Istiqaama Cimsuuf

Torbaan darbee hiika istiqaama ilaalle turre. Yaadachisaaf istiqaama jechuun karaa qajeelaa fi haqaa Islaamaa irratti gadi dhaabbachuu fi itti fufuudha.

Gufuwwan Istiqaama

Istiqaaman dhaabbannaa lama qaba. Dhaabbannaan tokkoffaan As-sadaad (karaa qajeela irratti qajeela ta’uu, gadi dhaabbachuu). Dhaabbannaan lamaffaan immoo al-muqaaraba (karaa qajeelatti dhiyaachu). Namtichi dhaabbannaa lamaan kanniin irraa gorraan ykn jallanaan, ni hoonga’a. Dhaabbanna kanniin lamaan ibsuuf fakkeenya kana fudhachuu dandeenya. Akkuma fakkii armaan olii irratti mul’atu, namni yommuu tuqaa barbaade waraanuf xiyya itti alaameefatu (darbatu) takkaa tuqaa boora barbaade san waraanu qaba (as-sadaad) takkaa immoo tuqaa sanatti dhiyaachu qaba (al-muqaaraba). Kana jechuun takkaa hojii hojjatu, dubbii dubbatu keessatti sirrii ta’uu (Tuqaa alaamaa rukutu). Takkaa immoo hojii hojjatu fi dubbii dubbatu keessatti sirrii (correct) ta’uuf tattaafachu (tuqatti dhiyaachu). Kanniin lamaan keessaa yoo baye daangaa darbee ykn kaayyoo ofitirraa gore jedhama.

Kanaafu, haqa irratti gadi dhaabbachuuf takkaa tuqaa san dhahuu (as-sadaad) ta’uu takkaa immoo tuqaa sanitti dhiyaachu qabna. Eeti, karaa haqaa irratti gadi dhaabbachuuf namni tokko takkamaan tuqaa barbaade san gahuu hin danda’u. Garuu sadarka sadarkanii fi adeemsaf carraaqqi guyya guyyaatin tuqaa san rukutu danda’a ykn itti dhiyaachu danda’a. Gufuwwan tuqaa san akka hin rukutne ykn itti hin dhiyaanne nu taasisan maal fa’aa? Muraasni isaanii:

1.Dogongora– karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbachuuf yommuu taattafannu, tasa ni dogongora. Ergasii ijjannoo fi kaka’uumsi keenya ni laamsheya. Dhumarratti, inuma hojii san dhiisun xumurama. Akka fakkeenyatti, namni tokko salaata ni salaata. Tarii salaata kana keessatti dogongoru danda’a. Ulaagaalee fi harkaana salaataa keessa tokko dogongoraan hanqisuu danda’a. Namni tokko dhufe gorsuu dhiise isa arrabsuu danda’a. Yeroo kanatti namtichi gara salaata dhiisutti deema. Yoo akkana godhe dhaabbannaawwan lamaan istiqaamaa irraa bu’ee jechuudha.

Jireenya keenya keessatti hanga feene taqwaa fi beekumsa haa qabannu guyyaa tokko ni dogongorra. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan:

 كُلُّ بَنِي آدَمَ خَطَّاءٌ وَخَيْرُ الْخَطَّائِينَ التَّوَّابُونَ

Ilmaan Aadam hundii dogongortoota; dogongortoota keessaa isaan gaggaariin yeroo hundaa kanneen tawbataniidha.” (Sunan ibn Maajah)

Kanaafu, jireenya keenya keessatti keessumayyuu daandii haqa irra yommuu deemnu yoo dogongorre, rifachuun duubatti deebi’u fi jallachuu osoo hin ta’in, gara Rabbii deebi’u fi araarama kadhachuun adeemsa keenya itti fufu qabna. Namoonni wanta fedhan haa jedhanii isaaniif gurra kennuun ijjannoo keenya laamshessu hin qabnu. Fakkeenyaf, salaata keessatti yoo dogongorre, namni osoo nu arrabseyyu, salaata dhiisu osoo hin ta’in, dogongora san irraa baranne salaata keenya sirnaan salaatuf itti fufuudha.

Through try and error you become perfect
Carraaqqi fi dogongora keessa nama sirrii ykn gadi dhaabbatu taata.
Dogongorrii yommuu uumamu garmalee nama dhukkubsa. Garuu walitti kuufamni dogongoraa waggoota boodaa muxannoo jedhama. Kuni immoo milkaa’innatti kan nama geessudha.

