Niyyaa keenya qulqulleessuf

Torbaan darbee waa’ee niyyaa tuttuquuf yaalle turre. Yaadachisaf, hojiin kamiyyuu niyyaa irratti kan ijaarrameedha. Sababa namoonni niyyaa garagaraa qabaniif milkaa’inni fi gammachuun isaani garagara. Hojiima walfakkaatu osoo hojjatun niyyaan isaanii garagara waan ta’eef milkaa’inni fi bu’aan isaan buusan akka ardii fi samii addaan fagaata. Iccitiin kanaa niyyaa ofii qulqulleessu fi qulqulleessu dhiisu irratti hundaa’a. Nama waggaa kudhaan keessatti garmalee osoo hojjatu bu’aa gaarii hin buusne fi nama waggaa shan ykn sanii gadi keessatti bu’aa hangana hin jedhamne yommuu buusu yeroo argite si hin dinqisiisin. Iccitiin kanaa inni guddaan niyyaan isaanii garagara waan ta’eefi. Kanaafu, yeroo gabaaba keessatti, bu’aa guddaa fidu yoo barbaanne niyyaa keenya qulqulleessun hin barbaachisu ree?

Niyyaa ofii qulqulleessun bu’aa akkamii nuuf buusaa? Niyyaa ofii qulqulleessun;

  • Ijjannoo fi kutannoo cimsa
  • Dallansuu, jeequmsaa fi abdii kutuu irraa si eega
  • Daandii milkaa’innaa laaffisa
  • Yeroo gabaaba keessatti bu’aa guddaa buusta
  • Ofitti amanamummaa (self-confidence) horatta
  • Gargaarsa guddaa Rabbiin irraa argatta
  • Milkaa’inna fi gammachuu kee arifachiisa
  • Hojiin kee qulqullinna qabaata
  • Qalbiin tee tasgabbii fi nageenyan guuttamti
  • Nama dhugaa (saadiqa) taata fi kkf

Kanaafu, bu’aa lakkawame hin dhumne kanniin argachuuf niyyaa keenya qulqulleessuf carraaqu nu hin barbaachisu ree? Yeroo ammaa baay’een keenya qalbii teenya qulqulleessu daganne jirra. Sababa kanaan niyyaan keenya gaarii waan hin taanef jireenya keessaa gammachuu fi milkaa’inna dhandhamu dadhabne.

Wanti hanga niyyaa qulqulleessu ulfaatu hin jiru. Akkasuma, bu’aan hanga niyyaa qulqulleessu irraa argamu gahu hin jiru.

Qalbiin kan toltu toliinsa hojiitini. Toliinsi hojii immoo niyyaan yoo toleedha.” (Muxarriif ibn Abdullah)

Kanaafu Rabbi qofaaf qulqulleessun wanta salphaa miti. Nafsiyyatti (lubbuu ofitti) qabsoo guddaa barbaachisa. Niyyaa ofii qulqulleessuf karaawwan kanniin hordofuuf mee haa tattaafannu;

1.Beekumsa barbaadu– dhugumatti beekumsa barbaadun dhibee lakkoofsa hin qabneef qoricha ta’a. Garuu dhibee hamaa qalbii teenya huubaa jiru fayyisuuf beekumsa akkamii barbaadu qabnaa? Beekumsi saayinsii yookiin filoosofii qalbii teenya dhibeewwan akka waanyu, jibbaa fi kkf irraa fayyisuu akka hin dandeenye ni dhugoomsina. Kanaafu qalbii teenya fayyisuu yoo barbaanne gara beekumsa Islaama deebi’u qabna. Beekumsi Islaama karaa adda addaatin ni argama. Garuu karaa fi carraawwan jiranitti fayyadamuun qalbii teenya qulqulleessuf yoo hin tattaafatin, gonkumaa niyyaa keenya qulqulleessu hin dandeenyu.

