Qophii Ramadaanaa

“Akka lugaatti sooma jechuun wanta tokko irraa of qabuufi hidhuudha. Fakkeenyaf dubbii irraa, nyaata irraa fi kkf irraa of qabuu danda’a.
Akka shari’aatti sooma jechuun fajrii (subii) irraa eegalee hanga aduun seentutti wantoota sooma balleessan irraa of qabuudha. Asitti wanta biraatif kan soomu osoo hin ta’in niyyaan isaa Rabbiin gabbaruuf ta’uu qaba. “

Qoodamiinsa soomaa
Soomni bakka lamatti qoodama. Isaaniis;

  1. Sooma waajibaa (dirqamaa) fi
  2. Sooma taxawwu’a (sooma fedhii, dirqama kan hin taane)

Sooma dirqamaa fi gosoota isaa: soomni dirqamaa bakka saditti qoodama. Isaaniis:

  1. Yeroo isaatin dirqama kan ta’e. Kuni sooma ji’a Ramadaanati.
  2. Sababa isaatin dirqama kan ta’e. Kuni sooma kaffaaraa. Fakkeenyaf, namni tokko guyyaa adiin ji’a Ramadaanaa keessa niiti isaa waliin yoo wal qunnamti saalaa raawwate, ji’a lama wal duraa duuban soomu qaba. Kuni kaffaraadha.
  3. Sooma namni tokko mata ofii irratti dirqama godhu. Kuni sooma nazrii (qodhaa, waadaa seenu). Fakkeenyaf, Rabbiin kana yoo naaf godhe, Isaaf jedhe guyyaa kudhan nan sooma jedhanii ofirratti dirqama gochuu (waadaa seenu).

Sooma ji’a Ramadanaa
Soomni Ramadaanaa nama Musliima ta’e, umrii saalfannaa gahe, aaqila ta’ee, iddoo jireenya jiraatu hunda irratti dirqama. Soomni harkaana (utubaalee) Islaamaa keessaa tokkoodha. Qur’aanni, Sunnaa fi waligalteen ummataa dirqama ta’uu isaa ni agarsiisu.

2:183

Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreefameera.”  Suura Al-Baqaraa 2:183

Barreefamni armaan gadi gabaabinnan kitaaba ‘Majaalisu shahru Ramadaan’ irraa fudhatame.

Fadlii (Gaarummaa, tola) Ji’a Ramadanaa
Beekaa yaa obboleyyan kiyya soomni caaltu ibaadaa keessaa tokko, fadlii soomaa ilaalchise hadiisni baay’een dhufe jira.  Fadlii soomaa keessa tokko Rabbiin sooma ummata hunda irratti barreesse jira, isaan irratti dirqama godhe jira. (Aaya armaan olii ilaali).

Fadlii soomaa ji’a Ramadaanaa keessaa kan biraa araarama cubbuuti fi haaqamu badiitif sababa ta’a.  Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ مَنْ صَامَ رَمَضَانَ إِيمَانًا وَاحْتِسَابًا غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ وَمَنْ قَامَ لَيْلَةَ الْقَدْرِ إِيمَانًا وَاحْتِسَابًا غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ ‏”

Namni iimaananii fi ihtisaaban Ramadaana soome, cubbuun isaa kan darbee ni araaramamaaf. Namni iimaana fi ihtisaaban Leylatul Qadr dhaabbate, cubbuun isaa kan darbee ni araaramamaaf.” Sahiih Musliim

Iimaanan yommuu jedhu- Rabbitti amanee, mindaa Rabbiin gabroota gaggaarii Isaatif qopheessetti amane (Jannatatti amanee), dirqama soomaatti jibbe osoo hin ta’in gammadee fi ihtisaaban namni soome yookiin Leylatul Qadrii dhaabbate, cubbuun isaa ni araaramamaaf.

Ihtisaaban yommuu jedhu immoo mindaa Rabbii barbaade fi kajeele hojii gaarii kana hojjataa malee na argaaf ykn beekkamtiif ykn kabajaaf ykn faarufi ykn qabeenyafi miti. Hojii gaarii hojjatu hunda Rabbiin irratti herreegata, mindaa hojii gaggaari nama irraa osoo hin ta’in Rabbiin irraa eeggata.

