Daandii Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.17

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Onkololeessa (October) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaannamtedha.

“Wantoota namoota balleessan sadii irraa fagaadhu, wantoota sadan nama baraaran sirritti qabadhu.
Wantoonni nama balleessan sadan: fedhii duwwaa hordofuu, of dinqisifachuu (ujb) fi garmalee haafayu.
Wantoonni sadan nama baraaran: Rabbiin iccitii fi ifatti sodaachu, yeroo dallansuu haqa ta’u, yeroo durummaa fi hiyyummaa madaallamaa ta’u.”

Namni yeroo fi sammuu ofiitti sirnaan hin fayyadamne, dalalii jireenya fi jireenya salphinnaa  keessa jiraata. Namni yeroo ofii sirnaan fayyadamee garuu sammuu ofii bakka hin taanetti yoo fayyadame, dhumti isaa hoongo fi salphinna. Fakkeenyaf, nama Rabbii fi Guyyaa dhumaatti hin amanne garuu addunyama tana qofa jala deemu osoo hin tawbatin yoo du’e salphinnaa fi adabbii hamatu isa eeggata. (Ilaali salphinna warra sammuu ofitti hin fayyadamne suurat al-mulk 67:6-10 irraa).
Akkasumas, namni tokko sammuu ofiitti fayyadamee yeroo ofiitti yoo hin fayyadamiin, dhumti isaa sodaachisaadha. Fakkeenyaf, nama Rabbii fi Guyyaa Dhumaatti amane garuu milkaa’inna Aakhiraa bitachuuf hin carraaqne.
Kanaafu yeroo fi sammuu ofiitti sirnaan fayyadamuun furtuu milkaa’inna fi gammachuti.

Namni yeroo hundaa harka isaa gara Rabbii dhugaan olkaasu (yeroo maraa du’aayi godhu), In shaa Allah guyyaa tokko balballi milkaa’inna ni banamaaf.

Beektaa yeroo kam jireenya keessatti akka kuftu? Yeroon ati kuftu yeroo ati salaatatti baaccu (qoostu) fi yeroo isaa eegun sirnaan yoo salaatu dhiistedha. Yommuu ati salaata dhiistu jireenyi sitti dhiphatti. Barataa tokkotu ture kan medicine baratu. Gaafa tokko “Ati sila maaliif hin salaanne?” Jedhe gaafadhe. Akkana jechuun deebii naa deebisee,”Ani barachuuf as dhufee malee salaata salaatufi miti.” Dhugumatti deebiin akkanaa nama rifachiisa. Bu’aan inni argate maal ta’eree? Yeroo muraasan booda akkana naan jedhe, “Bara kana qabxii gaarii galmeessaa ture. Garuu gara dhumaatti darbuu hin dandeenye. Kanaafu bara kana kufe jira. Lamu irra deebi’aa jira. Garmalee qo’achaa ture, hiriyoonni koo darbanii jiru. Kuni hundi maalif ta’e. Rabbiin maaliif akkana natti hojjataa?…”
Amma eenyun komataa? Matama ofii komachuudha. Namni daangaa Rabbii darbaa fi dirqamoota bahuu dhiisun, “Rabbiin maaliif akkana natti hojjata?” yommuu jedhu hin saalfatu? Barnoonni asirraa fudhannu maaliidhaa?
Tokkoffaa salaata dhiisu fi itti qoosun jireenya rakkoo fi dhiphoo jiraachudha. Salaata dhiisun jireenya keessatti kufaatif sababa ta’a.
Lamaffaa yommuu sirritti hojjatuu fi bu’aa gaarii argatu, Rabbiin irratti osoo hin ta’in humna ofii irratti hirkate. Kanaafu, humna, qabeenya fi sadarkaa keetin hin gowwomiin. Rabbiin irratti hirkadhu.

Yommuu Rabbiif galata galchitu, adabbii hamaa addunyaa tanaa fi Aakhiraa irraa ni baraaramta. Rabbiif galata galchuu jechuun Isaa ajajamuu fi qananii Isaatti fayyadamuun daangaa Isaa darbuu dhiisudha. Dhugumatti adabbii laaleessaa addunyaa tanaa fi Aakhiraa irraa baraaramuun ni’imaa (tola) fi mindaa guddaadha.

