​Garaagarummaa Jaalala fi hariiroo Haraamaa

Gaafi fi deebiin kuni websayiti www.islamqa.info irraa fudhatame. Ummata ni fayyada jechuun hanga danda’een gara Afaan Oromootti hiikuf yaale jira. Dubbisa gaarii! 

Ani intala umriin koo waggaa 24 ta’eedha. Gurbaa tokko irraa jaalalaan qabame. Garuu bakka tokkotti wal qunnamuuf walii hin beellamnu. Jaalala qulqulluu nama amantii qulqulluu qabu jaalladhe.

Akka na fuudhu waadaa naaf gale. Haa ta’uu malee haalli inni keessa jiru rakkisaa waan ta’eef akka isa eegu na gaafate. Yeroo tokko caalaa waan naaf bilbile natti hin fakkaatu. Akka naaf hin bilbille itti hime. Sababni isaas, isa haa jaalladhuyyu malee naaf bilbiluun kuni sirrii akka hin taane natti dhagahame. Jaalalli keenya kallattiin deema akka jiru natti dhagahame. Innis wanta natti dhagahame kanaan walii gale, yaada kiyyas ni kabaje. Garuu oduu isaa akka beekuf yeroo baay’ee interneetin imeeli (xalayaa) naaf erga. Waggaa tokkoof hariiroo jaalalaa keessa turre. Nama kanaa fi maatii isaa nan beeka. Isaanis sirritti nu beeku. Rabbiif jedhe isa jaalladha, innis akkasuma na jaallata. Wanti rakkoo ta’e, namoonni heerumaaf na kadhatan natti dhufu eegalan, hanga amma gara namoota 8 ni gahu. Yeroo hundaa isaan ni dida mucaa (gurbaa) sanii waadaa waan galeef. Amma garuu dhama’e. Wanti ani hojjachaa jiru halaala moo haraamaa? Alhamdulillah, salaata dirqamoota ta’an hundaa fi salaata sunnaa nan salaata. Salaata halkaniis (qiyaam) nan salaata. Hariiroo jaalala kanaaf hojiiwwan gaggaarii nan dhaba jedhe sodaadha. Jaalalli kabajamaan qulqulluun haraamaa? Isa jaallachuun koo halaala moo haraamaa?

Deebii
Galanni Rabbii olta’eef haa galu.
Jalqaba irratti, Rabbiin akka si qajeelchu fi gammachuu siif kennu nan kadha. Shamarran akka teeti qulqullummaa ofii eeguf fedhii ol’aanaa qabanii fi dhimma isaanii keessatti daangaa Rabbii eegan lakkoofsa isaanii akka dabalu Rabbiin kadha. Dhimmoota keessaa garmalee barbaachisaa kan ta’e fi namoonni baay’een akka salphaatti kan ilaalan hariiroo miirati (emotional relationship). Sababa kanaan mallattoo fi daangaa Rabbii qulqulluu kan ta’e darbu. Rabbiinis rakkoo adda addaa kan nuti dubbisnuu fi dhageenyun isaan qora. Qormaata kana keessa Muslimoota hundaa fi nama qaroo maraaf barnootatu jira.

Wanti hubachuu qabdu saala lamaan jidduu walii barreessu fi wal qunnamuun balbala fitnaa (qormaata guddatti) nama geessudha. Dhimma kana irratti waxmadii sheyxaanatti akka hin kufne of eeggachu akka qaban ragaaleen agarsiisan shari’a (seera Islaamaa) keessa guute jira. Ergamaan Rabbii (SAW) yommuu dargaggeessa akkanumaan dubartii dargaggeetti ilaalu argu, dargaggeessi kuni gara biraa akka ilaaluf mataa isaa naannessu turan. Ergasii akkana jedhu:“‏ رَأَيْتُ شَابًّا وَشَابَّةً فَلَمْ آمَنِ الشَّيْطَانَ عَلَيْهِمَا ‏”Dargaggeessaa fi shamarre arge. Isaan lamaan irratti sheyxaana hin amanu. (Kana jechuun Sheyxaanni isaan hin qoru (hin mokkoru) jedhe hin amanu.)” (Al-Tirmizii 885, Sahiih al-Tirmizii keessatti Al-Albaanin haasan jalatti ramade jira.

Dargaggeessa kana waliin wal qunnamtii addaan kutuu keetif waan gaarii hojjatte jirta. Walii barreessullee akka dhiistu ni abdanna. Sababni isaas, walii barreessun balbala badiinsaa isa guddaa namoota yeroo ammaatif banameedha.

Kana jechuun nama murtaa’a tokko kan inni niiti akka isaaf taatu filate yookiin kan ishiin dhiirsa ishii akka ta’uuf filatte jaallachu fi yoo danda’ame fuudhun ykn itti heerumun haraama jechuu miti. Jaalalli qalbii keessatti hojjachuu qaba. Sababa beekkamuun yookiin hin beekkamneen qalbii namtichaa keessatti mul’achuu danda’a. Garuu jaalalli sababa walitti makamuutin yookiin ilaalutin yookiin haasawa haraamatin yoo ta’e, suni haraama.  Haa ta’uu malee, sababa duraan wal baruutin yookiin sababa waa’ee nama sanii dhagayuutin jaalalli yoo uumame fi namni suni jaalala ofirraa deebisu yoo dadhabe, jaalala san waliin rakkoon homaatu hin jiru, daangaa Rabbiin kaa’e yoo eege fi darbuu yoo dhiise.

