Niyyaa

Niyyaa jechuun maal jechuudha?
Bakki Niyyaa eessa?
Akkamitti niyyatan?
Niyyaa malee hojiin fudhatama ni argataa?

عَنْ أَمِيرِ الْمُؤْمِنِينَ أَبِي حَفْصٍ عُمَرَ بْنِ الْخَطَّابِ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم يَقُولُ: ” إنَّمَا الْأَعْمَالُ بِالنِّيَّاتِ، وَإِنَّمَا لِكُلِّ امْرِئٍ مَا نَوَى، فَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ إلَى اللَّهِ وَرَسُولِهِ فَهِجْرَتُهُ إلَى اللَّهِ وَرَسُولِهِ، وَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ لِدُنْيَا يُصِيبُهَا أَوْ امْرَأَةٍ يَنْكِحُهَا فَهِجْرَتُهُ إلَى مَا هَاجَرَ إلَيْهِ”.

Ajaja Mu’imintoota kan ta’e Abu Hafsa, Umar ibn Al-Khaxxaab (Rabbiin isarraa haa jaallatu) akkana jedha; Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana kan jedhu dhagaye: “Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira. Nama godaansi isaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaa taate, godaansi isaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaati. Nama godaansi isaa faydaa duniyaa argachuuf yookiin dubartii fuudhuf taate, godaansi isaa gara wanta inni itti godaaneti.” (Sahiih al-Bukhaari fi Sahiih Musliim)

Hadiisni kuni tokko-sadaffaa beekumsaati jedhame. Hadiisni kuni hojiiwwan namni hojjatu hunda kan tuquudha. Hadiisa kana jechoota hayyootatin ibsuun dura mee niyyaan maal akka ta’e haa hubannu.

Niyyaa jechuun maal jechuudha?

“The meaning of niyyah can be described in English as: endeavor, intention, purpose, resolution, goal, aim, resolve, determination, and so forth.

Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu niyyaa jechuun- yaada,fedhii, kaayyo, ijjannoo, xiyyeefannoo, karoora fi kkf. Niyyaan yaada sammuu namaatti dhufu qofa osoo hin ta’in, ijjannoo, fedhii fi kajeellaa wanta tokko hojjatuuti. Kanaafu, namni tokko wanta tokko hojjachuuf niyyaa yoo qabaate, wanti isa dhowwuu yoo hin jiraatin yookiin niyyaa yoo hin jijjirin wanta san ni hojjataa jechuudha. Fakkeenyaf, namni tokko guyyaa Wiyxataa soomu yoo yaade ergasii guyyaan Wiyxataa yoo dhufee fi soomu irraa wanti isa dhowwuu yoo hin jiraatin, garuu yoo soomu dhiise, niyyaa dhugaa hin qabu jechuudha.”(3)

Karaa biraatin niyyaan humna harkisaa (driving force) hojii tokko duuba jiru jechuu dandeenye. Wanti hojii san akka hojjatu isa kakaasu ykn harkisu niyyaa isaaf ta’a. Wanti kakaasu ykn harkisu gaariis badas ta’uu danda’a.

Bakki Niyyaa Eessaa?
“Akka Ibn Taymiyyaatti, bakki niyyaa arraba osoo hin ta’in qalbii akka taate hayyoonni irratti walii galanii jiru, jedha. Kana jechuun arrabaan dubbachuu fi wanta tokko hojjachuuf niyyachuun kan walfakkaatu miti. Kanaafu, dubbiin bida’aa (wanti haarofti umamee) fakkeenyaf kan akka ‘Raka’a lama salaatuf niyyadhe…’jedhanii arrabaan dubbachuun hiika hin qabu. Ergamaan Rabbii (SAW) dubbii akkana fayyadamanii waan hin beeknef.” (3)

Akkamitti niyyatan? (1)
Namni tokko qalbii ofii keessatti wanta hojjatu san niyyataa malee arrabaan ol baase, ‘Yaa Rabbii kana hojjadha jedhe dubbachuun wanta isaaf maluu miti. Sababni isaas, Rabbiin wanta qalbii keessatti dhokatu fi ifatte duubbatamu guutu waan beekufi.

3:29

Yoo waan qoma keessan keessa jiru dhoksitaniis yookiin isa mul’iftaniis Rabbiin isa (waan san) ni beeka. (Inni) waan samii keessa jiruu fi waan dachii keessa jirus ni beeka. Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha.”jedhi! Suuratu Aali-Imraan 3:29

Fakkeenyaf namtichi wudu’aaf (salaataf qaamolee dhiqamuu qaban dhiquuf) ni niyyata. Kan inni wuda’atuuf Rabbiif jedheeti. Ammas kan wudda’atu ajaja Rabbii hordofuufi ykn guutufi. Kanaafu kuni wantoota sadii of keessatti qabata.

