Hayy Rakkoo Koo!

Ilmi namaa jiruu fi jireenya isaa keessatti rakkoo adda addaa waliin wal’aanso baha. Takkaa rakkoon tuni isa kuffisti takkaa immoo isatu rakkoo tana kuffisa. Haalli fi dandeettin namoota gargar waan ta’eef dandeettin rakkoo irraa dandamachu garagara. Namoonni gariin yommuu rakkoon xiqqoon isaan tuqxu kan garmalee iyyanii fi obsa hin qabnetu jiru. Faallaa kanaa immoo namoonni gariin rakkoon gurguddoon yommuu itti roobu obsa ajaa’ibsiisa kan qabanii fi cal’isantu jiru. Namoonni jalqabaa rakkoon yommuu isaan tuqxu nama kanattis, kaanittis ni himatu garuu furmaata quubsa hin argatan. Inuma rakkoo irratti obsa dhabanii yommuu iyyan, rakkoon isaani itti abaasa.

Namoonni gariin yommuu rakkoon isaan tuqxu, rifachuun akka boombii dhuka’anii wantoota baay’ee balleessu. Obsii jalqaba rakkoo irratti akka ta’e dagachuun erga rakkoon darbee ykn furmaata dhabaniin booda obsu. Namni tokko yommuu rakkoon isa muudatu wanti jalqaba matatti dhufu qabu, obsa. Yoo hin obsiin rakkoo irratti rakkoo akka ofitti dabalu haa beeku.

Jireenya kee keessatti ‘Hayy rakkoo koo, hayyyy… dhiphinna koo!’ bakki itti jette ni jiraa? Eeti hin dhabamu. Garuu mataa gadi gonbiste ykn imimmaan ija tee keessaa gadi dhangala’aa hayy rakkoo koo yommuu jettu, akkamitti keessaa bahuuf tattaafatte? Achuma taatte gadda irratti gadda ofitti dabalta moo mala wayii barbaaddaa? Halkanii guyyaa osoo boottu ijaa fi sammuu kee miita moo obsaan furmaata barbaaduf tattaafatta? Maloota ykn furmaattota muraasa rakkoo keessaa ittiin bahan mee haa ilaallu;

1.Obsa– wanta hunda keessatti obsii garmalee barbaachisaadha. Yeroo rakkoo qofa mitii yeroo toltuus obsi garmalee barbaachisa. Maaliif yeroo toltu obsii daran barbaachisa ykn ulfaatadhaa? Yeroo rakkoo obsi dirqama waan ta’eef namni kamiyyuu xiqqaatus haa guddatus ni obsa. Garuu yeroo toltu namoonni baay’een obsa hin qaban. Qabeenya yommuu argatan obsa dhabuu irraa kan ka’e daangaa Rabbii darbu. Galaana qananii keessa osoo daakanuu Rabbiin dagatu. Guyyaa tokko osoo hin beekin galaanni qananii kuni ibidda itti ta’a. Yeroo qananii namoonni obsa qaban mu’imintoota. Ergamaan Rabbii (SAW) haala mu’imintoota akkana jechuun ibsa:

 عَجَبًا لأَمْرِ الْمُؤْمِنِ إِنَّ أَمْرَهُ كُلَّهُ خَيْرٌ وَلَيْسَ ذَاكَ لأَحَدٍ إِلاَّ لِلْمُؤْمِنِ إِنْ أَصَابَتْهُ سَرَّاءُ شَكَرَ فَكَانَ خَيْرًا لَهُ وَإِنْ أَصَابَتْهُ ضَرَّاءُ صَبَرَ فَكَانَ خَيْرًا لَهُ ‏”‏

Dhimmi mu’imina nama ajaa’ibsiisa. Dhugumatti dhimmi isaa guutun keeyridha (gaariidha). Kuni mu’iminaaf malee eenyufillee kan ta’uu miti. Yoo toltuun isa tuqxe, Rabbiin galateefata. Kuni isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo ni obsa. Kunis isaaf gaarii ta’a.” (Sahiih Muslim)

Walumaagalatti ilmi namaa dhimmoota lama keessaa tokko keessa ta’a. Takkaa toltuu takkaa immoo rakkoo keessa ta’a. Mu’iminni yommuu toltuu keessa ta’uu Rabbiin galateefata. Rabbiin galateefachuu jechuun arraba qofaan, ‘Rabbii galanni haa galu’ jechuu osoo hin ta’in, ajaja Rabbii guutudha. Galata jechuun wanta Rabbiin itti nama ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhowwee irraa dhowwamuudha. Akkasumas, mu’iminni yommuu rakkoon isa tuqxu mindaa Rabbiin irraa kajeelun ni obsa. Kunis isaaf gaariidha. Namni mu’imina hin taane yookiin kaafirri kanniin lamaanu hin qabu. Yeroo toltuu Rabbiin hin galateefatu daangaa Rabbii waan darbuuf. Kuni immoo badii irratti badii, adabbii irratti adabbii isatti dabala. Yeroo rakkoo immoo badiinsa ofitti waama, yeroo arrabsa inuma Rabbiin arrabsa. Rabbiin kanarraa nu haa eegu. Eeti kaafironni obsanis ni jiru. Garuu mindaa obsaa Rabbiin irraa hin kajeelan.

