Shakkii-Kutaa 1ffaa

Shakkii jechuun faalla dhugaa yaadu. ‘Kuni soba moo dhugaadha? Ni jira moo hin jiru? Gochii kuni adeemsifamee moo hin adeemsifamne? Ta’a moo hin ta’u?’jedhanii yaadu fi keessi namaa tasgabbii dhabuudha. Namni shakkii qabu takkaa gara funduraa hin deemu, takkaa gara duubaa hin deebi’u takkaa immoo achi hin dhaabbatu. Oli gadii raata’a. Dhama’iinsi fi dukkanni isa haguuga. Shakkiin hundee hin qabne baay’ee badaa fi miidhaa guddaa kan geessudha. Sababa shakkitiin maatiin bittinaa’e. Haadha warraa isaa wantuma argeen shakkuun jireenya ofii daaraa kan itti afu meeqatu jira. shakkii bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya.

  • Gooftaa ofii fi Guyyaa Qiyaamaa shakkuu
  • Namoota shakkuu

Shakkiin tokkoffaan yoo hin qulqullaa’in shakkiin lamaffaa gonkumaa hin qulqullaa’u. Namni shakkii tokkoffaa hin qulqulleefanne nama hundaa wantuma argeef shakka. Nama gaarii wanta badaan shakka. Kana jechuun namni shakkii tokkoffaa qulqulleefate, gonkumaa nama hin shakku jechuu miti. Agarsiistu (hint) wayii irratti hundaa’un nama ni shakka. Garuu shakkiin halkanii guyyaa sammuu ofii hin dhoosu. Namni shakkii tokkoffaa qulqulleefate boqonnaa sammuu fi nageenya argata. Namoonni yeroo ammaa dhiphinnaa fi rakkinna baay’etti kan galaniif ilaalchi Gooftaa isaanitii fi Guyyaa Qiyaamatiif qaban badaa waan ta’eef. Guyyaan Qiyaama hin jiru jedhanii kaadu. Osoo Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti dhugaan amananii badii irraa dheessun jireenya gammachuu jiraatu turan. Guyyaan Qiyaama hin jirtu jedhanii waan yaadaniif akkuma argan baditti borcaman. Adabbiin isaan argatan immoo dhiphinna sammuuti fi keessi gubachuudha. Diddaa isaanii yoo itti fufan immoo Guyyaa Qiyaama kana caalaa gubatu.

Namni aaqila ta’ee shakkiin akkana isa keessatti yoo argame, dafee ofirraa oofuuf tattaafata. Namni tokko shakkii kana ofirraa oofuf sababa fi dawaa isaa beeku qaba. Sababni isaa xiqqaate xiqqaatu afur. Isaaniis;

  • Beekumsa sirrii dhabuu yookiin beekumsa sirrii barbaadu dhiisu
  • Niyyaan baduu
  • Cubbuu/dillitti lixuu
  • Wal-mormii

Beekumsa sirrii dhabuu irraa kan ka’e Kiristaanonni karaa sirrii irraa jallatan. Gonkumaa wanta Rabbii hin malle itti fakkeessan. Beekumsa sirrii dhabuu irraa kan ka’ee mitii, ‘Rabbiin ilma qaba.’kan jedhaniif? Rabbiin kana hundarraa qulqullaa’e, Olta’e. Jecha fokkataa akkamii dubbatanii! Karaan harkaa bade gara itti deeman wallaalan. Akkasumas namni tokko Rabbiin beekuf beekumsa sirrii argachuuf yoo hin carraaqin, Rabbii fi Guyyaa Qiyaama ni shakka. Beekumsi sirriin waa’ee Rabbii fi Guyyaa Qiyaama itti beekan Qur’aana fi Hadiisa Ergamaa Rabbiiti. Seenaa keessatti namoota meeqatu madda beekumsaa lamaan kanniin irraa gorun balbala badiinsaa ofitti bane. Sammuu ofii qofaan waa’ee Rabbii beekuf carraaqe. Garuu osoo uguru hin gahin hudhame hafe. Wanta sheyxaanni itti hasaasu hundaa dhugaa godhee fudhachuun achumaan bade hafe.