  1. Niyyaa ibaadaa
  2. Niyyaa Rabbii qofaaf hojjachuu
  3. Niyyaa ajaja Rabbii guutuf yookiin tole jechuuf kan ittiin dhaabbatudha. Kuni wanta guutu niyyaa keessa jiruudha.

Haaluma kanaan salaata keessatti- jalqaba ni niyyatta. Salaata zuhriti moo asriidha moo maghriiba moo ishaa’idha moo salaata fajrii salaatta? (Arrabaan osoo hin dubbatin qalbii tee keessatti ‘Ani salaata kana salaata’jetta). Niyyaan lamataa immoo ati kan salaattu Rabbii qofaafi. Isaan alaafi miti, na argaaf yookiin na dhagayaaf hin salaattu. Yookiin salaata keetin akka faarfamtufii miti kan salaattu. Yookiin addunyaa irraa waa argachuufi miti kan salaattu. Rabbii qofaaf salaatta.

Sadaffaa ajaja Rabbii keeti guutuf niyyaa sammutti fidduudha. Fakkeenyaf, Rabbiin ni jedha “Salaatas dhaabaa, zakaas kennaa, warra rukuu’a godhan wajjiniis rukuu’a godhaa.” Suuratu Al-Baqaraa 2:43. Ajaja Isaa kana guutuf ni salaattaa jechuudha.

Niyyaa malee hojiin fudhatama ni argataa?(1)
Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira.
“Himoota lamaan kanniin jidduu garaagarummaa guddatu jira. Kan jalqabaa sababa yommuu agarsiisu kan lammataa immoo bu’aa agarsiisa.

Himni jalqaba hiikni isaa hojiin homaatu hin jiru niyyaan duuba jiru malee. Garuu niyyaan garaagarummaa guddaan gargar ta’u. Akka samii fi dachii addaan fagaatu. Namoota keessaa nama niyyaan isaa fiixe wanta ol’aanaa irra jiruudha (Niyyaan isaa guddaadha). Namoota keessaa nama niyyaan isaa kosii wanta gadi bu’aa keessa ta’edha. Inuma namoota lama kan hojii walfakkaatu hojjatan ni argita. Walumaan jalqabanii, walumaan xumuru, haaluma wal-fakkaatan hojjatu,dubbatu garuu jidduu isaanii fageenya samii fi dachiitu jira. sababni kana hundaa niyyaan garagara ta’uudha.

Kanaafu bu’uurri- hojiin homaatu hin jiru niyyaan waliin jiru malee. Garuu niyyaan garagaraa fi addaan kan fagaatanidha. Bu’aan kanaa immoo “Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira.”jedhe. Hojii gaggaarii shari’aa keessaa jaalala Rabbii fi ganda Aakhiraa argachuuf yoo niyyate, kana ni argata. Yoo addunyaa niyyate immoo argachuu yookiin dhabuu danda’a.”

Hojiin kamuu dhimma lama irratti kan ijaarramedha:(2)

  1. Gaarummaa keessaa (dhoksaa) fi
  2. Gaarummaa alaa (mul’ataa)ti

Hojiin kamuu dhimmoota lamaan malee fudhatama hin argatu. Niyyaan Rabbii qofaaf qulqulluu ta’uu. Kuni keessaan (qalbiin) kan walqabatuudha. Hadiisni Umar (Rabbiin isarraa haa jaallatu) kanaan walqabata: “Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira.” Kuni qalbiin wal-qabata. Hojiin kamiyyuu fudhatama hin argatu Rabbii qofaaf jedhame yoo hin hojjatamin.

Hadiisni Aa’ishaa (Rabbiin ishirraa haa jaallatu),Ergamaa Rabbii (SAW) irraa “Dhimma (Amantii) keenya kana keessatti namni wanta isa (amantii) keessa hin jirre haarawa uume, wanti suni fudhatama hin argatu.” (Sahih Al-Bukhaari) Haala alaa (mul’ataatin) kan wal-qabatuudha.

Warroonni beektota ‘Hadiisonni lamaan kunniin waa’ee amantii guutu kan of keessatti hammate’ jedhu. Hadiisni umar ‘Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani…’ safartuu ykn madaaltu keessaa (qalbiiti). Hadiisni Aa’ishaa ‘Dhimma (Amantii) keenya kana keessatti…’ immoo safartuu ykn madaaltu alaa (mul’ataati).”

