Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-Kutaa-1ffaa

Nama barbaachisummaa (ulaagaalee) kanniin guutef soomni isa irratti dirqama. Ishiin/inni Musliima, aaqila (waa hubachuu kan danda’u) ta’uu, umrii saalfannaa kan gahe ta’uu, fayyaa qabaachu, imala (adeemsa) irra kan hin jirre (iddoo jireenyaa kan jiraatu) ta’uu, dubartiif laguu fi nifaasa (dhiiga dahaa) irraa qulqulluu ta’uu qabdi. Namtichi/ dubartiin barbaachisummaa armaan olii guunnan soomni isa/ishii irratti dirqama fi sirriidha. Dhugumatti ramaddi hundaa tokko tokkoon ilaalun irra gaariidha.  Isin qophiidha? Kanaafu obsaan dubbisaa.

Ramaddii tokkoffaa: Kaafira (nama Musliima hin taane)

Kaafiraaf (nama Musliima hin taanef) soomni isarratti dirqamaa miti. Osoo soomeyyu soomni isaa sirrii hin ta’u warra ibaadaa (Rabbiin gabbaran) keessaa waan hin taanef. Haa ta’uu malee ji’a Ramadaanaa keessa Musliima yoo ta’e, guyyoota Ramadaanaa hafan ni sooma, warroota soomni dirqama irratti ta’e irraa waan ta’eef.

Garuu guyyoota darban qadaa baasun (bakka buusun) isarratti dirqamaa miti. Rabbiin waan akkana jedheef:

“Warra Kafaraniin jedhi, yoo kufrii irraa dhoorgaman wanti darbee isaaniif araaramama…”  (Suurat Al-Anfaal 8:38)

Ramaddii lamaffaa- Sabiyyii

Sabiyyii (mucaa xiqqaa ykn mucayyoo xiqqoo) hanga umrii saalfannaa gahuutti soomni isa/ishii irratti dirqamaa miti. Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:

رُفِعَ الْقَلَمُ عَنْ ثَلاَثٍ عَنِ النَّائِمِ حَتَّى يَسْتَيْقِظَ وَعَنِ الصَّغِيرِ حَتَّى يَكْبُرَ وَعَنِ الْمَجْنُونِ حَتَّى يَعْقِلَ أَوْ يَفِيقَ ‏”‏

Namoota sadii irraa qalamni ka’ee jira (hojiin isaanii hin katabamu): Nama rafee irraa hanga hirribaa dammaqutti, nama xiqqaa irraa hanga guddatutti, maraataa irraa hanga waa hubatutti yookiin of beekutti.” ( Sunan Nasaa’i)

Garuu warrii isaa shakaalaaf soomu yoo danda’e soomatti ajajuu danda’u. Ibaadaa ijoollee keessatti leenjisa garmalee barbaachisaa isaaniif ta’a. Umrii saalfannaa geenyan carraa leenjisu waan hin argannef. Sahaabonni ijoolle isaani xixxiqoo soomsisaa turan. Gara masjiida fiidun meeshaa taphaa itti kennuun beela isaan dagachiisu.

Haa ta’uu malee warri ijoollee ammaa dhimma kana irraa daguu keessa jiru. Ijoollee isaanii soomatti hin ajajan. Inuma gariin isaanii ijoolleen isaanii soomu osoo barbaaddu, ‘Isaanif rahmata gochuudha.’ Jechuun soomuu irraa dhoowwu. Haqiiqaan isaaniif rahmata gochuun dirqamoota Islaamatiin akka dhaabbatan isaan shaakalsiisu fi sonoota Islaama barsiisudha. Nama kana irraa isaan dhowwee yookiin daangaa darbee nafsee ofiitii fi tan isaanii miidhe jira. Eeti, yoo soomanii miidhaa irratti argee yeroo san sooma irraa isaan dhoowwun rakkoo hin qabu.

Umrii Saalfannaa Dhiiraa

Seera Islaama keessatti umriin saalfannaa al-buluugh ykn Tamyiiz jedhamuun beekkama. Dhiirri dhimmoota sadii keessaa tokkoon umrii saalfannaa gaha.

Tokkoffaan: Ihtilaamaan maniyyii (dhangala’oo saalaa) dhangalaasu yookiin sababa kanaan alaatiin maniyyi dhangalaasu. “Ihtilaama jechuun (wet dream, abjuu jiidhaa)- abjuu fedhii saalaa kakaasu fi maniyyi akka dhangalaasan nama taasisu argu. Namni osoo rafuu maniyyi dhangalaase salaatun dura ykn Qur’aana tuquun dura ghusula (nafa guutu dhiqachuun) isarratti dirqama.” (A Dictionary of Islamic words and expression)

Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan:

غُسْلُ يَوْمِ الْجُمُعَةِ وَاجِبٌ عَلَى كُلِّ مُحْتَلِمٍ ‏”‏‏.