Wanti hundarra gaariin ijjoollen haadha abbaa ofiiti gochuu danda’an, Rabbiin irraa araarama fi rahmata isaani kadhachuudha. Wanti gaariin kana caalu hin jiru. Sababni isaas, rahmataa fi araarama Rabbiitiin milkaa’inna guddaa galmaan gahu. Milkaa’inni guddaan sunis Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenudha. Milkaa’inni kana caalu ni jiraa sila?

Nama fedhii duwwaan oofamu fi harkifamu osoo hin ta’in nama haqaa fi xinxalliin oofamu fi harkifamu ta’i argami.

Amaloota niiti/dhiirsa keeti namoota birootti himuu irraa of eegi. Yommuu ati amala gaarii fi bifa miidhagaa niiti/dhiirsa keeti isaanitti himtu, si waanyun hiriiroo keessan kukkutuuf ka’u. Inuma jaalalaan isa/ishii irraa qabamuun dhiirsa/niiti jaallattu kee dhabuu dandeessa. Kanaafu odeeffannoo dhiirsa/niiti keeti akkuma argite hin raabsin. Keessumaayyu sab-qunnamtii fi hirriyootatti hin odeessin. Suuraa niiti/dhiirsa keeti sab-qunnamti kan akka Fesbuuki irratti gadii hin furin. Boodarra hadhaa baay’ee dhandhamtaati.

Suufiyaan As-Sawrii akkana jedhamuun gaafatamee, “Beekumsa barbaadu moo hojii gaggaarii hojjachutu si biratti jaallatamaadha?”
Innis akkana jechuun deebise, “Beekumsi kan barbaadamuuf hojii ittiin hojjachuufi. Kanaafu beekumsa barbaaduf jette hojii gaggaarii dalaguu hin dhiisin. Hojii gaggaarii dalaguuf jettes beekumsa barachuu hin dhiisin.”

Jarjaruun haadha gaabbi hundaati.” Kanaafu wanta hundaa jarjaraan hin raawwatin boodarra garmalee seenoftaati.

Hin sobin, sobni kee akkamitti fi yoom ifatti akka bahu hin beektuti. Yommuu sobni kee ifatti bahe, ni salphatta, ni tufatamta. Haqa dubbachuuf bilisa ta’i. Yookiin cal’isi. Namoota gammachiisuf jette hin sobin.Yommuu sobdu amanamummaa dhabda, ni shakkamta, ni jibbamta. Yommuu haqa dubbattu immoo amanamaa fi jaallatamaa ta’aa adeemta. Sobni balbala milkaa’inna fi gammachuu namarratti cufa. Haqa dubbachuun immoo hulaa milkaa’inna fi gammachuu bana.
Cal’isuun warqiidha. Jechoota haqaa fi gaarii dubbachuun immoo warqii warqii caaludha. Kanaafu warqii hin dhabin.

Kophatti diina Rabbii taate ummata keessatti gabricha Rabbii hin ta’in.” Bilaal ibn Sa’ad
Kana jechuun kophatti Rabbiin faalleessaa fi daangaa Isaa darbaa yommuu namoonni si argan immoo akka waan Rabbiin sodaattu hin fakkeessin. Kophaa fi ummata keessattis Rabbiin sodaadhu.Kophaa fi ifatti Rabbiin jalaa hin baatuti.

Humna baasu fi rakkoo danda’u yoo jibbite, milkaa’u hin dandeessu. Milkaa’inni humna baasu fi rakkoo danda’u waliin dhufa. Jireenya keessatti mi’aa yoo barbaadde, rakkoo fi gufuwwaan waliin obsi. Humna baasi, milkaa’innaaf gatii kafali. Asii fi achi takkaa warraaqi. Yeroo san milkooftati.

” Dhugumatti hojiiwwan gaggaariin qalbii ibsuu, fuula faayu, qaamaf jabeenya ta’u, rizqiif (soorataaf) bal’inna ta’u. Qalbii namoota keessatti jaalala kaa’u (namoonni nama hojii gaggaarii hojjatu ni jaallatu). Cubbuu fi badii hojjachuun immoo qalbii dukkaneessa, fuula walitti suntursa, qaama laamshessa, rizqii akka dhiphattu taasisa. Qalbii namoota keessatti jibba uuma (namoonni nama badii fi cubbuu hojjatu garmalee jibbu, namtichi suni osoo hanga fedhe cubbuu ofii dhokseeyyu.)”

