Qalbii Cabdee

Jireenya keessatti rakkoolee fi daraaran baay’een nama muudatu. Bosona jireenyaa keessa darbanii milkaa’inna fi gammachuu argachuun aarsa baay’ee fi obsa kan gaafatudha. Akkuma bosonni jireenyaa xaxamaa ta’uun aarsi (wareegamni) namni kafalu akkasuma guddaadha. Obsaan carraaqqi kana yoo itti fufan firiin isaas akkasuma guddaadha. Bosona jireenya kana keessa osoo deemtu qoreen si waraanti, ni aadda, dhukkubbiin onne tee irratti ni dhagahama. Qalbiin tee ni cabdi. Bosona jireenyaa yommuu jedhu maal jechuu akka barbaade hubattanii? Bosona jireenyaa yommuu jedhu mukkeen bakka tokkotti baay’atan jechuu osoo hin ta’in, rakkoolee, tola fi haala jireenya ilma namaati. Akkuma bosonni qoree, daraaraa, habaabo, gaalee, fi kkf qabu jireenyi teenyas rakkoolee, badhaadhinna, dhiphinna, fi kkf of keessatti tan hammattedha. Kanaafu, haala jireenya teenyaa bosona jireenya jenne yoo moggaafne nama hin saalfachiisu mitiree? 

Bosona jireenyaa keessa osoo deemnu yeroo garii qalbiin teenya ni cabdi, yeroo garii immoo ni ijaarramti. Yeroo qalbiin teenya cabdu jireenyi ni dukkanoofti, jireenya ni hifanna. Mee amma wantoota qalbii teenya cabsan/butuchanii fi erga cabdee booda akkamitti akka suphinu haa ilaallu. Wantoonni qalbii teenya cabsan/butuchan baay’ee dha. Isaan keessa:

1. Cubbuu raawwachuu – yommuu wanta badaa tokko raawwannu garmalee keessi keenya ni rifata; qalbiin teenya ni bututti, tasgabbii fi nageenya dhabdi. “Eessa deema? Malli kiyya maalii? Eenyutu dhiphinna kana keessaa na baasa? Eessatti dhokadha?….” Ofiin jechuun bosona jireenyaa keessa dhamaana. Malli fi garri itti deemnu nu harka bada. Qalbii yeroo kanatti bututte fi caccabde akkamitti deebisanii ijaaru fi suphuun danda’amaa?  Mee furmaata tokko sitti haa akeekuu yommuu cubbuu rawwatte dukkana sirraa saaqun ifa siif ibsu? Karaan hundarra gaariin dhiphinna keessa jiran keessaa bahanii fi qalbii cabde deebisani itti ijaaran istighfaara (Rabbiin irraa araarama kadhachuu) baay’isuudha. Sababni isaas, Istighfaara jechuun sababa badii saniitin Rabbiin akka nama hin adabne itti warwaachu fi badii san akka namaaf haguugu kadhachuudha. Adabbii cubbuu keessaa tokko jireenyi nama sanitti dhiphachuu fi qalbiin isaa caccabuudha. Qalbii cabde deebisee kan ijaaru Rabbiin qofa, akkuma nama du’e deebise kan kaasu Rabbiin qofa waan ta’eef. Qalbii duute fi cabde kan jiraachisu fi tolchu Rabbiin waan ta’eef araarama Isarraa kadhachuun hin barbaachisu ree? Rabbii faayda nuuf fidu fi miidhaa nurraa kaasu dhiisne gara wanta faayda nuuf hin finnee fi miidhaa nurraa hin kaasnetti maaliif fiignaa? Du’aayi kanatti fayyadamuun hidda onnee jalaa mee Rabbiin kadhu:

اللَّهُمَّ إِنِّي ظَلَمْتُ نَفْسِي ظُلْمًا كَثِيرًا وَلاَ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ إِلاَّ أَنْتَ، فَاغْفِرْ لِي مَغْفِرَةً مِنْ عِنْدِكَ، وَارْحَمْنِي إِنَّكَ أَنْتَ الْغَفُورُ الرَّحِيمُ ‏”

Allaahumma innii zalamtu nafsii zulman kasiiran walaa yaghfiru zzunuuba illaa anta. Faghfirlii maghfiratan min indika warhamnii innaka ant-al-ghafuuru rahiim.