Dhoksaa fi mul’ataa yommuu jedhu namoonni gariin ‘Kuni maal?’ jechuun xiqqoo dhama’uu danda’u. Dhoksaa yommuu jedhu hojii tokko hojjachuuf yaada ykn niyyaa nama kakaasu kan qalbii keessa jiru yommuu ta’u, mul’ataa yommuu jedhu immoo ‘Haala hojiin suni itti hojjatamu’ agarsiisa. Kanaafu,hojiin tokko Rabbiin biratti fudhatama argachuuf ulaagaalee lama guutu qabuu jechuudha. Tokko guuttame kan biraa yoo hir’ate hojiin sun fudhatama hin argatu. Ulaagaaleen kunniin:

  1. Qalbii keessatti ikhlaasa qabaachu (Rabbii qofaaf ta’uu qaba)
  2. Haalli hojiin suni itti hojjatamu immoo shari’aa waliin kan deemu ta’uu qaba.

Ergamaan Rabbii kanaaf fakkeenya dhiyeessun akkana jedhan: Nama godaansi isaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaa taate, godaansi isaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaati. Nama godaansi isaa faydaa duniyaa argachuuf yookiin dubartii fuudhuf taate, godaansi isaa gara wanta inni itti godaaneti’ Kuni fakkeenya niyyaati.

Hojiin ifatti walqixaa fi walfakaatoo ta’uu danda’u. Garuu niyyaan addaan baafti. Namni godaanu jaalala Rabbii fi ganda Aakhiraa yoo barbaade, godaansi isaa kuni gara Rabbiiti fi Ergamaa Isaati. Hojiin isaa gaariidha. Garuu godaansi isaa bu’aa addunyaa argachuuf ykn dubartii fuudhuf yoo ta’e akka shari’aatti godaanaa miti. Godaansi isaa gara wanta inni itti godaaneti.

Imalli nama tokko biyya tokko irraa gara biyya biraa haaluma kanaani. Imalli isaa beekumsa barachuuf yookiin jihaadaf yoo ta’e wanta niyyatetu isaaf jira. duniyaa fi daldalaafis yoo ta’ee wantuma niyyatetu isaaf jira.”

Niyyaa fi Ikhlaasa (3)
“Niyyaan nama tokko gaarii yookiin badaa ta’uu danda’a. Garuu mu’iminaaf (nama dhugaan Rabbitti amaneef) kaayyoon niyyaa isaa, hojii san hojjachuuf kaka’uumsi isaa, Rabbii qofaaf kan qulqulleessu ta’u qaba. Iklaasni kutaa tawhiida qulqulluu Ergamtoonni Rabbii ummata ofii barsiisa turaniidha. Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha;

98:5

Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessu, salaata dhaabuu fi zakaa kennuutti malee homattu hin ajajamne. Kuni immoo amantii qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5

Namni tokko hojii ibaadaa hojjachuun dura, hojii ibaadaa san Rabbii qofaaf hojjataa akka jiru mirkaneefachu qaba. Kaayyoo kana irraa yoo dabee takkaa shirkii guddaa (Rabbitti waa qindeessu) kan Islaama keessaa isa baasu hojjataa jira takkaa immoo gosa shirkii isa xiqqaa kan akka na argaa hojjataa jiraa jechuudha. “

Hojii tokko hojjachuuf fedhii fi dandeettin barbaachisaadha. Asitti fedhiin niyyaa bakka bu’a. Dandeettin immoo tarii beekumsaan,humnaan, qabeenyan yookiin aangoon ta’uu danda’a.

Aalima tokkotu akkana jedha, “Namni tokko dandeetti qabaate iklaasa yoo hin qabaatin, ni salphata. Akkasumas, iklaasa qabaate dandeetti yoo hin qabaatin, ni kufa, dadhabaa ta’a.”

In sha Allah torbaan kutaa 2ffaa hanga walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakatuh. Dogongora yoo argitan, natti beeksisu hin dagatinaa.

Kitaabilee Wabii

1.Sharih Riyadu Saalihin– ibn Usaymiin (Jildii1, Fuula 13-19)

2.Al-Ifhaam fi sharih Umdatul ahkaam– Ibn Baaz (fuula 62-64)

3.Commentary on the Forty Hadith of Al-Nawawi– Jamal Zarabozo – (Jildii1,fuula 104 fi 107)

Niyyaa keenya qulqulleessuf
Shakkii-kutaa 2ffaa

2 comments

Leave a Reply