Imimmaan Hiyyeessaa

Hiyyeessa jechuun nama homaa hin qabne yookiin waa qabaate bu’uuraalee sadan sirnaan guuttachuu kan hin dandeenyedha. Bu’uuraalen sadan sunniin: nyaata, uffataa fi mana jireenyati. Akkuma namni kamu bu’uuraalee kanniin guuttachuuf battisu hiyyeessis ni battisa. Bu’aa bayii jireenyaa keessatti rakkoolee fi daraara baay’ee arga. Rakkoo fi daraaran kunniin kallatti garagaraatiin isa qunnamuu danda’a. Jireenya hiyyeessa keessatti rakkoon guddaan kan isa qunnamu miidhaa karaa ilma namaatiin itti dhufuudha. Har’a yoo Rabbii fedhe imimmaan hiyyeessaa ni ilaalla.

Imimmaan hiyyeessa bakka lamatti qoodu dandeenya. Isaanis; Imimmaan gammachuuti fi imimmaan gaddaati. Namni akkuma yeroo gaddaa booyu yeroo gammachuus ni booya. Hiyyeessi dukkana rakkoo keessaa gara ifaa, bal’innaa fi tolaatti yommuu ce’uu imimmaan gammachuu boqoo isaatirra ni dhangala’a. Yommuu ati rakkoo inni keessa jiru keessaa akka bahuuf gargaartu, imimmaan dhangalaasun siif du’aayi godha ykn si eebbisa. Du’aayin ykn eebbi isaa tuni jireenya kee keessatti bakka guddaa akka qabdu hin dagatin. Sababni isaas, onnee irraa du’aayi siif godha ykn si eebbisa. Kanaafu, hiyyeessa dhugaa ykn nama rakkataa gargaaru irraa duubatti hin jedhin. Gargaarsi qarshii qofaan osoo hin ta’in, gargaarsa humnaa, beekumsaa, yeroo fi kkf of keessatti kan hammateedha.

Zulmii– cunqursaa, hacuuccaa, miidhaa

Zaalima– nama miidhaa fi cunqursaa raawwatu

Aakhiraa –Jireenya Boodaa

Gara biraatin hiyyeessa miite boochisu dandeessa. Amma bal’innaan kan ilaallu imimmaan hiyyeessa cunqursaan dhangala’uudha.Zulmiin (cunqursaan) badii guddaadha. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan:

“‏ اتَّقُوا الظُّلْمَ فَإِنَّ الظُّلْمَ ظُلُمَاتٌ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَاتَّقُوا الشُّحَّ فَإِنَّ الشُّحَّ أَهْلَكَ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ حَمَلَهُمْ عَلَى أَنْ سَفَكُوا دِمَاءَهُمْ وَاسْتَحَلُّوا مَحَارِمَهُمْ ‏”

Zulmii irraa of eeggadhaa, dhugumatti zulmiin guyyaa Qiyaamaa dukkana. Al-Shuhha (haafayu, doy’ummaa) of eeggadhaa, dhugumatti Al-Shuhha namoota isiniin duraa balleesse jira; dhiiga walii akka jiigsan, wanta dhowwame akka halaaleessan (hayyamama goosisssan) isaan taasise jira.” Musliim 2578

“Zulmiin gosa lama qaba. Tokko zulmii haqa Rabbiitin walqabate. Lamaffaan immoo zulmii haqa ilmaan namaatin walqabateedha. Zulmiin hundarra caalu zulmii haqa Rabbitiin walqabateedha. Innis, Rabbiitti waa qindeessuu ykn dabaluudha. Ergamaan Rabbii zulmiin kamtu hundarra guddaa akka ta’e yommuu gaafataman akkana jechuun deebisan:

“‏ أَنْ تَجْعَلَ لِلَّهِ نِدًّا وَهْوَ خَلَقَكَ ‏”

Rabbiin si uumee osoo jiruu dorgomaa (wal-qixxaataa) Isaaf gochuudha.” Sahiih Al-Bukhaari

Dhugumatti Rabbitti waa qindeessuun ykn guutumatti  isatti kafaruun hundee badii hundaati. Badiin hundii asirraa burqa. Qalbiin Rabbiin qofa gabbaruun (tawhiidaan) yoo tolte, haalli nama sanii ykn ummataa ni tola. Kana hubachuuf seenaa Araboota Islaama duraa fi booda ilaalun gahaadha. Yeroo ammaa kanattis miidhaa namoonni Rabbitti kafaran hojjatan ilaalun ni danda’ama.