Hiika jechoota: Allaahumma (Yaa Rabbii), innii (dhugumatti ani), zalamtu (miidhee jira), nafsii (lubbuu tiyya), zulman (miidhaa), kasiiran (baay’een), walaa (hin jiru), yaghfiru (kan araaramu), zunuuba (badii, cubbuu,dillii), illaa (malee), anta (Si), faghfirlii (naaf araarami), maghfiratan (araarama), min indika(si biraa), warhamni (rahmata naaf godhi), innaka (dhugumatti ati), ghafuur (kan namaaf araaramu), rahiim (rahmata kan namaaf godhu).

Hiika himaa: Yaa Rabbii! lubbuu tiyya miidhaa baay’een miidhee jira. Badii kan araaramu Si malee hin jiru. Araarama Si biraa ta’een naaf araarami. Rahmatas naaf godhi. Dhugumatti Ati Araarama, Rahmata godhaadha.

2. Namaan wal-loluu — jireenya keessatti namaan walitti bu’uun dhiphinna fi hadhaa baay’ee dhandhamu dandeessa. Dubbii fi cunqursaan isaanii qalbii tee butuchuu danda’a. Akka fakkeenyatti yoo fudhanne, nabiyoonni Rabbii yommuu ummata isaanitti ergaa Rabbii itti geessuf deeman, ummanni isaanii qeeqa fi dubbii hamaan isaan haleelu turan. Ergaan Rabbii ummata isaanii biratti fudhatama yommuu dhabu qalbiin isaanii ni cabdi, ni dhiphatu. Garuu Rabbiin obsaan isaan jajjabeessa. Nullee nabiyyoota fakkeenya godhachuun miidhaa namootarraa nu dhaqqabu obsaan dabarsuu qabna. Si arrabsu danda’u. Arrabni isaanii sirratti akka hin maxxanne beekun bira darbi. Yoo dandeesse jecha gaariin itti deebisi. Yeroo hundaa wanta namoonni siin jedhan irra deddeebiste itti yaadun qalbii fi hamilee kee hin butuchin. Haala nama sanii illaali. Gowwaa yoo ta’e, isa waliin nyakkisuun sammuu ofii bakka hin taanetti qisaasessudha. Fallii kanaa qajeelcha Rabbii hordofuudha:

خُذِ ٱلۡعَفۡوَ وَأۡمُرۡ بِٱلۡعُرۡفِ وَأَعۡرِضۡ عَنِ ٱلۡجَـٰهِلِينَ

(Namootaf) araarami, irra darbi,  toltuttis ajajii, wallaalaa irraahis garagali.” Suura al-A’araaf (7):199

Nama qaroo yoo ta’e immoo suuta fi tooftan waliin haasawudha. Gabaabumatti, yommuu namaan wal lolan obsi fi tooftatti fayyadamuun barbaachisadha. Ariifatanii wanta baay’ee keessa galu irraa of qusachuudha.

3. Harki qal’achuu– yommuu namoota dureeyyi ilaaltu, qabeenya fi haala kee ilaalte of tuffii fi gadii aantummaan sitti dhagahamu danda’a. Mala of tuffii fi gadii aantummaa ittiin ofirraa saaqxu (ooftu) sitti akeekuu? Malli tokkichi of tuffii fi gadii aantummaa ittiin ofirraa saaqxu imaana dabalachuudha. Qabeenyaa fi aangoon nama san nan caala jette yoo battiste akkamitti akka kuftu hin beektu. Garuu akkuma imaana dabalattuun keessi kee tasgabbaa’a fi quufaa adeema. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) warra dhugaan amananii fi hojii gaarii hojjatan, gaddii fi dhiphinna akka isaan irra hin jirre waadaa galee jira.

الَّذِينَ آمَنُوا وَلَمْ يَلْبِسُوا إِيمَانَهُمْ بِظُلْمٍ أُولَٰئِكَ لَهُمُ الْأَمْنُ وَهُمْ مُهْتَدُونَ

Isaannan amananii, iimaana isaanii zulmiin (shirkiin) walitti hin makin isaaniif tasgabbiitu jira. Isaanis qajeelfamoodha.” Suuraa Al-An’am, Ayah 82

Kanaafu, namni tokko Rabbii gaditti wanta biraa gabbaruun iimaana isaatti wanta badaa yoo hin makin jireenya gaarii fi nageenyaa jiraata. Qabeenyi isaa xiqqoo osoo taateyyu nama qabeenya baay’ee qabu caalaa jireenya gammachuu fi tasgabbii jiraata. Kanaafu, sababa hiyyummaa keetitiin qalbiin tee yoo cabde, addunyaan tuni akka habaabo daraare yeroo muraasan booda goguutti ilaali. Ergamaan Rabbii (SAW) addunyaa tana irraa wanta isaan gammachiisuu yoo argan akkana jechuu tura:

اللهم إن العيش عيش الآخرة 

Yaa Rabbii! Dhugumatti jireenyi dhugaa jireenya Aakhiraati.Sahiih Al-Bukhaari

Kanaafu, jireenya akka habaabotti baddu waliin halkanii guyyaa dhiphachuu osoo hin ta’in jireenya aakhiraatif hojii gaggaarii hojjatanii dabarsutu qarummaadha.