Muxannoo koo irraa yommuu isiniif himu, yommuu kaayyoo jireenya kiyya bocu gaafiin ‘Maaliif’ jedhu garmalee na rakkise. Keessi koo maaliif kana ta’uu barbaaddaa? Maaliif kana hojjattaa? Jechuun iyya. Gaafii kanaaf deebii argachuuf kitaabban adda addaa garagalchu eegale. Keessattu kitaaba waa’ee niyyaa ykn iklaasaa dubbatu arginaan dubbisu malee hin dhiisu. Kitaaba tokko yommuu dubbisu deebii ‘Maaliif’ jedhuuf nan dhaba. Ammallee kitaaba biraa nan dubbisa. Ammas deebii gahaa hin argadhu. Garuu gaafii maaliif jedhuuf deebii quubsaa kan argadhe Tafsiira Qur’aana keessayyi. Ammas taanan niyyaan kiyya dhibbaan dhibbatti qulqulluudha jechuu hin danda’u. Qulqullummaa niyyaa Rabbii qofatu beeka. Eeti gaafiin ‘Maaliif’ jedhu qulqullummaa niyyaa murteessa. Namni gaafii kanaaf deebii gahaa fi sirrii argachuuf tattaafate Rabbiin ni gargaara.

Mujaahid (Rabbiin rahmata isaa godhuu) akkana jedha: “Niyyaa sirrii osoo hin qabaatin beekumsa kana barbaadu eegalle. Ergasii Rabbiin niyyaa sirrii nuuf kenne.”

Namoonni gariin beekumsa Islaama yommuu barachuuf tattaafatan niyyaan isaanii kan jalqabaa addunyaa tana irraa qabeenya fi beekkamtii argachuu ta’e. Beekumsa saniin niyyaa ofii Rabbiif qulquullessuuf hin tattaafanne. Akkuma niyyatan san wanta niyyataniif addunyaa irraa qabeenya fi beekkamti argatan yookin ni dhaban. Garuu kasaaran guddaan jaalala Rabbii fi ganda Aaakhiraa dhabuudha.

Muxarriif ibn Abdullah: “Hojii Aakhiraatin wanta addunyaa barbaadun dhugumatti fokkate.”

Namoonni gariin immoo niyyaa ofii Rabbii qofaaf qulqulleessuf tattaafatan. Akkasuma Rabbiin isaan qajeelche. Kunoo hojii irra oolmaa Hadiisa Ergamaa Rabbii (SAW) asitti ni hubanna. “Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira.”

Namni tokko jireenyaa isaa keessatti jalqaba niyyaa ofii hojii fi sochii kam keessattu qulqulleessuf yoo tattaafate, gammachuu fi milkaa’inna hin yaaddamne argata. Garuu namni niyyaa ofii qulqulleessu dagate akkamitti akka kufu hin beeku.

2.Hojii ykn eenyummaa ofii dhoksuu– amala ilma namaa keessaa tokko hojii gaarii tokkoon beekkamaa ta’uu barbaada. Wanta gaarii hojjatu hundaa namoonni osoo arganii ykn beekanii fedha. Garuu kuni yeroo baay’ee miidhaa malee bu’aa kan isaaf buusu miti. Kana jechuun namni yeroo hundaa hojii gaarii dhoksu qaba jechuu miti. Haa ta’uu malee bakki fi yeron hojii itti dhoksan ni jira, akkasamus kan ifa itti baasan ni jira. Rabbiin hiika Qur’aana kana keessatti akkana jedha:

Sadaqaa yoo mul’iftanii (kennattan) isheen waa tolte; yoo ishee dhoksitanii hiyyeeyyif kennitaniis isatu isiniif caala. (Rabbiin) hamtuwwan keessan isin irraa harcaasa. Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekadha.” Suuratu Al-Baqaraa 2:271

Aaya tana keessatti sadaqa ifa baasanii kennun toltuu akka taate ni ibsa. Garuu dhoksanii hiyyeeyyif kennuun irra gaarii (caalaa) akka ta’e ni hubanna. Sadaqaa dhoksuun niyyaa nama kennuus ni eega, kabajaa nama sadaqaa san fudhatus ni tiksa. Kanaafu, karaan niyyaa ofii itti qulqulleessan keessaa tokko osoo namni hin argin, jaalala Rabbii qofa barbaaduf, hojii gaarii kee dhoksuudha. Namoonni akka arganii fi beekan hin fedhin. Yoo argan inuma si waanyun si jibbuu fi si miidhu eegalu.