Kanaafu yommuu rakkoon si tuqxu, hayyy rakkoo koo jette iyyuu fi badiinsa ofitti waamu osoo hin ta’in Rabbiin irraa mindaa fi karaa bahiinsaa kajeelun obsi. Mindaan warroota obsanii guddaa akka ta’e yaadadhu. Yeroo toltu Rabbiif ajajamuun yoo Isa galateefatte, yeroo rakkoo immoo obsuun mindaa fi rahmata Isaa yoo kajeelte, jireenya ajaa’ibsiisaa jiraachaa jirtaa jechuudha. Kana gochuuf immoo imaana kee yeroo yeroon dabaluuf tattaafadhu.

2.Gara Ar-Rahmaan dheessu– kaafirris mu’iminniis yeroo rakkoon isatti jabaattu gara Rabbii dheessa. Kaafirri Tokkichummaa Rabbii yeroo rakkoo ni beeka kan duraan dagate. Yeroo rakkoon irraa kaatu immoo kufrii fi badii ofitti deebi’a. Hojii fi amala fokkuu akkamitii! Faallaa kanaa mu’iminni immoo rakkoo irraa gara Ar-Rahmaan (Rabbii) dheessun tasgabbii fi qabbana argata. Yeroo rakkoo namoota garmalee kan miidhu rakkoo bu’ee san osoo hin ta’in sodaa fi dhiphinnatu isaan miidha. Fakkeenyaf rakkoon beelaa fi sodaa wal-qixaa miti. Balaan sodaa rakkoo beelaa caalaa, sababa sodaan sammuu fi keessa namaa tuquuf. Garuu beelli qaamuma dadhabsiisa. Yeroo rakkoo, sodaa fi dhiphinna namarraa kaasu kan danda’u Rabbiin qofa. Kanaafu gara Isaa fiigun furmaata hundarra caaludha. Ergamaan Rabbii (SAW) yeroo rakkoon Isa tuqxu gara salaata fiigu ture. Salaanni wal-qabsiistu Gooftaa fi gabricha jidduu jirtu waan taatef. Haa ta’uu malee namoonni irra hedduun isaanii yeroo toltuu Rabbiin dagatanii yerooma rakkoo qofa itti fiigu. Kuni immoo gargaarsa hatamtamaa Rabbiin irraa akka hin arganne gufuu itti ta’a. Kanaafu, gargaarsa hatamtamaa yeroo rakkoo yoo barbaanne, har’a tola keessa osoo jirru Rabbiif haa ajajamnu. Gargaarsa hatamtamaa keessaa kamiin akka ta’e beektaa? Osoo rakkoonu hatamtamaan sirraa ka’uu baate, gargaarsi hatamtamaa tasgabbiidha. Osoo rakkoo keessa jirtu keessi kee yoo tasgabbaa’e kuni gargaarsa hatamtamaati mitii?

3.Ogummaa fi barnoota rakkoo duuba jiru qorachuu– rakkoon akkanumaan lafaa ka’e namatti hin bu’u. Takkaa dogongora keenya irraa deebine barnoota akka fudhannuuf takkaa keessaa fi ijjannoo keenya jabeessufi. Namoonni baay’een yommuu rakkoon itti bu’uu ogummaa fi barnoota rakkoo duuba jiru ilaalu dhiisanii Rabbiin komatu. Ogummaa rakkoo duuba jiru keessaa kanniin hubachuu dandeenya.