Gusulli (nafa dhiqachuun) Guyyaa Jumm’aa nama muhtalama ta’e (umrii saalfannaa gahe) hunda irratti dirqama.” Sahiih Al-Bukhaari

Lamaffaa: rifeensi gaggabaan naannoo qaama hormaatatti biqiluun mallattoo umrii saalfannaati. Inni/ishiin kana arginaan umrii saalfannaa gahe jira /geesse jirti osoo abjuu jiidhaa arguu baateyyu /baatteyyu.  Kuni umrii isaanii irraa waggaa 13 ykn 14 tti mul’atu danda’a. Warrii isaanii mallattoo kana isaanitti beeksisu qabu.

Sadaffaa: umriin isaa waggaa 15 (kudha shan) gahuu.  Namni tokko umrii waggaa 15 geenyan, inni namticha yookiin ishiin namtitti (dubartii) taatee jirti. Yeroo kana irraa eegale wanti namticha/namtitti irratti dirqama ta’e isaa/ishii irrattis dirqama.

Naafin ni jedhe: Ibn Umar (Radiyallahu anhumaa) akkana jechuun natti hime:
Ergamaan Rabbii (SAW) Guyyaa lola Uhud fuundura isaatti akka of dhiyeessu na waame. Ani yeroo san umriin koo waggaa 14 ta’ee osoo jiru. Lola keessatti akka hirmaadhu naaf hin hayyamne. Garuu yeroo ani waggaa kudha shanii lola Khandaqiif na dhiyeesse. Lola keessatti akka hirmaadhu naaf ni hayyame.” Naafin ni jedhe:Ani Kaliifaa yeroo sanii kan ta’e Umar bin Abdul Aziiz bira deemun hadiisa armaan olii itti odeesse. Umaris ni jedhe: Kuni haddi (daangaa) nama xiqqaa (ijoollummaa) fi nama guddaa (dhiirummaa) jidduu jiruudha. Hojjatoota isaatiif nama waggaa 15 gaheef mindaa akka muraniif barreesse.” (Sahiih Al-Bukhaari )

Hadiisni armaan oli kan agarsiisu waggaan 15 umrii seeraa gurbaa ykn intala Muslimaati. Dhimmoota amantii fi addunyaa isaa/ishiitiif umrii itti gaafatamummaa horatu/horattuudha. Wanta hojjatu /hojjattu hundaaf ni qabama/qabamti.

Umrii Saalfannaa Intalaa

Dubartiinis wanta dhiirti ittiin umrii saalfannaa gahuu ittiin haa geessuyyu malee dhimmii afraffaan itti dabalama. Innis; Laguu (heydii) arguudha. Osoo intalli waggaa 12 taateyyuu, laguu arginaan umrii saalfannaa geesse jirti, qalamni itti gaafatamummaa ishii irra yaa’u ni jalqaba (kana jechuun wanta hojjattuuf ni qabamti). Guyyaa adii Ramadaanaa keessa umrii saalfannaa yoo gahe, sooma isaa ni guuta ykn itti fufa yoo kan soomu ta’e. Yoo kan hin soomne ta’ee guyyaa sanii fi guyyoota hafan ni sooma, warroota soomni irratti dirqama ta’e irraa waan ta’eef. Osoo umrii saalfannaa hin gahiin dura guyyaa hin soomne san qadaa baasun isa/ishii irratti dirqamaa miti.

(Yeroo ammaa namoonni umrii kudha shan gahanii namoonni hin soomne ykn hin salaanne ni jiru, umrii saalfannaa hin geenye jechuun. Akkasumas umrii saalfannaa hin geenye jechuun dubartiin laguu argitee hin soomne ykn hin salaanne hin dhabamtu. Tarii kunii wallaalumma irraa ta’uu danda’a. Dubartiin waggaa kudha lama geette laguu yoo argite soomu fi salaatun ishii irratti dirqama akkuma armaan olitti hubanne. Mallatoolee umrii saalfannaa agarsiisan keessaa tokko waan argiteef. Dhiirris mallatoolee armaan olii sadan keessaa tokko yoo arge soomu fi salaatun isarratti dirqama.)

Ramaddii sadaffaa- Maraataa

Nama maraataa aqliin (sammuun) irraa deemte soomun isarratti dirqamaa miti. Aqlii ibaadaa ittiin hubatuu fi niyyatu waan hin qabneef soomni isaa sirrii hin ta’u. Ibaadan niyyaa malee hin taatu Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif “Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira…” (Sahiih Al-Bukhaari

Garuu yeroo garii of beeke yeroo biraa immoo kan maraatu yoo ta’ee, yeroo maraatetti osoo hin ta’in yeroo of beeke sanitti soomni isarratti dirqama. Osoo soomu yoo dhukkubsate soomni guyyaa sanii jalaa hin badu osoo of beeku niyyaa sirriin sooma waan jalqabeef.

Maraatan guyyaa sooma Ramadaanaa yoo of beeke guyyaa hafee ni sooma. Akkuma ijoolle umrii saalfannaa hin geenye fi kaafiraa guyyoota darban qadaa baasun isarratti dirqamaa miti.