Namni tokko hojii isaa keessatti yoo niyyaan isaa hin tolin Rabbii gaditti wanta biraa gabbaruun wanta saniif gabricha ta’a. Yommuu niyyaan isaa guutun Rabbii qofaaf ta’u, shakkii badaa qalbii isaatirra jiru ni haaqa. Sababni isaas, Rabbiin kanarratti ni gargaara, gara karaa qajeelaa qajeelcha. Namni niyyaan isaa Rabbii qofaaf hin taane immoo ifa qajeelummaa Rabbiin irraa hin argatu. “Nama Rabbiin ifa isaaf hin taasisin ifni homaatu isaaf hin jiru.”(suuratu An-Nuur 24:40) Yommuu inni Rabbii fi ganda Aakhiraa dagatee addunyama tana jala fiigu shakkiin isa haguuga. Qur’aana sirritti xinxallii dubbisi mee. Hojii hojjattu guutu Rabbii qofaaf akka gootu itti si kakaasa. Mindaa warroota Rabbii qofaaf hojii ofii qulqulleessanii fi kasaara warroota hojii ofii Rabbiif hin qulqulleessine sirritti siif addeessa. Beekumsa Rabbiif jette yoo barbaadde, Rabbiin karaa nageenyati fi ifaa si qajeelcha (Ilaali Suuratu al-maa’ida 5:16 fi Suuratu al-Ankabuut 29:69) sadaqaa yommuu kennitu Fuula Rabbii qofa akka barbaaddu itti si affeera. (Ilaali Suuratu al-Layl 92:18-20).

Namni dukkana cubbuuttu lixe immoo ifa imaanaa gara ittiin argatu hin qabu hanga cubbuu san irraa buqqa’utti malee. Qalbiin yommuu cubbuun haguugamtu shakkiin qalbii raasa. Mee sirratti itti xinxallii yommuu shakkiin Guyyaa Qiyaama sitti dhufu, sababa cubbuutin akka ta’e ni argatta. Namoonni guyyaa Qiyaamatti hin amanne sababa qalbiin isaan cubbuun hagaguumteef malee sababa biraa maal qabu? Guyyaa Qiyaama akka amananiif Rabbiin mallatoolee baay’ee isaanitti agarsiise jira.

Kijibsiiftota Guyyaa sanii badiin mirkanaa’e. Guyyaa Murtii kanneen sobsiisaniif. Daangaa darbitoota, dillaawo ta’an malee namni ishii(guyyaa Qiyaama) kijibsiisu hin jiru. Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti qara’amte ‘Oduu warra duriiti.” jedha. Haa dhorgamu! Wanti isaan hojjataa turan onnee isaani haguuge.” Suuraa Al-Muxaffifin 83:10-14

Sababa badii hojjataniitin qalbiin isaanii haguugamun Guyyaa Qiyaama kijibsiisan. Yaa Rabbii kanarraa nu eegi.

Beekumsa malee wal-mormuunis dhukkuba shakkii namatti naqa. Namoota meeqatu osoo sifaata Rabbii mormanuu achiin badanii hafan.

Dawaa

Dhugumatti karaa sheyxaanni kufritti namoota geessu keessaa inni guddaan qalbii isaanii irratti shakkii darbuudha. Namni tokko kafare jechuun jiruun isaa guutun badde jechuudha. Hanga fedhe addunya tana keessatti qabeenya haa horatu, Guyyaa Qiyaamaa adabbii hamaa ibiddaa dhandhama. Rabbiin kanarraa nu haa tiksu. Sheyxaanni waa’ee Rabbii fi Guyyaa Qiyaama ilaalchise, shakkii onnee ummataa irratti darbuun imaana irraa garagalcha.

Dawaan kanaa inni guddaan beekumsa sirrii barbaadudha. Akkuma beekumsi namticha dabaluun qormaanni sheyxaana hir’ata. Akkuma beekumsi xiqqaatun qormaanni sheyxaanaa baay’ata.