    • Badii keenya nurraa harcaasuf
    • Qananii Rabbii akka beeknu fi Isa galateefannuuf. Namni gatii qananii kan beeku yommuu qananiin suni irraa fudhatamtuudha.
    • Akka of gadi qabnuuf- namoonni qananii wayii yommuu argatan of-tuulun namoota biroo akka mixiitti ilaalu. Rakkoon yommuu isa tuqxu, qananiin inni argate humna fi beekumsa isaa qofaan osoo hin ta’in Rabbiin irraa kan argate ta’uu isa barsiisti. ‘Gabroottan Rabbii irratti of hin tuulin, Rabbii qananii kana sii kenneef gadi of qabi’ jettiin rakkoon.
    • Qananii san caalu argachuuf- wantoota meeqa garmalee barbaanne yommuu dhabnu, ergasii wanti dhabne suni badaa akka ta’e ni barra. Namoota meeqatu jiruu yommuu rakkoon isaanitti buutu obsuun sana booda Rabbiin wanta san caalu bakka buusaf. Kanaafu yommuu rakkoon si tuqxu qananii ykn wanta san caalu argachuu akka dandeessu abdachuun obsi.
    • Balaa balaa caalu nurraa deebisuuf- fakkeenyaf ilma argattee ilmi kuni si jalaa yoo du’e, obsi. Tarii ilmi kuni yoo guddate ilma badaa ta’uun sii fi dhiirsa/niiti tee kan reebu ta’uu danda’a. Garuu yoo obsite tarii Rabbiin ilma isarra gaarii fi isiniif ajajamuu isiniif kennu danda’a.
    • Ogummaan (hikmaan) rakkoo duuba jiru lakkaawame hin dhumu. Ogummaa kana kan hubannu fi arginu yoo obsa qabanneedha. Obsa yoo hin qabaatin hubachuu hin dandeenyu.

4.Carraaqu– bakka tokko taa’anii, ‘Hayyyiii rakkoo koo, hayyi dhiphinna koo…’ jedhanii halkanii guyyaa booyun faaydaa buusu hin danda’u. Furmaata fi tooftaa barbaaduf carraaqqi fi qabsoo barbaachisa. Fakkeenyaf, daldalaa taate yoo kasaarte, wantoota kasaarinnaaf sababa ta’an baruun, daldala kee tooftaa fi karaa gaariin itti fufsiisuf carraaqi. Tarii namoota waan gowwomsituuf kasaarte. Kanaafu, namoota gowwoomsu dhiiste haqaan daldaluuf tattaafadhu. Barataa taate yoo küfte yeroo kee bakkuma argitetti waan qisaasessituuf küfte ta’a. Kanaafu, yeroo kee filmii fi wantoota faaydi hin qabne irratti gubuu dhiiste barnoota kee sirnaan qo’achuuf tattaafadhu. Rakkoon yommuu si tuqxu wantoota lama beekuf carraaqi. Tokko sababaa fi ogummaa rakkoo duuba jiru hubachuuf carraaqi. Lama furmaata rakkoo san keessaa itti baatun beekuf ykn argachuuf tattaafadhu.

Guduunfaa

Jireenya ilma namaa keessatti rakkoon karaa kaminiyyuu ni dhufa. Rakkoon dura of qopheessun barbaachisadha. Qophiin guddaan imaana ofii dabalachuudha. Imaana ofii dabalachuuf immoo beekumsa barbaadu fi hojii gaggaarii hojjachuu barbaachisa. Rabbiin adabbii hamaan ummata Samuud yommuu balleessu,Nabiyyicha isaanii Saalihi fi namoota isa waliin jiran ni baraare. Nabii Saalihi fi namoonni suni maal hojjataa turan,adabbiin dhufuun dura amalli isaanii akkam ture? Rabbiin waa’ee isaanii ilaalchisee kunoo akkana jedha:

27:53

Isaan amananii fi Rabbiin sodaachaa turan nagaya baafne.” Suuratu An-Namli 27:53

Namoonni adabbii fi balaa cimaa jalaa baraaraman Rabbitti dhugaan kan amananii fi sodaatan turan. Rabbiin sodaachaa turan yommuu jedhu, wanta Rabbiin itti ajaje hojjataa turan. Akkasumas, wanta Inni irraa dhowwee irraa dhowwamaa turan. Fuggisoo kanaa namoonni adabbii cimaan lafarraa haaxawwaman sunniin Rabbiittis kanneen amanan hin turre, Rabbiifis kanneen ajajaman hin turre. Rabbitti kafaraa fi daangaa Isaa darba turan.

Kanaafu, rakkoo, adabbii fi balaa jalaa bahuuf furmaanni hundarra caalu yeroo lafichoo (toltuu) Rabbitti amanuu fi Isaaf ajajamuudha.  Rakkoo fi adabbiin addunyaa tanaa darbuu danda’a. Garuu rakkoo fi adabbiin Aakhiraa cimaa fi turaadha. Kana jalaa bahuuf immoo Rabbitti dhugaan amanuu fi Isa sodaachun dirqama ta’a.

Daandii Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.17
Niyyaa keenya qulqulleessuf
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.