Shakkii-kutaa 2ffaa

Torbaan darbee shakkii bakka lamatti erga qoonne booda shakkii gosa tokkoffaa ilaalle turre. Har’a In sha Allaah shakkii gosa lamattaa ilaalla. Innis shakkii namoota jiddu, shakkii dhiirsa fi niiti jiddutti uumamu. Shakkiin namoota jiddutti uumamu yoo daangaa hin qabaatin miidhaa guddaa fidu danda’a. Akkuma torbaan darbee kaasne shakkiin dhibee qalbii waan ta’eef sababa fi dawaa qaba. Namtichi sababaa fi dawaa beeke dhibee kana wal’aanu qaba.
Sababoota shakkii namoota jidduu

  • Imaanni dadhabaa ta’uu
  • Wantoota shakkiif nama saaxilan irraa fagaachu dhiisu
  • Hasaasa sheyxaana hordofuu fi kkf

Dawaa shakkii namoota jidduu
Dhugaan isinittiin himaa muxannoo kiyyaa fi namoota biroo irraa shakkii qulqulleessun jireenya gaarii jiraachu yoo barbaanne, iimaana keenya dabalachuuf carraaqu qabna. Akka lugaa Arabifaatti al-Imaanu jechuun al-amnu jechuudha. Al-amnu immoo hundeen isaa tasgabbii nafseetii (xuma’aninatu nafs) fi sodaan qalbii namatirraa deemudha. Kana jechuun kennaa nageenyaati fi faalla sodaa kan ta’e tasgabbii jechuudha. Kanaafu imaanni shakkii fi sodaa irraa nama baraarun tasgabbii fi nageenya namaa kennaa jechuudha.

Hiikni iimaanaa lammataa ‘Dhugoomsudha’ kana jechuun qalbiidhaan dhugaan amananii arrabaan dubbachuu fi qaaman hojjachudha. Namni tokko Rabbitti amane yoo jedhe qalbiin dhugaan amanuu (dhugoomsu) qaba, arrabaan wanta Rabbiin itti ajaje dubbachuu fi wanta irraa dhowwe dhiisu qaba, akkasumas, qaaman wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa dhowwe irraa fagaachu qaba. Yoo kana hundaa hojjate tasgabbii ni argata, sodaa fi shakkiin irraa ni deema. Kana hundaa yoo hin hojjatin garuu tasgabbis hin argatu shakkii fi sodaanis irraa hin deemu.

Kanaafi imaanni qalbii irraa ka’a. Wanti qalbii keessa jiru immoo hojitti jijjiramuu qaba. Kanaafi torbaan darbee namni tokko nageenya fi tasgabbii argachuuf shakkii waa’ee Rabbii fi Guyyaa Qiyaama ilaalchise qabuu qalbii ofitirraa dhiiqu qaba kan jenneefi. Shakkiin kuni yoo hin dhiqamiin shakkii biraa dhiquun ni ulfaata. Kanaafu dawaan tokkoffaan nama dhibee shakkitiin dhibameef ta’uu imaana dabalachuudha. Kana jechuun harkaana imaana jahan qalbii keessatti gadi dhaabuu, arrabaan dubbachuu fi hojiitti jijjiruuf tattaafachu qaba. ‘İmaanni hawwii fi hojii maleen kan dhufuu osoo hin ta’in carraaqqi fi hojiidhan kan dhufuudha.’ Kanaafu, namni tokko beekumsa isaa gabbifachuuf, wanta beeke hojitti jijjiruuf carraaqu qaba.

Dawaan lamaffaan ‘Osoo hin hubatin hin gugatin!’
Namoonni gariin wanta dhagahan dhugaa ykn soba ta’uu osoo addaan hin baafatin, namootatti dabarsuuf muddamu. Ergasi wanta jedhaniif harka ofii cininuu (garmalee gaabbu). Gaabbu qofaa mitii namoota biroos badii guddatti oofu. Kanaafi, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jechuun nu gorsa:

49:6

“Yaa warraa amantan! Faasiqni (fincilaan) oduudhaan yoo isinitti dhufe wallaalumaan namoota akka hin miine fi wanta hojjattaniif akka hin gaabbine (oduu isaa) addaan baafadha.” Suuraa Al-Hujraat 49: 6

Namni oduma arge nama kijibaa irraa fuudhe yoo nama biraatti geesse, nama nagaha haqa malee miidha, mataa ofitiinis garmalee gaabba.