Aliyyi ibn Abu Xaalih: “Hojiin gaariin- Rabbiin malee namni tokkollee ittiin si faarsu kan ati hin barbaannedha.” Kana jechuun hojii gaarii kan hojjattuuf namoonni akka si faarsanii fi galateefatan osoo hin ta’in Rabbiin irraa mindaa gaarii kajeelun Rabbii qofaaf hojjatta. (Hayatu salaf: 226)

Sufyaan as-Sawrii: “Ani namoota beekee osoo namoonni na beeku baatanii jaalladha.” (Hayatu salaf: 250)

Fudaayl ibn Iyaad: “Namni akka yaadatamu (beekkamu) jaallatu hin yaadatamu (bekkamaa hin ta’u). Namni yaadatamu (beekkamaa ta’uu) jibbu ni yaadatama (ni beekkama).” (Hayatu salaf: 250)

Abdah ibn Sulaymaan al-Maruuzi akkana jedha: garee loltoota taane Abdullaah ibn Mubarak waliin gara biyyaa Ruum seennee diinan wal-qunnamne. Diina keessaa namtichi tokko bahe dorgommiif nama waame. Nu keessaa namni tokko yommuu bahu namtichi diinaa kuni nama kana ni ajjeese. Ammallee namni biraa itti bahe. Ammas namtichi diinaa kuni ni ajjeese. Ammas namni biraa itti bahe, ammallee ni ajjeese. Ammas dorgomiif nama waame. Amma namni tokko Muslimoota keessaa itti bahuun yeroo muraasan booda diina kana waraane ajjeese. Muslimoonni nama kana ni marsan. Yoo isa ilaalu edaa inni Abdullah ibn Mubaraak. Yeroo san inni fuula ofii haguuggin of dhokse. Fiixe haguuggi isaa qabuun irraa harkise. Ergasii Abdullah ibn Mubaraak akkana jedhe: Yaa abbaa Amr sihii sila kan nu salphisaa jiru (kana jechuun namootatti na beeksisuun).” (Hayatu salaf: 250)

Kanoo hanga kana namoonni gaggaariin durii eenyummaa fi hojii ofii dhoksu.

3.Rabbiin irraa iklaasa fi gargaarsa kadhachuu– hojiin gaariin kamiyyuu iklaasa malee fudhatama akka hin arganne beekun yeroo hundaa Rabbiin irraa iklaasa kadhachuu nu barbaachisa. “Yaa Rabbii hojii kiyya hunda keessatti iklaasa naaf kenni.”jedhanii kadhachuu barbaachisadha. Yoo hidda onnee jalaa sirritti kadhanne Rabbiin iklaasa nuuf kenna. Umar ibn Al-Khaxxaab (RA) akkana jechaa ture:

اللهم جعل عملي كله صالحاً وجعله لوجهك خالصاً ولا تجعل لعحد فيه شيئاً

Allaahumma ja’al amalii kullahu saalihan wa ja’alhu li wajihika khaalisan, walaa taj’al li ahdi fiihi shey’an.”

Hiikni: “Yaa Rabbii! Hojii kiyyaa guutuu gaarii taasisi, Fuula kee qofaaf qulqulluu akka ta’u isa taasisi, isa keessatti eenyufillee qooda homaatu hin taasisin.”
Nama itti fayyadameef du’aayi akkam bareedu!

4.Mindaa Rabbiin siif qopheesse wanta addunyaan qabatte hunda caala– yeroo baay’ee niyyaan keenya kan baduuf mindaa Rabbii daganne ykn wallaalle, yookiin immoo Rabbiin irratti hirkachuu waan dhiisnef addunyaaf haafa’uun niyyaa keenya balleessina. Kana beeknaa silaa, niyyaa keenya Rabbii qofaaf yoo qulqulleessine fi hojii gaarii sirnaan yoo hojjanne, jireenya gammachuu fi tasgabbii addunyaa tana keessatti jiraanna. Jireenya gammachuu fi tasgabbii kana caalu immoo In shaa Allah Aakhiratti ni arganna. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

16:97

Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’imina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina.” Suuratu An-Nahl 16:97

“Kuni waadaa Rabbiin ilmaan Aadam irraa namoota hojii gaarii hojjataniif galeedha. Hojiin gaariin suniis Kitaaba Rabbii fi Sunnaah Ergamaa Isaa (SAW) waliin kan deemu ta’uu qaba. Qalbiin immoo Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanuu qabdi. Hojiiwwan kunniinis kanneen Rabbiin itti ajaje ta’uu amanuudha. Rabbiin addunyaa tana keessatti jireenya gaarii isaan jiraachisu fi Aakharitti irra gaarii waan isaan hojjatanitiin isaan mindeessun Jannata seensisa. Jireenyi gaariin haala hunda keessattu tasgabbii fi gammachuun namatti dhagahamu, rizqii halaala qabaachu, ibaada (gabbarrii) Rabbii irratti jabaachuu fi mi’aa irraa argachuu fi kkf of keessatti hammata.”