Hariiroo haraama uumun, yeroo, qabeenya, sammuu, humna, gammachuu fi milkaa’inna kee hin qisaasessin. Yommuu namni tokko hariiroo haraama saala faallaa waliin uumu, yeroon jalaa gubatti, qabeenyi ni qisaasa’a, sammuun boqonnaa fi nageenya dhabdi, qaamni ni laamshaya, imaanni jalaa hatama, miidhaan isaa tarreefame hin dhumu. Qulqullummaa ofii eegu fi hanga fuudhani ykn heerumani obsuun kabaja, ulfinna, gammachuu fi badhaadhinna. Kanaafu In shaa Allah hanga nama sirrii ta’een, yeroo sirrii ta’etti walitti dhuftu obsi. Hanga sanii sammuu kee dagaagsi, aklaaqa/amala kee miidhagsi, qalbii tee shirkii, shakkii, jibba, waanyu, oftuulu irraa qulqulleessuf carraaqi. Kana beeki, nama hawwatamaa fi jallatamaa kan taatu yommuu amala kee bareechistedha. Nama jibbamaa fi kan irraa dheessan kan taatu immoo yommuu amala kee xurreessite fi fokkisteedha. Wantoonni amala kee fokkisan, soba (kijiba), oftuulu, waanyu, nama hamatu, dubbii oli gadii guuru, aybii (dogongora) namoota jala deebani ifatti baasu, kabaja namaa xureessu fi kkf. Kanaafu amala kee bareechisi.

Yommuu ammaan achi akka hin jaallatamne fi hin kunuunfamne sitti dhagahamu, aarun abdii hin kutin. Keessumatti namni atii fuudhu/itti heerumu barbaaddu yommuu si hin jaalanne sitti dhagahamu, aarun abdii kutu dandeessa. Miironni akkanaa dhiiga kee akka xuuxanii fi sammuuf anniisaa kee akka qisaasessan hin hayyaminiif. Rabbiin irratti hirkadhu. Akkuma hojii gaggaarii hojjachuu, badii irraa dheessu fi araarama Rabbiin irraa kadhachuu itti fuftuun, guyyaa tokko nama jaallatamaa fi kabajamaa taata. Hanqinna kee ilaalun of gadii hin xiqqeessin. Hanqinna malee eenyutu addunyaa tana irra deemaa? Hundii keenya hanqinna qabna. Haa ta’uu malee hanqinna keenya sirreessuf guyyaa guyyaan carraaqu qabna. Galmaa fi milkaa’inna namoota biroo ilaalun of hin jibbin. Wanta dandeessu hojjadhu. Kanaafu hanqinni keeti fi milkaa’inni namoota biroo karaa jijjirama sitti hin cufin. Jijjiramuuf tattaafadhu.

Hojii tokko hojjachuun dura jalqaba niyyaa kee tolchi. Maaliif hojjadhaa?jedhii of gaafadhu. Sababni isaas, niyyaa kee irratti hundaa’eti kan mindeefamtu (ajrii Rabbiin irraa argattu). Niyyaa kee erga tolchiteen booda faayda fi miidhaa hojii keeti madaali. Yoo hojiin kee faayda kan qabaatu ta’e, duubatti hin deebi’inii hojjadhu. Yoo miidhaa qabaate immoo dhiisi. Miidhaa fi faaydan isaa wal qixa yoo ta’e yookiin miidhaa fiduun isaa yoo si shakkisiise, hin hojjatinii dhiisi. In shaa Allah haala kanaan badii baay’ee jalaa baraaramta. Miila kee tarkaanfi itti aanutti kaasun dura itti yaadi. Maaliif hojjadha? Maal hojjadha? Akkamitti haa hojjadhu? Gaafilee jedhan deebisuuf carraaqi.

Shaqiiq al-Balkhii akkana jedhe:’namoota waliin yommuu hiriyyoomtu akka yeroo ibidda bira jirtu ta’i. Ibidda irraa faaydaa isaa fudhu akka si hin gubne immoo of eegadhu.” Haaluma kanaan namoota waliinis yommuu jirtu faayda irraa fudhu akka si hin miine immoo of eeggadhu.

Zikrii fi Du’aayi Salaataa
Hayy Rakkoo Koo!
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.