Tarii oduun namni nutti hime dhugaa nutti fakkaachun shakkii fi jibbaan keessa keenya gubuu dandeenya. Jalqaba oduu namarraa fuudhun dura waani (maalummaa) nama oduu nutti fide beeku qabna. ‘Namnitichi kuni kijibaadha moo dhugaa dubbata? Yoo dhugaa dubbate faaydan kana natti himeef maalii? Jidduu keenya diigufi moo waan gaarii naa yaadeti?’ jenne of haa gaafannu. Namtichi kijibaan kan beekkamu yoo ta’e battalumatti oduu isaa achi gatuudha. Namni kijibaan nama addaan diiguu fi maqaa balleessuf waan deemuf. Akka fakkeenyatti Haadha manaa Ergamaa Rabbii (SAW) tan taate Aa’ishaa (radiyallahu anhaa) munaafiqonni zinaadhaan maqaa xureessan. Dubartii qulquulluu waa’ee kanaa gonkumaa hin yaanne olka’anii maqaa xureessun magaalaa Madiinaa keessa dubbii sobaa facaasan. Rabbiin hiika Qur’aana armaan gadii keessatti akkana jechuun isaan balaalefate:

Dhugumatti, isaan (Aa’ishaa irratti) soba fidan garee isin irraa ta’aniidha. Isa isiniif hamtuu hin se’inaa. Inuma inni isiniif caalaadha. Nama isaan irraa ta’e hundaafuu,hamtuu irraa wantuma inni carraaqetetu isaaf jira. Isaan irraa kan (soba) guddaa baadhate immoo adaba guddatu isaaf jira.

Maaliif yeroo soba kana dhageessan, mu’imintoonni dhiiraas ta’e kanneen dubaraa walii toltuu yaadun ‘Kuni soba ifa bahaadha.’jechuu dhabanii?  

Maaliif isa irratti ragaalee afur fidu dhiisanii? Eega ragaalee hin fidin, isaan sun Allaah biratti sobdoonni isaanuma. “ Suuratu An-Nuur 24:11-13

Cubbuulee /dilliwwan gurguddoo keessaa tokko dubartii qulqulluu zinaan maqaa xureessudha. Yommuu namni tokko oduu akkanaa sitti fidu atillee nama san irraa fuute hin hafarsin ni salphattaati. Maqaa namaa xureessun dura wantoota lama gochuu akka qabnu Aayatoota armaan olii kanniin irraa ni baranna.
1.Qalbii teenya qorachuu– haala nama sanii ilaali. “Namni kuni nama waa’ee zinaa yaadu? Ani osoo bakka isaa ta’ee nan hojjadhaa? Maarre, ofiif kan jibbu akkamitti isaaf/ishiif jaalladhaa? Nama kana haala badaa irratti arge hin beeku. Kuni soba guddaadha. Nama kanarraa dubbii sobaa kana hin fuudhu.” jechuudha.Kuni quubsaa ta’uu yoo baate,
2. Ragaa afur akka dhiyeessu gaafachu. Ragaa yoo hin dhiyeessin soba akka ta’e beekun irraa garagaludha. Osoo dhugaayyu ta’ee kana waliin maaltu nu dhiphisse? Maaliif wanta hin beekne fi hin agarre keessa galle rakkannaa? Maaliif cubbuu baadhannaa? Yoo dandeenye nama san gorsuu, ta’uu baannan arraba lugaamudha.
Kanaafu, dubbii oli gadi oofu irraa arraba kee qabi. Namni Aaya tana beeku arraba ofii wanta badaa dubbachuu irraa ni fageessa.
Dhugumatti, isaan dubartoota tiikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoo fi mu’umintoota ta’an maqaa xureessan, addunyaa fi Aakhiratti abaarramaniiru.Isaaniif adaba guddatu jira.” Suuratu an-Nuur 24:23

Namtichi ykn dubartiin zinaan kan beekkamu/beekkamtu yoo taate, namoota biroo akka isatti/ishitti hin dhiyaanne akeekachisuudha. Kana irraa kan hafe shakkiin mataa of dhukkubsuu hin qabnu.