Hojiin kheeyrii (gaggaariin) nuti hojjannu hundi kanniin lamaan irra naanna’u qabu.

Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu:
الصَّلَوَاتُ الْخَمْسُ وَالْجُمُعَةُ إِلَى الْجُمُعَةِ وَرَمَضَانُ إِلَى رَمَضَانَ مُكَفِّرَاتٌ مَا بَيْنَهُنَّ إِذَا اجْتَنَبَ الْكَبَائِرَ
Salaanni shanan, Jum’aa irraa jum’atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti cubbuu isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate.” (Sahih Musliim)
Kaffaaraa-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu

Asitti wanti dagatamuu hin qabne namtichi badii gurguddoo kan akka zinaa, hannaa fi kkf irraa yoo fagaatedha. Badii gurguddoo akkanaa yoo raawwate tawbaa dhugaa isa barbaachisa. Yoo dhugaan tawbate badiin isaa ni araaramaaf.

Fadlii soomaa keessa tokko mindaan isaa lakkoofsa murtaa’an kan daangefame miti. Kana irra, nama soomuf mindaan isaa herreega (hisaaba) malee isaaf kennama. Sahih Al-Bukhaari fi Musliim keessatti akka Abu Hureeyran gabaasanitti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ قَالَ اللَّهُ كُلُّ عَمَلِ ابْنِ آدَمَ لَهُ إِلاَّ الصِّيَامَ، فَإِنَّهُ لِي، وَأَنَا أَجْزِي بِهِ‏.‏ وَالصِّيَامُ جُنَّةٌ، وَإِذَا كَانَ يَوْمُ صَوْمِ أَحَدِكُمْ، فَلاَ يَرْفُثْ وَلاَ يَصْخَبْ، فَإِنْ سَابَّهُ أَحَدٌ، أَوْ قَاتَلَهُ فَلْيَقُلْ إِنِّي امْرُؤٌ صَائِمٌ‏.‏ وَالَّذِي نَفْسُ مُحَمَّدٍ بِيَدِهِ لَخُلُوفُ فَمِ الصَّائِمِ أَطْيَبُ عِنْدَ اللَّهِ مِنْ رِيحِ الْمِسْكِ، لِلصَّائِمِ فَرْحَتَانِ يَفْرَحُهُمَا إِذَا أَفْطَرَ فَرِحَ، وَإِذَا لَقِيَ رَبَّهُ فَرِحَ بِصَوْمِهِ ‏”‏‏.

Rabbiin ni jedhe: ‘Hojiin ilmaan Aadam hundii mataa isaatif sooma malee. Soomni Anaafi. Anatu isaan (sooman) mindaa kafalaaf.’ Soomni (ibidda irraa yookiin cubbuu hojjachuu irraa) gaachana yookiin eeggumsa. Isin keessaa guyyaa sooma isaa, namni tokko jecha fokkuu dubbachuu hin qabu, iyyuu fi mormii baay’isuu hin qabu. Namni tokko isa yoo arrabse yookiin loleen, akkana haa jedhu ‘Ani nama soomu.’ Rabbii harka Isaa nafseen Muhammad jirtuun kakadhe! Fooliin badaan afaan nama soomu keessaa bahu Rabbiin biratti foolii misk caalaa urgaa’adha. Nama soomuf gammachuu lamatu jira. 1.Yeroo soomu hiiku ni gammada. 2.Yeroo Gooftaa isaa qunnamu sababa sooma isaatin ni gammada.” (Sahiih Al-Bukhaari fi Muslim)

Misk-jechuun shittoo garmalee urgaa’u.