1.Dawaan tokkoffaan Qur’aana barachuu fi sirnaan irratti xinxallu– dhugumatti Qur’aanni qalbii shakkii, munaafiqummaa, wallaalummaa fi kkf nin dhukkubsatte fayyisa. Namni sammuu fayyaatii fi qalbii banamtuun Qur’aanatti dhiyaate deebii quubsaa argata. Shakkiin irraa ka’a. Fakkeenyota fi ragaa adda addaa dhiyeessun namootaf ifa taasisa. Duubaa duraan haqa isaanitti fidun nama amansiisa. Fakkeenyaf, Keeyyataa armaan gadii kana eenyutu kijibsiisaa?

Mee waa’ee bishaan dhugdanii san naaf himaa. Sila duumessa irraa isintu buuse moo Nutu isa buuse? Odoo feenee ashaboo [kuraawaa] isa taasifna. Sila maaliif [Rabbiin] hin galateefanne?” Suuratu Al-Waaqi’a (56):68-70

Osoo addunyaan guutun walitti qabamte dumeessa irraa bishaan buusu danda’u? Dumeessa gurraacha kana irraa bishaan qulqulluun kuni akkamitti akka bu’u itti xinxalli? Rabbiin malee eenyutu isa buusu danda’a? Rabbiin keenya guddate guddinna Isaaf maluu, qulqullaa’e, olta’e. namni kana osoo argu akkamitti Rabbitti kafaraa?
Ammas warroota Guyyaa Qiyaamatti kafaraniif gaafii sammuun fayyaan hin didne dhiyeessa.

Sila namni akkanumaan dhiifamu yaadaa? Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa hin turre? Ergasii dhiiga ititaa ta’ee, [achi nama godhee] uumee guute. Isa irraas cimdii lama dhiiraa fi dhalaa taasise. Sila [Rabbiin akkas godhe sun] du’aa jiraachisu irratti danda’aa mitii?“Suura Al-Qiyaama:36-40

Aalimonni akkanumaan dhiifamu (sudaa) jecha jedhu ‘Osoo hin ajajaminii fi hin dhowwamiin, osoo hin mindeefaminii fi hin adabamiin akkanumatti dhiifamu yaada?’ Jedhutti hiikan. Namoonni osoo akkanitti wal cunqursanuu adabbi fi mindaa malee ni hafuu? Haqa osoo hin argatin akkanumatti achumaan hafuu? Cunqursitoonni akkanitti dachii haqa malee balleessan adabbii tokko malee achumaan du’anii ni hafuu? Sammuun fayyaa qabu kana hin didu. Kaafamni (lamuu deebisaan) ni jira. Kuni Rabbiin irratti baay’ee salphaadha.

Alhamdulillah Rabbiin Guyyaa Qiyaamatti akka amannuu fi qophii gahaa taasifnuuf mallatoolee baay’ee agarsiise jira. Namni mallatoolee kanniin irratti sirritti xinxalle shakkii qalbii isaatirraa ni haaqa.

2.Dawaan lammaffaa yuniversii (hawaa) nu marsee jirutti xinxallu. Wanti guyyaa guyyaan irra deddeebi’anii argan (familiarity) akka itti hin xinxalline ija namoota jaamse jira. Qur’aanni yaada namoota gara samii, dachii fi wantoota isaan jiddu jirutti harkisuun qalbii isaanii dammaqsa. ‘Sila hin hubattin’jechuun isaan dubbisa. Namni uumama samii, dachii fi wantoota isaan jiddutti jiruu sirnaan yoo itti xinxalle, Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti kafaruu sababa wayitu hin qabu. Samii qawwa fi caba wayitu hin qabne, akkamitti tasa ykn mataa ofitiin uumamu dandeessi?

