badaa sheyxaanni sitti darbu Rabbiitti isa mangafadhu. Yommuu yaadota akkanaa irratti yaaddu, gaafii deebii hin qabne ofitti uumun of dhiphista, jireenya kee keessaa gammachuu haaqxa, Rabbiin dallansiista. Garuu murtii Rabbii gaafi malee yommuu fudhattu fi itti gammaddu, bu’aa sammuu kee qaxxamuree hin beekne argatta, waan san caalu Rabbiin bakka si buusa. Kanaafu wanti badaan yommuu si muudatu, badii hojjatte dabarsite ilaali. Balaan kan sitti bu’uu sababoota sadii keessaa tokko ykn lama ykn sadanu ta’uu danda’a.
Tokkoffa sadarkaa kee dabaluuf, imaana kee cimsuuf ta’uu danda’a.
Lamaffaa badii hojjatte si yaadachisuun akka irraa deebitu fi gara Rabbii tawbaa dhugaan deebituuf ta’uu danda’a.
Sadaffaa, balaan sitti buute badii hojjatte dabarsiteef adabbii kee ta’uu danda’a.
Kanaafu daawwiti sadan kanniin keessatti of ilaali jireenya kee foyyeessi.

Kaayyoon kee guddaan namoota biratti garmalee jaallatamaa ta’uu osoo hin ta’in Rabbiin biratti garmalee jaallatamaa haa ta’uu. Rabbiin biratti jaallatamaa yoo taate namoota birattis jallatamaa ni taata. Garuu jaalala Rabbii dhiiste jaalala namoota argachuuf yoo carraaqxe, ba’aa ulfaata ofitti feeta.

Badii hojjachuu irraa saalfadhu. Garuu waan gaarii babal’isuu fi badii ittisuuf hin saalfatin. Gariin namaa badii hojjachuu hin saalfatu, garuu gaarii hojjachuu ni saalfata. Nama akkana hin ta’in.

Yeroo dallantuu fi hurriin jireenya si haguugu, abdii kutuun wanta badaa lubbuu teeti fi namoota irratti hin yaadin boodarra garmalee seenoftaati. Dallansuu kee too’achuu fi dukkana jireenya ofirraa saaquf carraaqi. Yeroo akkanaa kana keessa sheyxaana Rabbiitti mangafachuun, tooftaa isaa jalaa bahuu dandeessa.

“Namtichi tokko dubartii fuudhee akka jiraattuf gara mana maatii isaatti fide. Isa waliin gammachuun jiraachu jalqabde. Ergasii obbolessi isaa xiqqaan yommuu inni mana hin jirre niiti isaatti seenuun, itti haasawu eegale. Haasofni jaalala kuni wantoota lama dhalee: tokko dubartiin tuni dhiirsa ofii garmalee jibbuu jalqabde. Lammaffaan immoo obboleessa isaa irraa jaalalan qabamte. Garuu dhiirsa ishiis hiiku hin dandeenye, obboleessa isaa san waliinis wanta barbaaddu hojjachuu hin dandeenye.
Kuni adabbii hamaadha.”
Kanaafu obboleessa kiyya jette isaa fi niiti tee addatti hin dhiisin sheyxaanni sadaffaa ta’uun akka nama kanaa taatati. Atille tuni niiti obboleessa kiyyaati jechuun akkuma feete ishii waliin hin ta’in. Atillee yaa obboleetti nama argitee ofitti seensisuu irraa of eegi boodarra ni rakkattaati.

Firiwwan obsaa keessaa tokko hayyama Rabbiitin dukkana keessaa ifatti baata. Akkuma funyoo cimaa fi qajeelcha sirrii qabachuuf tattafattu fi karaa kana irratti obsituun, akkasuma daandiin irra deemaa jirtu ifaan guuttamaa adeema. Of funduraatti daandii mallatto qabu argita, garam akka deemaa jirtu ni beekta, hin dhamaatu. Garuu yoo carraaqu fi obsuu dhiiste kana hundaa dhabda. Karaan irra deemtu si hin ifu. Daandii Islaama irra deemun carraaqi fi obsa barbaachisa. Carraaqi fi obsaan booda ifa argita, mi’aa dhandhamta. Kanaafu carraaqi, obsi.
Yommuu ibaada hojjannu, hojiiwwan armaan gadii keessatti sabrii (obsa) qabaachu qabna:
1.Ibaadan keenya itti fufaa ta’uu. Hojiin itti fufiinsa hin qabne gatii wayitu hin qabu.
2.Ibaada hojjannu keessatti iklaasa qabaachuf carraaqu
3. Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuuf carraaqu
4. Yommuu hojii ibaada hojjannu sirnaan hojjachuu fi niyyaa keenya qulqulleessu. Fakkeenyaf niyyaa teenya riyaa (na argaa) irraa eegu.
5. Erga ibaada xumurre booda wanta ibaada nu jalaa balleessan irraa of qusachuu. Kan akka dhaadachuu,of tuulu, of dinqisifachuu, na argaa, namootatti odeessu, tola irratti waan oollef namoota sanniin miidhu fi gadi xiqeessu fi kkf.
 

Daandii Milkaa'inna fi Gammachuu-Lakk.18
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.14

3 comments

Leave a Reply