Gabaasa biraa keessatti akkana jedha:

“‏ يَقُولُ اللَّهُ عَزَّ وَجَلَّ الصَّوْمُ لِي وَأَنَا أَجْزِي بِهِ يَدَعُ شَهْوَتَهُ وَأَكْلَهُ وَشُرْبَهُ مِنْ أَجْلِي، وَالصَّوْمُ جُنَّةٌ، وَلِلصَّائِمِ فَرْحَتَانِ فَرْحَةٌ حِينَ يُفْطِرُ وَفَرْحَةٌ حِينَ يَلْقَى رَبَّهُ، وَلَخَلُوفُ فَمِ الصَّائِمِ أَطْيَبُ عِنْدَ اللَّهِ مِنْ رِيحِ الْمِسْكِ ‏”‏‏.‏

Rabbiin (Azza wa jalla) ni jedha: ‘Soomni Anaafi. Anatu isaan mindaa kafalaaf. Sababa Kiyyaaf fedhii foonii, nyaata fi dhugaati dhiise.’ Soomni gaachana. Nama soomuf gammachuu lamatu jira. Gammachuu yeroo sooma hiiku fi gammachuu yeroo Gooftaa isaa qunnamu. Fooliin badaan afaan nama soomu keessaa bahu Rabbiin biratti foolii misk caalaa urgaa’adha.’’ Sahiih Al-Bukhaari

Hadiisni kabajamaan kuni karaa adda addaatin fadlii soomaa agarsiisa. Isaan keessaa;
Karaa tokkoffaa: Hojii biraa keessaa Rabbiin sooma ofiif filatee adda baase. Sababa soomni Isa biratti kabajamaa fi jaallatamaa ta’eef.Akkasumas, ikhlaasni (dhugummaan namni tokko Rabbiif qabu) sooma keessatti waan itti mirkanaa’uf. Soomni iccitii gabrichaa fi Gooftaa isaa jiddu jiruudha. Rabbiin malee kan isa argu hin jiru. Namtichi soomu iddoo kophaa namni hin jirre jiraachu fi wantoota sooma cabsan irraa of ni dhoowwa. Sababni isaas, Rabbiin kophatti akka isa arguu ni beeka. Wanta Rabbiin dhoowwe kanniin Rabbiif jedhe dhiisa, adabbii Isaa sodaachu fi mindaa Isaa kajeelun. Sababa kanaan Rabbiin iklaasa isaa kana galateefate, sooma hojii biraa irraa filatee adda baase. Kanaafi, ‘Sababa Kiyyaaf fedhii foonii, nyaata fi dhugaati dhiise.’jedhe. Coqiinsi (keessa filannoon) kuni Guyyaa qiyaamas ifa baha.

Karaan lamaffaan: Soomaf Rabbiin akkana jedhe: “Anatu isaan mindaa kafalaaf.” Mindaa soomaa ofitti qabe. Hojiiwwan gaggaariin lakkoofsa isaanitiin baay’atu. Hojiin gaariin takka si’a kudhan baay’achuun hanga dachaa dhibba torbaa yookiin san caalaa geetti. Soomaf garuu Rabbiin mindaa isarratti (sooma irratti) kafaluuf ofitti qabuun lakkoofsa malee kafalaaf. Dhugumatti Rabbiin Arjoomaa arjoomtota hunda caaludha. Mindaan nama soomuu guddaa fi baay’ee ta’uun herreega malee kennamaaf. Soomni Rabbiif ajajamuu irratti obsuu, wantoota Rabbiin dhoowwe irraa obsuu, wanta Rabbiin murteesse kanneen akka beelaa, dheebu fi dadhabinnaa qaama fi nafsee irratti obsuu of keessatti kan hammateedha. Sooma keessatti obsi gosa sadii walitti qabame. Obsa Rabbiif ajajamuu, obsa wanta Rabbiin dhoowwe irraa dhowwamuu fi obsa wanta Rabbiin murteesse waliinii. Kanaafu namni soomu warroota obsan (saabiriin) keessaa ta’utti haqa godhataa jechuudha. Dhugumatti Rabbiin ni jedha: “…Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.” Suura Az-Zumar 39:10

Karaan sadaffaan: Soomni gaachana. Kana jechuun eeggumsa fi girdoo nama soomu dubbii faaydi hin qabne fi jecha fokkuu irraa eegudha. Kanaafi ‘jecha fokkuu dubbachuu hin qabu, iyyuu fi mormii baay’isuu hin qabu.’ Jedhe. Soomni ibidda irraa isa tiiksa.