2.Qoosa namootaaseenaa Nabiyyoota (nageenya isaan irratti haa jiraatu) yoo ilaalle,  ummata isaanititti Ergaa Rabbii itti geessuf yommuu deeman, ummanni isaanii itti qoosu, itti baacu. Haaluma kanaan namni karaa haqaa hordofuu karaa adda addaatin qoosni,tuffii fi baacon namoota irraa isa ni dhaqqaba. Yeroo kanatti duubatti deebi’u osoo hin ta’in, seenaa Nabiyyootaa ilaalun gara funduraatti tarkaanfachu barbaachisa. Fakkeenyaf Qureeshonni Ergamaa Rabbitiin (SAW) “Raagaa, walaleessaa, maraataa fi kkf”jechaani turan.  Haa ta’uu malee qoosni fi arrabni kuni hundii Ergamaa Rabbii (SAW) duubatti hin deebisne, ijjannoo isaa hin laamshessine. Hanga dhumaatti carraaqun tuqaa barbaadan rukutanii jiru. Kanaafu, namoonni yommuu nutti qoosan ykn arrabsan inuma miidhaa qaama nurraan gahan, duubatti deebi’u hin qabnu. Karaan istiqaama karaa hababoon afamee irra deeman osoo hin ta’in qoree fi gufuu baay’ee akka qabu beeku qabna. Qoree fi gufuwwan kanniin yoo darbine, Jannata waadaa nu galamte In shaa Allah arganna.

3.Oftuulu fi of-dinqisiifachuu – namni yommuu hojii gaarii tokko hojjatu of tuulu fi of dinqisiifannaan itti dhagahamu danda’a. Kuni immoo istiqaama faallessa. Osoo hin beekin mucucaate kufa. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan:

 “‏ أَنَّ رَجُلاً قَالَ وَاللَّهِ لاَ يَغْفِرُ اللَّهُ لِفُلاَنٍ وَإِنَّ اللَّهَ تَعَالَى قَالَ مَنْ ذَا الَّذِي يَتَأَلَّى عَلَىَّ أَنْ لاَ أَغْفِرَ لِفُلاَنٍ فَإِنِّي قَدْ غَفَرْتُ لِفُلاَنٍ وَأَحْبَطْتُ عَمَلَكَ ‏”

Namtichi tokko nama [lubbuu ofii irratti daangaa darbee] tokkoon akkana jedhe,”Rabbiin kakadhe, ebaluuf Rabbiin hin araaramu.” Ergasii Rabbiin akkana jedhen: “Eebaluuf akka hin araaramne eenyutu Naan kakataa? Dhugumatti eebaluuf araarame, hojii kee immoo balleesse.” (Sahih Muslim )

Kanaafu, hojii ofitiin of dinqisiifachuu fi namoota tuffachuun istiqaamaa irraa akka mucucaatan nama taasisa. Hojii gaarii nama jalaa balleessa. Yeroo hundaa hojiin keenya xiqqaa akka ta’ee fi ibidda irraa akka nu hin baraarre yaadun, rahmata Rabbii kajeelu qabna, ofi gadi qabuu qabna. Sababa of-tuuluu fi of dinqisiifachuutin hojii keenya akka nu jalaa hin banne sodaachun of gadi qabuuf tattaafachu qabna. Hojii gaariin of dhaadachuu hin qabnu.

4.Dhiibbaa maatii, hiriyyoota, midiyaa fi naannoo – daandii istiqaama irra deemuf yommuu tattaafannu, maatiin, hiriyyoonni, midiyaa, naannoo fi kkf dhiibbaa guddaa nutti fidu. Dhiibban isaanii kuni negaativii (miidhaa kan qabu) ykn posootivi (bu’a-qabeessa) ta’uu danda’a. Maatiin keenya amantii kan hin jabeessinee fi daandii irra kan jallatan yoo ta’an, nutis akka isaanii ta’uun of balleessu hin qabnu.

Akkasuma hiriyyaan jaalalle godhanne daandii istiqaama irraa nu jallisuu danda’a. Namni sababa hiriyyaatin jallate Guyyaa Qiyaamaa akkana jedha:

Yaa badii kiyya! odoo ebaluun jaalalle onnee taasifachuu baadhee maal qabaa! Dhugumatti Gorsi (Qur’aanni) erga natti dhufee booda irraa na jallisee jira; sheyxaannis namaaf salphisaa ta’eera.” Suuratul Furqaan(25):28-29

Lubbuu teenya fi maatii keenya ibidda irraa akka tiiksun, Rabbiin itti ajaja:

66:6

Yaa warra amantan! Lubbuu keessanii fi maatiiwwan keessan ibidda qoraan ishii namootaa fi dhagaa heddu ta’e irraa eegaa. Ishee irra malaaykota gara jabeeyyi, ciccimoo ta’antu jiru. Waan Rabbiin isaan ajaje hin faallessan; waan ajajamaniis ni hojjatu.” Suuratu At-Tahriim 66:6

Wanta itti ajajamne hojjachuu fi wanta irraa dhowwamne dhiisun mataa keenya ibidda irraa fageessu dandeenya. Akkasumas, maatii keenya wanta Rabbiin itti ajaje akka hojjatan itti ajajuu fi wanta Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) irraa dhowwee akka dhiisan gorsuun isaan ibidda irraa rahmata Rabbiitin eegu dandeenya.

