Sammuu Kee Qaruuf

Torbaan darbee wantoota sammuu doomsanii fi hadoochan ilaalle turre. Yaadachisaaf wantoonni sammuu hadoochanii fi doomsan cubbuu keessatti lixu keessummaayyu shirkii, zinaa, maastarbeshiin, hamii fi kkf. Akkasumas araadonni akka fiilmi, alkooli, sigaara, caati fi kkf sammuu hadoochu fi qawwasiisu keessatti bakka ol’aanaa qabatu. Sammuun qabeenya qaalii takkaa hojiin ala taanan deebisuun garmalee ulfaatudha. Sammuu keenya badii irraa eeguf maal gochuu qabnaa? Sammuun keenya yoo doome akkamitti qaruu dandeenyaa? Mee har’a karaalee sammuu keenya itti qarruu muraasa isaanii haa ilaallu.

  1. Istighfaara baay’isuu

Akkuma torbaan darbee jenne cubbuun sammuu doomsu fi hadoochu keessatti tarree tokkoffaa qabata. Cubbuun summii sammuuti. Karaan tokkichi summii kana ittiin fayyisan tawbaa fi istighfaara. Tawbaa jechuun maal jechuudhaa? Akka lugaa Arabifaatti tawbaa jechuun badii irraa deebi’uu yoo ta’u akka shari’aatti immoo “Ajaja Rabbiitti buluu diduu fi daangaa Isaa darbuu irraa gara Isaa ajajamuutti, ajaja Isaatti buluu, qajeelcha Isaa qabachuu, araarama Isaa kajeelu, jaalala Isaa barbaadutti deebi’uudha.” 

Tawbaa jechuun mooraa sheyxaanaa badii, cinqii, jeequmsa fi kan kana fakkaataniin guuttame erga seenanii booda gara mooraa Rabbii kan nageenya, tasgabbii fi gammachuun guuttame keessa seenudha. Kanaafu mooraa nageenya fi tasgabbiin guuttame keessa seenu eenyutu dida ree?

10:25

“Rabbiin gara mana nageenyaatti waama. Nama fedhes gara karaa qajeelatti qajeelcha.” Suura Yuunus 10:25

Istighfaari- jechuun immoo “Rabbiin irraa araarama barbaadu, Rabbiin cubbuu darbee akka namaa dhoksuu ykn haguugu fi haaqu kadhachuudha. Sababa cubbuu saniin akka nama hin adabne itti warwaachudha.”

Sababa cubbuutin adabbiin cimaan namni tokko addunyaa tana keessatti dhandhamu qalbiin isaa cufamu fi sammuun isaa hadoodudhu. Kanaafu, adabbii kana akka namarraa deebisuu Rabbiin araarama kadhachuun hin barbaachisu ree? Yeroo hundaa gara Rabbii deebi’uu fi istighfaara kadhachuun dukkana cubbuu saaqun sammuu fi qalbii irratti ifa imaana ibsa. Sammuu fi qaamni jabeenya horatu, humna irratti humna dabalaaf. Qabeenyaanis akka jabaatan nama taasisa. Ragaan kanaa kunoo Aaya Qur’aanati:

11:52

Yaa Ummata kiyya Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaan deebi’aa. Bokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaa. Humna keessan irrattis humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa hin garagalinaa.” (Suuratu Huud 11:52)

Yeroo baay’ee istighfaara yommuu jedhamu arrabaan qofaan ‘Astaghfirullah’ jechuun akka gahaa ta’eetti ilaallama. İstighfaarri karaalee sadiin kan adeemsifamuudha. Tokko qalbiin badii hojjatte amanuun Rabbiif of salphisuu fi of gadi qabuu. Lamaffaan immoo arrabaan Rabbiin irraa araarama kadhachuu yoo ta’u sadaffaan immoo qaaman hojii gaggaarii hojjachuudha. Yommuu qalbii tee Rabbiin funduratti gadi cabsitee (gadi of qabdee) araarama Isa kadhattu, dukkanni jireenyaa sirraa saaqamaa adeema, hurriin sammuu kee keessatti xaxamee bittinaa’u eegala. Cubbuu kee yaadatte yommuu imimmaan kee dhangala’u akka waan ba’aan wayii sirraa hir’ate sitti dhagahama. Mee yeroo hundaa du’aayi tanaan araarama Rabbiin irraa kadhachuu hin dagatin.

رَبَّنَا فَاغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَكَفِّرْ عَنَّا سَيِّئَاتِنَا وَتَوَفَّنَا مَعَ الْأَبْرَارِ

Rabbanaa faghfir lanaa zunuubanaa wa kaffir ‘annaa sayyi’aatinaa wa tawaffanaa ma’al-abraar.