46:33

“Sila Rabbii dachii fi samii uume, isaan uumu keessatti dadhabinni kan itti hin dhagahamiin, du’aa kaasu irratti danda’aa akka ta’e hin argine? Eeyyen, Inni waan hundaa irratti danda’aadha.” Suuratu Al-Ahqaaf 46:33

Dhugumatti yommuu dachii fi samii irratti xinxallitu, yaanni kee ni bal’ata. Addunya tana qofa osoo hin ta’in addunyaan biraas akka jirtu ni hubatta. Dandeetti Rabbii ni hubatta. Irra deddeebi’i gara samii ilaali mee! Akkamitti akka bareeddu! Halkan Rabbiin urjiwwaniin akkamitti akka faaye mee ilaali. Guyyaas ampulii guddaa kana jechuun aduu addunyaa ibsu akkamitti akka samii keessa naanneessu mee ilaali.

“Rabbanaa maa khalaqta haazaa baaxilan subhaanaka faqinaa azaaba naarr. (Yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf hin uumne; Ati qulqulloofte. Adaba ibiddaa irraas nu baraari.’jetta. Uumamni samii fi dachii, wanti isaan jiddu jiru hundi gara Rabbitti amanuu fi Isa qofa gabbaruutti nama qajeelchu.

3.Dawaan sadaffaan sheyxaana Rabbitti mangafachuu– Hadiisa Abu Hureeyran gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ يَأْتِي الشَّيْطَانُ أَحَدَكُمْ فَيَقُولُ مَنْ خَلَقَ كَذَا مَنْ خَلَقَ كَذَا حَتَّى يَقُولَ مَنْ خَلَقَ رَبَّكَ فَإِذَا بَلَغَهُ فَلْيَسْتَعِذْ بِاللَّهِ، وَلْيَنْتَهِ ‏”‏‏.‏

“Sheyxaanni tokkoon keessanitti dhufuun ni jedha ‘Kana eenyutu uume? Kana eenyutu uume? Hanga Gooftaa kee eenyutu uumee?jedhunitti (ni gaafata)’ Yommuu bakka san gahu, Rabbitti haa mangafatu. Yaada akkanaa haa dhiisu.” (Sahiih Al-Bukhaari)

Yeroo kanatti namni tokko ‘A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama) jechuu qaba. Yoo Kanaan dadhabe suuraalee Qur’aanaa isaan dhumaa sadan haa dubbisu. Suuratu al-ikhlaas, suuratu falaq fi Suuratu an-Naas.

Fakkeenyaf suuratu an-naas waswaasa sheyxaana akkamitti akka injifatan nama barsiisti. Sheyxaana qalbii namaa keessatti wasawasu irraa Rabbiin eeggamu akka qaban nama barsiisti. Namni dawaa kana fayyadame nagahaa bahe, kan kana dhiise wanta biraa barbaade immoo bade. Eeti, sheyxaanni warroota dhugaan amanan irratti aangoo wayitu hin qabu. Garuu nama dhugaan aakhiratti amanee fi shakku ifa baasuf Rabbiin ni qora.

34:21

Isa Aakhiraa dhugoomsu, isa ishee irraa shakkii keessa jiru irraa akka adda baasnuf malee isaaf (sheyxaanaf) taaytaan wayitu isaan (warroota amanan) irratti hin jiru. Rabbiin keetis wantoota hunda irratti tiksaadha.” Suuratu Saba 34:21

Yeroo tokko tokko garmalee qoramta. Imaana kee hurgufa. Yommuu qormaanni akkanaa natti dhagahamu aaya armaan olii tana yaadachuun, qormaata akka ta’e beekun nan obsa, Rabbiin irraa araaramaa fi qajeelcha kadha. Ergasii immoo nageenya fi tasgabbii argadha. Namoonni baay’een qormaata kanaaf dawaa barbaaduuf waan hin carraaqne fi obsa waan hin qabneef ni kufu. Hanga qormaanni kuni darbu obsi. Yeroo kanatti dukkanni si marsuu danda’a. yommuu qormaata kana injifannoon darbitu bu’aa baay’ee argatta. Imaanni kee qalbii keessatti sirritti gadi dhaabbata. Sheyxaanaf harka hin kenniin. Yeroo kanatti hin dheekkamiin. Rabbitti warwaadhu.

