Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.16

Wanta jibbituu fi badaa sadaqaa hin kenniin. Osoo wanti sun siif kenname, ijaan duununfatte malee hin fudhattu. Wanta gaarii Rabbiin irraa eegaa akkamitti wanta jibbituu fi badaa sadaqaa kennitaa? Namoonni gariin midhaan irraa yommuu sadaqaa kennaan, kan gatiin isaa gadii bu’aa fi qulqullinna hin qabne namaa kennu. Rabbiin waan gaarii akka sadaqaa kenninu itti nu ajaja.
Yaa warra amantan! Gaggaari waan carraaqattanii fi waan Nuti dachii irraa isiniif baafne irraa kennadhaa. Isa irraa kennachuutti waan fokkotaa hin yaadinaa. [Osoo isiniif kennamee] ija dunuunfattanii malee hin fudhattan. Rabbiin Dureessa, Farfamaa ta’uu beekaa.” Suura al-Baqaraa:267
Kanaafu Rabbiin irraa mindaa gaarii yoo barbaadde, waan gaarii fi bareeda kenni. Wanta ofii jibbituu fi osoo si kenname kan hin fudhanne, namaa kennuuf hin yaadin.

Dubartootaf
Yeroo tokko tokko hojiin manaa kee si dadhabsiisu danda’a. Amantii kee barachuu fi ibaada baay’iste gochuu barbaadda. Garuu hojiin booda ni dadhabda. Fallii kee maali ree? Furmaanni kunoo as si jira. Hojiin gaariin zikrii akka ta’e ni beektaa mitii ree? Yommuu nyaata bilcheessitu yookiin meeshaa dhiqxu fi uffata miiccitu, zikrii jedhi. Arraba kee zikriin leenjisi.Fakkeenyaf, Subhaanallaah, Alhamdulillaah, Allaahu Akbar jedhi. Yommuu akkana gootu sammuun kee wanta hin taanen hin jeeqamu, hojiin kee siif laafa, boqonnaa sammuu argatta. Hojiin booda yoo sammuun kee hin dadhabiin kitaabota dubbisuu fi barnoota Islaama dhageefachuf carraaqi. Kushiinaa keessa hojjachuun akka ba’aatti sitti haa dhagahamuyyu malee, sammuu kee meeshaale waraana nama balleessan kan akka filmii, moovi ilaalu, interneti irra sababa malee oli gadii raata’u, geemi garmalee taphachuu fi kkf irraa baraara. Hojiin manaa waan natti baay’atef salaatu hin dandeenye jechuun salaata dhiisu hin qabdu. Salaanni guddate guddatu daqiiqa kudhan hin fudhatu. Yommuu sirnaan salaatte gara hojii keetti deebitu annisaa haarawa argatta, hojii kee sirnaan hojjatta. Kanaafu sababa hin taane dhiyeessun salaata hin dhiisin.

Jaalalli cimaan yommuu hiikamu
Shirkii fi bidaa’a booda wanti garmalee sheyxaanatti bareedu namoota lamaan Rabbii jedhanii wal jaallatan addaan baasudha. Isaan jidduu jibba, waanyu fi shakkii facaasa. Niiti fi dhiirsa yeroo jalqabaa jalaala cimaatin walitti dhufan addaan baasu barbaada. Ati tarii hanga ammaa hin fuune/hin heerumne ta’a. Garuu gara funduraatti guyyaa tokko niiti ykn dhiirsa taata. Kanaafu diina kana akkamitti itti duulta? Jalqaba miidhaginna keessa keeti irratti xiyyeefadhu. Jireenya kee keessatti wanti garmalee barbaachisan bareedinna ala keeti osoo hin ta’in bareedinna keessa keetiti. Rabbiin ala kee osoo hin ta’in keessa kee ilaala. Bifa alaa kee jijjiru hin dandeessu. Garuu haala keessa keeti jijjiruu ni dandeessa. Ergasii keessa kee fayyisuu fi bareechisuuf qoricha sirrii ta’ee fayyadami. Qorichi sirrii hin taane dhukkubsataa ajjeesu danda’a. Qur’aana dhiiste filoosofii warra dhiyaa fi asoosama (fiction) bira yoo deemte si ajjeesu malee si hin fayyisan. Kanaafu keessa kee faayu fi fayyisuuf gara Qur’aana fi sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) deebi’i. Qo’adhu, qoradhu, dubbisii, dhageefadhu, baradhu, daawwadhu. Kitaabota madda kanniin wabii godhatan dubbisi. Nama jallata jallisaa irraa dheessi. Aalimootatti dhiyaadhu.
Karaa sadaffaan sheyxaana itti moo’attu yookaa hiriyyaa gaarii qabaachu.Ta’uu baannan kitaaba hiriyyaa godhachuudha. Hiriyyaan badaan gargaara sheyxaanati irraa gori.
Erga keessa kee bareechiste booda nama gaarii filadhu.