Gorsa gabaabdu tana mee haa dhageenyu
17:36

Waan beekumsaa isaa hin qabnees hin hordofin. Dhugumatti, dhageettin, argituu fi qalbiin, kuni hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera.” Suuratu Al-Israa 17:36

Qataadan akkana jedha:

  • Osoo homaa hin argin ‘argee jira’ hin jedhin
  • Osoo homaa hin dhagahin, ‘Dhagahee jira’ hin jedhin.
  • Osoo homaa hin beekin, ‘Nan beeka’ hin jedhin

Rabbiin kanniin hunda irraa si gaafataati.”
“Gabaabumatti Rabbiin beekumsa malee fi shakkii irratti hundaa’ani dubbachuu ni dhowwa.”(Tafsiir ibn Kasiir)

Dawaa sadaffaan wantoota ykn bakka shakkiif nama saaxilan irraa fagaachu
Namni bakka shakkiif isa saaxilittu argame ykn hojjate, yoo wanta badaan shakkame mataa ofii malee eenyullee komachuu hin qabu. Maqaan isaa/ishii yoo xuraa’e matama ofii haa komatu. Sababni isaas, balbala shakkii kan ofitti bane isa/ishii waan taatef. Seenan armaan gadi kuni wantoota shakkiif nama saaxilan irraa akka fagaatan nama gorsa.

أَنَّ النَّبِيَّ صلى الله عليه وسلم أَتَتْهُ صَفِيَّةُ بِنْتُ حُيَىٍّ فَلَمَّا رَجَعَتِ انْطَلَقَ مَعَهَا، فَمَرَّ بِهِ رَجُلاَنِ مِنَ الأَنْصَارِ فَدَعَاهُمَا فَقَالَ ‏”‏ إِنَّمَا هِيَ صَفِيَّةُ ‏”‏‏.‏ قَالاَ سُبْحَانَ اللَّهِ‏.‏ قَالَ ‏”‏ إِنَّ الشَّيْطَانَ يَجْرِي مِنِ ابْنِ آدَمَ مَجْرَى الدَّمِ ‏”‏‏

Safiyya bint Huyeyyi (masjiida keessatti) Ergamaa Rabbitti (SAW) dhufte. Yommuu gara manaa deebitu Ergamaan Rabbii ni gegeessan. Ansaarota irraa dhiironni lama isa bira darban. (Ergamaan Rabbii) isaan waamun akkana jedhen, “Ishiin Safiyyaa (haadha manaa tiyya)’Isaan lamaan ni jedhan, “Rabbiin qulqullaa’e (Akkamitti waan badaa yaadna)!’ Ergamaan Rabbii ni jedheen,’Sheyxaanni qaama ilma namaa keessa naanna’a akkuma dhiigni naanna’u.” (Sahih Al-Bukhaari)

Gabaasa biraa keessatti, ‘Sheyxaanni yaada badaa akka isinitti hin darbine sodaadha.’jedhuun itti dabale.” (Sahih Al-Bukhaari)

Kanaafu namni tokko iddoo shakkisiisatti argamuun yookiin wanta shakkisiisa hojjachuun balbala shakkii ofitti banuu hin qabu. Niiti yoo taate wanta dhiirsa kee shakkisiisu hin hojjatin, bakka inni si shakkutti hin argamin. Fakkeenyaf, nama alagaa waliin akkuma argan deemu, suuraa waliin ka’uu, fesbuuki, whatsupp, viber fi kkf irratti walii barreessu irraa fagaachu. Ta’uu baannan balbala shakkii ofitti banuun mana kee diigaa jirtaa jechuudha. Balbala shakkii dafii cufi.

Dawaan afraffaan sheyxaana Rabbitti mangafachuu fi nama sanii du’aayi gochuu
Nama gaarii shakkitu san homaa yoo irratti hin argin, garuu sheyxaanni shakkii sitti darbuun tasgabbii yoo si dhowwe, sheyxaana Rabbitti mangafadhu. Yeroo tokko tokko sababa tokko malee akkanumatti lafaa kaate nama shakkuu dandeessa. Shakkii kanas ofirraa oofun garmalee sitti ulfaachu danda’a. Inuma gara wanta baditti si oofun ofii fi nama san irratti miidhaa guddaa geessu dandeessa.