Zulmiin haqa namootatiin walqabatu immoo wantoota sadii irra naanna’a. Isaaniis:

1.Zulmii lubbuu– kuni daangaa namatti darbuun dhiiga jiigsu, qaama madeessu fi kkf of keessatti qabata.

2.Zulmii qabeenyaa- wanta dirqama isarratti ta’e baasu dhiisun fakkeenya zakaa baasu dhiisun, liqaa deebisu dhiisun yookiin wanta dhowwame kennuun fakkeenyaf kan akka  gubboo, yookiin qabeenya namaatti wanta dhowwamaa hojjachuun kan akka hannaa fi kkf gochuun namni tokko nama biraa miidha ykn cunqursa.

3.Zulmii kabajaa– sagaagalummaan, guddeeddan, maqaa xureessu fi kan kana fakkaataniin nama tokkotti daangaa darbuu of keessatti hammata.

Zulmiin hunduu dhowwamaadha; zaalimni (namni nama cunqursu) Rabbiin funduratti nama isa gargaaru hin argatu. Rabbiin ol’aane akkana jedha:

“[Guyyaa san] miidhaa raawwattootaf hiriyyaan yookiin maanguddoon fudhatama qabu hin jiru. “ Al-Ghaafir40:18

Guyyaa qiyaamaa zaalimni (namni miidhaa raawwatu) hiriyyaa adabbii Rabbii irraa isa baraaru hin argatu. Akkasumas, manguddoo isaaf shafa’aa ta’e shafa’ummaan isaa dhagahamu hin argatu. (shafa’aa jechuun walitti araarsuuf jidduu galuu). Zaalimni guyyaa Qiyaamaa nama isa gargaaru hin argatu.

“Zaalimtootaf (miidhaa raawwatootaf) gargaartoonni hin jiran.” Suura Al-Baqaraa2:270

Kana jechuun zaalimtoonni Guyyaa kana gargaartoota isaan gargaaranii fi adabbii Rabbii keessaa isaan baasan hin argatan.

Ergamaan Rabbii “zulmii of eeggadhaa” nuun jedhu. Kana jechuun eenyullee hin miidhinaa, ofiis namoota biroos hin miidhinaa. “Dhugumatti Guyyaa Qiyaama zulmiin dukkana.” Guyyaa Qiyaama ifni wayitu hin jiru nama Rabbiin ibseef malee. Nama Rabbiin ifa hin godhiniif isaaf ifni hin jiru. Namni Musliima ta’ee hanga Islaama isaatiin ifa qaba. Garuu zaalima yoo ta’e hanga zulmii (miidhaa) raawwateetin ifa kana ni dhaba Ergamaan Rabbii (SAW) akkana waan jedhaniif:  “Zulmii irraa of eeggadhaa, dhugumatti zulmiin guyyaa Qiyaamaa dukkana.”

Ammas Ergamaan Rabbii (SAW) al-shuhha of eeggadhaa jedhu. Al-Shuhha jechuun qabeenyaf garmalee haafayu ykn garmalee doy’a ta’uudha.Qabeenyaf haafayuun karaa kaminuu qabeenya akka argatan nama taasisa. Haraama ta’ii halaala ta’ii hin ilaalu. Qabeenyaf haafayun gara dhiiga jigsuu, wanta dhowwamaa hojjachutti nama oofa. Namoonni haafayan qabeenya argachuun yommuu nama ajjeessan, qabeenya isaanii saaman ni argita.”[1] Hiyyeessa yommuu boochisan ni argina.

Miidhaan karaa adda addaatin hiyyeessarra gahuu hangana hin jedhamu. Namni qabeenya dhumtu tanaaf haafayuun ofii fi namoota biraa balleessa. Yommuu inni hiyyeessa boochisu miidhan inni hojjate isarratti gadi deebite isa boochisti. Miidhaa yeroo ammaa warroonni humnaa fi aangoo qabna jedhan warroota humna hin qabne irratti hojjatan keessaa mee seenaa tana isiniif haa odeessu.