Hojii gaggaari kee fesbuuki irratti poosti gochuun of jalaa hin balleessin. Yeroo baay’ee fesbuuki irratti namoonni yommuu hajjii ykn umraa godhan, suura naannawaa kaabatti erga ka’anii booda fesbuuki irratti maxxansuu. Hajjii gochuun wanta xiqqaa miti. Qabeenya baay’etu itti baha. Qabeenyi baay’een itti bayee fi humnaan garmalee itti dadhabanii, yoo niyyaan hin toliin akkamitti hajjiin sun fudhatama argatti? Rabbiin niyyaa fi qalbii teenya ilaala. Hanga feene itti xaarre niyyaan keenya yoo bade hojiin keenya zeroo ta’a. Wanta hanga niyyaa ofii too’achuu fi Rabbiif qulqulleessu ulfaatu hin jiru. Aalima tokkotu “Hojii hojjachuu caalaa niyyaa ofii sirreessutu ulfaata.”jedhe. Yoo hojii gaarii keenya fesbuuki irratti maxxansinuu niyyaan keenya hangam akka jeeqamu hubannee jirra sila?
hojiin tokko Rabbiin biratti fudhatama argachuuf ulaagale armaan gadii lamaan guuttamu qabu
1. Iklaasa qabaachu – Rabbiif qofa jedhanii hojjachuu (niyyaa qulqulluu qabaachu-(Ilaali suura Al-kahf(18):110, Suurat Al-Bayyina(98):5)
2. Hojiin hojjatamu Sunnaah Ergamaa Rabbii(SAW) waliin deemu qaba.
Lamaan kanniin keessa tokko yoo hanqate hojiin fudhatama hin argatu. Kaafiroonni hojii gaggaari baay’ee hojjatu garuu niyyaan isaani qulqullu waan hin taanef Rabbiin biratti fudhatama wayitu hin qabu. Hojii gaggaarii isaani akka dhukkee jalaa bittinaa’a.(ilaali Suura al-furqaan (25) :23) Akkasumas, nama na argaaf sadaqaa kennu Rabbiin hojii isaa jalaa bittineessa. (Ilaali Al-Baqaraa (2):264) Kanaafu addunyaa aakiratti milkaa’uf niyyaa keenya haa bareechisnu. Hojiicha hojjachuun dura maaliif hojjadha jenne of haa gaafannu.
Kanaafu ar-riyaa (na argaa) sodaachun hojii gaarii kee akkuma argitee fesbuuki irratti hin maxxansin.

Yommuu gubaan jaalala sitti ulfaatu, du’aayi suura al-Baqaraa Ayaa 286 keessatti argamtu godhii. Sababni isaas, du’aayi tana keessatti “Gooftaa keenya wanta dandeettiin keenya [baadhachuu] hin dandeenye nutti hin baachisin.” jedhu ni argatta.
Eeti gubaa jaalala danda’uun ulfaatadha. Yoo gargaarsi Rabbii si bira hin jiraatin, badii baay’etti kufta. Kanaafu badii kanaa fi gubaa isaa jalaa bahuuf du’aayi tana gochuun si hin barbaachisu ree? Kanaafu akka Rabbiin si laaffisu, sirritti du’aayi tanaan kadhu.

Yommuu qormaata hundaa obsaa fi abdiin baadhattu, gara olii malee gara gadii hin deemtu. Akkuma qormaata tokko dabartuun sadarkaa tokko olbahaa adeemta. Qormaanni guddaan jireenya guyyaa guyyaa kee keessatti si muudatu, qormaata qalbiiti (qormaata keessaati). Of tuulu, waanyu, jibba, shakkii, dhama’iinsa, dallansuu, riyaa (na argaa), beekkamtiif dharra’uu fi kkf qalbii tee irraa kaasuf garmalee carraaqxa. Akkuma yeroo hundaa qormaata kanniin darbuuf carraaqxuun, sadarkaan kee olka’aa adeema, boqonnaa sammuu fi tasgabbii argachaa adeemta. Kanaafu qormaata obsaan, carraaqini fi tawakkulaan danda’i. Qormaata kamiyyuu darbuuf du’aayi baay’isi. Yaadadhu, sadarkaan kabajaa, gammachuu fi milkaa’inna keeti qabeenya keetin kan shallagamu osoo hin ta’in qulqulinnaa qalbii teetitiin shallagama. Qalbiin yoo tolte haalli kee hundii ni tola. Qalbiin yoo badde haallis akkasuma bada. Kanaafi qormaanni ulfaatan qormaata qalbiiti. Qalbiin yeroo hundaa ni jijjiramti. Gadi dhaabbattu miti. Kanaafu qalbii tee qulqulleessuf garmalee qabsaa’i.