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

إِيَّاكُمْ وَالظَّنَّ فَإِنَّ الظَّنَّ أَكْذَبُ الْحَدِيثِ، وَلاَ تَحَسَّسُوا، وَلاَ تَجَسَّسُوا، وَلاَ تَبَاغَضُوا، وَلاَ تَدَابَرُوا، وَكُونُوا عِبَادَ اللَّهِ إِخْوَانًا ‏”‏‏.‏

“Seehaa (mamii) of eeggadhaa. Dhugumatti seehaan (mamiin) dubbii hundarra soba ta’eedha. Eybii (fault) walirra hin barbaadinaa, wal hin basaasinaa, wal hin jibbinaa, dugda walitti hin garagalchinaa (hariiro addaan hin kutinaa), gabroottan Rabbii, obboleeyyan ta’aa.”   (Sahiih Al-Bukhaari)

Hadiisa akkam bareedu! Sababa tokko malee yoo wal shakkine eybii (dogongora dhokataa) walirra barbaadu fi wal basaasu (dhoksaan nama tokko hordofuu) hin qabnu. Ammas sababa tokko malee wal jibbuu fi walirraa garagaluu (waliin oodu) hin qabnu. Sheyxaanni wanti barbaadu shakkii, jibba, waanyu fi kkf nu jiddutti facaasun hariiroo obbolummaa diigudha. Yommuu sheyxaanni qalbii teenya irratti waa’ee obboleessa keenya wanta badaa darbuu, du’aayi isaa gochuun sheyxaana moo’achuu dandeenya. Yeroo tokko tokko sheyxaanni obboleesuma garaa akka jibbu na kakaasa. Ani immoo sheyxaana moo’achuuf du’aayi nama sanii godha. Fakkeenyaf, ‘Yaa Rabbii obboleessa kiyyaa araarami, wanta badaa irraa tiiksi.’jechuu. Ergasii hasaasni isaa narraa qabbanaa’a.

Kanaafu, niiti ykn dhiirsa kee wanta badaan yoo shakkite, du’aayi godhiif, jidduu fi hariiro keessan sheyxaanni akka diigu carraa hin kenniniif. Sheyxaanni jalqaba akkunamatti lafaa kaate akka shakkitu si taasisa, ergasii hanqinna akka irra barbaaddu fi basaastu itti si kaasa. Ati tarkaanfilee sheyxaana hordofuu osoo hin ta’in, dafte hiddatti kutuu qabda.

Guduunfaa
Eeti shakkiin hundii isaatu badaadha ykn gaariidha jechuu keenya miti. Shakkiin gaarii kan ta’ees ni jira badaa kan ta’ees ni jira. Fkn,nama gaarii tokko wanta gaariin shakkuun wanta beekkamuudha. Akkasumas, nama badaa wanta badaan shakkuun wanta beekkamuudha. Shakkiin keenya daangaa qabaachu fi madaallamaa ta’uu qaba. Sababa tokko malee wantuma argineef nama shakkuu hin qabnu. Akkasumas, wal-qabsiistuun ykn sababni nama san shakkinuuf yoo mul’ate, nama san gorsuun hariiro keenya cimsuu dandeenya.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

49:12

Yaa warra amantan seehaa (mamii) hedduu irraa fagaadha. Gariin mamii dillidha (cubbuudha). Walis hin basaasina. Gariin keessanis garii hin hamatin. Tokkoon keessan foon obboleessa isaa osoo du’ee jiruu nyaachu ni fedhaa? (yeroo) san ni jibbitanii (isa jiraa hoo maaliif nyaachu feetani?) Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, Rahmata godhaadha.  [Al-Hujuraat (49): 12

Hiikkan iimaana kitaaba Al-Imaanu: haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a.” jedhamu irraa fudhatame

Dogongorri yoo uumame ana irraayyi. Rabbii fi Ergamaan Isaa (SAW) dogongora kana irraa bilisa. Dogongora yoo argitan na sirreessu hin dagatina. Dogongora qubee fi jechaa sirreessuf hanga humna kiyyaa carraaqe jira. Yaa Rabbii naaf araarami.

Niyyaa
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.16

3 comments

Leave a Reply