Jireenyi gaariin baay’inna qabeenyatin kan madaallamu miti. Namoota meeqatu qabeenya baay’ee qabu garuu tasgabbii fi nageenya hin qaban. Jireenya tana keessatti tasgabbii fi gammachuu argachuu wanti caalee eessa jiraa? Hojii hojjatanii addunyaa tana keessatti jireenya gaarii jiraachu yoo barbaanne, hojii keenya keessatti iklaasa qabaachu qabna, yeroo hundaa niyyaa keenya qulqulleessuf carraaqu qabna.

Kanaafu, mindaan Rabbiin addunyaa fi Aaakhiratti nuuf qopheesse wanta namoota irraa fi addunyaa tana keessatti arganu akka caalu beekun niyyaa keenya qulqulleessuf tattaafachu qabna. Addunyaa tana nan dhaba yookiin namoonni na jibban jette hin yaaddawin, atummaa hojii kee Rabbii qofaaf qulqulleessi, ni argita jireenya akkami akka jiraattu.

Karaan niyyaa kee itti qulqulleessitu inni biraa akkana jedhi of gaafadhu:

“Yoo Rabbiin faallesse namoonni na hin fayyadan, akkasumas adabbii irraa na hin baraaran. Yoo Rabbiif ajajame, sawaaba (mindaa) naaf hin kennan. Kan mindaa nama kennuu fi adabbii namarraa deebisu Rabbiin qofa. Haalli yoo akkana ta’ee maaliif Rabbitti qindeessaa?  Namootatti dhiyaachuuf ibaadaa kiyyaan maaliif niyyadhaa? Kanaafu, namoonni gonkumaa homaa na hin fayyadan. Hojii gaarii kiyya beekani dhiisanii wanti na fayyadan hin jiru.”

5.Obsa qabaachu– Niyyaa ofii qulqulleessun wanta halkan tokkon galma gahuu miti. Yeroo dheeraa fi qabsoo guddaa namarraa fudhata. Yeroo tokko tokko niyyaa kee yoo hin qulqulleessin akkamitti akka dallantuu fi abdii akka kuttu ni beektaa miti ree. Kanaafi, namoonni amananii hojii gaarii dalagan dallansuu fi abdii kutuu irraa baraaramuun jireenyaa gaarii jiraatu, niyyaa ofii Rabbiif waan qulqulleessaniif. Namoonni isaan irraa jaallatanii jibbanii wanti isaan dhiphisu hin jiru, kaayyoon isaanii Rabbiin qofa gammachisu waan ta’eef. Nutis galma kana gahuuf obsaan niyyaa keenya qulqulleessuf carraaqu qabna.

Sufyaan ibn Uyeeynah (Rabbiin rahmata isaa haa godhuu) akkana jedha: Hayyoota Islaama keessa namtichi tokko akkana jedha,”Waggoota soddomaaf wantoota lama wal’aanaa jira. Isaanis; kajeellaa anaa fi namoota jidduu jiru dhiisu fi Hojii Rabbiif qulqulleessudha.” (Hayatu salaf: 229)

Kanaafu waggaan soddomni xiqqaa miti. Hojii gaarii yommuu hojjannu ‘Na argaaf (riyaaf) hojjachaa jira’jenne hojiicha dhiisu hin qabnu. Akkuma namticha kanaa niyyaa keenya qulqulleessuf carraaqu qabna.

Guduunfaa

Yeroo hundaa hojii kamiyyuu yommuu hojjannu,”Maaliif hojii kana hojjadha? Maal barbaadeti? Maaliif kana dubbadha?…”jenne of gaafachun niyyaa keenya qulqulleessuf carraaqu qabna. ‘Niyyaan kiyyaa qulqulluudha ykn hojiin kiyyaa Rabbiin biratti fudhatama argate jira.’ jechuun of gowwoomsu hin qabnu. Milkaa’innaa fi gammachuu guddaa yoo barbaanne niyyaa keenya yeroo hundaa sakatta’u (fattashu) qabna. Niyyaa keenya qulqulleessuf; beekumsa barbaadu, hojii fi eenyummaa keenya dhoskuu, mindaa Rabbiin irraa eegu, du’aayi gochuu, obsuu fi kkf.

Kitaabni seenaa fi jechoonni hayyoota irraa fuudhataman:
Hayatu Salafi; beyna al-qawli wa al-amali

Hayy Rakkoo Koo!
Niyyaa

Leave a Reply