Zikrii fi Du’aayi Salaataa

Salaanni utubaalee Islaama shanan keessaa tokkoodha. Salaanni wal-qabsiistu Gooftaa fi gabricha jidduu jirtuudha. Wal-qabsiistun tuni yoo citte gabrichi Gooftaa isaatirraa citaa jechuudha. Gooftaa isaatirraa fagaachun diina isaa kan ta’e sheyxaanatti hiriyyooma. Tuni hiriyummaa akkam fokkattee! Salaata dhiisun kasaara fi hoongoo akkamii!! Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Yaa warra amantan! Qabeenyi keessanii fi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin. Namoonni kana dalagan isaanumatu hoonga’oota.” Suuratu Al-Munaafiqun 63:9

Zikrii jechuun yaadannoo Rabbii yommuu ta’uu salaata, Qur’aana qara’uu fi hojii irra oolchu, hajjii fi kkf of keessatti qabata. Rabbiin yaadachuun arrabaa fi qalbiin kan hojjatamuudha. Qalbiin wanta arrabni jedhu itti xinxalluu fi hubachuu qabdi. Hubachuu fi xinxalluuf wanta arrabaan jedhan beekun baay’ee barbaachisadha. Namoonni baay’een salaata irraa mi’aa kan hin arganneef tarii hiika wanta arraaban jedhan san beeku dhiisu danda’u. Yoo hiika isaa beekaniyyuu qalbiin isaanii wanta biraatin ko’oomu dandeessi. Mi’aa fi faayda guddaa salaata irraa argachuuf har’a du’aayi fi zikriwwan salaata keessatti jennu fi hiika isaanii beekuf mee haa carraaqnu. Suuratu Al-Faatihaan hiika bal’aa fi gadi fagoo waan qabduuf har’aaf bira darbinee guyyaa biraa beellama itti qabanna, In shaa Allah. Har’a zikriwwaan gaggabaabo hiika isaanii waliin ilaalla. Du’aayiwwanii fi zikriwwan kunniin kitaaba Hisnul Muslim kan gara Afaan Oromootti hiikame irraa fudhataman. Rabbiin mindaa isaanii dachaan haa kafaluuf.

1.Du’aa’ii salaanni ittiin banamu

((سُبْحانَكَ اللَّهُمَّ وَبِحَمْدِكَ، وَتَبارَكَ اسْمُكَ،وَتَعَالَى جَدُّكَ،وَلاَ إِلَهَ غَيْرُكَ)

Subhaanaka Allaahumma, wa bihamdika tabaarakasmuka wa ta’aalaa jadduka wa laa ilaah ghayruka

Yaa Rabbii! Faaruu Kee waliin Ati qulqulloofte; maqaan Kee bu’aan (toltii) isaa baay’ate, ulfinni Keetis olta’e, Si malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jiru.

Hiika jechootaa: Subhaanaka (Ati Qulqulloofte), Allaahummaa (Yaa Rabbii), wa (fi) bihamdika (faaruu kee waliin), tabaaraka (bu’aan ykn toltii isaa baay’ate), ismuka (maqaan kee), ta’aalaa (olta’e), jadduka (ulfinni ykn kabajni kee) laa (hin jiru), ilaah (dhugaan gabbaramaan), ghayruka ( Si malee kan biraa).

Maxxantuun ‘ka’ dhumarra jirtu maqdhaala abbummaa ‘Kee ykn ramaddii lamaffaa ‘Si ykn ati’ agarsiisti.

2.Du’aa’ii rukuu’aa

((سُبْحانَ رَبِّيَ الْعَظِيمِ))

“Subhaana Rabbiya-l aziim”

Rabbiin kiyya guddaan qulqullaa’e.” (si’a sadii jedhi)

Hiika jechoota: Subhaana (qulqullaa’e) Rabbiiya (Rabbiin kiyya), al-Aziim (guddaan).