4. Kasaaru— ammas yommuu waa hojjatte kasaartu ykn waa si jalaa badan ykn barbadaa’u ykn hatamuu, garmalee keessi kee ni gubata, qalbiin tee ni cabdi. Tooftaa kana jalaa ittiin baatun sitti akeeku? Tooftan kana jalaa ittiin baatun murtiwwan Rabbiitti (qadaa wal qadar)itti amanuudha. Akkuma qadaratti amantuun, dhiphinna fi ba’aan jireenya sirraa hir’ataa adeema. Wanti Rabbiin siif murteesse gaarii akka ta’etti yoo fudhatte, jireenya keessatti wanti garmalee dhiphattuuf hin qabdu. Wanti badaan yommuu sitti bu’u, ‘Rabbiin wanta badaa natti murteesse’ jetti yaadu dandeessa. Osoo sirritti ilaalte alli fi jalqabni isaa badaa haa fakkaatuyyu malee keessi fi dhumti isaa gaariidha. Fakkeenyaf, daldala osoo daldaaltu kasaaru dandeessa. Kasaaran murtiidha. Kasaara kana osoo qoratte waa baay’ee argita. Tokko kasaaran kan si muudatef badii ati hojjatteef ta’uu danda’a. Fakkeenyaf, ribaan (dhalaan) daldaalu, namoota gowwoomsu. Kasaaraa kana irra baratte ribaa dhiisun gara Rabbii tawbaa qulqulluun yoo deebite, In sha Allah haalli kee waa tole! Garuu osoo kasaaru baatte dhumarratti sababa ribaatin yoo adabamte, hangam akka ulfaatu tilmaamun nama hin dhibu. Kanaafu, balaa sitti bu’eef negaatifi(gara badaa) isaa qofaa miti gara posotivii (dhuma gaarii) isaa ilaali. “Kan akkanatti qoramuuf (mokkoramuuf) Rabbiin na qajeelchuf ta’a laata” jechuun gara Rabbii fiigi, of qorachuun hojii badaa irraa gara Rabbii deebi’i.

Akkasumas, wanti tokko yommuu si jalaa hatamu ykn namni yommuu si miidhu, namni waa si jalaa hate ykn si miidhu uguruu akka hin geenye yaadadhu. Guyyaa qiyaamaa haqa kee akka siif deebisu hin dagatin. Kanatti yoo amante fi yaadatte, wanta jireenya kee itti dhiphistu fi qalbii tee ittiin butuchituuf hin qabdu.

5. Namni jaallatan du’uu ykn nama san dhabuu -tarii namni ati garmalee jaallattu si jalaa du’uu ykn immoo namni ati jaallattu sitti heerumu ykn si fuudhu dhiisu danda’a. Yeroo kanatti qalbiin tee ni cabdi. Ammallee furmaanni hundarra gaariin murtii Rabbiitti amanuun obsuudha. Wanta Rabbiin murteesse eenyulle duubatti deebisuu akka hin dandeenye fi wanta Inni hin fedhin eenyulle murteessu ykn hojjachuu akka hin dandeenye beekudha. Duuti murtii Rabbiiti. Eenyulle du’a hanbisuu hin danda’u. Kanaafu, yommuu namni jaallattu si jalaa du’u, mindaa gaarii Rabbiin irraa abdachuun obsi. Du’a nama biraa dhiisi mataa keetirraayyu deebisuu akka hin dandeenye yaadachun, nama du’ee fi mataa keetif Rabbiin irraa araarama kadhu.