Yoo kabajamuu barbaadde, jalqaba mataan kee namoota biroo kabaji, haqa isaani maluu kenniif. Isaanitti hin booniin. Yoo isaanitti boonte gonkumaa si hin kabajan. Osoo isaan hin kabajin kabaja isaan irraa eegun akka nama hojii osoo hin hojjatin hojii gageessaa (bulchaa) irraa mindaa eeguti.

Isaan kabajuu jechuun mataa gadi qabachuufi osoo hin ta’in, arraba ofii isaan arrabsuu, maqaa xureessu fi hamachuu irraa tiiksudha. Maqaa xureessite ykn hamatte taanan si hin kabajan, si jibbu. Kanaafu nama kabajuu jechuun kabaja, qabeenya fi lubbuu isaani miidhu irraa arraba, harkaa fi kkf eegudha.

Faaydalee namni ija ofii gadii qabatu argatu:
Ija ofii gadii qabachuun:
1. Qalbii badii, cubbuu, halaaka fi kkf irraa qulqulleessa– haraama ilaalun qalbii summeessa. Zinaa raawwachuun ija irraa jalqaba. Akkuma namtichi wanta haraamatti bobaasun, akkasuma baditti dhiyaata adeema.
2. Qalbiin nuura horatti. Nuurri kuni ija fi fuula irraa ni mul’ata- namni ija ofii Rabbii jedhe gadii qabatu qalbiin isaa nuura (ifa) imaanatin ifti. Mi’aa imaana irraa argata. Namni ija ofii gadii hin qabanne immoo bu’aa kana hundaa dhaba.3. Firaasa (dandeetti gadii fageessani xinxallu) sammuun akka qabaattu taasisa- ija ofii gadii qabachuun nuura qalbii irratti waan ibsuuf, nuurri(ifni) kuni madda gadii fageessani yaadu namtichaaf ta’a.
4. Balballi fi sababoonni beekumsa ni banamuuf- akkuma namtichi ija ofii gadii lakkisuun, hulaan beekumsaa isarratti cufama. Garuu yommuu ija ofii gadii qabatu, beekumsi salphatti isaaf gala, balballi beekumsaa isaaf banama. Karaan beekumsa ni salphataaf, fedhii beekumsa barachuu horata.

5. Qalbiin jabeenya, gadii dhaabbanaa(sabaata), gootummaa horatti-
6. Qalbiin gammachuu fi tasgabbii horatti- ija ofii gadii qabachuun waswaasa sheyxaana irraa nama baraarun, gammachuu fi tasgabbii namaa kenna. Yommuu ija tee gadii qabattu wanta hin argine waliin sammuu kee hin dhiphistu.

7. Qalbii hidhaa fedhii irraa qulqulleessa– yommuu ijji wantuma argite ilaaltu namtichi lubbuu ofiitif hidhamaa fi gabra ta’a. Tanas, taanis ni dharra’a. Haala kanaan jireenya ofii darara. Namni ija ofii gadii qabatu immoo kanarraa ni baraarama.
8. Balbala azaaba (adabbii) cufa- ija ofii gadii qabachuu dhiisun sababoota adabbii Rabbiitti nama geessan laaffisa. Yommuu namtichi ija ofii gadii qabachuu dhiisu, zinaa fi wanta fokkutti of oofaa adeema. Kuni immoo balbala azaaba (adabbii) duniyaa fi aakhiraa namatti bana. Ija ofii gadii qabachuun immoo balbala azaaba kana cufa.
9. Sammuu fi basiira jabeessa
10. Machaa’insa jalalaa irraa qalbii qulqulleessa- machaa’insi jalaala machaa’insa farsoo caalaa cimaadha jedhama. Machaa’insi jaalala yeroo dheeraf turuu danda’a. Namtichi wanta isa fayyadu fi miidhu addaan baafachu hin danda’u. Akkuma namtichi ija ofii gadii qabachuu dhiisun jaalalan machaa’a adeema. Namni ija ofii gadii qabatu immoo machaa jalalaa kana jalaa ni baraarama. Jalaalan osoo qabameeyyu hin machaa’u. Madaala ofii eeggata

Madda: Rewdat-ul Muhibiin- Imaam ibn Al-Qayyim ( fuula 73-74) mana maxxansa Dar Al-kutub Al-ilmiyyaa)

Shakkii-kutaa 2ffaa
Shakkii-Kutaa 1ffaa
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.