Gooftaa keenya! badii keenya nuuf araarami; hamtuwwan keenyas nurraa harcaasi; warra qulqulluu wajjinis nu ajjeesi. Suura Ali-Imraan: 193

Hiika jechootaa: Rabbanaa (Gooftaa keenya), faghfir (araarami), lanaa (nuuf), zunuubanaa (badii keenya), kaffir (harcaasi), ‘annaa (nurraa), sayyi’aatinaa (hamtuwwan keenya), tawaffanaa (nu ajjeessi), ma’a (wajjiin), al-abraar (warra qulqulluu), asitti waliqabsiistu Arabiffaa wa maxxantuu ‘-s’ hiiktonni Qur’aana fayyadamaniiru. (fkn, keenyas, wajjiinis)

2.Halkan salaatu – Salaata fardii (dirqamaa) booda salaanni hanga salaata halkanii nama fayyadu hin jiru. Salaata halkanii ilaalchisee Al-Hasan (rahimahu Allahu)akkana jedha: “Salaanni halkanii kabaja mu’imintootati, wanta harka namoota jiru irraa quufuu irraa humna isaaniti. (wanta harka namoota jiruuf hin haafayan jechuu isaati.)” Hayatu salaaf 176

Axaa’a al-Khuraasanii akkana jedha: ‘Akkana jedhamaa ture, ‘Salaanni halkanii qaamaf jireenyaa fi humna ta’a, qalbii keessatti immoo ifa (nuura), argitu keessatti immoo ifa cimaadha (diyaa’a). Namtichi halkan irraa salaata halkanii yoo dhaabbate, gammadaa ta’ee bariisifata. Sababa salaata halkanitiin gammachuu qalbii isaa keessatti argata. Garuu ijji isa moo’atte yoo rafaa bule, kan gaddu fi qalbiin isaa cabdee bariisifata. Akka waan wanta tokko gatee itti fakkaata. Dhugumatti eeti, dhimma isaa keessa garmalee kan isa fayyadu gatee jira.” (Madda olii)

Wahb ibn Munabbih ni jedha, “Salaata halkaniitin namni gadi aanan ni kabajama, namni salphataan ni jabeeffama. Soomni guyyaa immoo abbicha irraa fedhii lubbuu mura…” (Madda olii) Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jechuun amaloota namoota gaggaarii irraa dubbata:

3:17

Obsitoota, dhugaa dubbattoota, (Rabbiif) ajajamtoota, [sadaqaa] kennattootaa fi warra obboroo keessa araarama kadhataniidha.” (Suuratu Ali-Imraan 3:17)

Salafoota irraa hanga kana yoo dhageenne salaanni halkanii faaydaa guddaa akka qabu ni barra.  Hasan akkana jedha: Halkan irraa salaata salaataa osoo hanga elmu hoolaa ta’eeyyu.” Kana jechuun ‘osoo raka’a tokkoyyu, sadiyyuu, shaniyyuu ta’ee salaataa’ jechuu isaati. Raka’aa 11 ykn 13 salaatun dirqamaa miti. Hanga humna keeti lama lama gochuun dhumarratti tokko itti dabaluun salaatu dandeessa. Dhugumatti salaanni halkanii sammuu garmalee jabeessa, shakkii fi yaada badaa namarraa dhiqa.

3.Sammuu hojjachiisu– akkuma Turkoonni jedhan “Çalışan Demir pas tutmaz”- Hiikni isaa ‘Hadiidni hojjatu hin daandi’aa’u’ Kana jechuun namni osoo hin dhaabbatin yoo hojjate qaamaniis, sammuunis, ruuhinis ni jabaata, gara olii ol deema. Garuu namni sammuu ofii yoo hin hojjachisiin, akkuma sibiilli hojii malee yoo ta’ee daandi’aa’u, sammuunis ni daandi’oofti, hojiin ala taati. Sammuu keenya hojjachisuuf maloota adda addaatti fayyadamu dandeenya. Isaan keessaa; lugaa haarawa barachuu, Qur’aana sammutti qabachuuf tattaafachu, kitaabban adda addaa dubbisuu, software haarawa barachuu, walaloo fi barreefamoota adda addaa burqisiisu fi kkf hojjachuudha. Sammuu hojjachiisuun yeroo jalqabaa ulfaachu danda’a. Garuu osoo daangaa hin darbinii fi of hin miidhin sa’aati muraasaf guyyaa guyyaan yoo hojjachiiste, sammuun kee qaramaa fi banamaa adeema.