Du’aayi lammataa

((سُبْحَانَكَ اللَّهُمَّ رَبَّنَا وَبِحَمْدِكَ، اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي))

“Subhaanaka Allaahumma Rabbanaa wa bihamdika, Allaahumma-ghfirli”

“Yaa Rabbii! Gooftaa keenya faaruu Kee waliin qulqulloofte. Yaa Rabbii! naaf araarami.”

Hiika jechoota: Subhaanaka (ati qulqulloofte), Allaahumma (Yaa Rabbii), Rabbanaa (Gooftaa keenya), bi(waliin) hamdi( faaruu), ka(kee), ighfir (araarami), lii (naaf).

Yeroo rukuu’a keessatti kana jennu maaltu nutti dhagahamaa? Itti yaadu qabna. “Yaa Rabbii guddinna Siif malu guddatte, hanqinnaa fi hir’inna hundarraa qulqulloofte.” Jechaa jirra. Yommuu ruku’aaf gadi jennu Rabbii guddaaf gadi of qabaa akka jirru beeku qabna. Nuti hanqinna baay’ee akka qabnu fi dadhabdoota akka taane, Rabbiin immoo kana hundarraa qulqulluu akka ta’e itti yaadu qabna. ‘Yaa Rabbii hanqinna, dadhabinna, badii kiyya naaf araarami’ jechaa jirra.

3.Du’aayii yeroo rukuu’a irraa ol-jedhan

((سَمِعَ اللَّهُ لِمَنْ حَمِدَهُ))

Sami’Allahu liman hamidah

“Rabbiin nama Isa faarseef dhaga’e.”

Hiika jechoota: Sami’a (dhaga’e), Allahu (Rabbiin), li (-f) man (nama), hamidahu (Isa faarse)

((رَبَّنَا وَلَكَ الْحَمْدُ، حَمْداً كَثيراً طَيِّباً مُبارَكاً فِيهِ))

Rabbanaa wa lakal-hamdu, hamdan kasiiran xayyiban mubaarakan fiihi

“Rabbii keenya faaruun keeti. Faaruu baay’ee, gaarii, barakaan isa keessa jirun [Si faarsa].”

Hiika jechoota: Rabbanaa (Rabbii keenya), lakal-hamdu (faaruun keeti)hamdan (faaruu), kasiiran (baay’ee), xayyiban (gaarii), mubaarakan (barakaa kan qabu), fiihi (isa keessa).

Hubachiisa: wal-qabsiistun Arabiffaa ‘wa’ hiika baay’ee waan qabduuf qajeellotti Afaan Oromootti hiikanii seer-luga afaanicha eegun ni ulfaata. Yeroo tokko tokko wal-qabsiistun (wa) qajeelotti hiikamu dhabuun hiika hima hin jijjiru ykn ergaa isaa hin diigu.

4.Du’aayii sujuudaa

((سُبْحَانَ رَبِّيَ الأَعْلَى))

Subhaana Rabbiya-l-A’alaa

Rabbiin kiyya ol ta’aan qulqullaa’e.” (Si’a sadii jedha)

Hiika jechootaa: Subhaana (qulqullaa’e), Rabbiya (Rabbiin kiyya), al-A’alaa (ol ta’aan)

Yommuu fuula keenya dachii irratti gadi finnee du’aayi armaan oli jennu, qulqullummaa fi olta’iinsa Rabbii ni hubanna. “Rabbiin hanqinna, dadhabinnaa fi hir’inna hundarraa qulqullaa’e, ol ta’e” jechuun qalbii teenya keessatti xinxallu qabna. Kuni jaalalaa fi kabaja Rabbii qabnu dabala.

5.Du’aa’ii jidduu sujuuda lamaanii

((رَبِّ اغْفِرْ لِي، رَبِّ اغْفِرْ لِي))

“Yaa Rabbi naaf araarami! Yaa Rabbi naaf araarami.

Du’aayi lammataa:

اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي، وَارْحَمْنِي، وَاهْدِنِي، وَاجْبُرْنِي، وَعَافِنِي، وَارْزُقْنِي،

“Allaahumma-ghfirlii warhamnii, wahdinii, wajburnii, wa’aafinii, warzuqnii”

Yaa Rabbi naaf araarami. Na mararfadhu. Na qajeelchi. Na tolchi, Nagaa na godhi. Na soori.