Imaam ibn Al-Qayyim (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jedha:

“Sababa haraama hin taanen jaalalli yoo guddate, namtichi saniif hin komatamu (hin waqqafamu). Fakkeenyaf kan akka nama niiti ofii jaallate ergasii ishii dhiise. Garuu jaalalli kan isa waliin turu fi gadi isa hin lakkisne kan ta’e. Sababa kanaaf namtichi kuni hin komatamu. Akkasumas, dubartii takka tasa ilaale ergasii yoo ija ofii irraa naannesse garuu osoo inni hin barbaadin jaalalli onnee isaa keessa yoo qubate, jaalala akkanaatif hin komatamu. Garuu jaalala kana ofirraa ittisuuf tattaafachu fi ija ofii irraa garagalchu qaba. (Rawdat al-Muhibbiin fuula 147)

Sheykh ibn Usaymiin (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jedha: “Namni tokko dubartii amala gaarii, imaana fi beekumsa qabdu dhagayuun fuudhaf ishii barbaadu danda’a. Yookiin immoo dubartiin takka dhiira amala gaarii, imaana fi beekumsa qabu dhagayuun isatti heerumuuf barbaadu dandeessi. Garuu wal-qunnamtiin isaan lamaan jidduu Islaamummaa keessatti fudhatama hin qabne rakkoodha, badii guddatti kan geessudha. Haala kana keessatti dhiirri dubartii qunnamu yookiin dubartiin dhiira qunnamuun ‘si fuudhu barbaada’ jechuun isaaniif hin hayyamamu. Kana irra, akka dubartii tana fuudhu barbaadu waliyyi (kan ishii guddisetti) himu qaba. Yookiin immoo, dhiira kanatti heerumu akka barbaaddu warra ishiitti himu qabdi. Akkuma Umar ibn al-Khaxxaab (Rabbiin isarraa haa jaallatu) intala isaa Hafsaa heerumaf Abu Bakari fi Usmaani (jara lachuu Rabbiin irraa haa jaallatu) kenneef. Garuu dubartiin qajeelloon dhiiricha yoo qunnamte, kuni wanta gara fitnaa (qormaata guddatti) nama geessudha. “[Liqaa’aat al-Baabil-Maftuuh (gaafi 26, lakk.13)]

Wanti si gorsinuu dargaggeessa kana waliin walii barreessu dhiisun baay’ee barbaachisadha. Dhuguma fuudhaf yoo si barbaade, karaa warra keetitiin fuudhaf akka si kadhatu itti himi. Haala qabeenya isaa ykn wanta biraa akka gufuututti (girdootti) ilaalu hin qabu. In sha Allah yoo namtichi wanta xiqqotti gammade fi quufe dhimmichi salphaadha. Rabbiin rahmata fi tola Isaatin nama of danda’u isa taasisa. Dargaggeessi kuni xiqqaate xiqqaatu waliyyi (nama si guddise fakkeenyaf kan akka abbaa) qunnamuun waliigalte fuudha heeruma shari’aa (ykn nikaha) raawwatu qaba. Waligalteen gaa’ilaa erga raawwatame booda mana tokkotti walitti dhufuun yoo ture homaa rakkoo hin qabu. (Kana jechuun nikaha erga raawwatani booda Intalli mana warraa yoo turte homaa rakkoo hin qabu.) Haa ta’uu malee kuni akka waadaa wal fuudhutti yoo ture fi walii barreessun yoo itti fufe, akka shari’aatittii fi jireenya qabatamaatti karaa dogongoraa balbala badii fi cubbuu banuudha. Rabbii ajajamuu fi daangaa shari’aan kaa’e eegun malee gammachuun akka hin argamne sirritti mirkaneessu dandeessa. Karaaleen hayyamamaan gahaadha, karaa haraamatin deemun hin barbaachisu. Garuu mataa keenyatti jabeessun sheyxaanni carraa argametti fayyadamuun nu gowwoomsa.

Heeruma tursiisuun kee miidha kan sitti fiduudha. Umriin kee deema fi haalli gurbaa kanaa foyya’aa hin jiru; isattis heerumaa hin jirtu nama biraattis heeruma hin jirtu. Heeruma tursiisuu of eeggadhu gara fuunduraatti si miidhati. Wanti hubachuu qabdu namoota fuudhaf si kadhatan keessaa dhiirri gurbaa kana caalaa amanti jabeessu fi imaanan isa caalu jiraachu danda’a. Akkasumas, gurbaa kanaa fi si jidduu caalaa jaalalli si fi nama san jidduu jiru guddaa ta’uu danda’a.
Rabbiin hundarra beeka.

Madda: https://islamqa.info/en/82010

Adabbii Gara-Jabaataa ilmaatif Malu
Leenjii Ramadaanaa itti Fufsiisuuf

5 comments

Leave a Reply