Ramaddi Afraffaa: Al-Harim (Nama umriin deeme)

Yommuu waa’ee namoota dulloomanii kaasnu, namoota gosoota lamaa dubbachaa jirra. Isaaniis; tokko nama jaarsaa sammuun irraa deeme fi wanta faaydi hin qabne kan dubbatu (al-hazyaan, kan totorra’u) yoo ta’u lamaffaan immoo nama wanta hojjatu ykn dubbatu hin hubanneedha. Namoota kanaaf soomus ta’ee bakka soomaa hiyyeesota nyaachisuun isaan irra hin jiru. Sababni isaas, haalli isaanii akka daa’ima umrii waa addaan baafachuu (tamyiiz) hin gahiniin wal fakkaata.

Garuu yeroo garii waa kan addaan baafatu ta’ee yeroo biraa immoo kan totorra’u (of wallaalu) yoo ta’ee, yeroo totorra’u osoo hin ta’in yeroo addaan baafannaa (of beeku) sanitti soomni isarratti dirqama. Akkasumas, salaanni yeroo of wallaalu (totorra’u) sanitti isarratti dirqamaa miti. Garuu yeroo waa addaan baafatu sanitti salaatun isarratti dirqama.

Ramaddii shanaffaa: Aajiz (Qaaman dadhabaa)

Namni soomarraa dadhabaa ta’ee nama dadhabinni qaamaa isaa itti fufaa ta’ee fi jabinnatti deebi’uun kan hin abdatamneedha. Kan akka jaarsa fi nama dhukkubsataa dhukkubni isaa hin fayyine. Kan akka nama dhukkuba akka Kaansarii fi Eedisitiin qabame. Soomni isaan irratti dirqamaa miti. Sababni isaas soomu waan hin dandeenyef.

Jaarsa/jaartii qaaman dadhabaa yommuu jennu nama dulloomee waa addaan baafachuu danda’uu fi sammuun isaa nagaha ta’e garuu qaaman dadhabaa kan ta’eedha. Soomun daran qaama isaa dadhabsiisu kan danda’udha. Soomun isa/ishii irratti dirqamaa miti.  Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef:

Rabbiin lubbuu tokkos dandeetti ishiitin ala hin dirqisiisu.” (Suuratu Al-Baqaraa 2:286)

Garuu jaarsi/jaartiin sammuun nagaha ta’ee soomu dadhabee fi namni dhukkubsataan fayyuu hin dandeenye guyyaa tokkoon tokkoon sooma itti cabsee hiyyeessa nyaachisun bakka buusu qaba.

Nyaachisuu (Ix’aam)

Nyaachisuuf filannoon kanniin ni qaba. Takkaa namoota hiyyessoota ta’aniif tokkoon tokkoon isaanitiif  qamadii irraa gara kiloo tokkoof giraama kudhan kennu. Takkaa immoo nyaata qopheessun hanga guyyaa sooma cabseetin hiyyeesota waame nyaachisu. Fakkeenyaf guyyaa soddoma yoo sooma cabse, hiyyeessota soddoma nyaachisaa jechuudha.

Imaamu Al-Bukhaarin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) ni jedhe: Jaarsi guddaan soomu yoo dadhabe, dhugumatti Anas Ibn Maalik (RA) erga jaarsa ta’ee booda waggaa tokko yookiin lama guyyaa hundaa hiyyeessa daabboo fi foon nyaachise jira.

Ramaddii jahaffaa: Dubartii ulfaatii fi harma hoosistu

Yommuu dubartiin ulfaa yookiin harma hoosistu nyaattu, fayyaa ofiiti fi ilma ofiitif akkas gooti. Murtiin soomu haala ishitti dhagahamu irratti hundaa’a. Soomun jiruu ishii miidha irra kan buusu fi daa’ima hin dhalanne yookiin dhalate kan miidhu yoo ta’e, sooma hiikun ishiif hayyamamaadha. Garuu Ramadaanan booda qadaa baasun ishirra jira Ramadaanni itti aanu osoo hin dhufiniin duratti.

Kitaabilee wabii

Majaalisu Shahru Ramadaan (Fuula 41-45)

EssentialsOfRamadhan By Tajuddin B.Shu’aib (fuula 38-47)

Hubachiisa: Waa’ee Ramadaanaa ilaalchise gaafii yoo qabaattan sheekolii naannoo yookiin TV Africa fi Radiyoo Fatwaa kennan gaafachu dandeessu. In sha Allaah hanga danda’ameen kitaabban fiqii irraa funaanun waa’ee Ramadaana asitti dhiyeessuf nan taattafadha. Dogongora yoo argitan natti beeksisu hin dagatinaa. Barreefama armaan olii kitaaba eerame irraa fudhatamu isaa mirkaneefachu yoo barbaaddan wal qabsiistu diimtu armaan oli tuqu dandeessu. In shaa Allah torbaan ramaddi afran hafan ni ilaalla.

Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-kutaa 2ffaa
Qophii Ramadaanaa
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.