Akkasumas, namni ati jaallate sitti heerumu ykn si fuudhu yommuu diddu/didu, wanta Rabbiin ganama siif murteesse akka hin dhabne yaadadhu. Isaan/ishiin ala dhiirri ykn dubartiin baay’een fuudhan ykn itti heeruman akka jiran hubadhu. Yoo ishiin si didde nama biraa fuuta, maaltu si dhiphise. Tarii intalli ati fuutu intala tana caalu dandeessi. Akkasumas, gurbaan ati itti heerumu barbaaddu yoo si dide, gurbaa biraatti heerumtaa maaltu si dhiphise. Obsuu dadhabde yoo dhiphinna keessa galte akkana jedhi Rabbiin kadhu, “Yaa Rabbii! Wanta mul’atu fi hin mul’anne hundaa ni beekta, wanta ani beeku fi hin beekne hundaa ni beekta. Dubartiin tuni amantii kiyyaaf, addunyaa tiyyaafi Aakhiraa tiyyaaf tan naaf taatu yoo taate natti qabi. Yoo tan naaf hin taane taate, dubartii ishirra gaarii natti qabi.” Akkasumas, ati dubartii yoo taate, “Yaa Rabbii dhiira amantii, addunyaa fi aakhiraa kiyyaaf ta’u natti qabi.”jedhi kadhu. Haala kanaan, nama san argattee dhiiste wanta dhiphattuuf hin qabdu. Sababni isaas, kaayyoon kee ol’aanaan fedhii kee qofa guuttachu osoo hin ta’in, addunyaa fi aakhiratti sababa nama sanitiin jaalala Rabbii argachuun milkaa’udha. Nama san waliin harka wal qabattanii fi wal gargaartanii daarus salaam (mana nageenyaa kana jechuun Jannata) gahuudha. Namni ati jaallatu kana irratti yoo si hin gargaarinii fi si fuudhu ykn sitti heerumu yoo didde/dide maaltu si dhiphise ree?

6. Waa namarraa eegu (expectation)– wanta tokko hojjattee namoonni yoo sirraa jaallatu baatan, qalbiin tee ni bututti. “Akkanatti carraaqe, akkamitti hin jaallanne?”jechuun of dhiphista. Ammallee mala kana jalaa ittiin baatun sitti akeeku? Muxannoo koo irraa, waggoota baay’eef namoota gammachisuuf carraaqe. Garuu bu’aan ani argadhe, gadda, dhiphinna, qalbiin cabuu fi kkf. Akkuma yeroon darbuu fi beekumsi dabaluun furmaanni hundarra gaariin ani argadhe, Rabbiin qofa gammachisuu akka qabuudha. Rabbiin qofa gammachiisuf yoo carraaqne, ba’aa hin dandeenye baay’ee nurraa buusa, gammachuu fi tasgabbiin keessa keenyatti ni dhagahama. Namoonni jaallatani jibbanii wanti nu dhiphisu hin jiru kaayyoon keenya Rabbiin qofa gammachisuu waan ta’eef. Akkasumas, wanta tokko yaadde siif ta’uu yoo baate, sababa fi bu’aa wanta sanii ilaali. Sababni isaa tarii dadhabinna kee ta’uu danda’a. Gara biraatin garuu ati ciminnaan hojjatte akka ati yaadde ta’uu yoo baate, bu’aan isaa tarii badaa siif ta’uu danda’a. Rabbiin miidhaa wanta ati yaadde sirraa deebisuuf, wanta ati yaadde san akka kufu taasise ta’a. Kanaafu, sababa fi bu’aa wanta yaadde ilaalun, tasgabbaa’i, obsii Rabbiin galateefadhu.

Guduunfaa

Hanga ammaatti wanta qalbii cabsuu fi ijaaru ilaalle jirra. Wantoonni qalbii cabsan lakkoofsi isaanii baay’eedha. Qalbii caccabde fi bututte deebisee kan ijaaru Rabbiin qofaadha. Namni si booharsu danda’a garuu yeroo miraasan booda qalbii tee bututtee fi kophummaan sitti dhagahamu danda’a. Kophummaan akka sitti hin dhagahamne fi qalbiin tee erga cabdee booda akka ijaarramtu yoo barbaadde, yeroo hundaa gara Rabbii dhiyaachuf tattaafadhu. Dhugumatti, Rabbiin si waliin yoo jiraate, miirri kophumma, sodaa, dhiphinni fi kkf sirraa ka’a. Qomni kee ni bal’ata, sammuun tee  boqonnaa argatti. Aalima tokkotu akkana jedhe, “Mootonni fi ilmaan moototaa gammachuu nuti keessa jiru osoo beekanii silaa, [gammachuu kana nurraa fudhachuuf] seeyfin nun lolu turan.” Kanaafu, yeroo hundaa hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa dheessun gara Rabbii dhiyaachu dandeenya. Yoo akkana goone tasgabbii fi nageenya arganna.

Imimmaan Hiyyeessaa
Wantoota Sooma Balleessan
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.