Hiika jechoota: Allaahumma (Yaa Rabbii), ighfirlii (naaf araaramii), warhamnii (na mararfadhu, rahmata naaf godhii), wahdinii (na qajeelchii), wajburnii (na tolchi, haala kiyya miidhagsi), wa’aafinii (nagaa na godhi), warzuqnii (na soori).

Hubachiisa: ‘gh’ qubee lama osoo hin ta’in qubee takkatti ‘ghayni’ arabiffaa kokkee keessatti dubbifamtuudha. Jechoonni armaan olii kunniin aliif hin dubbifamne qabu waan ‘wa’ maxxanfataniif ykn jechi biraa dursee waan dhufeef.Osoo wa maxxanfachuu ykn jechi biraa dursee dhufuu baate, silaa aliifni ni dubbifamti. Fkn, irhamni jenna.

6.Tashahhuda

التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ، وَالصَّلَواتُ، وَالطَّيِّباتُ، السَّلاَمُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلاَمُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللَّهِ الصَّالِحِينَ. أَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّداً عَبْدُهُ وَرَسولُهُ

At-tahiyyaatu lillaahi was-salawaatu wax-xayyibaat, as-salaamu ‘aleyka ayyuhan-Nabiyyu wa rahmatu-llahi wa barakaatuhu. As-salaamu ‘aleynaa wa ‘alaa ‘ibaadillahi-ssaalihiin, ash-hadu an laa ilaah ill-Allah wa ash-hadu anna Muhammadan ‘abduhu wa rasuuluhu.

“Kabajaan, salaatonni (ibaadaan adda addaa) fi dubbiin gaggaariin hunduu kan Rabbiiti. Yaa Nabiyyicha! Nageenyi sirra haa jiraatu; Rahmanni Rabbiitiifi barakaan Isaas. Nageenyi nuufi gabroottan Rabbii gaggaarii irra haa jiraatu. Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre ragaa nan baha. Muhammadis gabricha Rabbiifi Ergamaa Isaa akka ta’e raga nan baha.”

Hiika jechoota: At-tahiyyaatu (kabajaan), Lillaahi (kan Rabbiiti), salawaat (salaatonni, ibaadan adda addaa), ax-Xayyibaat (dubbiin gaggaariin), As-salaam (nageenyi), aleeyka(sirra), Ayyuha (yaa!), Nabiyyu (Nabiyyii), rahmatullahi (rahmanni Rabbii), barakaatuhu (barakaan Isaa), aleeynaa (nurratti), alaa (irra), ibaadillahi (gabroottan Rabbii), Saalihiin (gaggaarii), Ash-hadu(ragaa nan baha), An (akka), Laa (hin jiru), ilaha (dhugaan gabbaramaan), illa (malee), Allaah (Rabbiin) (Laa ilaah ill-Allah -Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru)

Wa (fi,-is,), ash-hadu(ragaa nan baha), anna (akka), abduhu (gabricha isaa), rasuuluhu (Ergamaa Isaa (Rabbii)).

7.Tashahhuda booda Nabiyyii (saw) irratti salawaata buusuu
اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ، وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا صَلَّيتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ، وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، اللَّهُمَّ بَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا بَارَكْتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ

Allaahumma Salli alaa Muhammadin wa ‘alaa `Aali Muhammadin, kamaa salleyta ‘alaa ibraahiima wa ‘alaa aali ibraahima innaka Hamiidun Majiid. Allaahumma baarik, ‘alaa Muhammadin wa ‘ala aali Muhammadin, kamaa baarakta alaa ibraahima wa ‘alaa aali Ibraahiima, innaka Hamidun Majid.