Karaan afraffaan: fooliin badaan afaan keessaa bahuu Rabbiin biratti misk caalaa urgaa’adha. Sababni isaas, ashaaraa (mallattoo) soomati. Foolin kuni Rabbiin biratti urgaa’a fi jaallatamaa ta’uun dhimmi soomaa Rabbiin biratti guddaa ta’uu ragaa agarsiisudha. Hatta wanti namoota biratti jibbamaa ta’ee Rabbiin biratti jaallatamaa fi urgaa’a ta’a, sababa soomatin Isaaf ajajamuu irraa waan maddeef.

Karaan shanaffaan: nama soomuf gammachuu lamatu jira: yeroo sooma hiiku fi yeroo Rabbiin qunnamu. Yeroo sooma hiiku qananii ibaadaa soomaatin dhaabbachuu waliin gammada. Namoota meeqatu osoo hin soomin mindaa soomaa dhabe. Nyaataa dhugaati, wal-qunnamti saalaa yeroo soomaa dhowwamaa turan waliin ni gammada sooma waan hiikef.

Gammachuun yeroo Gooftaa isaa qunnamuu immoo yeroo sooma isaatiin mindaan baay’ee fi guutuu ta’ee Rabbiin biratti argatu ni gammada. Yeroo mindaan garmalee barbaadamaa itti ta’ettii fi akkana jedhamu ni gammada.

“‏ إِنَّ فِي الْجَنَّةِ بَابًا يُقَالُ لَهُ الرَّيَّانُ يَدْخُلُ مِنْهُ الصَّائِمُونَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ لاَ يَدْخُلُ مَعَهُمْ أَحَدٌ غَيْرُهُمْ يُقَالُ أَيْنَ الصَّائِمُونَ فَيَدْخُلُونَ مِنْهُ فَإِذَا دَخَلَ آخِرُهُمْ أُغْلِقَ فَلَمْ يَدْخُلْ مِنْهُ أَحَدٌ ‏”‏ ‏.

Jannata keessa balbala Ar-Rayyaan jedhamu jira. Guyyaa Qiyaamaa warroonni soomaa turan isa keessaan seenu. Warra sooman malee namni biraa isaan waliin hin seenu. Akkana jedhama: ‘Warroonni soomaa turan eessa jiruu akka balbala kanaan seenaniif?’ Yommuu cufti (hundi) isaanii seenan, balballi kuni ni cufama. Sana booda eenyullee isa keessaan hin seenu.” (Sahiih Musliim)

Hadiisa jalqabaa keessatti namni soomu nama isa arrabsuu fi lolaaf itti dhufe, nan sooma jedhe ofirraa haa deebisu. Kana kan jedhuuf arrabsoo fi lolli akka hin daballeef. Akkasumas isa funduratti cal’isuun dadhabaa akka itti hin fakkaaneef. Namni soomu akka waan akkana jedhuuti: ‘Ani wanta ati na arrabsiteen sitti deebisuu hin dadhabne, garuu ani nan sooma. Soomni kiyya dubbii badaa sitti deebisu irraa na dhoowwa.’
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha.

41:34

Hojiin gaarii fi hamtuun wal hin qixxaa’an. [Wanta baddu] ishii toltuu taaten deebisi. Yoo san inni gidduu keetii fi gidduu isaa dinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta’uu [argita].” (Suuratu Fussilat 41:34)

Yaa obboleyyan kiyya! Fadliin sooma tan argamtu yoo namni soomu sirnaan soomedha. Sooma keessan eegu fi daangaa isaa tiiksuuf carraaqaa. Kana irratti hanqinna keessaniif gara Rabbii deebi’uun araaramaa kadhaa. Yaa Rabbii sooma keenya eegi. Shafa’aa nuuf taasisi. Nuuf, haadhaf abbaa keenyaa fi Muslimoota hundaaf araarami. Nageenyi Rabbii Nabiyyi keenya Muhammad, maatii Isaatii fi sahaaboota isaa irratti haa jiraatu.

Kitaabilee wabii
1.Sahiihu Fiqhu As-Sunnaah- Abu Maalik-jildii-2ffaa, fuula 87-88
2. Majaalisu shahru Ramadaan– ibn Useymiin fuula 14-18

Torbaan hanga kutaa lamaffaan wal arginutti hin fagaatina.

Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-Kutaa-1ffaa
Istiqaama Cimsuuf

One comment

Leave a Reply