Magaalaa takka keessatti dura taa’aa (Liqaambarii) gandaa tokkotu karaa baasu barbaade. Karaan mana dureessa tokkooti fi mana dubartii dadhabduu takkatti qajeele. Dura taa’an kuni mana dureessaa dhiise karaa mana hiyyeetti tanatti qabuun osoo ishiin iyyutu mana ishii jalaa diige. Boodden imimmaan hiyyeetti tanaa maal ta’e ree? Miidhan dubartii hiyyeetti  tana irratti hojjate isumarratti deebi’uun isa boochise. Bariima san konkolaataa osoo oofu konkolaataan biraa itti bu’uun fuula isaa quncisee namummaa irraa isa baase. Maal kana qofatti dhaabbataa! Daa’ima isaattis bishaan danfaan itti jiguun miidhaa hamaa irraan gahe. Osoo addunyaa tana keessaa hin bahin miidhan inni hojjate isarratti gadi deebi’e. Kan Aakhiraa hoo maal ta’inna laata?

Hundii keenya naannoo irraa warroonni hiyyeessa boochisan boodden isaanii maal akka ta’e mee haa ilaallu. Ilaalu qofaa miti barnoota irraa fudhachuun zulmii (miidhaa, cunqursaa) irraa of eegu qabna akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) nuuf dhaaman. Abaarsi nama miidhame badaa akka ta’ee Ergamaan Rabbii (SAW) nu akeekachisu.

“‏ اتَّقِ دَعْوَةَ الْمَظْلُومِ، فَإِنَّهَا لَيْسَ بَيْنَهَا وَبَيْنَ اللَّهِ حِجَابٌ ‏”‏‏.‏

“Kadhaa (abaarsa) nama miidhame of eeggadhu. Dhugumatti kadhaa isaati fi Rabbiin jidduu girdoon hin jiru.” Sahiih Al-Bukhaari

“Namni miidhame nama isa miidhe irratti Rabbiin yoo kadhate fi kadhaan isaa fudhatame yoo argatte, addunyaa tana keessatti haloo (gadoo) baafate jedhama. Garuu kadhatu dhiise yoo cal’ise fi irra yoo hin darbiniif, Guyyaa Qiyaamaa haloo baafata.”[2]

Humnaa fi aangoo qabna jenne nama kan miinu yoo taane akkamitti akka qabamnu hin beeknu. Qabaan Rabbii dhugumatti cimaadha.

Ergamaan Rabbii (SAW) ammas akkana jechuun nama nama miidhu akeekachiisu:

“‏ إِنَّ اللَّهَ لَيُمْلِي لِلظَّالِمِ حَتَّى إِذَا أَخَذَهُ لَمْ يُفْلِتْهُ ‏”‏‏

“Dhugumatti Rabbiin zaalimaaf (nama nama miidhuf) yeroo ni kenna. Garuu yeroo achii isa qabe Rabbiin isa gadi hin furu.Sahiih Al-Bukhaari

Kana jechuun hanga zulmii keessatti  tarutti ni dhiisa. Adabbii isaa itti hin ariifachisu. Rabbiin yeroo kenneefi  dhumaratti qabaa  jabaa fi hamaan isa qaba. Ergasi isa harkaa hin bahu. Ergamaan Rabbii dubbii armaan olii erga jedhanii booda Aaya tana qara’an:

“Qabaan Gooftaa keetiis osoo magaalonni miidhaa raawwattu qabe akkuma kana. Dhugumatti qabaan Isaa laaleessaa, jabaadha.” Suura Huud 11:102

Dirqamni nama zaalima irra jiru, nafsee ofiiti fi Rabbiin isa dhiisutiin gowwoomu hin qabu. Kuni balaa irratti balaadha. Sababni isaas, namni osoo ariitin adabame tarii yaadachuu fi gorfamuun  zulmii (cunqursaa) isaa san dhiisu danda’a. Garuu yoo dhiifame fi miidhaa irratti miidhaa dabale, Rabbiin irraa nu haa tiiksu adabbii isaa akkasuma itti dabala.

Gudunfaa

Namni kamiyyuu zulmii (miidhaa, cunqursaa, hacuuccaa) gosa kamiyyu irraa of eegu qaba. Zulmii irraa faaydaa argachuu fi hatamtamaan adabbiin isatti bu’uu dhabuutiin gowwomuu hin qabu. Zulmii osoo hojjatuu hanga fedhe haa turu garuu guyyaa tokko qabaa hamaa fi laaleessa akka qabamuu danda’u haa yaadatu. Imimmaan hiyyeessa isatti ibidda akka ta’u haa hubatu.

Kitaaba wabii

[1]ShariihRiyaaduSaalihiin- ibnUseymiin-jiildi 2ffaa, fuula485-487

[2]ShariihRiyaaduSaalihiin- ibnUseymiin- jiildi 2ffaa, fuula 490, 498

Leenjii Ramadaanaa itti Fufsiisuuf
Qalbii Cabdee
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.