Yaa Rabbi akkuma Ibraahiimiifi maatii Ibraahiim irratti Rahmata buufte Muhammadiifi Maatii Muhammad irratti Rahmata buusi; Ati faarfamaa guddaa waan taateef. Ammas akkuma Ibraahiimiifi maatii Ibraahiim irratti barakaa buufte Muhammadiifi Maatii Muhammad irratti barakaa buusi; Ati faarfamaa guddaa waan taateef.

Hiika jechoota: hiikni jechoota haarofti baay’en waan hin jirreef hiika isaatirraa akka hubattan nan abdadha. Garuu muraasni isaanii: kamaa(akkuma), aali (maatii), ‘alaa (irratti).

8.Tashahhuda erga xumuranii boodaa du’aayi salaama baafachun dura godhamu
اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ عَذَابِ جَهَنَّمَ وَمِنْ عَذَابِ الْقَبْرِ وَأَعُوذُ بِكَ مِنْ فِتْنَةِ الْمَسِيحِ الدَّجَّالِ وَأَعُوذُ بِكَ مِنْ فِتْنَةِ الْمَحْيَا وَالْمَمَاتِ

Allaahumma innii a’uuzu bika min ‘azaabi jahannam, wa min ‘azaabil-qabri, wa a’uuzu bika min fitnatil-masiiḥid-dajjaal, wa a’uuzu bika min fitnatil-maḥyaa wal-mamaat

“Yaa Rabbii! ani dhugumatti adabbii jahannamii fi adabbii qabrii irraa Sittin maganfadha. Mokkorii (fitnaa) Masiih Addajjaal, akkasumas mokkorrii jireenyaa fi du’aa irraa sittin maganfadha.”

Hiika jechoota: Innii (dhugumatti ani), A’uuzu (nan maganfadha, nan eeggama), bika (sitti, siin), min (irraa), Azaab (adabbii), Jahannam (ibidda aakhiraa), qabr (qabrii, bakka namoonni itti awwaalaman), fitnaa (mokkorrii, qormaata cimaa), Masiih Addajjaal (Masiih sobaa kan yeroo Qiyaaman dhiyaattu dhufu; ummata gara kufritti jallisuuf ‘Ani Gooftadha’ jedhe of waamudha), mahyaa (jireenya), mamaat (du’a).

Du’aayi dabalataa

((اللَّهُمَّ أَعِنِّي عَلَى ذِكْرِكَ، وَشُكْرِكَ، وَحُسْنِ عِبادَتِكَ))

“Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuufi ibaadaa kee gaaromsuu keessatti na gargaari.”

  1. Zikriwwan salaata booda godhaman
((أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ ،أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ ،أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ، اللَّهُمَّ أَنْتَ السَّلاَمُ، وَمِنْكَ السَّلاَمُ، تَبَارَكْتَ يَا ذَا الْجَلاَلِ وَالْإِكْرَامِ))

Astaghfirullah, Astaghfirullah, Astaghfirullah, Allaahumma Antas- Salamu, wa minkas-salaamu, tabaarakta yaa zal-Jalaali wal-Ikraam

“Rabbiin araarama kadha, Rabbiin araarama kadha, Rabbiin araarama kadha,Yaa Rabbii Ati As-Salaam. Nageenyi si biraa argama. Yaa abbaa Guddinaafi Kabajaa khayriin Kee baay’ateera.”

Hiika jechoota: Astaghfirullah-Ani Rabbiin araarama kadha. As-Salaam ( Madda nageenyaa yookiin hanqinnaa fi hir’inna hundarra qulqulluu kan ta’e) (hiikni kuni https://sunnah.com/nasai/13/160 irraa fudhatame). Minka (sirraa yookiin si biraa), salaam (nageenya), tabaarakta (khayrin ykn tolti kee baay’ate), yaa (Yaa), zaa (abbaa-owner), Jalaal (guddinna), ikraam (kabaja).