Qormaanni kuni du’aayif gara Rabbii akka fiigdu si kakaasa. Rabbiin nama Isa kadhatu ni jaallata. Namni qormaanni kuni isatti bu’ee du’aayiif gara Rabbii yoo hin fiigne mucucaate kufa. Kanaafu,yommuu qormaanni akkanaa si muudatu du’aayi baay’isi. Fakkeenyaf,

يَا مُقَلِّبَ الْقُلُوبِ ثَبِّتْ قَلْبِي عَلَى دِينِكَ

“Yaa Kan qalbii Garagalchu hoo! qalbii koo Diinii(amantii) kee irratti gadi dhaabi.”jedhi.

Dawaalee biraa qormaata kana jalaa itti baatu
Gaafiwwan hin fayyanee gaafachuu dhiisu fi mormii irraa dheessu
Salaata sirnaan salaatu
Badii fi cubbuu irraa fagaachu, istigfaara fi tawbaa baay’isuu. 

Guduunfaa
Dhugumatti shakkiin kuni qalbii keessa yoo ture gara kufritti nama oofa. Namtichi kafarraan addunyaa aakhiratti kasaare jechuudha. Addunyaa keessatti jireenya dhiphoo fi tasgabbii hin qabne yommuu jiraatu Aakhiratti immoo ibidda keessatti gubata. Namni tokko shakkii akkanaa irraa of qulqulleessuf yeroo hundaa carraaqu qaba. Carraaqqi kana keessatti immoo haa obsu, Rabbiin irraa gargaarsa fi qajeelcha haa kadhatu.

Jireenyi ilma namaa marsaa afur qabdi.
Marsaan 1ffaan garaa haadhaa keessa
Marsaan 2ffaan addunyaa tana keessa
Marsaan 3ffaan garaa dachii (awwaalcha) keessa
Marsaan 4ffaan Jireenya boodaa (Aakhiraati), iddoon jireenya isaa/ishii jannata yookiin jahannam. Rabbiin jahannam irraa nu baraare qubannaa keenya Jannata haa taasisu.

Marsaa kanniin keessatti walfakkeenyi fi garaagarummaan baay’een ni jiru. Fakkeenyaf,  namni yommuu garaa haadhaa keessaa gara addunyaa tanaa bahu qullaa, kan hin kittaanamne fi qabeenya wayitu kan hin qabne ta’e baha. Haaluma kanaan ilmi namaa yommuu garaa dachii (awwaalcha) keessaa gara oydaa maashar (iddoo walitti qabamiinsaa Guyyaa Qiyaamaa) bahu qullaa, kan hin kittaanamne fi qabeenya wayitu kan hin qabne ta’e baha. Lamaan kunniin uumaa haarawaa fi lamu irra deebisaa waan ta’aniif wal-fakkeenya guddaa qabu jechuudha. Ammas wal-fakkeenyi biraa lamaan isaanitu sakiifa (wanta yaartu, dadhabaa) ta’e irraa uumamu. Namni jalqaba yommuu uumamu bishaan copha saalaa dadhabaa fi yartuu ta’e irraa uumame. Yeroo lamuu garaa dachii keessaa kaafamus lafee bututte irraa Rabbiin lamuu uuma. Ammas walfakkeenyi biraa lamaan isaanitu yeroo murtaa’ef garaa haadha ykn garaa dachii keessa turu. Garaa haadha keessa hanga ji’a sagalii ykn jahaati. Garaa dachii keessa immoo hanga Guyyaa Qiyaamati. Kanaafu namni tokko marsaa jireenya sadii yoo beeke fi itti amane, kan dhumaa amanuu fi itti qophaa’un ni ulfaataa ree? Marsaa jireenya isa dhumaa saniif hojii gaarii hojjachuuni fi hojii badaa irraa dheessun, tawbaa fi Istighfaara (Gara Rabbii deebi’u fi araarama kadhachuun) itti haa qophoofnu.

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.16
Yoomi Laata?-Kutaa 2ffaa

One comment

Leave a Reply