Karaa Istiqaama itti jabeessan

1.Qur’aana barachuu, qo’achuu fi hojii irra oolchu– Qur’aana barachuun, qo’achuu fi hojii irra oolchuf tattaafachuun utubaa istiqaamaa (gadi dhaabbannaa) cimsa. Namni akkuma Qur’aanatti dhiyaatun istiqaama isaa jabaataa adeema. Afaan Oromootin hiikni Qur’aana hojjatame xiqqaa haa ta’uu malee, hanga danda’ameen hayyoonni hojjataa jiru. Akka fakkeenyatti Dr.Muhammad Rashaad Abdullee (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) tafsiira Qur’aana afaan Oromootin qopheessun ummataaf dhiyeesse jira. namni kana dubbisuun itti fayyadamu danda’a. Takkaa online nuuralhudaa.com/tafsiir dubbisuu danda’a takkaa immoo kitaabicha bituu danda’a. Guyyaa guyyaan sa’aati tokko yoo murteessineef jireenya keenya jijjiramuu akka danda’u hin shakkinaa. Atummaan guyyaa guyyaan sa’aati tokko murteessun dubbisi.

2.Gabaabbinna jireenya tanaati fi haala jireenya Aakhiraa yaadachu Gabaabbinna jireenya tanaati fi haala jireenya Aakhiraa kan beeknu Qur’aana yoo qo’annedha. Yommuu hadhaan sabrii daandii haqaa hordofuu sitti dhagahamu, du’a yaadadhu. Jireenyi tee baay’ee xiqqoo fi gabaabdu akka taate beeki. Yoo istiqaama irratti duute, jireenyi Aakhiraa jireenya qananii fi zalaalamii akka taate yaadadhu.

Yeroo hundaa kaatimaa keetif sodaachun of sakkata’i. Akkuma Umar ibn al-Khaxxaab (RA) jedhe: Herreegamuun duratti of herreegaa; madaallamuun duratti of madaalaa.” Baditti yoo dabarte dafii gara tawbaa fi araarama Rabbii fiigi. Hojii dirqama kan akka salaata yoo dhiiste dafii jalqabi, duuti yoom akka sitti dhuftu waan hin beeknef.

3.Hidda onnee jalaa Rabbitti warwachuu – yeroo hundaa Rabbiin irraa araaramaa fi qajeelinna hidda onnee jalaa itti warwaachun istiqaamaa irratti akka cimaniif nama gargaara. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

3:133

Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi gara Jannata warra Rabbiin sodaataniif qophoofte kan bal’inni ishee akka samii fi dachii taatetti ariifadhaa.” Suura Ali-Imraan(3):133

Namni tokko gara araarama Rabbitti kan fiigu, gara Isaatti deebi’uu fi araarama Isa kadhachuuni. Akkasumas gara Jannataa kan fiigu hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa dheessuni. Kuni hundi istiqaama irratti isa jabeessa.

4.obsa qabaachu– hadhaa obsaa yoo liqimsan mi’atti jijjirama. Namni obsaan daandii istiqaama irra yoo deeme jireenya tanatti tasgabbii fi haala gaariin jiraata. Jireenya dhuftutti immoo qubannaan isaa jannata. Hiika Qur’aana kana keessatti Rabbiin (Azza wa jalla) akkana jedha:

“Ammas isaan fuula Gooftaa isaanii barbaacha obsan, kan salaatas dhaabanii, waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksanii fi mul’isanii arjooman, kan waan gadhee waan gaariin deebisanii dha. Warri suni gandi boodaa isaaniif ta’aa dha. Isheen Jannata qubsumaa kan isaan seenaniidha; Abbootii isaanii, niitiwwan isaanii, ilmaan isaanii irraas namni gaarii hojjate (ishee ni seena). Malaaykonnis balbala hundaan isaanitti seenu. “Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole!” (jedhu)”  Suuratu Ar-Ra’ad 13:22-24

Kunoo bu’aan obsaa akkana! Hadhaan obsaa mi’aa addaan hin cinnetti nama geessa. Rabbiin Istiqaamaa nuuf haa kennu.

Kitaaba wabii

Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi jildii 2 fuula 690-694

Qophii Ramadaanaa
Istiqaama
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.