Dabalataan

سُبْحَانَ اللَّهِ – Subhaanallah- Rabbiin qulqullaa’e (si’a x33)
الْحَمْدُ لِلَّهِ – Alhamdulillah- Faaruun kan Rabbiiti. (si’a x33)
اللَّهُ أَكْبَرُ – Allahu Akbar- Rabbiin waan hundarra guddaadha (Allah is the Greatest) (si’a x33)

Ergasii zikrii tana haa jedhu:

لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ))

Laa ilaah ill-Allah, wahdahu laa shariika lah, lahul mulku wa lahul hamdu, wa huwa alaa kulli shey’in qadiir

“Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyyaa hin qabneedha. Mootummaan kan Isaati. Faaruunis kan Isaati. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.”

Hiika jechoota: Laa ilaah ill-Allah (Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), wahdahu (tokkicha), laa (hin qabne), shariika (hiriyyaa), lahul (kan isaati), al-Mulk (motummaan), al-hamdu (faaruun), huwa (inni), ‘alaa (irratti), kulli (hundaa), shey’in (waan, wanta), qadiir (danda’aa).

Xinxallii

Yommuu subhaanallah jennu maaltu nutti dhagahamaa, maal hubannaa? Arraba qofaan subhaanallah jenna moo qalbii keessatti wanti hubannu ni jiraa? Namoonni baay’een xinxallii malee of dagatoo ta’anii zikriiwwan kanniin jedhu. Osoo itti xinxallinee faaydaa guddaa arganna. Jalqaba yommuu subhaanallah, Alhamdulillah, Allahu akbar jettu suuta jedhi, hin ariifatiin. Yommuu subhaanallah jettu haala kanaan xinxalli (Rabbiin hanqinna, dadhabinna, hir’inna kam irraayyu qulqullaa’e. Namaan wal fakkaachu irraa qulqullaa’e. fakkaataa qabaachu irraa qulqullaa’e. Dhugumatti Inni fakkaataa wayitu hin qabu.”

Alhamdulillah yommu jettu immoo Faaru fi galanni hundi kan Rabbiiti; sifaanni (amaloonni) fi maqaan Isaa hundi guutudha, miidhagoodha) Qananii fi tola narratti oole hundaaf Galanni Isaaf haa galu.

Allahu Akbar yommuu jettu immoo keessa keetti sodaan kan dhagahamu ta’uu qaba. Rabbii waa hundarra guddaa ta’e akkamitti hin sodaatamnee?  Yoo irra deddeebite Allahu akbar jettu keessi kee ni hollata. Isa jalaa akka hin baane ykn hin miliqne siif gala. Wayitti Isa fakkeessun akka hin danda’amne ni hubatta. Sababni isaas, Inni waa hundarra guddaadha, fakkaataa fi wal-qixxaata hin qabu.

Namoonni Rabbii (hanqinna hunda irraa qulqullaa’e fi olta’etti) fakkaataa yommuu dhiyeessaniif dhugumatti daandii sirrii irraa jallataniiru. Samii, dachii fi wantoota isaan lamaan jiddu jiru kan uume akkamitti fakkaataa qabaataa? Akkamitti ilma horataa? Rabbiin keenya qulqullaa’e, olta’e, guddinna Isaaf malu guddate. Ammas irra deebine subhaanallah, Alhamdulillah, Allahu Akbar jenna.

Kitaaba wabii

Hisnul_muslim Hiikan gara Afaan Oromoo: Gaalii Abbaaboor Abbaaguumaa (Fuula 22-43)

Kitaaba keessatti madda Hadiisota waan dhiyeessef, lamuu asitti dhiyeessun irra deddebii ta’a. Kitaaba kanaa fi kan biroo buusuf linkii tana tuquu dandeessu. https://islamhouse.com/or/main/

Alhamdulillah. Dogongoraa fi hanqinna keenya Rabbiin nuuf haa araaramu. Namni dogongora koo ykn fooyya’iinsa natti akeeke gammachuun irraa fudha.

Barruu tana dawnlod gochuuf linkii tana tuquu dandeessu: ZIKRII FI DU’AAYI SALAATA

Print Friendly, PDF & Email
Maalummaa Du’aa’ii
Salaata:Burqaa Gammachuu

9 comments

Leave a Reply