4.Dallansuu fi dhiphinna too’achuu– wanti sammuu dugulchuu fi doomsu garmalee dallanuu fi dhiphachuudha. Dallansuu fi dhiphinni keenya hanga nu balleessitu hanga gahuu hayyamuufi hin qabnu. Jalqaba wanta dallannuu fi dhiphannuuf haa ilaallu. Wanta takka darbeef yoo ta’ee duubatti akka hin deebine beeku. Kan dhufuuf yoo ta’e immoo duuti teenyaa yoom akka dhuftu waan hin beeknef, dhimma keenya guuta Rabbitti dhiisne amma sirritti cimne hojjachuudha. Amma kan dallantu fi dhiphattu yoo taate immoo irra deddeebi’uun, ‘A’uzu billahi mina sheyxaani rajiim.’ Jedhi. Gara Ar-Rahmaan dheessi.

51:50

Gara Rabbii baqadhaa. Ani (Nabii Muhammad (SAW)) Isa irraa isiniif akakeechisaa ifa bahaadha.” Suuratu az-Zaariyat 51:50

5.Seeqachuu– yeroo hundaa fuula guuru fi aarun sammuu hadoocha, jireenya dhiphisa. Akkasumas, garmalee kolfuun qalbii gogsa. Garuu seeqachuun fuula ibsa, sammuuf boqonnaa ta’a.  Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

لاَ تَحْقِرَنَّ مِنَ الْمَعْرُوفِ شَيْئًا وَلَوْ أَنْ تَلْقَى أَخَاكَ بِوَجْهٍ طَلْقٍ ‏”‏

Hojii gaarii irraa wanta tokkoyyuu gadi hin xiqqeessin, osoo obboleessa kee fuula bashaashatin (ifaatin) qunnamteeyyu.”  (Sahiih Musliim)

Yommuu obboleessa Musliimaa kee fuula ifaa fi seeqachuun qunnamtu, gammachuun sii fi isa keessa ni facaa’a, jaalalli fi hariiron keessan ni jabaata. Fuula guurun immoo sammuu namaa dhiphisa. Kanaafu, yeroo hundaa seeqachun sammuu keenya qaruu dandeenya. Namoonni seeqatan yeroo baay’ee hojii isaanii nashaaxan (kakka’umsa) guddaan hojjatu.

6.Jabeenya qaamaa hojjachuu– guyyaa guyyaan jabeenyaa qaama hojjachuun dandeetti hubannaa fi qalbeefannaa akka jabeessu ogeeyyin fayyaa nuuf dhaamu.

7.Hirribaa madaallamaa rafuu fi dhangaale nyaataa madaallamoo nyaachu- hirribaa fi nyaata baay’isuun qaama butucha, sammuu hurrii itti buusa. Akkasumas, nyaata fi hirriba xiqqeessun sammuu jeeqa, qaama laamshessa. Hirriba madaallamaa rafuuf salaata ishaa’itiin booda hojii yoo hin qabaatin dafanii rafuun halkan salaata leyliitiif (halkaniitiif) ka’uudha. Salaata halkaniitiif ka’uu yoo dadhaban salaata Fajriitiif yeroon ka’uudha. Namni salaata fajrii (subii) osoo hin salaatin oolu guyyaan isaa guyyaa akkami akka ta’u ani hin beeku. Salaata halkanii fi fajrii sirnaan salaatuf halkan filmii fi interneeti gorogoru irraa fagaachudha. Sababni isaas, cubbuun ba’aa waan namatti ta’uuf halkan ykn ganama barraaqan akka hin kaane nama taasisa.

Nyaata maaddalamaa nyaachun immoo dhangaalee sukaara qaban garmalee nyaachu irraa fagaachudha. Baay’inni sukaaraa sammuu akka laamshessu qorannoon ni agarsiisa. Nyaata sukaara baay’ee hin qabne kanneen akka salaaxaa, kaaroti, qoosxaa fi kkf nyaachun sammuu jabeessa. Akkasumas, damma nyaachun sammuu qara.

Gudunfaa

Wanta kanneen armaan olii hundaa of keessatti hammachuun sammuu jabeessu isinitti himuu? Maal seetu? kanneen armaan olii hundaa of keessatti qabachuun sammuu kan qaru ‘Qalbii of qulqulleessudha.’ Dhugumatti qalbii ofii qulqulleessuf tattaafachun sammuu qaruudha. Yommuu ati qalbii tee qulqulleessuf tattaafattu, Rabbiin sammuu fi qalbii tee siif bana. Seenaa keessatti namoota sammuun isaanii garmalee qara taate mee ilaali. Cubbuu irraa fi dhukkuboota qalbii kanneen akka oftuulu, waanyu, jibba, shirkii fi kkf irraa of qulqulleessuf waan tattaafataniif sammuun isaanii akkasitti qara taate.

Istiqaama
Boqonnaa Sammuu-Kutaa 3ffaa

2 comments

Leave a Reply